< Lewwota 15 >
1 Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe;
Ubangiji ya ce wa Musa da Haruna,
2 “Akkana jedhaatii Israaʼelootatti himaa; ‘Namni kam iyyuu dhangalaʼaa saala isaa keessaa baʼu yoo qabaate, inni sababii dhangalaʼaa sanaatiifuu xuraaʼaa dha.
“Yi wa Isra’ilawa magana, ku ce musu, ‘Duk sa’ad da wani namiji yake ɗiga daga azzakarinsa, wannan ɗiga marar tsarki ne.
3 Dhangalaʼaan sun ittuma fufee saala isaa keessaa baʼus dhaabatus namicha inuma xureessa. Akki itti dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun isa xureessus kanaa dha.
Ko ɗigar ta ci gaba da fitowa daga azzakarinsa ko an tsere ta, za tă sa mutumin yă zama marar tsarki. Ga yadda ɗigarsa za tă kawo ƙazantuwa,
4 “‘Sireen namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu irra ciisu hundinuu xuraaʼaa taʼa; wanni inni irra taaʼu hundinuus xuraaʼaa taʼa.
“‘Duk gadon da mutumin mai ɗigar ya kwanta a kai, zai zama marar tsarki, kuma duk abin da ya zauna a kai, zai zama marar tsarki.
5 Namni siree namicha sanaa tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
Duk wanda ya taɓa gadonsa dole yă wanke rigunansa, yă kuma yi wanka, zai kuwa ƙazantu har yamma.
6 Namni waan namichi dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun irra taaʼe irra taaʼu kam iyyuu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
Duk wanda ya zauna a inda wannan mai ɗiga ya zauna a kai, dole yă wanke rigunansa yă kuma yi wanka, zai kuwa ƙazantu har yamma.
7 “‘Namni nama dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sana tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
“‘Duk wanda ya taɓa jikin mai ɗiga, dole yă wanke rigunansa, yă kuma yi wanka, zai kuma ƙazantu har yamma.
8 “‘Yoo namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun nama qulqullaaʼaa kamitti iyyuu tufe, namichi itti tufame sun uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
“‘In mai ɗiga ya tofa miyau a kan wani wanda yake tsarkakakke, dole tsarkakakken nan yă wanke rigunansa, yă kuma yi wanka, zai kuma ƙazantu har yamma.
9 “‘Kooraan namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun irra taaʼu hundinuu xuraaʼaa taʼa.
“‘Kowane sirdi da mai ɗigar ya zauna a kai zai ƙazantu,
10 Namni waan isa jala ture tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Namni isaan kanneen lafaa fuudhu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
kuma duk wanda ya taɓa wani abu cikin abubuwan da suke a ƙarƙashin sirdin zai ƙazantu har yamma; duk wanda ya ɗauki abubuwan nan dole yă wanke rigunansa, yă kuma yi wanka, zai kuwa ƙazantu har yamma.
11 “‘Namni namichi dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun utuu harka isaa bishaaniin hin dhiqatin tuqu kam iyyuu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
“‘Duk wanda mai ɗiga ya taɓa ba tare da ya wanke hannuwansa da ruwa ba, dole yă wanke rigunansa yă kuma yi wanka, zai kuma ƙazantu har yamma.
12 “‘Okkoteen suphee kan namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun tuqu haa caccabsamu; miʼi muka irraa hojjetame kam iyyuu bishaaniin haa dhiqamu.
“‘Dole a farfashe tukunya lakar da mutumin ya taɓa, kuma dole a ɗauraye duk wani abin da aka yi da katako wanda ya taɓa da ruwa.
13 “‘Namni yommuu dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu irraa qulqulleeffamutti akka seeraatti qulqulleeffamuu isaatiif bultii torba haa lakkaaʼatu; uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaan yaaʼuun haa dhiqatu; innis ni qulqullaaʼa.
“‘Sa’ad da aka tsabtacce mai ɗigar, zai ɗauki kwana bakwai don tsabtaccewarsa; dole yă wanke rigunansa, yă kuma yi wanka mai tsabta, zai kuwa zama tsarkakakke.
14 Innis guyyaa saddeettaffaatti gugee lama yookaan gugee sosookkee lama qabatee fuula Waaqayyoo dura dhufee balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa kennu.
A rana ta takwas dole yă ɗauki kurciyoyi biyu ko tattabarai biyu, yă zo gaban Ubangiji a ƙofar Tentin Sujada, yă ba da su ga firist.
15 Lubichis isa tokko aarsaa cubbuutiif kaan immoo aarsaa gubamuuf haa dhiʼeessu. Haala kanaanis lubni sun sababii dhangalaʼaa nama sanaatiif fuula Waaqayyoo duratti araara buusa.
Firist ɗin zai miƙa su, ɗaya domin hadaya don zunubi, ɗayan kuma domin hadaya ta ƙonawa. Ta haka zai yi kafara a gaban Ubangiji saboda mai ɗigar.
16 “‘Namni tokko yommuu afeetaa dhangalaasutti dhagna isaa guutuu bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
“‘Sa’ad da namiji ya ɗigar maniyyi, dole yă wanke jikinsa gaba ɗaya da ruwa, zai kuma ƙazantu har yamma.
17 Uffanni yookaan itilleen afeetaan tuqu kam iyyuu bishaaniin haa miiccamu; miʼi sun hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
Dole a wanke duk riga ko fatar da yake da maniyyin a kansa da ruwa, zai kuma ƙazantu har yamma.
18 Namni yoo niitii tokko wajjin ciisee afeetaa dhangalaase, lamaan isaanii iyyuu bishaaniin dhagna isaanii haa dhiqatan; isaan hamma galgalaatti xuraaʼoo taʼu.
Sa’ad da namiji ya kwana da mace ya kuwa zub da maniyyi, dole dukansu biyu su yi wanka, za su kuma ƙazantu har yamma.
19 “‘Dubartiin yoo dhangalaʼaa dhiigaa kan yeroo isaa eeggatee dhagna ishee keessaa baʼu qabaatte, isheen xuraaʼummaa xurii jiʼaa isheetiin bultii torba turti; namni ishee tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
“‘Sa’ad mace take al’adarta ta ƙa’ida, rashin tsabtarta ta al’adar zai ɗauki kwana bakwai, kuma duk wanda ya taɓa ta, zai ƙazantu har yamma.
20 “‘Wanni isheen yeroo xurii isheetti irra ciiftu xuraaʼaa taʼa; wanni isheen irra teessu kam iyyuus xuraaʼaa taʼa.
“‘Duk abin da ta kwanta a kai a lokacin al’adarta zai ƙazantu, kuma duk abin da ta zauna a kai zai ƙazantu.
21 Namni siree ishee tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
Duk wanda ya taɓa gadonta dole yă wanke rigunansa yă kuma yi wanka, zai kuma ƙazantu har yamma.
22 Namni waan isheen irra teessu tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
Duk wanda ya taɓa wani abin da ta zauna a kai, dole yă wanke rigunansa yă kuma yi wanka, zai kuma ƙazantu har yamma.
23 Namni yoo sirees taʼu waan isheen irra taaʼaa turte kam iyyuu tuqe inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
Ko gado ne, ko kuwa wani abin da ta zauna a kai, sa’ad da wani ya taɓa shi, zai ƙazantu har yamma.
24 “‘Namni yoo ishee wajjin ciisee xuraaʼummaan ishee isa tuqe, inni bultii torba xuraaʼaa taʼa; sireen inni irra ciisu kam iyyuus xuraaʼaa taʼa.
“‘In namiji ya kwana da ita, al’adarta kuwa ta taɓa shi, zai ƙazantu na kwana bakwai; duk kuma gadon da ya kwanta a kai, zai ƙazantu.
25 “‘Dubartiin tokko yoo yeroo xurii jiʼaa ishee malee guyyaa baayʼeedhaaf dhangalaʼa dhiigaa qabaatte yookaan yoo dhangalaʼa dhiigaa kan yeroo xurii ishee booddees ittuma fufu qabaatte isheen akkuma yeroo xurii ishee sanatti hamma dhangalaʼaan sun jirutti xurooftuu taati.
“‘Idan mace tana ɗigar jini na tsawon kwanaki, ban da kwanakin ganin al’adarta, ko kuwa idan al’adarta ya wuce yawan kwanakin da ya kamata, to, za tă ƙazantu daidai kamar na kwanakin al’adar da ta saba yi. Wato, muddin tana cikin ɗiga, ta zama mai ƙazanta.
26 Sireen isheen yeroo dhangalaʼaan ishee ittuma fufee yaaʼutti irra ciiftu akkuma siree ishee kan yeroo xurii jiʼaa ishee sanaatti xuraaʼaa taʼa; wanni isheen irra teessu kam iyyuu akkuma yeroo xurii isheetti xuraaʼaa taʼa.
Duk gadon da ta kwanta yayinda ta ci gaba da ɗiga zai zama marar tsarki, kamar yadda gadonta yake a lokacin al’adarta, kuma duk abin da ta zauna a kai zai zama marar tsarki, kamar yadda yake a lokacin al’adarta.
27 Namni isaan tuqu kam iyyuu ni xuraaʼa; inni uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
Duk wanda ta taɓa su zai zama marar tsarki; dole yă wanke rigunansa yă kuma yi wanka, zai kuma ƙazantu har yamma.
28 “‘Isheen erga dhangalaʼaa ishee irraa qulqullooftee booddee guyyaa torba haa lakkaaʼattu; ergasii immoo akka seeraatti ni qulqulloofti.
“‘Sa’ad da aka tsabtacce ta daga ɗigarta, dole tă ɗauki kwana bakwai, bayan haka za tă zama mai tsarki.
29 Isheenis guyyaa saddeettaffaatti gugee lama yookaan gugee sosookkee lama fuutee, balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa fiddu.
A rana ta takwas, dole tă ɗauki kurciyoyi biyu ko tattabari biyu ta kawo su ga firist a bakin ƙofar Tentin Sujada.
30 Lubichis isa tokko aarsaa cubbuutiif, kaan immoo aarsaa gubamuuf haa dhiʼeessu. Haala kanaanis sababii xuraaʼummaa dhangalaʼaa isheetiif fuula Waaqayyoo duratti araara buusa.
Firist zai miƙa ɗaya saboda hadaya don zunubi, ɗayan kuma don hadaya ta ƙonawa. Ta haka zai yi kafara dominta a gaban Ubangiji saboda ƙazantar ɗigarta.
31 “‘Isin akka Israaʼeloonni iddoo bultii koo kan gidduu isaanii jiru sana xureessuudhaan xuraaʼummaa isaaniitiin hin duuneef waan isaan xureessu irraa addaan isaan baasuu qabdu.’”
“‘Ta haka za ka tsarkake Isra’ilawa daga rashin tsarkinsu, domin kada su mutu saboda rashin tsarkinsu ta wurin ƙazantar da wurin zamana wanda yake tsakiyarsu.’”
32 Wanni kun seera nama dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼuuf, nama afeetaan saala isaa keessaa baʼu xureessuuf,
Waɗannan su ne ƙa’idodi a kan wanda yake ɗiga, da wanda yake zubar da maniyyi,
33 dubartii xurii jiʼaa qabduuf, dhiira yookaan dubartii dhangalaʼaan saala keessaa baʼuu fi nama dubartii akka seeraatti qulqulluu hin taʼin tokko wajjin ciisu kamiif iyyuu kennamee dha.
ƙa’idodi ne kuma ga mace wadda take al’ada, ga namiji ko macen da take ɗiga, ga kuma namijin da ya kwana da mace marar tsarki.