< Lewwota 15 >

1 Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe;
And the LORD said to Moses and Aaron,
2 “Akkana jedhaatii Israaʼelootatti himaa; ‘Namni kam iyyuu dhangalaʼaa saala isaa keessaa baʼu yoo qabaate, inni sababii dhangalaʼaa sanaatiifuu xuraaʼaa dha.
“Say to the Israelites, ‘When any man has a bodily discharge, the discharge is unclean.
3 Dhangalaʼaan sun ittuma fufee saala isaa keessaa baʼus dhaabatus namicha inuma xureessa. Akki itti dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun isa xureessus kanaa dha.
This uncleanness is from his discharge, whether his body allows the discharge to flow or blocks it. So his discharge will bring about uncleanness.
4 “‘Sireen namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu irra ciisu hundinuu xuraaʼaa taʼa; wanni inni irra taaʼu hundinuus xuraaʼaa taʼa.
Any bed on which the man with the discharge lies will be unclean, and any furniture on which he sits will be unclean.
5 Namni siree namicha sanaa tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
Anyone who touches his bed must wash his clothes and bathe with water, and he will be unclean until evening.
6 Namni waan namichi dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun irra taaʼe irra taaʼu kam iyyuu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
Whoever sits on furniture on which the man with the discharge was sitting must wash his clothes and bathe with water, and he will be unclean until evening.
7 “‘Namni nama dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sana tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
Whoever touches the body of the man with a discharge must wash his clothes and bathe with water, and he will be unclean until evening.
8 “‘Yoo namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun nama qulqullaaʼaa kamitti iyyuu tufe, namichi itti tufame sun uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
If the man with the discharge spits on one who is clean, that person must wash his clothes and bathe with water, and he will be unclean until evening.
9 “‘Kooraan namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun irra taaʼu hundinuu xuraaʼaa taʼa.
Any saddle on which the man with the discharge rides will be unclean.
10 Namni waan isa jala ture tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Namni isaan kanneen lafaa fuudhu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
Whoever touches anything that was under him will be unclean until evening, and whoever carries such things must wash his clothes and bathe with water, and he will be unclean until evening.
11 “‘Namni namichi dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun utuu harka isaa bishaaniin hin dhiqatin tuqu kam iyyuu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
If the man with the discharge touches anyone without first rinsing his hands with water, the one who was touched must wash his clothes and bathe with water, and he will be unclean until evening.
12 “‘Okkoteen suphee kan namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun tuqu haa caccabsamu; miʼi muka irraa hojjetame kam iyyuu bishaaniin haa dhiqamu.
Any clay pot that the man with the discharge touches must be broken, and any wooden utensil must be rinsed with water.
13 “‘Namni yommuu dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu irraa qulqulleeffamutti akka seeraatti qulqulleeffamuu isaatiif bultii torba haa lakkaaʼatu; uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaan yaaʼuun haa dhiqatu; innis ni qulqullaaʼa.
When the man has been cleansed from his discharge, he must count off seven days for his cleansing, wash his clothes, and bathe himself in fresh water, and he shall be clean.
14 Innis guyyaa saddeettaffaatti gugee lama yookaan gugee sosookkee lama qabatee fuula Waaqayyoo dura dhufee balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa kennu.
On the eighth day he is to take two turtledoves or two young pigeons, come before the LORD at the entrance to the Tent of Meeting, and give them to the priest.
15 Lubichis isa tokko aarsaa cubbuutiif kaan immoo aarsaa gubamuuf haa dhiʼeessu. Haala kanaanis lubni sun sababii dhangalaʼaa nama sanaatiif fuula Waaqayyoo duratti araara buusa.
The priest is to sacrifice them, one as a sin offering and the other as a burnt offering. In this way the priest will make atonement for the man before the LORD because of his discharge.
16 “‘Namni tokko yommuu afeetaa dhangalaasutti dhagna isaa guutuu bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
When a man has an emission of semen, he must bathe his whole body with water, and he will be unclean until evening.
17 Uffanni yookaan itilleen afeetaan tuqu kam iyyuu bishaaniin haa miiccamu; miʼi sun hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
Any clothing or leather on which there is an emission of semen must be washed with water, and it will remain unclean until evening.
18 Namni yoo niitii tokko wajjin ciisee afeetaa dhangalaase, lamaan isaanii iyyuu bishaaniin dhagna isaanii haa dhiqatan; isaan hamma galgalaatti xuraaʼoo taʼu.
If a man lies with a woman and there is an emission of semen, both must bathe with water, and they will remain unclean until evening.
19 “‘Dubartiin yoo dhangalaʼaa dhiigaa kan yeroo isaa eeggatee dhagna ishee keessaa baʼu qabaatte, isheen xuraaʼummaa xurii jiʼaa isheetiin bultii torba turti; namni ishee tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
When a woman has a discharge consisting of blood from her body, she will be unclean due to her menstruation for seven days, and anyone who touches her will be unclean until evening.
20 “‘Wanni isheen yeroo xurii isheetti irra ciiftu xuraaʼaa taʼa; wanni isheen irra teessu kam iyyuus xuraaʼaa taʼa.
Anything on which she lies or sits during her menstruation will be unclean,
21 Namni siree ishee tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
and anyone who touches her bed must wash his clothes and bathe with water, and he will be unclean until evening.
22 Namni waan isheen irra teessu tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
Whoever touches any furniture on which she was sitting must wash his clothes and bathe with water, and he will be unclean until evening.
23 Namni yoo sirees taʼu waan isheen irra taaʼaa turte kam iyyuu tuqe inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
And whether it is a bed or furniture on which she was sitting, whoever touches it will be unclean until evening.
24 “‘Namni yoo ishee wajjin ciisee xuraaʼummaan ishee isa tuqe, inni bultii torba xuraaʼaa taʼa; sireen inni irra ciisu kam iyyuus xuraaʼaa taʼa.
If a man lies with her and her menstrual flow touches him, he will be unclean for seven days, and any bed on which he lies will become unclean.
25 “‘Dubartiin tokko yoo yeroo xurii jiʼaa ishee malee guyyaa baayʼeedhaaf dhangalaʼa dhiigaa qabaatte yookaan yoo dhangalaʼa dhiigaa kan yeroo xurii ishee booddees ittuma fufu qabaatte isheen akkuma yeroo xurii ishee sanatti hamma dhangalaʼaan sun jirutti xurooftuu taati.
When a woman has a discharge of her blood for many days at a time other than her menstrual period, or if it continues beyond her period, she will be unclean all the days of her unclean discharge, just as she is during the days of her menstruation.
26 Sireen isheen yeroo dhangalaʼaan ishee ittuma fufee yaaʼutti irra ciiftu akkuma siree ishee kan yeroo xurii jiʼaa ishee sanaatti xuraaʼaa taʼa; wanni isheen irra teessu kam iyyuu akkuma yeroo xurii isheetti xuraaʼaa taʼa.
Any bed on which she lies or any furniture on which she sits during the days of her discharge will be unclean, like her bed during her menstrual period.
27 Namni isaan tuqu kam iyyuu ni xuraaʼa; inni uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
Anyone who touches these things will be unclean; he must wash his clothes and bathe with water, and he will be unclean until evening.
28 “‘Isheen erga dhangalaʼaa ishee irraa qulqullooftee booddee guyyaa torba haa lakkaaʼattu; ergasii immoo akka seeraatti ni qulqulloofti.
When a woman is cleansed of her discharge, she must count off seven days, and after that she will be ceremonially clean.
29 Isheenis guyyaa saddeettaffaatti gugee lama yookaan gugee sosookkee lama fuutee, balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa fiddu.
On the eighth day she is to take two turtledoves or two young pigeons and bring them to the priest at the entrance to the Tent of Meeting.
30 Lubichis isa tokko aarsaa cubbuutiif, kaan immoo aarsaa gubamuuf haa dhiʼeessu. Haala kanaanis sababii xuraaʼummaa dhangalaʼaa isheetiif fuula Waaqayyoo duratti araara buusa.
The priest is to sacrifice one as a sin offering and the other as a burnt offering. In this way the priest will make atonement for her before the LORD for her unclean discharge.
31 “‘Isin akka Israaʼeloonni iddoo bultii koo kan gidduu isaanii jiru sana xureessuudhaan xuraaʼummaa isaaniitiin hin duuneef waan isaan xureessu irraa addaan isaan baasuu qabdu.’”
You must keep the children of Israel separate from their uncleanness, so that they do not die by defiling My tabernacle, which is among them.
32 Wanni kun seera nama dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼuuf, nama afeetaan saala isaa keessaa baʼu xureessuuf,
This is the law of him who has a discharge, of the man who has an emission of semen whereby he is unclean,
33 dubartii xurii jiʼaa qabduuf, dhiira yookaan dubartii dhangalaʼaan saala keessaa baʼuu fi nama dubartii akka seeraatti qulqulluu hin taʼin tokko wajjin ciisu kamiif iyyuu kennamee dha.
of a woman in her menstrual period, of any male or female who has a discharge, and of a man who lies with an unclean woman.’”

< Lewwota 15 >