< Faaruu 1 >

1 Magaalaan dur namaan guutamtee turte sun akkamitti ontee hafte! Isheen yeroo tokko saboota gidduutti guddoo turte akkamitti akka haadha hiyyeessaa taate! Isheen kutaalee biyyaa gidduutti mootii turte sun amma garbittii taateerti.
Taukiri e! noho mokemoke ana te pa i ki nei i te tangata! Ano tona rite he pouaru! kua waiho hei hoatu takoha te mea i nui nei i roto i nga iwi, te rangatira i roto i nga kawanatanga!
2 Isheen halkan halkan hiqqifattee boossi; maddii ishee irra imimmaantu yaaʼa. Michoota ishee hunda keessaa kan ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru. Michoonni ishee hundinuu ishee gananiiru; isaan diinota ishee taʼaniiru.
Nui atu tana tangi i te po, a kei ona paparinga ona roimata: i roto i te hunga katoa i aroha ki a ia, kahore he kaiwhakamarie mona; kua tinihanga ona hoa ki a ia, kua meinga ratou hei hoariri mona.
3 Rakkinaa fi cunqurfama guddaa booddee Yihuudaan boojiʼamtee fudhatamteerti. Isheen saboota gidduu jiraatti, lafa itti boqottu illee hin arganne. Warri ishee ariʼan hundi rakkina ishee keessatti ishee qabatan.
Kua haere a Hura ki te whakarau, he tangi hoki, he whakamahinga nui; kei te noho ia i roto i nga tauiwi, kahore e kitea e ia he tanga manawa: kua hopukia ia e ona kaiwhai katoa i roto i nga wahi kuiti.
4 Daandiiwwan Xiyoon ni booʼu; namni ayyaana ishee kan murteeffame kabajuuf dhufu tokko iyyuu hin jiruutii. Karrawwan ishee hundi onanii jiru; luboonni ishee ni aadu; shamarran ishee ni gaddu, isheenis dhiphina guddaa keessa jirti.
Kei te tangi nga ara o Hiona, no te mea kahore he tangata e haere mai ana ki te huihuinga nui; kua ururuatia ona kuwaha katoa, e aue ana ana tohunga, ko ana wahine kei te pouri, a ko ia, kei roto ia i te mamae.
5 Amajaajonni ishee gooftota ishee taʼaniiru; diinota isheetti toleera. Sababii cubbuu ishee baayʼee sanaatiif Waaqayyo gadda itti fideera. Ijoolleen ishee fudhatamanii deemaniiru; fuula amajaajota ishee duratti boojiʼamaniiru.
Kua waiho ona hoariri hei upoko, kei te noho humarie ona hoa whawhai; no te mea kua whiua ia e Ihowa mo ona he maha: kua riro ana tamariki hei parau i te aroaro o te hoariri.
6 Intala Xiyoon irraa miidhaginni hundi fudhatameera. Ilmaan mootota ishee akkuma gadamsa lafa dheedaa dhabee taʼaniiru; isaan dadhabbiidhaan fuula warra isaan ariʼanii dura baqatan.
Kua wehe atu i te tamahine a Hiona tona nui katoa: kua rite ona rangatira ki nga hata kihai i pono ki te wahi kai, haere kahakore ana ratou i te aroaro o te kaiwhai.
7 Baroota rakkinaa fi asii achi jooruu ishee keessa Yerusaalem qabeenya bara durii kan ishee ture hunda ni yaadatti. Yeroo namoonni ishee harka diinaa seenanitti namni ishee gargaaru tokko iyyuu hin turre. Diinonni ishee ishee ilaalanii badiisa isheetti kolfan.
E mahara ana a Hiruharama i nga ra o tona tangi, o ona wherutanga, ki ana mea ahuareka katoa o nga ra o mua: i te takanga o tona iwi ki roto ki te ringa o te hoariri, a kahore he kaiawhina mona, ka kite nga hoariri i a ia, ka kata ki ona mutunga.
8 Yerusaalem akka malee cubbuu hojjette; akkasiinis xuroofte. Warri ulfina kennaniifii turan hundi ishee tuffatan; isaan qullaatti hafuu ishee arganiiruutii; isheen mataan ishee guungumtee of irra garagalti.
Nui atu te hara o Hiruharama; na reira ia i meinga ai, ano hei mea poke: ko te hunga katoa i whakahonore i a ia, whakahawea ana ki a ia, no te mea kua kite ratou i tona tahangatanga: ae ra, kei te aue ia, kei te hoki ki muri.
9 Xuraaʼummaan ishee wandaboo isheetti maxxane; isheen waan gara duraatti itti dhufu hin yaadne; kufaatiin ishee nama rifachiisa; kan ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru ture. “Yaa Waaqayyo rakkina koo ilaali; diinni moʼateeraatii!”
Kei ona kurupatu tona poke, kahore ona mahara ki tona whakamutunga; na reira he hanga whakamiharo tona tukunga iho ki raro: kahore he kaiwhakamarie mona: e Ihowa, titiro mai ki toku mate: kua whakahirahira hoki te hoariri i a ia.
10 Qabeenya ishee hundatti diinni harka isaa diriirseera; isheen Namoota Ormaa warra ati akka isaan waldaa kee hin seenne dhowwite sana utuu isaan iddoo ishee qulqulluu seenanuu argite.
Kua wherahia atu te ringa o te hoariri ki runga ki ana mea ahuareka katoa; kua kite nei ia i nga iwi e tomo mai ana ki tona wahi tapu, era i ako ra koe kia kaua ratou e uru ki tau whakaminenga.
11 Namoonni ishee hundinuu utuma aadanuu buddeena barbaaddatu; isaan lubbuu ofii isaanii turfachuuf jecha qabeenya isaanii nyaataan geeddarratu. “Yaa Waaqayyo na ilaali, na yaadadhus; ani tuffatameeraatii.”
Kei te aue tona iwi katoa; kei te rapu taro ratou: e hoatu ana e ratou a ratou mea ahuareka hei utu kai, hei whakahauora ake mo te wairua: titiro mai, e Ihowa, whakaaro mai, kua whakahouhou hoki ahau.
12 “Warra karaa irra dabartan hundi, kun isiniif homaa mitii? Naannoo keessan ilaalaatii argaa. Rakkinni akka rakkina koo kan ani ittiin rakkadhe, kan Waaqayyo guyyaa dheekkamsa isaatti natti fide sanaa jiru tokko iyyuu jiraa?
He kahore noa iho tenei ki a koutou, e koutou e haere nei i te ara? Whakaaro mai, titiro mai, e rite ana ranei tetahi mamae ki toku mamae, e mahia nei moku, ki ta Ihowa nei whiu moku i te ra i mura ai tona riri?
13 “Inni ol gubbaadhaa ibidda erge; ibidda sana lafee koo keessa seensisa. Inni miilla kootiif kiyyoo diriirsee dugda duubatti na deebise; inni kophaatti na hambisee guyyaa guutuu na dadhabsiise.
Kua tukua iho nei e ia i runga, he ahi ki oku wheua, a e wera ana i tera: kua horahia e ia he kupenga mo oku waewae, kua whakahokia ahau ki muri; kua tukua ahau e ia ki te kahore, ki te whakaruhi, a pau noa te ra.
14 “Cubbuun koo waanjootti hidhameera; isaan harka isaatiin walitti foʼaman. Isaan morma kootti rarraafaman; gooftaan humna koo dadhabsiise. Inni warra ani of irraa deebisuu hin dandeenyetti dabarsee na kenneera.
Ko te ioka o oku he herea iho e tona ringa, whiri rawa, kua eke ake ki runga ki toku kaki: kua he i a ia toku kaha, kua tukua ahau e te Ariki ki te ringa tangata, a kahore oku kaha ki te whakatika ake.
15 “Gooftaan gootota na keessatti argaman hunda gateera; inni dargaggoota koo caccabsuuf yaaʼii waammate. Gooftaan iddoo cuunfaa wayinii isaatti Durba Qulqullittii Intala Yihuudaa dhidhiiteera.
Kua kore noa iho i te Ariki oku marohirohi katoa i roto i ahau; kua karangatia e ia he huihui ki ahau hei wawahi i aku taitama: kua takatakahia e te Ariki te tamahine wahine a Hura, ano he takahanga waina.
16 “Wanni ani booʼee iji koo imimmaaniin guutameef kanaa dha. Namni na jajjabeessuuf dhiʼoo jiru tokko iyyuu hin jiru; kan hafuura koo bayyanachiisus hin jiru. Sababii diinni humna argateef ijoolleen koo harka duwwaa hafan.”
Na enei mea ahau i tangi ai: ko toku kanohi, tarere ana te wai o toku kanohi: no te mea kei tawhiti atu i ahau te kaiwhakamarie hei whakahauora ake i toku wairua: ko aku tamariki kei te noho kau noa iho, no te mea kua kaha te hoariri.
17 Xiyoon harka ishee balʼifatteerti; garuu namni ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru. Akka olloonni isaa amajaajota isaa taʼaniif Waaqayyo Yaaqoobitti ajajeera; Yerusaalemis gidduu isaaniitti waan xuraaʼaa taateerti.
Kua wherahia e Hiona ona ringa; kahore he kaiwhakamarie mona; na Ihowa te whakahau mo Hakopa, hei hoariri mona te hunga e karapoti ana i a ia: kua rite a Hiruharama i roto i a ratou ki te wahine e paheke ana.
18 “Waaqayyo qajeelaa dha; taʼus ani ajajawwan isaatti fincileen ture. Yaa saboota, hundi keessan dhagaʼaa; rakkina koos ilaalaa. Dargaggoonnii fi shamarran koo boojiʼamanii fudhatamaniiru.
He tika hoki a Ihowa; i whakakeke hoki ahau ki tana kupu: tena whakarongo mai, e nga iwi katoa, titiro mai hoki ki toku mamae; kua riro aku wahine, aku taitama, i te whakarau.
19 “Ani tumsitoota koo nan waammadhe; isaan garuu na ganan. Luboonni koo fi maanguddoonni koo utuu lubbuu isaanii oolfachuuf nyaata barbaadatanuu magaalaa keessatti dhuman.
I karanga ahau ki te hunga i aroha ki ahau, heoi kei te tinihanga ki ahau; ko oku tohunga, ko oku kaumatua, hemo noa iho ratou i roto i te pa, i a ratou e rapu kai ana ma ratou hei whakahauora ake i o ratou wairua.
20 “Yaa Waaqayyo akka ani dhiphadhe ilaali! Ani keessa kootti dhiphadheera; garaa koo keessatti raafameera; ani nama akka malee fincilun tureetii. Alaa goraadeen nama qala; mana keessa immoo duʼa qofatu jira.
Titiro mai, e Ihowa, he mamae hoki toku, e ohooho ana oku whekau; ko toku ngakau hurikiko ana i roto i ahau: he nui noa atu hoki toku whakakeke: i waho ko te hoari ki te whakamoti, i roto kei te mate te rite.
21 “Namoonni akka ani aadaa jiru dhagaʼaniiru; kan na jajjabeessu garuu hin jiru. Diinonni koo hundinuu rakkina koo dhagaʼaniiru; isaan waan ati gootetti gammadaniiru. Akka isaan akkuma koo taʼaniif maaloo ati guyyaa jette sana fidi.
Kua rongo ratou kei te aue ahau, te ai he kaiwhakamarie moku: kua rongo oku hoariri katoa ki toku matenga, koa ana ratou ki tau i mea ai: ka kawea mai e koe te ra i karangatia e koe, a ka rite ratou ki ahau.
22 “Hamminni isaanii hundinuu fuula kee duratti haa dhiʼaatu; waanuma sababii cubbuu koo hundaatiif natti fidde sana isaanitti illee fidi! Aaduun koo baayʼateeraatii; onneen koos dadhabdeerti.”
Kia tae to ratou kino katoa ki tou aroaro: meatia ano ki a ratou tau i mea mai ai ki ahau mo oku he katoa: ka maha nei hoki oku auetanga; ko toku ngakau whakaruhi rawa.

< Faaruu 1 >