< Faaruu 3 >
1 Namni ulee dheekkamsa isaatiin rakkina arge anaa dha.
I am the man who hath seen affliction by the rod of his wrath.
2 Inni fuula isaa duraa na ariʼee akka ani qooda ifaa dukkana keessa deemu na godhe;
Me hath he driven out, and led into darkness, but not into light.
3 dhugumaan inni guyyaa guutuu, ammumaa amma harka isaa natti deebise.
Surely against me doth he turn again and again his hand all the day.
4 Inni foon kootii fi gogaa koo dulloomseera; lafee koo illee caccabseera.
He hath caused my flesh and my skin to wear out, he hath broken my bones.
5 Inni na marsee hadhaaʼummaa fi gidiraa natti naannesseera.
He hath built around me, and encompassed me with poison and hardship.
6 Akkuma warra dur dhumanii akka ani dukkana keessa jiraadhu na godhe.
In dark places hath he set me to dwell, like the dead of olden times.
7 Inni akka ani hin miliqneef dallaa natti ijaare; foncaa ulfaatus natti feʼe.
He hath placed a fence round about me, that I cannot get out; he hath made heavy my chain.
8 Yommuu ani waammadhu yookaan gargaarsaaf iyyadhutti illee inni kadhannaa koo dhagaʼuu dida.
Also when I cry aloud and make entreaty, he shutteth out my prayer.
9 Karaa koo dhagaa soofameen cufe; daandii koo illee ni jalʼisa.
He hath fenced up my ways with hewn stone, my paths hath he made crooked.
10 Inni akkuma amaaketa riphee waa eeggatuu, akkuma leenca dhokatee jiruu
A bear lying in wait is he to me, a lion in secret places.
11 daandii irraa na harkisee na ciccire; kophaatti na gate.
On my ways hath he placed thorns, and torn me in pieces: he hath made me desolate.
12 Inni iddaa isaa luqqifatee xiyya isaa natti qabe.
He hath bent his bow, and placed me as a mark for the arrow.
13 Korojoo isaa keessaa xiyya baasee onnee koo waraane.
He hath caused to enter into my reins the children of his quiver.
14 Ani saba koo hundaaf waan kolfaa nan taʼe; isaan guyyaa guutuu faaruudhaan natti qoosu.
I am become a laughing-stock to all my people, their [jeering] song all the day.
15 Inni waan hadhaaʼaa na nyaachise; hadhooftuu illee na quubse.
He hath sated me with bitter things, he hath made me drunken with wormwood.
16 Inni dhagaadhaan ilkaan koo cabse; awwaara keessattis na dhidhiite.
He hath also broken my teeth with gravel-stones, he hath covered me with ashes.
17 Ani nagaa nan dhabe; gammachuun maal akka taʼes nan irraanfadhe.
And my soul hath given up all thoughts of peace: I forget happiness.
18 Kanaafuu ani “Ulfinni koo, abdiin ani Waaqayyo irraa qabu hundinuu badeera” nan jedhe.
And I said, Lost is my strength, my expectation also from the Lord.
19 Ani rakkinaa fi asii achi jooruu koo, hadhaaʼummaa fi hadhooftuus nan yaadadha.
Remembering my affliction and [the cause of] my complaint, wormwood and poison.
20 Lubbuun koo yeroo hunda waan kana yaaddi; na keessattis gad of qabdi.
Remembering [this] continually my soul is bowed down deeply within me.
21 Taʼus ani waan kana nan qalbeeffadha; kanaafuu ani abdii qaba.
[Yet] this answer will I give to my heart: therefore will I wait [in confidence].
22 Nu sababii jaalala Waaqayyoo guddaa sanaatiif hin badnu; gara laafinni isaa hin dhumuutii.
It is through the Lord's kindness that we are not consumed, because his mercies have no end;
23 Isaan ganama hunda haaraa dha; amanamummaan kees guddaa dha.
They are new every morning: great is thy faithfulness.
24 Anis, “Waaqayyo qooda koo ti; kanaafuu ani isa nan eeggadha” ofiin nan jedha.
The Lord is my portion, saith my soul, therefore will I wait for him.
25 Waaqayyo warra isa abdataniif, kanneen isa barbaadaniif gaarii dha;
The Lord is good unto those that hope in him, to the soul that seeketh him.
26 Fayyisuu Waaqayyoo calʼisanii eeggachuun gaarii dha.
It is good that one should wait and this in silence for the salvation of the Lord.
27 Yeroo dargaggummaa isaatti waanjoo baachuun namaaf gaarii dha.
It is good for a man that he bear the yoke in his youth;
28 Inni kophaa isaa calʼisee haa taaʼu; Waaqayyo isa baachiseeraatii.
That he sit in solitude and be silent; because He hath laid it upon him;
29 Amma illee abdiin ni jira taʼaatii, inni fuula isaa awwaara keessa haa suuqqatu.
That he put his mouth in the dust; perhaps there still is hope;
30 Inni nama isa dhaʼutti maddii isaa haa qabu; salphinaanis haa guutamu.
That he offer his cheek to him that smiteth him; that he be satisfied with reproach.
31 Gooftaan bara baraan nama hin gatuutii.
For the Lord will not cast off for ever;
32 Inni gadda fidu illee garaa ni laafa; jaalalli isaa kan hin geeddaramne sun guddaadhaatii.
But though he have caused grief, yet will he have mercy according to the abundance of his kindnesses.
33 Inni itti yaadee rakkina yookaan dhiphina sanyii namaatti hin fiduutii.
For he doth not afflict of his own will, and aggrieve the children of men.
34 Yommuu hidhamtoonni biyyattii keessa jiran hundi miilla jalatti dhidhiitaman,
To crush under his feet all the prisoners of the earth,
35 yommuu fuula Waaqa Waan Hundaa Olii duratti mirgi nama tokkoo dhiibamu,
To pervert the justice [due to man] before the face of the Most High.
36 yommuu murtiin qajeelaan dhabamu, Gooftaan waan akkasii hin arguu?
To subvert a man in his contest—should the Lord not see this?
37 Yoo Gooftaan ajajuu baate eenyutu dubbatee waan sana fiixaan baasuu dandaʼa?
Who is he that saith aught, and it cometh to pass, when the Lord hath not ordained it?
38 Wanni hamaanii fi wanni gaariin afaanuma Waaqa Waan Hundaa Oliitii baʼa mitii?
Do not out of the mouth of the Most High come both the evil things and the good?
39 Yoos namni lubbuun jiraatu kam iyyuu maaliif yommuu cubbuu isaatiif adabamutti guunguma ree?
Wherefore should a living man complain? let every man complain because of his sins.
40 Kottaa nu daandii keenya qorree haa ilaallu; gara Waaqayyoottis haa deebinu.
Let us search through and investigate our ways, and let us return to the Lord.
41 Nu onnee keenyaa fi harka keenya gara Waaqa samii keessa jiruutti ol qabnee akkana haa jennu:
Let us lift up our heart with our hands unto God in the heavens.
42 “Nu cubbuu hojjenneerra; fincilleerras; atis nuuf hin dhiifne.
We have indeed transgressed and rebelled: thou hast truly not pardoned.
43 “Ati dheekkamsaan of haguugdee nu ariite; gara laafina malees nu fixxe.
Thou hast covered [us] with thy anger, and made pursuit after us: thou hast slain, thou hast not pitied.
44 Akka kadhannaan tokko iyyuu gara kee hin dhufneef ati duumessaan of haguugde.
Thou hast covered thyself with a cloud, that no prayer should pass through.
45 Ati saboota gidduutti xurii fi kosii nu goote.
As something loathsome and rejected hast thou rendered us in the midst of the people.
46 “Diinonni keenya hundinuu, afaan nutti banataniiru.
Wide have all our enemies opened against us their mouth.
47 Sodaa fi kiyyoon, diigamuu fi badiisni nutti dhufeera.”
Terror and a snare are come upon us, [with] desolation and breaches.
48 Sababii uummanni koo barbadaaʼeef lolaan imimmaanii ija koo keessaa yaaʼa.
With streams of water runneth my eye down, because of the breach of the daughter of my people.
49 Iji koo boqonnaa malee utuu gargar hin kutin imimmaan lolaasa;
My eye trickleth down, and resteth not, without any intermission,
50 kunis hamma Waaqayyo ol samiidhaa gad ilaalee argutti.
Till the Lord look down, and behold from heaven.
51 Sababii dubartoota magaalaa koo hundaatiif wanni ani argu lubbuu koo gaddisiisa.
My eye affecteth my soul because of all the daughters of my city.
52 Warri sababii malee diina natti taʼan akkuma simbiraa na adamsan.
Those who are my enemies, without a cause, have chased me about like a bird.
53 Isaan lubbuu koo boolla keessatti galaafatanii dhagaa natti garagalchuu yaalan;
They have shut up in the dungeon my life, and have cast stones upon me.
54 bishaan mataa koo irra gara gale; anis, “Baduu koo ti” nan jedhe.
Waters streamed over my head: I said, I am cut off.
55 Yaa Waaqayyo, ani boolla qilee keessaa maqaa kee nan waammadha.
I called on thy name, O Lord, out of the dungeon of the lowest depth.
56 Ati kadhannaa koo kan, “Iyya ani gargaarsa barbaachaaf iyyu dhagaʼuu hin didin” jedhu dhageesseerta.
Thou didst hear my voice: hide not thy ear to give me enlargement at my cry.
57 Yeroo ani si waammadhetti ati natti dhiʼaattee “Hin sodaatin” naan jette.
Thou wast ever near on the day that I called on thee: thou saidst, Fear not.
58 Yaa gooftaa ati dubbii koo naa falmite; lubbuu koos ni baraarte.
Thou didst plead, O Lord, the causes of my soul: thou didst [before this] redeem my life.
59 Yaa Waaqayyo, ati daba natti hojjetame argiteerta; dubbii koo naa ilaali!
Thou hast [now] seen, O Lord, the wrong I suffer: judge thou my cause.
60 Ati haaloo baʼuu isaaniitii fi natti malachuu isaanii hundas argiteerta.
Thou hast seen all their vengeance, all their plans against me.
61 Yaa Waaqayyo, ati arraba isaaniitii fi natti malachuu isaanii hunda dhageesseerta;
Thou hast heard their reviling, O Lord, all their plans against me,
62 kunis arraba warra natti kaʼaniitii fi waan isaan guyyaa guutuu waaʼee koo hasaasanii dha.
The speeches of these that rise up against me, and their device against me all the day.
63 Ati isaan ilaali! Isaan taaʼanii yookaan dhadhaabatanii weedduu isaaniitiin natti qoosu.
Oh look upon their sitting down, and their rising up: I am their [jeering] song.
64 Yaa Waaqayyo, waan isaaniif malu akkuma hojii harka isaaniitti deebisii kenniif.
Render unto them a recompense, O Lord, according to the work of their hands.
65 Onnee isaanii haguugi; abaarsi kees isaan irra haa buʼu!
Give them confusion of heart, thy curse he upon them.
66 Samiiwwan Waaqayyoo jalaa dheekkamsaan isaan ariʼii isaan balleessis.
Pursue them in anger and destroy from under the heavens of the Lord.