< Lewwota 17 >
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
耶和華對摩西說:
2 “Aroonii fi ilmaan isaatti, saba Israaʼel hundattis akkana jedhii himi; ‘Wanni Waaqayyo ajaje kunoo kana:
「你曉諭亞倫和他兒子並以色列眾人說,耶和華所吩咐的乃是這樣:
3 Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yoo qubata keessatti yookaan qubataan alatti sangaa yookaan hoolaa yookaan reʼee qalee
凡以色列家中的人宰公牛,或是綿羊羔,或是山羊,不拘宰於營內營外,
4 dunkaana qulqulluu Waaqayyoo duratti aarsaa godhee Waaqayyoof dhiʼeessuuf balbala dunkaana wal gaʼiitti fiduu baate namichi sun dhiiga dhangalaase sanatti ni gaafatama; inni dhiiga dhangalaaseeraatii saba isaa keessaa haa balleeffamu.
若未曾牽到會幕門口、耶和華的帳幕前獻給耶和華為供物,流血的罪必歸到那人身上。他流了血,要從民中剪除。
5 Kunis akka Israaʼeloonni aarsaawwan amma alatti dhiʼeessaa jiran kana Waaqayyoof fidaniif. Isaanis aarsaawwan kanneen aarsaa nagaa godhanii Waaqayyoof dhiʼeessuuf balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa fidan.
這是為要使以色列人把他們在田野裏所獻的祭帶到會幕門口、耶和華面前,交給祭司,獻與耶和華為平安祭。
6 Lubichis dhiiga sana iddoo aarsaa Waaqayyoo kan balbala dunkaana wal gaʼii irra jiru sanatti haa facaasu; cooma isaas urgaa Waaqayyotti tolu godhee haa gubu.
祭司要把血灑在會幕門口、耶和華的壇上,把脂油焚燒,獻給耶和華為馨香的祭。
7 Isaanis siʼachi waaqota tolfamoo bifa reʼee kanneen duukaa buʼanii sagaagalaa turan sanaaf aarsaa isaanii tokko illee dhiʼeessuu hin qaban; kunis isaaniif dhaloota dhufuuf seera bara baraa taʼa.’
他們不可再獻祭給他們行邪淫所隨從的鬼魔;這要作他們世世代代永遠的定例。
8 “Akkanas isaaniin jedhi; ‘Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yookaan alagaan isaan gidduu jiraatu kam iyyuu yoo aarsaa gubamu yookaan qalma dhiʼeessee
「你要曉諭他們說:凡以色列家中的人,或是寄居在他們中間的外人,獻燔祭或是平安祭,
9 balbala dunkaana wal gaʼii duratti Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuuf fiduu baate namichi sun saba isaa keessaa haa balleeffamu.
若不帶到會幕門口獻給耶和華,那人必從民中剪除。
10 “‘Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yookaan alagaan gidduu isaanii jiraatu kam iyyuu dhiiga yoo nyaate, ani nama dhiiga nyaate sana fuula ittin hammaa dha; saba isaa keessaas isa nan balleessa.
「凡以色列家中的人,或是寄居在他們中間的外人,若吃甚麼血,我必向那吃血的人變臉,把他從民中剪除。
11 Sababii jireenyi waan lubbuu qabu tokkoo dhiiga keessa jiruuf ani ittiin araara lubbuu keessaniif buusuudhaaf dhiiga sana iddoo aarsaa irratti isinii kenneera; wanni jireenya namaatiif araara buusus dhiiga.
因為活物的生命是在血中。我把這血賜給你們,可以在壇上為你們的生命贖罪;因血裏有生命,所以能贖罪。
12 Kanaafuu ani Israaʼelootaan, “Isin keessaa namni tokko iyyuu dhiiga hin nyaatin yookaan alagaan gidduu keessan jiraatu dhiiga hin nyaatin” nan jedha.
因此,我對以色列人說:你們都不可吃血;寄居在你們中間的外人也不可吃血。
13 “‘Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yookaan alagaan gidduu keessan jiraatu kan bineensa yookaan simbira nyaatamu adamsu kam iyyuu dhiiga waan sanaa dhangalaasee biyyoo itti haa deebisu;
凡以色列人,或是寄居在他們中間的外人,若打獵得了可吃的禽獸,必放出牠的血來,用土掩蓋。
14 jireenyi waan lubbuu qabu tokkoo dhiiga isaa ti. Sababiin ani Israaʼelootaan, “Waan jireenyi waan lubbuu qabu hundaa dhiiga isaa taʼeef isin dhiiga waan lubbuu qabu tokko illee hin nyaatinaa; namni dhiiga nyaatu kam iyyuu saba keessaa haa balleeffamuu” jedheefis kanuma.
「論到一切活物的生命,就在血中。所以我對以色列人說:無論甚麼活物的血,你們都不可吃,因為一切活物的血就是他的生命。凡吃了血的,必被剪除。
15 “‘Namni kam iyyuu dhalataa biyyaas taʼu alagaan waan duʼee argame yookaan bineensi ciccire nyaatu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti akka seeraatti xuraaʼaa dha; ergasii ni qulqullaaʼa.
凡吃自死的,或是被野獸撕裂的,無論是本地人,是寄居的,必不潔淨到晚上,都要洗衣服,用水洗身,到了晚上才為潔淨。
16 Yoo uffata isaa miiccachuu fi dhagna isaa dhiqachuu baate garuu inni cubbuu sanatti ni gaafatama.’”
但他若不洗衣服,也不洗身,就必擔當他的罪孽。」