< Lewwota 12 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Then the LORD said to Moses,
2 “Israaʼelootaan akkana jedhi: ‘Dubartiin ulfooftee ilma deessee jirtu akka seeraatti akkuma yeroo xurii of irraa qabdu sanaatti bultii torbaaf xurooftuu taati.
“Say to the Israelites, ‘A woman who becomes pregnant and gives birth to a son will be unclean for seven days, as she is during the days of her menstruation.
3 Ilmi sunis guyyaa saddeettaffaatti dhagna haa qabatu.
And on the eighth day the flesh of the boy’s foreskin is to be circumcised.
4 Ergasiis dubartiin sun dhiiga ishee irraa qulqulleeffamuuf bultii soddomii sadii eeggachuu qabdi. Ishee hamma yeroon qulqulleeffamuu ishee raawwatamutti waan qulqulluu hin tuqin yookaan gara iddoo qulqulluu hin dhaqin.
The woman shall continue in purification from her bleeding for thirty-three days. She must not touch anything sacred or go into the sanctuary until the days of her purification are complete.
5 Isheen yoo durba deessee jiraatte akkuma yeroo xurii of irraa qabdu sanaatti torban lamaaf xurooftuu taati; ergasii immoo dhiiga ishee irraa qulqulleeffamuuf bultii jaatamii jaʼa eeggachuu qabdi.
If, however, she gives birth to a daughter, the woman will be unclean for two weeks as she is during her menstruation. Then she must continue in purification from her bleeding for sixty-six days.
6 “‘Isheen gaafa yeroon qulqulleeffamuu ishee kan sababii ilmaa yookaan intalaa raawwatamutti, xobbaallaa hoolaa kan waggaa tokkoo aarsaa gubamuuf, gugee sookkee tokko yookaan gugee tokko aarsaa cubbuutiif balbala dunkaana wal gaʼii duratti gara lubaa haa fiddu.
When the days of her purification are complete, whether for a son or for a daughter, she is to bring to the priest at the entrance to the Tent of Meeting a year-old lamb for a burnt offering and a young pigeon or a turtledove for a sin offering.
7 Innis isheedhaaf araara buusuuf jedhee waan kana fuula Waaqayyoo duratti aarsaa dhiʼeessa; isheenis ergasii akka seeraatti dhangalaʼaa dhiiga ishee irraa qulqulloofti. “‘Seerri dubartii ilma yookaan durba deessuu kanaa dha.
And the priest will present them before the LORD and make atonement for her; and she shall be ceremonially cleansed from her flow of blood. This is the law for a woman giving birth, whether to a male or to a female.
8 Isheen yoo xobbaallaa hoolaa fiduu hin dandeenye, gugee lama yookaan gugee sosookkee lama, tokko aarsaa gubamuuf kaan immoo aarsaa cubbuutiif haa fiddu. Haala kanaan lubichi isheedhaaf araara buusa; isheenis ni qulqulloofti.’”
But if she cannot afford a lamb, she shall bring two turtledoves or two young pigeons, one for a burnt offering and the other for a sin offering. Then the priest will make atonement for her, and she will be clean.’”

< Lewwota 12 >