< Lewwota 13 >
1 Waaqayyos Musee fi Arooniin akkana jedhe;
耶和華曉諭摩西、亞倫說:
2 “Namni yoo gogaa dhagna isaa irraa iitoo yookaan finniisa yookaan baarolee qabaatee wanni sun gogaa dhagna isaa irratti gara lamxiitti geeddarame, namichi sun gara Aroon lubichaatti yookaan ilmaan isaa luboota keessaa gara isa tokkootti haa geeffamu.
「人的肉皮上若長了癤子,或長了癬,或長了火斑,在他肉皮上成了大痲瘋的災病,就要將他帶到祭司亞倫或亞倫作祭司的一個子孫面前。
3 Lubni sun madaa gogaa dhagna namichaa irra jiru haa qoru; yoo rifeensi madaa sana irra jiru addaatee madaan sun gogaa keessa darbee foonitti gad seene, dhukkubni sun dhukkuba lamxii ti. Lubichis erga isa qoree booddee akka inni akka seeraatti xuraaʼaa taʼe haa labsu.
祭司要察看肉皮上的災病,若災病處的毛已經變白,災病的現象深於肉上的皮,這便是大痲瘋的災病。祭司要察看他,定他為不潔淨。
4 Yoo baaroleen gogaa namichaa irra jiru addaatee garuu gogaa keessa darbee foonitti gad hin seenin, yoo rifeensi madaa sana irra jirus hin addaatin, lubichi namicha madaaʼe sana bultii torba kophaatti baasee haa tursu.
若火斑在他肉皮上是白的,現象不深於皮,其上的毛也沒有變白,祭司就要將有災病的人關鎖七天。
5 Bultii torbaffaatti immoo lubichi isa haa qoru; lubni yoo akka madaan sun hin geeddaraminii fi akka inni gogaa namichaa irra hin faffacaʼin arge ammas bultii torba kophaatti baasee isa haa tursu.
第七天,祭司要察看他,若看災病止住了,沒有在皮上發散,祭司還要將他關鎖七天。
6 Amma illee lubichi bultii torbaffaatti namicha haa qoru; kunoo, yoo madaan sun qooree gogaa irra hin faffacaʼin, lubichi akka namichi qulqulluu taʼe haa labsu; wanni sun cittoo dha. Namichi wayyaa isaa haa miiccatu; inni ni qulqullaaʼa.
第七天,祭司要再察看他,若災病發暗,而且沒有在皮上發散,祭司要定他為潔淨,原來是癬;那人就要洗衣服,得為潔淨。
7 Garuu inni erga qulqulluu taʼuun isaa akka labsamuuf lubatti of argisiisee booddee yoo cittoon sun gogaa isaa irra faffacaʼe inni amma illee lubatti of argisiisuu qaba.
但他為得潔淨,將身體給祭司察看以後,癬若在皮上發散開了,他要再將身體給祭司察看。
8 Lubichis isa haa qoru; yoo cittoon sun gogaa irra faffacaʼee jiraate lubichi akka inni xuraaʼaa taʼe haa labsu; wanni kun lamxii dha.
祭司要察看,癬若在皮上發散,就要定他為不潔淨,是大痲瘋。
9 “Namni yoo lamxii qabaate inni lubatti fidamuu qaba.
「人有了大痲瘋的災病,就要將他帶到祭司面前。
10 Lubichi isa haa qoru; kunoo yoo iiti adiin kan rifeensa addeesse gogaa irra jiraatee fi foon iita sanaa diimatee mulʼate,
祭司要察看,皮上若長了白癤,使毛變白,在長白癤之處有了紅瘀肉,
11 wanni sun dhukkuba gogaa kan hin fayyinee dha; lubichis akka namichi xuraaʼaa taʼe haa labsu. Waan inni duraanuu xuraaʼaa taʼeef lubichi kophaatti baasee isa tursuun barbaachisaa miti.
這是肉皮上的舊大痲瘋,祭司要定他為不潔淨,不用將他關鎖,因為他是不潔淨了。
12 “Dhukkubni sun hamma lubni arguu dandaʼutti gogaa isaa irra yoo faffacaʼee gogaa namicha madaaʼe sanaa mataadhaa hamma miillaatti haguuge,
大痲瘋若在皮上四外發散,長滿了患災病人的皮,據祭司察看,從頭到腳無處不有,
13 lubichi isa haa qoru; kunoo yoo dhukkubni sun guutumaan guutuutti dhagna namichaa wal gaʼe inni akka namichi qulqulluu taʼe haa labsu. Waan dhagni isaa guutuun addaateef namichi sun qulqulluu dha.
祭司就要察看,全身的肉若長滿了大痲瘋,就要定那患災病的為潔淨;全身都變為白,他乃潔淨了。
14 Inni garuu yeroo iita foon isaa keessaan diimatee mulʼatu qabaatu xuraaʼaa dha.
但紅肉幾時顯在他的身上就幾時不潔淨。
15 Lubichi yeroo foon diimatee mulʼatu argutti akka namichi sun xuraaʼaa taʼe haa labsu; foon diimate xuraaʼaa dha; namichis lamxii qaba.
祭司一看那紅肉就定他為不潔淨。紅肉本是不潔淨,是大痲瘋。
16 Yookaan yoo foon diimaan geeddaramee addaate namichi lubatti of argisiisuu haa dhaqu.
紅肉若復原,又變白了,他就要來見祭司。
17 Lubnis isa haa qoru; yoo madaan sun addaate lubichi akka namichi madaaʼe sun qulqulluu taʼe haa labsu; namichis ni qulqullaaʼa.
祭司要察看,災病處若變白了,祭司就要定那患災病的為潔淨,他乃潔淨了。
18 “Namni gogaa isaa irraa dhullaa yoo qabaatee dhullaan sun fayyee jiraate,
「人若在皮肉上長瘡,卻治好了,
19 yoo iddoo dhullaan ture sanatti iiti adiin yookaan baaroleen diimaan adiin mulʼate inni lubatti of haa argisiisu.
在長瘡之處又起了白癤,或是白中帶紅的火斑,就要給祭司察看。
20 Lubnis isa haa qoru; kunoo yoo wanni sun waan gogaa keessa darbee foon seene fakkaatee rifeensi isa keessaas addaate lubichi akka inni xuraaʼaa taʼe haa labsu. Wanni kun dhukkuba lamxii iddoo dhullaan turetti baʼee dha.
祭司要察看,若現象窪於皮,其上的毛也變白了,就要定他為不潔淨,是大痲瘋的災病發在瘡中。
21 Garuu yommuu lubni baarolee sana qorutti, kunoo yoo rifeensi adiin irra hin jiraatinii fi yoo baaroleen sun utuu gogaa darbee foon hin seenin qooree jiraate lubni kophaatti baasee bultii torba isa haa tursu.
祭司若察看,其上沒有白毛,也沒有窪於皮,乃是發暗,就要將他關鎖七天。
22 Yoo baaroleen sun gogaa irra faffacaʼe, lubichi akka namni sun xuraaʼaa taʼe haa labsu; kun dhukkuba namatti darbuu dha.
若在皮上發散開了,祭司就要定他為不潔淨,是災病。
23 Garuu baaroleen sun yoo hin geeddaraminii fi yoo hin faffacaʼin, inni godaannisa dhullaa sanaa ti; lubnis akka namichi qulqulluu taʼe haa labsu.
火斑若在原處止住,沒有發散,便是瘡的痕跡,祭司就要定他為潔淨。
24 “Yoo namni gogaa isaa irraa gubaa qabaatee foon diimaa iddoo gubamaa sanaa irratti baaroleen diimaan adiin yookaan adiin mulʼate,
「人的皮肉上若起了火毒,火毒的瘀肉成了火斑,或是白中帶紅的,或是全白的,
25 lubni baarolee sana haa qoru; kunoo yoo rifeensi achi irra jiru addaatee baaroleen sunis gogaa keessa darbee foon seene wanni kun lamxii iddoo gubate sana irratti baʼuu dha. Lubichi akka namni sun xuraaʼaa taʼe haa labsu; dhukkubni kun dhukkuba lamxii ti.
祭司就要察看,火斑中的毛若變白了,現象又深於皮,是大痲瘋在火毒中發出,就要定他為不潔淨,是大痲瘋的災病。
26 Garuu yoo lubni iddoo gubate sana qoree rifeensi adiin baarolee sana irra hin jiraatinii fi yoo baaroleen sun utuu gogaa keessa darbee foon hin seenin qooree jiraate lubichi namicha sana kophaatti baasee bultii torba haa tursu.
但是祭司察看,在火斑中若沒有白毛,也沒有窪於皮,乃是發暗,就要將他關鎖七天。
27 Guyyaa torbaffaatti lubichi isa haa qoru; yoo baaroleen sun gogaa irra faffacaʼee jiraate lubni sun akka namichi xuraaʼaa taʼe haa labsu; dhukkubni kun dhukkuba lamxii ti.
到第七天,祭司要察看他,火斑若在皮上發散開了,就要定他為不潔淨,是大痲瘋的災病。
28 Taʼus yoo baaroleen sun hin geeddaraminii fi utuu gogaa irra hin faffacaʼin bade wanni kun iitoo gubaa sana keessa baʼee dha. Lubichi akka namichi qulqulluu taʼe haa labsu; wanni kun godaannisa gubaa sanaa ti.
火斑若在原處止住,沒有在皮上發散,乃是發暗,是起的火毒,祭司要定他為潔淨,不過是火毒的痕跡。
29 “Yoo dhiirri yookaan dubartiin mataa irraa yookaan areeda irraa madaa qabaatan,
「無論男女,若在頭上有災病,或是男人鬍鬚上有災病,
30 lubni madaa sana haa qoru; kunoo yoo madaan sun gogaa keessa darbee foon seenee rifeensi achi irra jiru keelloo fakkaatee qaqalʼate, lubichi akka namichi sun xuraaʼaa taʼe haa labsu; kun hooqxoo mataa yookaan areedaa kan namatti darbuu dha.
祭司就要察看;這災病現象若深於皮,其間有細黃毛,就要定他為不潔淨,這是頭疥,是頭上或是鬍鬚上的大痲瘋。
31 Garuu yeroo lubni madaa akkanaa qorutti kunoo yoo madaan sun waan gogaa darbee foon seene hin fakkaatinii fi yoo rifeensi gurraachi tokko iyyuu madaa sana irra hin jiraatin lubni sun namicha hooqxoon qabe sana kophaatti baasee bultii torba haa tursu.
祭司若察看頭疥的災病,現象不深於皮,其間也沒有黑毛,就要將長頭疥災病的關鎖七天。
32 Guyyaa torbaffaatti lubni madaa sana haa qoru; kunoo yoo hooqxoon sun hin faffacaʼin, yoo rifeensi keelloon achi irra hin jiraatinii fi hooqxoon sun waan gogaa keessa darbee foon seene hin fakkaatin,
第七天,祭司要察看災病,若頭疥沒有發散,其間也沒有黃毛,頭疥的現象不深於皮,
33 namichi sun iddoo madaaʼe sana qofa dhiisee mataa isaa haa haadatu; lubni sunis ammas namicha sana kophaatti baasee bultii torba haa tursu.
那人就要剃去鬚髮,但他不可剃頭疥之處。祭司要將那長頭疥的,再關鎖七天。
34 Guyyaa torbaffaattis lubni sun hooqxoo sana haa qoru; kunoo yoo hooqxoon sun gogaa irra hin faffacaʼinii fi waan gogaa keessa darbee foon seene hin fakkaatin lubichi akka namichi sun qulqulluu taʼe haa labsu; namichi wayyaa isaa haa miiccatu; innis ni qulqullaaʼa.
第七天,祭司要察看頭疥,頭疥若沒有在皮上發散,現象也不深於皮,就要定他為潔淨,他要洗衣服,便成為潔淨。
35 Garuu erga akka namichi qulqulluu taʼe labsamee booddee yoo hooqxoon sun gogaa irra faffacaʼe,
但他得潔淨以後,頭疥若在皮上發散開了,
36 lubni isa haa qoru; kunoo yoo hooqxoon sun gogaa irra faffacaʼee jiraate lubichi rifeensa keelloo sakattaʼuu hin qabu; namichi sun xuraaʼaa dha.
祭司就要察看他。頭疥若在皮上發散,就不必找那黃毛,他是不潔淨了。
37 Garuu akka hubannaa lubichaatti hooqxoon sun geeddaramuu baatee rifeensi gurraachi irratti biqillaan hooqxoon sun fayyeera; namichis qulqulluu dha; lubnis akka inni qulqulluu taʼe haa labsu.
祭司若看頭疥已經止住,其間也長了黑毛,頭疥已然痊癒,那人是潔淨了,就要定他為潔淨。
38 “Yommuu dhiirri yookaan dubartiin gogaa dhagna isaa irraa baarolee qabaatanitti,
「無論男女,皮肉上若起了火斑,就是白火斑,
39 lubni isaan haa qoru; kunoo yoo baaroleen sun adii daalacha taʼe kun cittoo gogaa irratti baʼe kan nama hin miinee dha; namichis qulqulluu dha.
祭司就要察看,他們肉皮上的火斑若白中帶黑,這是皮上發出的白癬,那人是潔淨了。
40 “Namni yoo rifeensi mataa isaa dhumee molaaʼe inni qulqulluu dha.
「人頭上的髮若掉了,他不過是頭禿,還是潔淨。
41 Yoo rifeensi mataa isaa fuula duraan irraa dhumee molaaʼes inni qulqulluu dha.
他頂前若掉了頭髮,他不過是頂門禿,還是潔淨。
42 Garuu inni yoo moluu mataa isaa irraa yookaan moluu adda isaa irraa madaa adii diimatu qabaate wanni kun lamxii moluu mataa isaa yookaan moluu adda isaa keessaa baʼuu dha.
頭禿處或是頂門禿處若有白中帶紅的災病,這就是大痲瘋發在他頭禿處或是頂門禿處,
43 Lubni isa haa qoru; kunoo yoo madaan iitaʼe kan mataa isaa irraa yookaan adda isaa irraa sun akkuma lamxii gogaa irratti baʼee adii diimatu taʼe,
祭司就要察看,他起的那災病若在頭禿處或是頂門禿處有白中帶紅的,像肉皮上大痲瘋的現象,
44 namichi dhukkubsataa fi xuraaʼaa dha. Sababii madaa mataa namichaa irra jiru sanaatiifis akka namichi xuraaʼaa taʼe lubni sun haa labsu.
那人就是長大痲瘋,不潔淨的,祭司總要定他為不潔淨,他的災病是在頭上。
45 “Namni lamxii akkasii qabu uffata tatarsaʼaa haa uffatu; rifeensa mataa isaatti waa hin maratin; afaan isaas haguuggatee, ‘Ani xuraaʼaa dha! Ani xuraaʼaa dha!’ jedhee haa iyyu.
「身上有長大痲瘋災病的,他的衣服要撕裂,也要蓬頭散髮,蒙着上唇,喊叫說:『不潔淨了!不潔淨了!』
46 Inni hamma dhukkubni sun irra jirutti xuraaʼaa dha; kophaa isaa haa jiraatu; qubata keessaas baʼee ala haa jiraatu.
災病在他身上的日子,他便是不潔淨;他既是不潔淨,就要獨居營外。」
47 “Yoo uffanni suufii irraa yookaan quncee talbaa irraa hojjetame kam iyyuu,
「染了大痲瘋災病的衣服,無論是羊毛衣服、是麻布衣服,
48 uffanni quncee talbaa irraa yookaan suufii irraa dhaʼame yookaan wal keessa loofamee hojjetame kam iyyuu, gogaan yookaan wanni gogaa irraa hojjetame kam iyyuu lamxii qabaate,
無論是在經上、在緯上,是麻布的、是羊毛的,是在皮子上,或在皮子做的甚麼物件上,
49 yoo dhukkubni uffata irra yookaan gogaa irra yookaan uffata dhaʼame irra yookaan wal keessa loofamee hojjetame irra yookaan miʼa gogaa irra jiru sun magariisa taʼe yookaan diimate wanni kun waan lamxii taʼeef lubatti haa argisiifamu.
或在衣服上、皮子上,經上、緯上,或在皮子做的甚麼物件上,這災病若是發綠,或是發紅,是大痲瘋的災病,要給祭司察看。
50 Lubnis lamxii sana qoree miʼa dhukkubaan faalame sana kophaatti baasee bultii torba haa tursu.
祭司就要察看那災病,把染了災病的物件關鎖七天。
51 Guyyaa torbaffaatti lubichi lamxii sana haa qoru; yoo lamxiin sun uffata irra yookaan wayyaa dhaʼame irra yookaan uffata wal keessa loofamee hojjetame irra yookaan gogaa waan kamiif iyyuu fayyadu irra faffacaʼe wanni kun lamxii hamaa dha; miʼi sunis xuraaʼaa dha.
第七天,他要察看那災病,災病或在衣服上,經上、緯上,皮子上,若發散,這皮子無論當作何用,這災病是蠶食的大痲瘋,都是不潔淨了。
52 Sababii lamxiin sun hamaa taʼeef lubichi uffata yookaan wayyaa suufii irraa yookaan quncee talbaa irraa hojjetame yookaan wal keessa loofamee hojjetame yookaan miʼa gogaa irraa hojjetame kan dhukkuba sanaan faalame kam iyyuu haa gubu; miʼi sunis gubamuu qaba.
那染了災病的衣服,或是經上、緯上,羊毛上,麻衣上,或是皮子做的甚麼物件上,他都要焚燒;因為這是蠶食的大痲瘋,必在火中焚燒。
53 “Garuu yeroo lubni lamxii sana qorutti kunoo yoo lamxiin sun uffata irra yookaan wayyaa dhaʼame irra yookaan wal keessa loofamee hojjetame irra yookaan miʼa gogaa irraa hojjetame irra faffacaʼuu baate,
「祭司要察看,若災病在衣服上,經上、緯上,或是皮子做的甚麼物件上,沒有發散,
54 lubichi akka miʼi lamxiidhaan faalame sun miiccamu haa ajaju. Ergasii immoo miʼa sana kophaatti baasee ammas bultii torba haa tursu.
祭司就要吩咐他們,把染了災病的物件洗了,再關鎖七天。
55 Erga miʼi lamxiidhaan faalame sun miiccamee booddee lubichi miʼa sana haa qoru; lamxiin sun yoo faffacaʼu baate illee bifti isaa geeddaramuu baannaan uffanni sun xuraaʼaa dha. Yoo lamxiin sun gama tokkoon yookaan gama kaaniin miʼa sana faalee jiraate, miʼi sun ibiddaan haa gubamu.
洗過以後,祭司要察看,那物件若沒有變色,災病也沒有消散,那物件就不潔淨,是透重的災病,無論正面反面,都要在火中焚燒。
56 Erga miʼi sun miiccamee booddee yeroo lubni qorutti yoo lamxiin sun badee jiraate lubichi iddoo lamxiidhaan faalame sana uffata yookaan gogaa yookaan wayyaa dhaʼame yookaan wal keessa loofamee hojjetame irraa haa tarsaasu.
洗過以後,祭司要察看,若見那災病發暗,他就要把那災病從衣服上,皮子上,經上、緯上,都撕去。
57 Garuu yoo lamxiin sun deebiʼee uffata irratti yookaan wayyaa dhaʼame irratti yookaan wal keessa loofame hojjetame irratti yookaan miʼa gogaa irraa hojjetame kam iyyuu irratti argame, lamxiin sun faffacaʼaa jira; wanni lamxii qabu ibiddaan haa gubamu.
若仍現在衣服上,或是經上、緯上、皮子做的甚麼物件上,這就是災病又發了,必用火焚燒那染災病的物件。
58 Uffanni yookaan wayyaan dhaʼame yookaan wal keessa loofamee hojjetame yookaan miʼi gogaa irraa hojjetame kan miiccamee lamxiin irraa bade kam iyyuu ammas haa miiccamu; innis ni qulqullaaʼa.”
所洗的衣服,或是經,或是緯,或是皮子做的甚麼物件,若災病離開了,要再洗,就潔淨了。」
59 Wanni kun seera akka uffanni suufii irraa yookaan quncee talbaa irraa hojjetame, wayyaan dhaʼame yookaan wal keessa loofamee hojjetame yookaan miʼi gogaa irraa hojjetamee lamxiidhaan faalame kam iyyuu xuraaʼaa taʼee fi akka hin taʼin labsuuf kennamee dha.
這就是大痲瘋災病的條例,無論是在羊毛衣服上,麻布衣服上,經上、緯上,和皮子做的甚麼物件上,可以定為潔淨或是不潔淨。