< Lewwota 10 >

1 Ilmaan Aroon jechuunis Naadaabii fi Abiihuu girgiraa isaanii fudhatanii ibidda itti naqanii ixaana irratti firfirsan; isaanis ibidda hin eeyyamamne kan Inni hin ajajin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessan.
And Nadab and Abiu, the sons of Aaron, taking their censers, put fire therein, and incense on it, offering before the Lord strange fire: which was not commanded them.
2 Kanaafuu ibiddi Waaqayyo biraa baʼee gubee isaan fixe; isaanis fuula Waaqayyoo duratti dhuman.
And fire coming out from the Lord destroyed them, and they died before the Lord.
3 Museenis Arooniin akkana jedhe; “Wanni Waaqayyo dubbate kanaa dha: “‘Ani warra natti dhiʼaatan gidduutti, qulqullina koo nan argisiisa; saba hunda durattis ani nan ulfaadha.’” Aroon immoo ni calʼise.
And Moses said to Aaron: This is what the Lord hath spoken: I will be sanctified in them that approach to me, and I will be glorified in the sight of all the people. And when Aaron heard this, he held his peace.
4 Museenis Miishaaʼeelii fi Elzaafaan ilmaan Uziiʼeel obboleessa abbaa Aroon sanaa ofitti waamee, “Kottaatii durbiiwwan keessan fuula iddoo qulqulluu duraa fuudhaatii qubata keessaa gad baasaa” jedhe.
And Moses called Misael and Elisaphan, the sons of Oziel, the uncle of Aaron, and said to them: Go and take away your brethren from before the sanctuary, and carry them without the camp.
5 Jarris dhufanii akkuma Museen ajajetti akkuma isaan kittaa isaanii uffatanii jiranitti fuudhanii qubata keessaa gad isaan baasan.
And they went forthwith and took them as they lay, vested with linen tunicks, and cast them forth, as had been commanded them.
6 Ergasii Museen Aroonii fi ilmaan Aroon, Eleʼaazaarii fi Iitaamaariin akkana jedhe; “Mataa keessan filachuu hin dhiisinaa; wayyaa keessanis hin tarsaasinaa; yoo kanaa achii isin ni duutu; Waaqayyos saba guutuutti dheekkama. Garuu firoonni keessan manni Israaʼel hundi warra Waaqayyo ibiddaan balleesse sanaaf booʼuu dandaʼu.
And Moses said to Aaron, and to Eleazar and Ithamar, his sons: Uncover not your heads, and rend not your garments, lest perhaps you die, and indignation come upon all the congregation. Let your brethren, and all the house of Israel, bewail the burning which the Lord has kindled:
7 Sababii zayitiin Waaqayyoo kan ittiin diban isin irra jiruuf isin balbala dunkaana wal gaʼii duraa hin deeminaa; yoo kanaa achii ni duutu.” Isaanis akkuma Museen isaan ajaje godhan.
But you shall not go out of the door of the tabernacle, otherwise you shall perish, for the oil of the holy unction is on you. And they did all things according to the precept of Moses.
8 Waaqayyos Arooniin akkana jedhe;
The Lord also said to Aaron:
9 “Atii fi ilmaan kee yommuu dunkaana wal gaʼii ol seentanitti daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhuginaa. Yoo kanaa achii ni duutu. Wanni kun dhaloota dhufuuf seera bara baraa taʼa.
You shall not drink wine nor any thing that may make drunk, thou nor thy sons, when you enter into the tabernacle of the testimony, lest you die: because it is an everlasting precept through your generations:
10 Isin waan qulqulluu fi waan qulqulluu hin taʼin, waan xuraaʼaa fi waan xuraaʼaa hin taʼin addaan baaftanii beekuu qabdu;
And that you may have knowledge to discern between holy and unholy, between unclean and clean:
11 seera Waaqayyo karaa Museetiin isaanii kenne hundas saba Israaʼel barsiisuu qabdu.”
And may teach the children of Israel all my ordinances which the Lord hath spoken to them by the hand of Moses.
12 Museenis Aroonii fi ilmaan Aroon warra hafan jechuunis Eleʼaazaarii fi Iitaamaariin akkana jedhe; “Kennaa midhaanii kan aarsaawwan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffaman sana irraa hafe fuudhaatii utuu inni hin bukaaʼin tolchaatii iddoo aarsaa biratti nyaadhaa; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluudhaatii.
And Moses spoke to Aaron, and to Eleazar and Ithamar, his sons that were left: Take the sacrifice that is remaining of the oblation of the Lord, and eat it without leaven beside the altar, because it is holy of holies.
13 Wanni kun aarsaawwan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffaman keessaa sababii qooda keetii fi qooda ilmaan keetii taʼeef lafa qulqulluutti nyaadhaa; ani akkana ajajameeraatii.
And you shall eat it in a holy place: which is given to thee and thy sons of the oblations of the Lord, as it hath been commanded me.
14 Garuu ati, ilmaan keetii fi intallan kee handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼeeffame sana nyaachuu dandeessu. Waan kanas iddoo seeraan qulqulluu taʼetti nyaadhaa. Wanni kun qooda keetii fi qooda ilmaan keetii taʼee aarsaa nagaa kan saba Israaʼel irraa isiniif kennamee dhaatii.
The breast also that is offered, and the shoulder that is separated, you shall eat in a most clean place, thou and thy sons, and thy daughters with thee. For they are set aside for thee and thy children, of the victims of peace offerings of the children of Israel:
15 Tafni dhiʼeeffamee fi handaraafni sochoofame sun akka aarsaa sochoofamu tokkootti akka fuula Waaqayyoo duratti sochoofamuuf cooma aarsaa ibiddaan dhiʼeeffame wajjin fidamuu qaba; kunis akkuma Waaqayyo ajajetti qooda keetii fi qooda ilmaan keetii kan bara baraa ti.”
Because they have elevated before the Lord the shoulder and the breast, and the fat that is burnt on the altar, and they belong to thee and to thy sons by a perpetual law, as the Lord hath commanded.
16 Museenis reʼee aarsaa cubbuu sana jabeessee barbaade; kunoo reʼeen sun gubamee ture; innis ilmaan Aroon warra hafanitti jechuunis Eleʼaazaarii fi Iitaamaaritti aaree akkana jedhee isaan gaafate;
While these things were a doing, when Moses sought for the buck goat, that had been offered for sin, he found it burnt: and being angry with Eleazar and Ithamar, the sons of Aaron that were left, he said:
17 “Isin maaliif aarsaa cubbuu sana iddoo qulqulluutti hin nyaatin? Aarsaan sun waan hunda caalaa qulqulluu dha; innis akka isin fuula Waaqayyoo duratti araara isaaniif buusuudhaan yakka sabaa balleessitaniif isiniif kenname.
Why did you not eat in the holy place the sacrifice for sin, which is most holy, and given to you, that you may bear the iniquity of the people, and may pray for them in the sight of the Lord,
18 Kunoo, dhiigni isaa Iddoo Qulqulluutti ol hin galfamne; isin akkuma ani ajajetti reʼee sana naannoo Iddoo Qulqulluutti nyaachuu qabdu ture.”
Especially whereas none of the blood thereof hath been carried within the holy places, and you ought to have eaten it in the sanctuary, as was commanded me?
19 Aroonis Museedhaan akkana jedhe; “Kunoo, isaan harʼa aarsaa isaanii kan cubbuutii fi aarsaa isaanii kan gubamu fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessaniiru; garuu wanni akkasii kun na qaqqabeera. Utuu ani aarsaa cubbuu sana harʼa nyaadhee jiraadhee silaa wanni sun fuula Waaqayyoo duratti ni fudhatama turee?”
Aaron answered: This day hath been offered the victim for sin, and the holocaust before the Lord: and to me what thou seest has happened: how could I eat it, or please the Lord in the ceremonies, having a sorrowful heart?
20 Museenis yommuu waan kana dhagaʼetti ni gammade.
Which when Moses had heard he was satisfied.

< Lewwota 10 >