< Lewwota 11 >

1 Waaqayyos Musee fi Arooniin akkana jedhe;
And the LORD spoke to Moses and to Aaron, saying to them,
2 “Israaʼelootaan akkana jedhaa: ‘Bineensota lafa irra jiraatan hunda keessaa kanneen isin nyaachuu dandeessan isaan kanaa dha:
Speak to the children of Israel, saying, These are the beasts which you shall eat among all the beasts that are on the earth.
3 Bineensa kotteen isaa guutumaan guutuutti baqaqaa taʼe kan alala guuru kam iyyuu nyaachuu dandeessu.
Whatever parts the hoof, and is cloven footed, and chews the cud, among the beasts, that shall you eat.
4 “‘Kanneen alala qofa guuran yookaan kotteen isaanii qofti baqaqaa taʼe garuu nyaachuu hin qabdan. Gaalli yoo alala guure iyyuu kottee baqaqaa hin qabu; inni isiniif qulqulluu miti.
Nevertheless these shall you not eat of them that chew the cud, or of them that divide the hoof: as the camel, because he chews the cud, but divides not the hoof; he is unclean to you.
5 Osoleen yoo alala guurte iyyuu kottee baqaqaa hin qabdu; isheen isiniif qulqulluu miti.
And the coney, because he chews the cud, but divides not the hoof; he is unclean to you.
6 Illeettiin yoo alala guurte iyyuu kottee baqaqaa hin qabdu; isheen isiniif qulqulluu miti.
And the hare, because he chews the cud, but divides not the hoof; he is unclean to you.
7 Booyyeen yoo kottee baqaqaa qabaate iyyuu alala hin guuru; inni isiniif qulqulluu miti.
And the swine, though he divide the hoof, and be cloven footed, yet he chews not the cud; he is unclean to you.
8 Isin foon isaanii nyaachuu yookaan raqa isaanii tuquu hin qabdan; isaan isiniif qulqulluu miti.
Of their flesh shall you not eat, and their carcass shall you not touch; they are unclean to you.
9 “‘Uumamawwan bishaan galaanotaa fi bishaan lageenii keessa jiraatan hunda keessaa kanneen qoochoo fi qola qaban kam iyyuu nyaachuu dandeessu.
These shall you eat of all that are in the waters: whatever has fins and scales in the waters, in the seas, and in the rivers, them shall you eat.
10 Garuu uumamawwan galaanotaa fi lageen keessa jiraatan kanneen qoochoo fi qola hin qabne hundi, uumamawwan bishaan keessa munyuuqan hundi yookaan kanneen bishaan keessa jiraatan hundi isiniif xuraaʼoo haa taʼan.
And all that have not fins and scales in the seas, and in the rivers, of all that move in the waters, and of any living thing which is in the waters, they shall be an abomination to you:
11 Isaan isin duratti xuraaʼoo waan taʼaniif foon isaanii hin nyaatinaa; raqni isaaniis xuraaʼaa haa taʼu.
They shall be even an abomination to you; you shall not eat of their flesh, but you shall have their carcasses in abomination.
12 Wanni bishaan keessa jiraatu kan qoochoo fi qola hin qabne kam iyyuu isiniif xuraaʼaa haa taʼu.
Whatever has no fins nor scales in the waters, that shall be an abomination to you.
13 “‘Isaan kunneen simbirroota isin jibbuu qabdanii dha; hin nyaataman; isaan xuraaʼoo dha: risaa, rumicha, rumicha gurraacha,
And these are they which you shall have in abomination among the fowls; they shall not be eaten, they are an abomination: the eagle, and the ossifrage, and the ospray,
14 culullee, culullee gurraacha gosa garaa garaa,
And the vulture, and the kite after his kind;
15 arraagessa gosa garaa garaa,
Every raven after his kind;
16 guchii, urunguu, allaattii bishaanii, coroffee gosa garaa garaa,
And the owl, and the night hawk, and the cuckow, and the hawk after his kind,
17 urunguu xinnaa, daakiyyee, urunguu guddaa,
And the little owl, and the cormorant, and the great owl,
18 urunguu adii, urunguu gammoojjii, allaattii raqaa,
And the swan, and the pelican, and the gier eagle,
19 huummoo, huummoo gosa kamii iyyuu, haadha gaayyee, simbira halkanii.
And the stork, the heron after her kind, and the lapwing, and the bat.
20 “‘Ilbiisonni barrisan kanneen miilla afraniinuu deeman hundi isiniif xuraaʼoo haa taʼani.
All fowls that creep, going on all four, shall be an abomination to you.
21 Taʼus ilbiisonni barrisan kanneen miilla afraniinuu deeman keessaa tokko tokko nyaachuu ni dandeessu; isaanis warra ittiin lafa irra utaaluuf miilla dadachaʼu qabanii dha.
Yet these may you eat of every flying creeping thing that goes on all four, which have legs above their feet, to leap with on the earth;
22 Isaan keessaas hawwaannisa gosa garaa garaa, hawwaannisa magariisa garaa garaa, farda waaqaa garaa garaa fi korophisa garaa garaa nyaachuu dandeessu.
Even these of them you may eat; the locust after his kind, and the bald locust after his kind, and the beetle after his kind, and the grasshopper after his kind.
23 Garuu ilbiisota barrisan kanneen miilla afur qaban biraa hundi isiniif xuraaʼoo haa taʼan.
But all other flying creeping things, which have four feet, shall be an abomination to you.
24 “‘Isin wantoota kanneeniin of xureessitu; namni raqa isaanii tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa dha.
And for these you shall be unclean: whoever touches the carcass of them shall be unclean until the even.
25 Namni reeffa isaanii tokko illee lafaa fuudhu kam iyyuu uffata isaa miiccachuu qaba; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
And whoever bears any of the carcass of them shall wash his clothes, and be unclean until the even.
26 “‘Bineensi kottee baqaqaa qabu kan kotteen isaa guutumaan guutuutti gargar hin qoodamin yookaan alala hin guurre kam iyyuu isiniif xuraaʼaa dha; namni raqa isaanii tuqu kam iyyuus xuraaʼaa taʼa.
The carcasses of every beast which divides the hoof, and is not cloven footed, nor chews the cud, are unclean to you: every one that touches them shall be unclean.
27 Bineensota miilla afuriin deeman hunda keessaa kanneen faanaan ejjetan isiniif xuraaʼoo dha; namni raqa isaanii tuqu kam iyyuus hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
And whatever goes on his paws, among all manner of beasts that go on all four, those are unclean to you: whoever touches their carcass shall be unclean until the even.
28 Namni raqa isaanii lafaa fuudhu kam iyyuu uffata isaa miiccachuu qaba; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Isaanis isiniif xuraaʼoo dha.
And he that bears the carcass of them shall wash his clothes, and be unclean until the even: they are unclean to you.
29 “‘Uumamawwan lafa irra munyuuqan keessaa isaan kunneen isiniif xuraaʼoo dha; isaanis: tuqaa, hantuuta, loccuu gurguddaa gosa gosaa,
These also shall be unclean to you among the creeping things that creep on the earth; the weasel, and the mouse, and the tortoise after his kind,
30 loccuu cirrachaa, naacha, qarcoo, qarcabboo fi gaararraa dha.
And the ferret, and the chameleon, and the lizard, and the snail, and the mole.
31 Uumamawwan lafa irra munyuuqan keessaa isaan kunneen isiniif xuraaʼoo dha; namni raqa isaanii tuqus hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
These are unclean to you among all that creep: whoever does touch them, when they be dead, shall be unclean until the even.
32 Uumamawwan sana keessaa tokko yoo duʼee miʼa wayii irra buʼe, miʼi sun faayidaan isaa waan fedhe iyyuu taʼu, inni muka irraa, huccuu irraa, gogaa irraa yookaan keeshaa irraa hojjetamu illee miʼi sun xuraaʼaa taʼa; miʼa sana bishaan keessa buusaa. Innis hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼee ergasii immoo qulqulluu taʼa.
And on whatever any of them, when they are dead, does fall, it shall be unclean; whether it be any vessel of wood, or raiment, or skin, or sack, whatever vessel it be, wherein any work is done, it must be put into water, and it shall be unclean until the even; so it shall be cleansed.
33 Isaan keessaa tokko okkotee keessa yoo buʼe, wanni okkotee sana keessa jiru hundi xuraaʼaa taʼa; isinis okkotee sana cabsuu qabdu.
And every earthen vessel, into where any of them falls, whatever is in it shall be unclean; and you shall break it.
34 Nyaanni nyaatamuu dandaʼu kan garuu bishaan okkotee akkasii keessaa itti naqame kam iyyuu xuraaʼaa dha; dhugaatiin okkotee sana keessaa dhugamuu dandaʼu kam iyyuus xuraaʼaa dha.
Of all meat which may be eaten, that on which such water comes shall be unclean: and all drink that may be drunk in every such vessel shall be unclean.
35 Wanni raqa uumamawwan kanaa keessaa tokko iyyuu irra buʼu kam iyyuu xuraaʼaa taʼa; eeleen yookaan okkoteen waa itti bilcheessan cabsamuu qaba. Isaan xuraaʼoo dha; isinis akka miʼa xuraaʼaatti isaan ilaalaa.
And every thing whereupon any part of their carcass falls shall be unclean; whether it be oven, or ranges for pots, they shall be broken down: for they are unclean and shall be unclean to you.
36 Burqaan yookaan boolli bishaan itti kuufamu immoo qulqulluu taʼee tura; garuu namni raqa kana keessaa tokko illee tuqu xuraaʼaa dha.
Nevertheless a fountain or pit, wherein there is plenty of water, shall be clean: but that which touches their carcass shall be unclean.
37 Raqni tokko sanyii facaafamuuf jiru irra yoo buʼe sanyiin sun qulqulluu taʼee hafa.
And if any part of their carcass fall on any sowing seed which is to be sown, it shall be clean.
38 Garuu sanyii sana irratti bishaan naqamee raqni wayii yoo irra buʼe sanyiin sun isiniif xuraaʼaa dha.
But if any water be put on the seed, and any part of their carcass fall thereon, it shall be unclean to you.
39 “‘Horiin akka isin nyaattaniif isiniif eeyyamame tokko yoo duʼe, namni raqa isaa tuqe kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
And if any beast, of which you may eat, die; he that touches the carcass thereof shall be unclean until the even.
40 Namni raqa sana irraa waa nyaatu wayyaa isaa miiccachuu qaba; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Namni raqa sana lafaa fuudhe wayyaa isaa miiccadhuu qaba; innis hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
And he that eats of the carcass of it shall wash his clothes, and be unclean until the even: he also that bears the carcass of it shall wash his clothes, and be unclean until the even.
41 “‘Uumamni lafa irra munyuuqu kam iyyuu xuraaʼaa dha; nyaatamuus hin qabu.
And every creeping thing that creeps on the earth shall be an abomination; it shall not be eaten.
42 Uumama lafa irra looʼu kan garaadhaan lafa irra looʼu yookaan miilla afuriin yookaan miilla hedduun deemu kam iyyuu hin nyaatinaa; inni xuraaʼaa dha.
Whatever goes on the belly, and whatever goes on all four, or whatever has more feet among all creeping things that creep on the earth, them you shall not eat; for they are an abomination.
43 Uumamawwan kanneen keessaa tokkoon iyyuu of hin xureessinaa. Isin akka xuraaʼoo hin taaneef isaaniin of hin xureessinaa.
You shall not make yourselves abominable with any creeping thing that creeps, neither shall you make yourselves unclean with them, that you should be defiled thereby.
44 Ani Waaqayyo Waaqa keessanii dha; waan ani qulqulluu taʼeef isinis of qulqulleessaatii qulqulloota taʼaa. Uumama lafa irra munyuuqu kamiin iyyuu of hin xureessinaa.
For I am the LORD your God: you shall therefore sanctify yourselves, and you shall be holy; for I am holy: neither shall you defile yourselves with any manner of creeping thing that creeps on the earth.
45 Ani Waaqayyo kan Waaqa keessan taʼuuf jedhee biyya Gibxiitii isin baasee dha; kanaafuu ani qulqulluudhaatii isinis qulqulluu taʼaa.
For I am the LORD that brings you up out of the land of Egypt, to be your God: you shall therefore be holy, for I am holy.
46 “‘Seerri waaʼee horii, simbirroo, lubbuu qabeeyyii bishaan keessa munyuuqan hundaa fi uumama lafa irra munyuuqu hundaa kanaa dha.
This is the law of the beasts, and of the fowl, and of every living creature that moves in the waters, and of every creature that creeps on the earth:
47 Isin waan xuraaʼaa fi waan qulqulluu, uumama nyaatamuu fi kan hin nyaatamne addaan baaftanii beekuu qabdu.’”
To make a difference between the unclean and the clean, and between the beast that may be eaten and the beast that may not be eaten.

< Lewwota 11 >