< Faaruu 5 >
1 Yaa Waaqayyo, waan nurra gaʼe yaadadhu; ilaali; salphina keenyas argi.
Ka tuna, ya Ubangiji, abin da ya faru da mu; duba, ka ga kunyar da muka sha.
2 Handhuuraan keenya alagootaaf, manneen keenyas Namoota Ormaatiif dabarfamanii kennamaniiru.
An ba wa baƙi gādonmu, gidajenmu kuma aka ba bare.
3 Nu ijoollee abbaa hin qabne taane; haadhonni keenya immoo haadhota hiyyeessaa taʼaniiru.
Mun zama marayu marasa ubanni, uwayenmu kamar gwauraye.
4 Nu bishaan dhugnuuf kaffaluu qabna turre; qoraan illee bittaa qofaan arganna.
Dole mu sayi ruwan da muke sha; sai mun biya mu sami itace.
5 Warri nu ariʼan koomee keenya bira jiru; nu dadhabneerra; boqonnaas hin qabnu.
Masu fafararmu sun kusa kama mu; mun gaji kuma ba dama mu huta.
6 Nu buddeena gaʼaa argachuuf jennee warra Gibxittii fi warra Asooritti harka kennine;
Mun miƙa kanmu ga Masar da Assuriya don mu sami isashen abinci.
7 Abbootiin keenya cubbuu hojjetanii darban; nu immoo adabbii isaanii baanne.
Kakanninmu sun yi zunubi kuma ba sa nan yanzu, mu ne aka bari muna shan hukuncinsu.
8 Garbootatu nu bulcha; namni harka isaaniitii bilisa nu baasu tokko iyyuu hin jiru.
Bayi suna mulki a kanmu, kuma ba wanda zai’yantar da mu daga hannuwansu.
9 Sababii goraadee gammoojjii jiruutiin lubbuu keenya balaaf saaxillee buddeena arganna.
Muna samun burodi a bakin rayukanmu domin takobin da yake a jeji.
10 Gogaan keenya sababii beelaatiin akkuma badaa ibiddaa hoʼa.
Fatar jikinmu ta yi zafi kamar murhu, muna jin zazzaɓi domin yunwa.
11 Xiyoon keessatti dubartoonni, magaalaawwan Yihuudaa keessattis dubarran qulqulluun humnaan gudeedaman.
An yi wa mata fyaɗe a cikin Sihiyona, da kuma budurwai a cikin garuruwan Yahuda.
12 Ilmaan moototaa harka isaaniitiin fannifamaniiru; maanguddoonni ulfina hin arganne.
An rataye’ya’yan sarakuna da hannuwansu; ba a ba wa dattawa girma.
13 Gaʼeessonni akka midhaan daakan dirqisiifaman; ijoolleen dhiiraa muka baachuun gatantaran.
Samari suna faman yin niƙa; yara kuma suna fama da ƙyar da nauyin kayan itace.
14 Maanguddoonni karra magaalaa duraa deemaniiru; dargaggoonnis weedduu isaanii dhiisaniiru.
Dattawan sun bar ƙofar birnin, samari sun daina rera waƙa.
15 Gammachuun garaa keenya keessaa badeera; shuubbisuun keenyas booʼichatti geeddarameera.
Farin ciki ya rabu da zuciyarmu; rayuwarmu ta zama makoki.
16 Gonfoon mataa keenya irraa buʼeera. Nuuf wayyoo; nu cubbuu hojjenneerraatii!
Rawani ya fāɗi daga kanmu. Kaiton mu gama mun yi zunubi!
17 Sababii waan kanaatiif onneen keenya ni gaggabe; sababii waan kanaatiif immoo iji keenya dadhabe;
Domin wannan zuciyarmu ta yi sanyi; domin waɗannan abubuwa idanunmu sun dushe
18 Tulluun Xiyoon kan onee hafe sun lafa waangoonni irra burraaqan taʼeeraatii.
gama Tudun Sihiyona ya zama kufai, sai diloli ke yawo a wurin.
19 Yaa Waaqayyo, ati bara baraan bulchi; teessoon kees dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.
Ya Ubangiji, kai ne mai iko har abada; kursiyinka ya dawwama cikin dukan zamani.
20 Ati maaliif guutumaan guutuutti nu irraanfatta? Maaliif bara dheeraas nu dhiifta?
Don mene ne kake mantawa da mu koyaushe? Me ya sa ka yashe mu da jimawa?
21 Yaa Waaqayyo, akka nu deebinuuf ofitti nu deebisi; bara keenya illee akkuma duriitti haaromsi.
Ka sāke jawo mu gare ka, ya Ubangiji, don mu komo; ka sabunta kwanakinmu su zama kamar yadda suke a dā
22 Ati yoo guutumaan guutuutti nu gatuu baatte, yoo akka malees nutti dheekkamuu baatte waan kana godhi.
sai dai in ka ƙi mu gaba ɗaya kana fushi da mu fiye da yadda za a iya aunawa.