< Lewwota 18 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Yahweh parla à Moïse, en disant:
2 “Akkana jedhii Israaʼelootatti himi; ‘Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
« Parle aux enfants d’Israël, et dis-leur: Je suis Yahweh, votre Dieu.
3 Isin waan isaan biyya Gibxi, biyya isin keessa jiraachaa turtan sana keessatti hojjetan hin hojjetinaa; waan biyya Kanaʼaan, biyya ani itti isin galchuuf jiru keessatti hojjetamus hin hojjetinaa. Seera isaanii duukaa hin buʼinaa.
Vous ne ferez pas ce qui se fait dans le pays d’Égypte où vous avez habité, et vous ne ferez pas ce qui se fait dans le pays de Canaan où je vous conduis: vous ne suivrez pas leurs lois.
4 Isin seera kootiif ajajamaa; ajaja koos sirriitti eegaa; ani Waaqayyo Waaqa keessanii dha.
Vous pratiquerez mes ordonnances et vous observerez mes lois: vous les suivrez. Je suis Yahweh votre Dieu.
5 Ajaja koo fi seera koo eegaa; namni isaaniif ajajamu isaaniin jiraataatii; ani Waaqayyo.
Vous observerez mes Lois et mes ordonnances; l’homme qui les mettra en pratique vivra par elles. Je suis Yahweh.
6 “‘Namni kam iyyuu fira dhiigaa kam iyyuu wajjin wal bira gaʼuuf itti hin dhiʼaatin; ani Waaqayyo.
Aucun de vous ne s’approchera d’une femme qui est sa proche parente, pour découvrir sa nudité: je suis Yahweh.
7 “‘Haadha kee wajjin wal bira gaʼuudhaan abbaa kee hin salphisin; isheen haadha kee ti; ishee wajjin wal bira hin gaʼin.
Tu ne découvriras pas la nudité de ton père et la nudité de ta mère. C’est ta mère, tu ne découvriras pas sa nudité.
8 “‘Niitii abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni kun abbaa kee salphisa.
Tu ne découvriras pas la nudité de la femme de ton père: c’est la nudité de ton père.
9 “‘Isheen manuma keettis taʼu yookaan alatti dhalattu illee obboleettii kee, intala abbaa keetii yookaan haadha keetii wajjin wal bira hin gaʼin.
Tu ne découvriras pas la nudité de ta sœur, fille de ton père ou fille de ta mère, née dans la maison ou née hors de la maison; tu ne découvriras pas leur nudité.
10 “‘Intala ilma keetii yookaan intala intala keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni kun si salphisa.
Tu ne découvriras pas la nudité de la fille de ton fils ou de la fille de ta fille: car c’est ta nudité.
11 “‘Intala niitii abbaa keetii kan abbaa keetiif dhalatte wajjin wal bira hin gaʼin; isheen obboleettii kee ti.
Tu ne découvriras pas la nudité de la fille de la femme de ton père, née de ton père: c’est ta sœur.
12 “‘Obboleettii abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; isheen abbaa keetiif fira dhiigaa ti.
Tu ne découvriras pas la nudité de la sœur de ton père: c’est la chair de ton père.
13 “‘Obboleettii haadha keetii wajjin wal bira hin gaʼin; isheen haadha keetiif fira dhiigaa ti.
Tu ne découvriras pas la nudité de la sœur de ta mère: c’est la chair de ta mère.
14 “‘Wal bira gaʼuuf jettee niitii obboleessa abbaa keetiitti dhiʼaattee isa hin salphisin; isheen niitii obboleessa abbaa keetii ti.
Tu ne découvriras pas la nudité du frère de ton père, en t’approchant de sa femme: c’est ta tante.
15 “‘Niitii ilma keetii wajjin wal bira hin gaʼin. Isheen niitii ilma keetii ti; ishee wajjin wal bira hin gaʼin.
Tu ne découvriras pas la nudité de ta belle-fille: c’est la femme de ton fils, tu ne découvriras pas sa nudité.
16 “‘Niitii obboleessa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni sun obboleessa kee salphisa.
Tu ne découvriras pas la nudité de la femme de ton frère: c’est la nudité de ton frère.
17 “‘Dubartii tokkoo fi intala ishee wajjin wal bira hin gaʼin. Intala ilma dubartii sanaa yookaan intala intala ishee wajjin wal bira hin gaʼin; isaan isheedhaaf fira dhiigaa ti; wanni kun jalʼina.
Tu ne découvriras pas la nudité d’une femme et de sa fille: tu ne prendras pas la fille de son fils ni la fille de sa fille, pour découvrir leur nudité: elles sont proches parentes, c’est un crime.
18 “‘Utuu niitiin kee lubbuudhaan jirtuu obboleettii ishee masaanuu ishee gootee hin fuudhin; ishee wajjinis wal bira hin gaʼin.
Tu ne prendras pas la sœur de ta femme, pour en faire une rivale, en découvrant sa nudité avec celle de ta femme, de son vivant.
19 “‘Yeroo dubartiin tokko xuraaʼummaa xurii jiʼaa of irraa qabdutti, bira gaʼuudhaaf jettee isheetti hin dhiʼaatin.
Tu ne t’approcheras pas d’une femme pendant son impureté menstruelle, pour découvrir sa nudité.
20 “‘Niitii namaa wajjin wal bira geessee isheedhaan of hin xureessin.
Tu n’auras pas commerce avec la femme de ton prochain, pour te souiller avec elle.
21 “‘Ijoollee kee keessaa tokko illee akka Moolekiif aarsaa taʼaniif hin kennin; ati maqaa Waaqa keetii hin xureessin. Ani Waaqayyo.
Tu ne donneras aucun de tes enfants pour le faire passer par le feu en l’honneur de Moloch, et tu ne profaneras pas le nom de ton Dieu. Je suis Yahweh.
22 “‘Akka namni dubartii wajjin ciisu ati dhiira wajjin hin ciisin; wanni kun hojii jibbisiisaa dha.
Tu ne coucheras pas avec un homme comme on fait avec une femme: c’est une abomination.
23 “‘Horii kam iyyuu wajjin wal bira geessee of hin xureessin; dubartiin horii wajjin wal bira gaʼuuf ofii ishee itti hin kennin; kun waan karaa irraa goree dha.
Tu ne coucheras pas avec une bête, pour te souiller avec elle. La femme ne se tiendra pas devant une bête pour se prostituer à elle: c’est une honte.
24 “‘Sababii namoonni ani ariʼee isin duraa baasuuf jiru kunneen haala kanaan xuraaʼaniif isin karaa kanneen keessaa kamiin iyyuu of hin xureessinaa.
Ne vous souillez par aucune de ces choses, car c’est par elles que se sont souillées les nations que je vais chasser devant vous.
25 Lafti iyyuu xuroofteerti; kanaafuu ani sababii cubbuu isheetiifan ishee adabe; laftis jiraattota ishee ni tufti.
Le pays a été souillé; je punirai ses iniquités, et le pays vomira ses habitants.
26 Isin garuu ajaja koo fi seera koo eegaa. Dhalataan biyyaatii fi alagoonni isin gidduu jiraatanis waan jibbisiisaa kana keessaa kam iyyuu hin hojjetin.
Mais vous, vous observerez mes lois et mes ordonnances, et vous ne commettrez aucune de ces abominations, ni l’indigène, ni l’étranger qui séjourne au milieu de vous.
27 Namoonni isiniin dura biyya sana keessa jiraatanis waan kana hunda hojjetanii akkasiin biyyattiin xuroofte.
Car toutes ces abominations, les hommes du pays, qui y ont été avant vous, les ont commises, et le pays en a été souillé.
28 Isinis lafa kana yoo xureessitan, lafti akkuma saboota isin dura turan tufte sana isiniin illee ni tufti.
Et le pays ne vous vomira pas pour l’avoir souillé, comme il a vomi les nations qui y étaient avant vous.
29 “‘Namni wantoota jibbisiisoo kanneen keessaa tokko illee hojjetu kam iyyuu saba isaa keessaa haa balleeffamu.
Car tous ceux qui commettront quelqu’une de ces abominations seront retranchés du milieu de leur peuple.
30 Ajaja koo eegaa; barteewwan jibbisiisoo isin dura hojjetamaa turan sana keessaa tokko illee duukaa buutanii ittiin of hin xureessinaa; ani Waaqayyo Waaqa keessan.’”
Vous observerez mes commandements, afin de ne pratiquer aucun des usages abominables qui se pratiquaient avant vous, et vous ne vous souillerez pas par eux. Je suis Yahweh, votre Dieu. »

< Lewwota 18 >