< Lewwota 16 >

1 Waaqayyos duʼa ilmaan Aroon kanneen yeroo fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaatanitti duʼan sana lamaanii booddee Museetti dubbate.
और हारून के दो बेटों की वफ़ात के बाद जब वह ख़ुदावन्द के नज़दीक आए और मर गए।
2 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Sababii ani teessoo araaraa gararraatti duumessaan mulʼadhuuf akka obboleessi kee Aroon yeruma fedhetti gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu kan golgaa keessa fuula teessoo araaraa dura taabota irra jiru sanaa ol hin seenne itti himi; yoo kanaa achii inni ni duʼa.
ख़ुदावन्द मूसा से हम कलाम हुआ; और ख़ुदावन्द ने मूसा से कहा, अपने भाई हारून से कह कि वह हर वक़्त पर्दे के अन्दर के पाकतरीन मक़ाम में सरपोश के पास जो सन्दूक के ऊपर है न आया करे, ताकि वह मर न जाए; क्यूँकि मैं सरपोश पर बादल में दिखाई दूँगा।
3 “Akki Aroon itti Iddoo Iddoo Hunda Caalaa qulqulluu sana seenu kanaa dha: Aarsaa cubbuutiif dibicha tokko, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko haa fidu.
और हारून पाकतरीन मक़ाम में इस तरह आए कि ख़ता की क़ुर्बानी के लिए एक बछड़ा और सोख़्तनी क़ुर्बानी के लिए एक मेंढा लाए।
4 Innis kittaa quncee talbaa irraa hojjetame qulqulluu isaatii fi uffata dhagna isaatti aanu kan quncee talbaa irraa hojjetame haa kaaʼatu. Sabbata quncee talbaa irraa hojjetame hidhatee marata mataa kan quncee talbaa irraa hojjetames haa maratu; kunneen uffata qulqulluu dha. Kanaafuu inni utuu uffata sana hin uffatin dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu.
और वह कतान का पाक कुरता पहने, और उसके तन पर कतान का पाजामा हो, और कतान के कमरबन्द से उसकी कमर कसी हुई हो, और कतान ही का 'अमामा उसके सिर पर बँधा हो; यह पाक लिबास हैं और वह इन को पानी से नहा कर पहने
5 Waldaa saba Israaʼel irraas aarsaa cubbuutiif korommii reʼee lama, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko haa fuudhu.
और बनी — इस्राईल की जमा'अत से ख़ता की क़ुर्बानी के लिए दो बकरे और सोख़्तनी क़ुर्बानी के लिए एक मेंढा ले।
6 “Aroon aarsaa cubbuu ofii isaatiif dibicha sana dhiʼeessee ofii isaatii fi warra mana isaa jiraniif araara haa buusu.
और हारून ख़ता की क़ुर्बानी के बछड़े को जो उसकी तरफ़ से है पेश कर अपने और अपने घर के लिए कफ़्फ़ारा दे।
7 Ergasiis reʼoota lamaan sana fuudhee balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu.
फिर उन दोनों बकरों को लेकर उन को ख़ेमा — ए — इजितमा'अ के दरवाज़े पर ख़ुदावन्द के सामने खड़ा करे।
8 Aroonis reʼoota sana lamaanitti ixaa haa buusu; ixaa tokko Waaqayyoof, kaan immoo reʼee gad lakkifamuuf haa buusu.
और हारून उन दोनों बकरों पर चिट्ठियाँ डाले, एक चिट्ठी ख़ुदावन्द के लिए और दूसरी 'अज़ाज़ेल के लिए हो।
9 Aroonis reʼee ixaan Waaqayyoo irra buʼe sana fidee aarsaa cubbuu godhee haa dhiʼeessu.
और जिस बकरे पर ख़ुदावन्द के नाम की चिट्ठी निकले उसे हारून लेकर ख़ता की क़ुर्बानी के लिए अदा करे;
10 Garuu reʼeen akka reʼee gad lakkifamu taʼuuf ixaadhaan filatame sun akka reʼee gad lakkifamu tokkootti gammoojjiitti gad ariʼamuudhaan akka araara buusuuf utuu lubbuudhaan jiruu fuula Waaqayyo duratti haa dhiʼeeffamu.
लेकिन जिस बकरे पर 'अज़ाज़ेल के नाम की चिट्ठी निकले वह ख़ुदावन्द के सामने ज़िन्दा खड़ा किया जाए, ताकि उससे कफ़्फ़ारा दिया जाए और वह 'अज़ाज़ेल के लिए वीराने में छोड़ दिया जाए।
11 “Aroonis aarsaa cubbuu ofii isaatiif dibicha sana dhiʼeessee ofii isaatii fi warra mana isaa jiraniif araara haa buusu; dibicha sanas cubbuu ofii isaatiif haa qalu.
“और हारून ख़ता की क़ुर्बानी के बछड़े की जो उस की तरफ़ से है, आगे लाकर अपने और अपने घर के लिए कफ़्फ़ारा दे, और उस बछड़े को जो उस की तरफ़ से ख़ता की क़ुर्बानी के लिए है ज़बह करे।
12 Innis girgiraa barbadaa ibiddaa iddoo aarsaa kan fuula Waaqayyoo dura jiru irraa itti guutame tokko fuudhee ixaana urgaaʼaa daakamee bullaaʼes konyee lama fuudhee golgaa sana keessa haa seenu.
और वह एक ख़ुशबूदान को ले जिसमें ख़ुदावन्द के मज़बह पर की आग के अंगारे भर हों और अपनी मुठ्ठियाँ बारीक ख़ुशबूदार ख़ुशबू से भर ले और उसे पर्दे के अन्दर लाए
13 Innis akka hin duuneef, akka aarri ixaana sanaa teessoo araaraa kan dhuga baʼumsaa gubbaa jiru sana haguuguuf ixaana sana ibidda fuula Waaqayyoo dura jirutti haa naqu.
और उस ख़ुशबू को ख़ुदावन्द के सामने आग में डाले, ताकि ख़ुशबू का धुआँ सरपोश को जो शहादत के सन्दूक के ऊपर है छिपा ले, कि वह हलाक न हो।
14 Dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee karaa fuulduraatiin teessoo araaraatti quba isaatiin haa facaasu; ergasii immoo dhiiga isaa fuudhee fuula teessoo araaraa duratti yeroo torba quba isaatiin haa facaasu.
फिर वह उस बछड़े का कुछ ख़ून लेकर उसे अपनी उँगली से पूरब की तरफ़ सरपोश के ऊपर छिड़के, और सरपोश के आगे भी कुछ ख़ून अपनी उँगली से सात बार छिड़के।
15 “Reʼee sanas aarsaa cubbuu sabaa godhee haa qalu; dhiiga isaas fuudhee golgaa keessa seenuudhaan akkuma dhiiga dibicha sanaa godhe sana haa godhu; dhiiga sanas teessoo araaraa irrattii fi fuula teessoo araaraa duratti haa facaasu.
फिर वह ख़ता की क़ुर्बानी के उस बकरे को ज़बह करे जो जमा'अत की तरफ़ से है और उसके ख़ून को पर्दे के अन्दर लाकर जो कुछ उसने बछड़े के ख़ून से किया था वही इससे भी करे, और उसे सरपोश के ऊपर और उसके सामने छिड़के।
16 Cubbuun isaanii waanuma fedhe taʼu illee inni sababii xuraaʼummaa fi fincila saba Israaʼeliif Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana haala kanaan araara haa buusu; dunkaana wal gaʼii kan xuraaʼummaa isaanii keessa isaan gidduu jiruufis akkasuma haa godhu.
और बनी — इस्राईल की सारी नापाकियों, और गुनाहों, और ख़ताओं की वजह से पाकतरीन मक़ाम के लिए कफ़्फ़ारा दे; और ऐसा ही वह ख़ेमा — ए — इजितमा'अ के लिए भी करे जो उनके साथ उन की नापाकियों के बीच रहता है।
17 Yeroo Aroon Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana keessatti araara buusuuf ol seenee jalqabee hamma inni ofii isaatiif, warra mana isaa jiranii fi waldaa Israaʼel hundaaf araara buusee gad baʼutti namni tokko iyyuu dunkaana wal gaʼii keessatti hin argamin.
और जब वह कफ़्फ़ारा देने को पाकतरीन मक़ाम के अन्दर जाए, तो जब तक वह अपने और अपने घराने और बनी — इस्राईल की सारी जमा'अत के लिए कफ़्फ़ारा देकर बाहर न आ जाए उस वक़्त तक कोई आदमी ख़ेमा — ए — इजितमा'अ के अन्दर न रहे
18 “Ergasiis iddoo aarsaa kan fuula Waaqayyoo dura jiru sanatti gad baʼee iddoo aarsaa sanaaf araara haa buusu. Innis dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee, dhiiga reʼee sanaa irraas fuudhee gaanfa iddoo aarsaa sanaa hunda irratti haa naqu.
फिर वह निकल कर उस मज़बह के पास जो ख़ुदावन्द के सामने है जाए और उसके लिए कफ़्फ़ारा दे, और उस बछड़े और बकरे का थोड़ा — थोड़ा सा ख़ून लेकर मज़बह के सींगों पर चारों तरफ़ लगाए;
19 Innis iddoo aarsaa sana xuraaʼummaa saba Israaʼel irraa qulqulleessee addaan baasuuf dhiiga sana irraa quba isaatiin yeroo torba iddoo aarsaa irratti haa facaasu.
और कुछ ख़ून उसके ऊपर सात बार अपनी उँगली से छिड़के और उसे बनी — इस्राईल की नापाकियों से पाक और पाक करे।
20 “Aroon erga Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana, dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaatiif araara buusee raawwatee booddee reʼee lubbuudhaan jiru sana gara fuulduraatti haa dhiʼeessu.
और जब वह पाकतरीन मक़ाम और ख़ेमा — ए — इजितमा'अ और मज़बह के लिए कफ़्फ़ारा दे चुके तो उस ज़िन्दा बकरे को आगे लाए;
21 Innis harka isaa lamaanuu mataa reʼee lubbuudhaan jiru sanaa irra kaaʼee achi irratti hamminaa fi fincila saba Israaʼel jechuunis cubbuu isaanii hunda hima. Yakka hundas mataa reʼee sanaa irra kaaʼee reʼee sana nama hojii kanaaf filatame tokkotti kennee gara gammoojjiitti haa ariʼu.
और हारून अपने दोनों हाथ उस ज़िन्दा बकरे के सिर पर रख कर उसके ऊपर बनी — इस्राईल की सब बदकारियों, और उनके सब गुनाहों, और ख़ताओं का इक़रार करे और उन को उस बकरे के सिर पर धर कर उसे किसी शख़्स के हाथ जो इस काम के लिए तैयार ही वीरान में भिजवा दे।
22 Reʼeen sunis cubbuu isaanii hunda of irratti baatee gara lafa namni hin dhaqneetti geessa; namichis gammoojjii keessatti isa gad dhiisa.
और वह बकरा उनकी सब बदकारियाँ अपने ऊपर लादे हुए किसी वीरान में ले जाएगा, इसलिए वह उस बकरे को वीराने में छोड़े दे।
23 “Ergasiis Aroon dunkaana wal gaʼii seenee uffata quncee talbaa irraa hojjetame kan utuu Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana hin seenin uffate sana baafatee achumatti haa dhiisu.
“फिर हारून ख़ेमा — ए — इजितमा'अ में आकर कतान के सारे लिबास को जिसे उसने पाकतरीन मक़ाम में जाते वक़्त पहना था उतारे और उसकी वहीं रहने दे।
24 Innis lafa qulqulluu tokkotti dhagna isaa bishaaniin dhiqatee uffata isa haa uffatu; ergasii immoo gad baʼee ofii isaatii fi saba sanaaf araara buusuuf, ofii isaatiif aarsaa gubamu, saba sanaafis aarsaa gubamu haa dhiʼeessu.
फिर वह किसी पाक जगह में पानी से ग़ुस्ल करके अपने कपड़े पहन ले, और बाहर आ कर अपनी सोख़्तनी क़ुर्बानी और जमा'त की सोख़्तनी क़ुर्बानी पेश करे और अपने लिए और जमा'अत के लिए कफ़्फ़ारा दे।
25 Cooma aarsaa cubbuu illee iddoo aarsaa irratti haa gubu.
और ख़ता की क़ुर्बानी की चर्बी को मज़बह पर जलाए।
26 “Namichi reʼee sana akka reʼee gad lakkifamu tokkootti gad dhiisu sun wayyaa isaa miiccatee dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; ergasii gara qubataatti ol galuu dandaʼa.
और जो आदमी बकरे को 'अज़ाज़ेल के लिए छोड़ कर आए, वह अपने कपड़े धोए और पानी से नहाए, इसके बाद वह लश्करगाह में दाख़िल हो।
27 Dibichii fi reʼeen aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffaman kanneen dhiigni isaanii araara buusuuf Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluutti fidame sun qubata keessaa haa baafaman; gogaan isaanii, foonii fi miʼi garaa isaanii haa gubamu.
और ख़ता की क़ुर्बानी के बछड़े को और ख़ता की क़ुर्बानी के बकरे को जिन का ख़ून पाकतरीन मक़ाम में कफ़्फ़ारे के लिए पहुँचाया जाए, उन को वह लश्करगाह से बाहर ले जाएँ, और उनकी खाल और गोश्त और फुज़लात को आग में जला दें:
28 Namichi wantoota kanneen gubus uffata isaa miiccatee dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; ergasii gara qubataatti ol galuu dandaʼa.
और जो उन को जलाए वह अपने कपड़े धोए और पानी से ग़ुस्ल करे, उसके बाद वह लश्करगाह में दाख़िल हो।
29 “Seerri bara baraan isiniif kenname kanaa dha: Dhalataa biyyaas taʼu alagaan isin gidduu jiraatu guyyaa kurnaffaa jiʼa torbaffaatti gad of haa qabu; hojii tokko iyyuus hin hojjetin.
“और यह तुम्हारे लिए एक हमेशा का क़ानून हो कि सातवें महीने की दसवीं तारीख़ को तुम अपनी अपनी जान को दुख देना, और उस दिन कोई चाहे वह देसी हो या परदेसी जो तुम्हारे बीच बूद — ओ — बाश रखता हो किसी तरह का काम न करे;
30 Sababiin isaa isin qulqulleessuuf guyyaan kun guyyaa itti araarri buʼu dha; ergasiis isin fuula Waaqayyoo duratti cubbuu keessan hunda irraa ni qulqullooftu.
क्यूँकि उस रोज़ तुम्हारे लिए तुम को पाक करने के लिए कफ़्फ़ारा दिया जाएगा, इसलिए तुम अपने सब गुनाहों से ख़ुदावन्द के सामने पाक ठहरोगे।
31 Kun waan sanbata boqonnaa taʼeef isin gad of deebisuu qabdu; innis seera bara baraa ti.
यह तुम्हारे लिए ख़ास आराम का सबत होगा। तुम उस दिन अपनी अपनी जान को दुख देना; यह हमेशा का क़ानून है।
32 Lubni iddoo abbaa isaa buʼee luba ol aanaa taʼuuf dibamee muudamu araara buusuu qaba; innis wayyaa qulqulluu kan quncee talbaa irraa hojjetame uffatee,
और जो अपने बाप की जगह काहिन होने के लिए मसह और मख़्सूस किया जाए, वह काहिन कफ़्फ़ारा दिया करे; या'नी कतान के पाक लिबास को पहनकर
33 Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluuf, dunkaana wal gaʼiitiif, iddoo aarsaatiif, lubootaa fi miseensota waldaa hundaafis araara haa buusu.
वह हैकल के लिए कफ़्फ़ारा दे, और ख़ेमा — ए — इजितमा'अ और मज़बह के लिए कफ़्फ़ारा दे, और काहिनों और जमा'अत के सब लोगों के लिए कफ़्फ़ारा दे।
34 “Seerri bara baraan isiniif kenname kanaa dha: Kunis akka cubbuu Israaʼelootaa hundaaf waggaatti yeroo tokko araarri buufamuuf.” Wanni sunis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti hojjetame.
इसलिए यह तुम्हारे लिए एक हमेशा क़ानून हो कि तुम बनी — इस्राईल के लिए साल में एक दफ़ा' उनके सब गुनाहों का कफ़्फ़ारा दो।” और उसने जैसा ख़ुदावन्द ने मूसा को हुक्म दिया था वैसा ही किया।

< Lewwota 16 >