< Lewwota 1 >

1 Waaqayyo Musee waamee dunkaana wal gaʼii keessaa akkana jedhee itti dubbate;
خداوند از خیمهٔ ملاقات با موسی سخن گفت و به او فرمود:
2 “Israaʼelootatti dubbadhu; akkanas jedhiin: ‘Isin keessaa namni kam iyyuu yommuu horii keessaa Waaqayyoof kennaa dhiʼeessutti karra loonii yookaan bushaayee keessaa haa dhiʼeessu.
«این دستورها را به بنی‌اسرائیل بده. وقتی کسی به خداوند قربانی تقدیم می‌کند، قربانی او باید گاو، گوسفند و یا بز باشد.
3 “‘Yoo kennaan sun qalma gubamu kan karra loonii taʼe, namichi sun korma hirʼina hin qabne haa dhiʼeessu. Akka aarsaan sun fuula Waaqayyoo duratti fudhatama argatuufis balbala dunkaana wal gaʼii duratti haa dhiʼeessu.
اگر بخواهد برای قربانی سوختنی یک گاو قربانی کند، آن گاو باید نر و بی‌عیب باشد. گاو را دم مدخل خیمهٔ ملاقات بیاورد تا مورد قبول خداوند قرار گیرد.
4 Namichis mataa horii aarsaa gubamuuf dhiʼeeffamu sanaa irra harka isaa haa kaaʼu; kunis araara isaaf buusuuf qooda isaa fudhatama argata.
شخصی که آن را می‌آورد، باید دستش را روی سر حیوان بگذارد. به این ترتیب آن قربانی پذیرفته شده، گناهان شخص را کفاره می‌کند.
5 Innis fuula Waaqayyoo duratti korma haa qalu; ilmaan Aroon luboonni dhiiga sana fuudhanii iddoo aarsaa kan balbala dunkaana wal gaʼii dura jirutti gama hundaan haa facaasan.
بعد خود آن شخص حیوان را در حضور خداوند سر ببرد و پسران هارون که کاهنند، خون آن را بیاورند و بر چهار طرف مذبح که جلوی مدخل خیمهٔ ملاقات است، بپاشند.
6 Innis aarsaa gubamu sana irraa gogaa baasee kutaa kutaatti murmura.
سپس آن شخص پوست گاو را بکند و آن را قطعه‌قطعه کند،
7 Ilmaan Aroon lubichaa immoo iddoo aarsaa irratti ibidda qabsiisanii qoraan irra haa naqan.
و کاهنان هیزم روی مذبح بگذارند، آتش روشن کنند
8 Ergasiis ilmaan Aroon luboonni kutaa murmurame, mataa fi cooma isaas qoraan iddoo aarsaa irratti bobaʼu irra tarree haa naqan.
و قطعه‌ها و سر و چربی آن را روی هیزم قرار دهند.
9 Innis miʼa garaatii fi miilla qalma sanaa bishaaniin haa dhiqu; lubichis hunda isaa iddoo aarsaa irratti haa gubu. Kunis aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼaatuu fi kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu dha.
آنگاه آن شخص باید دل و روده و پاچه‌های گاو را با آب بشوید و کاهنان همه را روی مذبح بسوزانند. این قربانی سوختنی، هدیه‌ای خوشبو و مخصوص برای خداوند خواهد بود.
10 “‘Yoo aarsaan sun qalma gubamu kan bushaayee jechuunis hoolaa yookaan reʼee taʼe namichi dhiʼeessu sun korma hirʼina hin qabne haa dhiʼeessu.
«اگر گوسفند یا بز برای قربانی بیاورند، آن نیز باید نر و بی‌عیب باشد.
11 Innis gama kaaba iddoo aarsaatiin fuula Waaqayyoo duratti haa qalu; ilmaan Aroon luboonni immoo gama hundaan dhiiga isaa iddoo aarsaatti haa facaasan.
شخصی که آن را می‌آورد باید در سمت شمالی مذبح در حضور خداوند سرش را ببرد و کاهنان که پسران هارونند، خونش را بر چهار طرف مذبح بپاشند.
12 Namichi sunis kutaa kutaatti haa murmuru; lubichi immoo mataa fi cooma isaa qoraan iddoo aarsaa irratti bobaʼaa jiru irra tarree haa naqu.
سپس، آن شخص حیوان قربانی شده را قطعه‌قطعه کند و کاهنان این قطعه‌ها را با سر و چربی آن روی هیزم مذبح بگذارند.
13 Innis miʼa garaatii fi miilla qalma sanaa bishaaniin haa dhiqu; lubichi immoo hunda isaa fidee iddoo aarsaa irratti haa gubu. Kunis aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼaatuu fi kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu dha.
آن شخص باید دل و روده و پاچه‌های گوسفند یا بز را با آب بشوید. سپس کاهنان همهٔ آنها را روی آتش مذبح بسوزانند. این قربانی سوختنی، هدیه‌ای مخصوص و خوشبو برای خداوند خواهد بود.
14 “‘Yoo aarsaan Waaqayyoof dhiʼaatu sun qalma gubamu kan simbirrootaa taʼe namichi sun gugee yookaan gugee sookkee haa dhiʼeessu.
«اگر کسی می‌خواهد برای قربانی سوختنی پرنده برای خداوند قربانی کند، آن پرنده باید قمری یا جوجه کبوتر باشد.
15 Lubichi sun gara iddoo aarsaatti haa fidu; mataa isaas micciiree irraa haa kutu; ergasii immoo iddoo aarsaa irratti haa gubu; dhiigni isaa immoo iddoo aarsaa cinatti haa coccobu.
کاهن، پرنده را بگیرد و جلوی مذبح سرش را بپیچاند و آن را بر مذبح بسوزاند. اما اول باید خونش را بر پهلوی مذبح بچلاند.
16 Miʼa garaa isaa baallee isaa wajjin baasee karaa baʼa biiftuutiin iddoo aarsaa cinatti lafa daaraan jirutti haa gatu.
چینه‌دان و محتویات داخل شکمش را درآورد و آنها را در طرف شرق مذبح در جایی که خاکستر مذبح ریخته می‌شود بیندازد.
17 Karaa qoochoo isaatiin haa baqaqsu; garuu guutumaan guutuutti gargar hin baasin; ergasii lubichi iddoo aarsaa irratti qoraan bobaʼaa jiru irratti haa gubu. Kunis aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼaatuu fi kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu dha.
سپس بالهای پرنده را گرفته، آن را از وسط پاره کند بدون اینکه پرنده دو تکه شود. آنگاه کاهن آن را روی هیزم مذبح بسوزاند. این قربانی سوختنی، هدیه‌ای مخصوص و خوشبو برای خداوند خواهد بود.

< Lewwota 1 >