< Lewwota 17 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Bwana akamwambia Mose,
2 “Aroonii fi ilmaan isaatti, saba Israaʼel hundattis akkana jedhii himi; ‘Wanni Waaqayyo ajaje kunoo kana:
“Sema na Aroni na wanawe, pamoja na Waisraeli wote, uwaambie: ‘Hili ndilo Bwana aliloagiza:
3 Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yoo qubata keessatti yookaan qubataan alatti sangaa yookaan hoolaa yookaan reʼee qalee
Mwisraeli yeyote atakayetoa dhabihu ya maksai, mwana-kondoo au mbuzi ndani ya kambi au nje yake,
4 dunkaana qulqulluu Waaqayyoo duratti aarsaa godhee Waaqayyoof dhiʼeessuuf balbala dunkaana wal gaʼiitti fiduu baate namichi sun dhiiga dhangalaase sanatti ni gaafatama; inni dhiiga dhangalaaseeraatii saba isaa keessaa haa balleeffamu.
badala ya kuileta kwenye ingilio la Hema la Kukutania ili kuileta kama sadaka kwa Bwana mbele ya Maskani ya Bwana, mtu huyo atahesabiwa kuwa na hatia ya kumwaga damu; ni lazima akatiliwe mbali na watu wake.
5 Kunis akka Israaʼeloonni aarsaawwan amma alatti dhiʼeessaa jiran kana Waaqayyoof fidaniif. Isaanis aarsaawwan kanneen aarsaa nagaa godhanii Waaqayyoof dhiʼeessuuf balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa fidan.
Hii ni ili Waisraeli wamletee Bwana dhabihu wanazozifanya sasa mahali pa wazi mashambani. Ni lazima wazilete kwa makuhani, yaani kwa Bwana, katika ingilio la Hema la Kukutania, na kutoa dhabihu kama sadaka za amani.
6 Lubichis dhiiga sana iddoo aarsaa Waaqayyoo kan balbala dunkaana wal gaʼii irra jiru sanatti haa facaasu; cooma isaas urgaa Waaqayyotti tolu godhee haa gubu.
Kuhani atanyunyiza damu kwenye madhabahu ya Bwana katika ingilio la Hema la Kukutania, na kuyateketeza mafuta ya hiyo dhabihu kuwa harufu nzuri ya kumpendeza Bwana.
7 Isaanis siʼachi waaqota tolfamoo bifa reʼee kanneen duukaa buʼanii sagaagalaa turan sanaaf aarsaa isaanii tokko illee dhiʼeessuu hin qaban; kunis isaaniif dhaloota dhufuuf seera bara baraa taʼa.’
Hawatatoa kamwe dhabihu zao kwa sanamu za mbuzi ambazo wamekuwa wakijifanyia nazo ukahaba. Hili litakuwa agizo la kudumu kwao na kwa ajili ya vizazi vijavyo.’
8 “Akkanas isaaniin jedhi; ‘Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yookaan alagaan isaan gidduu jiraatu kam iyyuu yoo aarsaa gubamu yookaan qalma dhiʼeessee
“Waambie: ‘Mwisraeli yeyote au mgeni yeyote anayeishi miongoni mwao atakayetoa sadaka ya kuteketezwa au dhabihu
9 balbala dunkaana wal gaʼii duratti Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuuf fiduu baate namichi sun saba isaa keessaa haa balleeffamu.
bila kuileta kwenye ingilio la Hema la Kukutania ili kutoa dhabihu kwa Bwana, mtu huyo ni lazima akatiliwe mbali na watu wake.
10 “‘Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yookaan alagaan gidduu isaanii jiraatu kam iyyuu dhiiga yoo nyaate, ani nama dhiiga nyaate sana fuula ittin hammaa dha; saba isaa keessaas isa nan balleessa.
“‘Mwisraeli yeyote au mgeni anayeishi miongoni mwao ambaye atakunywa damu yoyote, nitakuwa kinyume cha mtu huyo atakayekunywa damu na kumkatilia mbali na watu wake.
11 Sababii jireenyi waan lubbuu qabu tokkoo dhiiga keessa jiruuf ani ittiin araara lubbuu keessaniif buusuudhaaf dhiiga sana iddoo aarsaa irratti isinii kenneera; wanni jireenya namaatiif araara buusus dhiiga.
Kwa kuwa uhai wa kiumbe uko ndani ya damu, nami nimewapa hiyo damu ili mfanyie upatanisho kwa ajili yenu wenyewe juu ya madhabahu; damu ndiyo ifanyayo upatanisho kwa ajili ya maisha ya mtu.
12 Kanaafuu ani Israaʼelootaan, “Isin keessaa namni tokko iyyuu dhiiga hin nyaatin yookaan alagaan gidduu keessan jiraatu dhiiga hin nyaatin” nan jedha.
Kwa hiyo, ninawaambia Waisraeli, “Hakuna hata mmoja wenu anayeruhusiwa kunywa damu, wala mgeni anayeishi miongoni mwenu haruhusiwi kunywa damu.”
13 “‘Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yookaan alagaan gidduu keessan jiraatu kan bineensa yookaan simbira nyaatamu adamsu kam iyyuu dhiiga waan sanaa dhangalaasee biyyoo itti haa deebisu;
“‘Mwisraeli yeyote au mgeni anayeishi miongoni mwenu ambaye atamwinda mnyama au ndege anayeruhusiwa kuliwa ni lazima aimwage damu na kuifunika kwa udongo,
14 jireenyi waan lubbuu qabu tokkoo dhiiga isaa ti. Sababiin ani Israaʼelootaan, “Waan jireenyi waan lubbuu qabu hundaa dhiiga isaa taʼeef isin dhiiga waan lubbuu qabu tokko illee hin nyaatinaa; namni dhiiga nyaatu kam iyyuu saba keessaa haa balleeffamuu” jedheefis kanuma.
kwa sababu uhai wa kila kiumbe ni katika damu yake. Ndiyo sababu nimewaambia Waisraeli, “Kamwe msinywe damu ya kiumbe chochote, kwa sababu uhai wa kila kiumbe ni katika damu yake; yeyote atakayekunywa damu ni lazima akatiliwe mbali.”
15 “‘Namni kam iyyuu dhalataa biyyaas taʼu alagaan waan duʼee argame yookaan bineensi ciccire nyaatu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti akka seeraatti xuraaʼaa dha; ergasii ni qulqullaaʼa.
“‘Mtu yeyote, awe mzawa au mgeni, ambaye atakula mzoga wa kitu chochote ama kilichouawa na wanyama mwitu ni lazima afue nguo zake na aoge kwa maji, naye atakuwa najisi kwa kawaida ya ibada mpaka jioni, kisha atakuwa safi.
16 Yoo uffata isaa miiccachuu fi dhagna isaa dhiqachuu baate garuu inni cubbuu sanatti ni gaafatama.’”
Lakini kama hakufua nguo zake na kuoga, atakuwa na hatia kwa kosa hilo.’”

< Lewwota 17 >