< Lewwota 18 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
UThixo wathi kuMosi,
2 “Akkana jedhii Israaʼelootatti himi; ‘Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
“Tshela abako-Israyeli ukuthi: ‘NginguThixo uNkulunkulu wenu.
3 Isin waan isaan biyya Gibxi, biyya isin keessa jiraachaa turtan sana keessatti hojjetan hin hojjetinaa; waan biyya Kanaʼaan, biyya ani itti isin galchuuf jiru keessatti hojjetamus hin hojjetinaa. Seera isaanii duukaa hin buʼinaa.
Lingabokwenza lokhu okwenziwa eGibhithe, lapho elalikhona, njalo lingabokwenza abakwenzayo ezweni laseKhenani, lapho engilisa khona. Lingalandeli abakwenzayo.
4 Isin seera kootiif ajajamaa; ajaja koos sirriitti eegaa; ani Waaqayyo Waaqa keessanii dha.
Lalelani imithetho yami njalo linanzelele, lilandele izimiso zami. Mina nginguThixo uNkulunkulu wenu.
5 Ajaja koo fi seera koo eegaa; namni isaaniif ajajamu isaaniin jiraataatii; ani Waaqayyo.
Gcinani izimiso zami lemithetho yami, ngoba umuntu oyilalelayo uzaphila ngayo. Mina nginguThixo.
6 “‘Namni kam iyyuu fira dhiigaa kam iyyuu wajjin wal bira gaʼuuf itti hin dhiʼaatin; ani Waaqayyo.
Akungabi lamuntu osondela esihlotsheni sakhe esiseduze ukuthi alale laso. Mina nginguThixo.
7 “‘Haadha kee wajjin wal bira gaʼuudhaan abbaa kee hin salphisin; isheen haadha kee ti; ishee wajjin wal bira hin gaʼin.
Ungatheleli uyihlo ihlazo ngokulala lonyoko. Ngunyoko; ungalali laye.
8 “‘Niitii abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni kun abbaa kee salphisa.
Ungalali lomfazi kayihlo; lokho kuthelela uyihlo ihlazo.
9 “‘Isheen manuma keettis taʼu yookaan alatti dhalattu illee obboleettii kee, intala abbaa keetii yookaan haadha keetii wajjin wal bira hin gaʼin.
Ungalali lodadewenu, loba indodakazi kayihlo loba indodakazi kanyoko, kungakhathalekile ukuthi wazalelwa ekhaya loba kwenye indawo.
10 “‘Intala ilma keetii yookaan intala intala keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni kun si salphisa.
Ungalali lendodakazi yendodana yakho loba indodakazi yendodakazi yakho; lokhu kuzakuthelela ihlazo.
11 “‘Intala niitii abbaa keetii kan abbaa keetiif dhalatte wajjin wal bira hin gaʼin; isheen obboleettii kee ti.
Ungalali lendodakazi yomfazi kayihlo, eyazalwa nguyihlo, ingudadewenu.
12 “‘Obboleettii abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; isheen abbaa keetiif fira dhiigaa ti.
Ungalali lodadewabo kayihlo; uyisihlobo sikayihlo esiseduze kakhulu.
13 “‘Obboleettii haadha keetii wajjin wal bira hin gaʼin; isheen haadha keetiif fira dhiigaa ti.
Ungalali lodadewabo kanyoko, uyisihlobo sikanyoko esiseduzane kakhulu.
14 “‘Wal bira gaʼuuf jettee niitii obboleessa abbaa keetiitti dhiʼaattee isa hin salphisin; isheen niitii obboleessa abbaa keetii ti.
Ungatheleli umfowabo kayihlo ihlazo ngokusondela kumkakhe ukuthi ulale laye, ngoba ungunyoko.
15 “‘Niitii ilma keetii wajjin wal bira hin gaʼin. Isheen niitii ilma keetii ti; ishee wajjin wal bira hin gaʼin.
Ungalali lomalokazana wakho, ngumfazi wendodana yakho; ungalali laye.
16 “‘Niitii obboleessa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni sun obboleessa kee salphisa.
Ungalali lomfazi womfowenu; kuzathelela umfowenu ihlazo.
17 “‘Dubartii tokkoo fi intala ishee wajjin wal bira hin gaʼin. Intala ilma dubartii sanaa yookaan intala intala ishee wajjin wal bira hin gaʼin; isaan isheedhaaf fira dhiigaa ti; wanni kun jalʼina.
Ungalali lowesifazane kanye lendodakazi yakhe. Ungalali lendodakazi yendodana yakhe loba indodakazi yendodakazi yakhe; bayizihlobo zakho eziseduzane. Lokhu kuyikuxhwala.
18 “‘Utuu niitiin kee lubbuudhaan jirtuu obboleettii ishee masaanuu ishee gootee hin fuudhin; ishee wajjinis wal bira hin gaʼin.
Ungathathi udadewabo womkakho ukuthi ulale laye nxa umkakho esaphila.
19 “‘Yeroo dubartiin tokko xuraaʼummaa xurii jiʼaa of irraa qabdutti, bira gaʼuudhaaf jettee isheetti hin dhiʼaatin.
Ungasondeli kowesifazane ukuthi ulale laye ngesikhathi esemfuleni ngoba ungcolile.
20 “‘Niitii namaa wajjin wal bira geessee isheedhaan of hin xureessin.
Ungalali lomfazi kamakhelwane wakho ngoba uyazingcolisa ngaye.
21 “‘Ijoollee kee keessaa tokko illee akka Moolekiif aarsaa taʼaniif hin kennin; ati maqaa Waaqa keetii hin xureessin. Ani Waaqayyo.
Unganikeli loba nguphi wabantwabakho ukuthi abe ngumhlatshelo kunkulunkulu uMoleki, ngoba akufanelanga ukuthi ungcolise ibizo likaNkulunkulu wakho. Mina nginguThixo.
22 “‘Akka namni dubartii wajjin ciisu ati dhiira wajjin hin ciisin; wanni kun hojii jibbisiisaa dha.
Ungalali lendoda njengendoda ilala lomfazi; lokhu kuyisinengiso.
23 “‘Horii kam iyyuu wajjin wal bira geessee of hin xureessin; dubartiin horii wajjin wal bira gaʼuuf ofii ishee itti hin kennin; kun waan karaa irraa goree dha.
Ungafebi lenyamazana, ngoba uyazingcolisa ngalokho. Owesifazane angafebi lenyamazana, lokhu kuyisinengiso.
24 “‘Sababii namoonni ani ariʼee isin duraa baasuuf jiru kunneen haala kanaan xuraaʼaniif isin karaa kanneen keessaa kamiin iyyuu of hin xureessinaa.
Lingazingcolisi noma kungayiphi yalezizindlela, ngoba yizo izindlela izizwe engizazidudula phambi kwenu ezazingcolisa ngazo.
25 Lafti iyyuu xuroofteerti; kanaafuu ani sababii cubbuu isheetiifan ishee adabe; laftis jiraattota ishee ni tufti.
Kwaze kwangcola lelizwe; kungakho ngalijezisa ngesono salo, ilizwe ababehlala kulo labakhafula.
26 Isin garuu ajaja koo fi seera koo eegaa. Dhalataan biyyaatii fi alagoonni isin gidduu jiraatanis waan jibbisiisaa kana keessaa kam iyyuu hin hojjetin.
Kodwa kumele ligcine izimiso zami lemilayo yami. Lina banikazi belizwe labezizwe abaphakathi kwenu, akufanelanga benze lezizinto ezenyanyekayo,
27 Namoonni isiniin dura biyya sana keessa jiraatanis waan kana hunda hojjetanii akkasiin biyyattiin xuroofte.
ngoba zonke lezizinto zenziwa ngabantu ababehlala kulelilizwe lina lingakafiki, ngakho ilizwe langcola.
28 Isinis lafa kana yoo xureessitan, lafti akkuma saboota isin dura turan tufte sana isiniin illee ni tufti.
Nxa lingenza amanyala kulelilizwe, lizalikhafula njengendlela elakhafula ngayo izizwe ezalandulelayo.
29 “‘Namni wantoota jibbisiisoo kanneen keessaa tokko illee hojjetu kam iyyuu saba isaa keessaa haa balleeffamu.
Loba ngubani owenza lezizinto ezenyanyekayo, kumele axotshwe ebantwini bakibo.
30 Ajaja koo eegaa; barteewwan jibbisiisoo isin dura hojjetamaa turan sana keessaa tokko illee duukaa buutanii ittiin of hin xureessinaa; ani Waaqayyo Waaqa keessan.’”
Gcinani iziqondiso zami, lingalandeli izindlela zamanyala lemikhuba eyayilandelwa ngabantu abalandulelayo, njalo lingazingcolisi ngayo. Mina nginguThixo uNkulunkulu wenu.’”

< Lewwota 18 >