< Faaruu 5 >
1 Yaa Waaqayyo, waan nurra gaʼe yaadadhu; ilaali; salphina keenyas argi.
耶和華啊,求你記念我們所遭遇的事, 觀看我們所受的凌辱。
2 Handhuuraan keenya alagootaaf, manneen keenyas Namoota Ormaatiif dabarfamanii kennamaniiru.
我們的產業歸與外邦人; 我們的房屋歸與外路人。
3 Nu ijoollee abbaa hin qabne taane; haadhonni keenya immoo haadhota hiyyeessaa taʼaniiru.
我們是無父的孤兒; 我們的母親好像寡婦。
4 Nu bishaan dhugnuuf kaffaluu qabna turre; qoraan illee bittaa qofaan arganna.
我們出錢才得水喝; 我們的柴是人賣給我們的。
5 Warri nu ariʼan koomee keenya bira jiru; nu dadhabneerra; boqonnaas hin qabnu.
追趕我們的,到了我們的頸項上; 我們疲乏不得歇息。
6 Nu buddeena gaʼaa argachuuf jennee warra Gibxittii fi warra Asooritti harka kennine;
我們投降埃及人和亞述人, 為要得糧吃飽。
7 Abbootiin keenya cubbuu hojjetanii darban; nu immoo adabbii isaanii baanne.
我們列祖犯罪,而今不在了; 我們擔當他們的罪孽。
8 Garbootatu nu bulcha; namni harka isaaniitii bilisa nu baasu tokko iyyuu hin jiru.
奴僕轄制我們, 無人救我們脫離他們的手。
9 Sababii goraadee gammoojjii jiruutiin lubbuu keenya balaaf saaxillee buddeena arganna.
因為曠野的刀劍, 我們冒着險才得糧食。
10 Gogaan keenya sababii beelaatiin akkuma badaa ibiddaa hoʼa.
因飢餓燥熱, 我們的皮膚就黑如爐。
11 Xiyoon keessatti dubartoonni, magaalaawwan Yihuudaa keessattis dubarran qulqulluun humnaan gudeedaman.
敵人在錫安玷污婦人, 在猶大的城邑玷污處女。
12 Ilmaan moototaa harka isaaniitiin fannifamaniiru; maanguddoonni ulfina hin arganne.
他們吊起首領的手, 也不尊敬老人的面。
13 Gaʼeessonni akka midhaan daakan dirqisiifaman; ijoolleen dhiiraa muka baachuun gatantaran.
少年人扛磨石, 孩童背木柴,都絆跌了。
14 Maanguddoonni karra magaalaa duraa deemaniiru; dargaggoonnis weedduu isaanii dhiisaniiru.
老年人在城門口斷絕; 少年人不再作樂。
15 Gammachuun garaa keenya keessaa badeera; shuubbisuun keenyas booʼichatti geeddarameera.
我們心中的快樂止息, 跳舞變為悲哀。
16 Gonfoon mataa keenya irraa buʼeera. Nuuf wayyoo; nu cubbuu hojjenneerraatii!
冠冕從我們的頭上落下; 我們犯罪了,我們有禍了!
17 Sababii waan kanaatiif onneen keenya ni gaggabe; sababii waan kanaatiif immoo iji keenya dadhabe;
這些事我們心裏發昏, 我們的眼睛昏花。
18 Tulluun Xiyoon kan onee hafe sun lafa waangoonni irra burraaqan taʼeeraatii.
錫安山荒涼, 野狗行在其上。
19 Yaa Waaqayyo, ati bara baraan bulchi; teessoon kees dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.
耶和華啊,你存到永遠; 你的寶座存到萬代。
20 Ati maaliif guutumaan guutuutti nu irraanfatta? Maaliif bara dheeraas nu dhiifta?
你為何永遠忘記我們? 為何許久離棄我們?
21 Yaa Waaqayyo, akka nu deebinuuf ofitti nu deebisi; bara keenya illee akkuma duriitti haaromsi.
耶和華啊,求你使我們向你回轉, 我們便得回轉。 求你復新我們的日子,像古時一樣。
22 Ati yoo guutumaan guutuutti nu gatuu baatte, yoo akka malees nutti dheekkamuu baatte waan kana godhi.
你竟全然棄絕我們, 向我們大發烈怒?