< Faaruu 2 >

1 Gooftaan akkamitti duumessa dheekkamsa isaatiin intala Xiyoon haguuge! Inni ulfina Israaʼel samiidhaa lafatti gad daddarbateera; inni guyyaa dheekkamsa isaatti ejjeta miilla isaa hin yaadanne.
Bwana amemfunika binti wa Sayuni chini ya wingu la hasira yake. Ametupa utukufu wa Israeli chini kutoka mbinguni hadi duniani. Hajakumba stuli yake ya miguu siku ya hasira yake.
2 Gooftaan gara laafina tokko malee iddoo jireenya Yaaqoob hunda liqimseera; daʼannoo intala Yihuudaas dheekkamsa isaatiin diige. Inni mootummaa isheetii fi bulchitoota ishee salphisee lafatti gad deebise.
Bwana amemeza na hajawa na huruma kwa miji yote ya Yakobo. Siku za hasira zake ameangusha miji imara ya binti wa Yuda; kwa aibu ameshusha chini ufalme na watala wake.
3 Inni dheekkamsa sodaachisaadhaan gaanfa Israaʼel hunda caccabse. Yommuu diinni dhiʼaatettis harka isaa mirgaa duubatti deebifate. Inni akkuma arraba ibiddaa kan waan naannoo isaa jiru gubu sanaa Yaaqoob keessatti bobaʼe.
Kwa hasira kali amekata kila pembe ya Israeli. Ameurudisha mkono wake kutoka kwa adui. Amechoma Yakobo kama moto mkali unao teketeza kila kitu karibu yake.
4 Inni akkuma diinaatti iddaa isaa dabsate; harki isaa mirgaa qophaaʼeera. Warra ijatti bareedan hunda akkuma amajaajiitti qale; dunkaana intala Xiyoonitti dheekkamsa isaa akkuma ibiddaa roobse.
Kama adui amepindisha upinde wake kuelekea kwetu, na wakulia wake yupo tayari kushambulia. Amewachinja wote walio kuwa wanampendeza katika hema la binti wa Sayuni; Amemwaga gadhabu yake kama moto
5 Gooftaan akkuma diinaa taʼe; inni Israaʼelin liqimseera. Inni masaraawwan ishee hunda liqimsee daʼannoo ishee jabaa illee diigeera. Inni Intala Yihuudaatti booʼichaa fi faaruu booʼichaa baayʼiseera.
Bwana amekuwa kama adui. Amemeza Israeli. Amemeza majumba yake yote. Ameharibu ngome zake. Ameongeza kilio na maombolezo kati ya mabinti wa Yuda.
6 Inni lafa jireenya isaa akkuma iddoo biqiltuu onseera; iddoo wal gaʼii isaas balleesseera. Waaqayyo akka Xiyoon ayyaana ishee kan murtaaʼee fi Sanbatoota ishee irraanfattu godheera; inni dheekkamsa isaa sodaachisaa sanaan moototaa fi luboota akka malee tuffate.
Ameshambulia hema lake la kukutania kama kajumba cha bustani. Ameharibu sehemu ya kukusanyikia. Yahweh amesababisha kukusanyika na Sabato kusahaulika Sayuni, kwa kuwa amemdharau mfalme na kuhani katika ukali wa hasira yake.
7 Gooftaan iddoo aarsaa isaa tuffateera; iddoo qulqulluu isaa illee dhiiseera. Dallaawwan masaraawwan ishee dabarsee harka diinotaatti kenneera; isaan akkuma guyyaa ayyaana murteeffameetti mana Waaqayyoo keessatti sagalee ol fudhatanii iyyan.
Bwana amekataa madhabahu yake na kukana sehemu yake takatifu. Ametoa kuta za majumba mikononi mwa adui. Wamepaza sauti nyumbani mwa Yahweh, kama siku ya sherehe.
8 Waaqayyo dallaa naannoo Intala Xiyoon jiru diiguuf murteesseera. Inni safartuu diriirseera; barbadeessuu irraas harka isaa hin deebifanne. Akka dallaan eegumsaatii fi keenyan faarsanii booʼan godhe; isaanis tokkummaadhaan badan.
Yahweh aliamua kuharibu ukuta wa mji wa binti wa Sayuni. Amenyoosha kamba ya kipimo na hajauzuia mkono wake kutoharibu ukuta. Amefanya minara na ukuta kuomboleza; pamoja vilipotea.
9 Karrawwan ishee lafa keessa dhidhimaniiru; inni danqaraawwan sibiila ishee caccabsee balleesseera. Mootiin isheetii fi ilmaan mootota ishee boojiʼamanii saboota gidduu bibittinnaaʼaniiru; seerri siʼachi hin jiraatu; raajonni ishees siʼachi Waaqayyo biraa mulʼata hin argan.
Malango yake yameanguka chini, ameharibu na kuvunja chuma za ukuta. Mfalme wake na watoto wa mfalme wapo miongoni mwa mataifa, sheria haipo tena na manabii wake hawapati maono kutoka kwa Yahweh.
10 Maanguddoonni Intala Xiyoon calʼisanii lafa tataaʼan; isaan daaraa mataatti firfirfatanii uffata gaddaas uffatan. Shamarran Yerusaalem mataa isaanii gad qabatan.
Wazee wa binti wa Sayuni wameketi chini na ukimya. Wamerusha vumbi kichwani mwao na kuvaa magunia. Mabikra wa Yerusalemu wameinamisha vichwa vyao chini.
11 Iji koo booʼichaan dadhabeera; keessa kootti dhiphadheera; sababii sabni koo dhumeef sababii ijoollee fi daaʼimman daandiiwwan magaalaa irratti gaggabaniif garaan koo gaddaan laafeera.
Macho yangu yamekaukiwa machozi yake; tumbo langu la nguruma; sehemu zangu za ndani zimemwagika chini kwasababu ya uharibifu wa binti wa watu wangu, watoto na wachanga wamezimia mitaani mwa mji.
12 Isaan yommuu daandiiwwan magaalaa irratti akkuma namoota madaaʼaniitti gaggabanitti, yommuu lubbuun isaanii hammuu haadha isaanii irratti baʼuuf jirtutti “Buddeennii fi daadhiin wayinii eessaa jiru?” jedhanii haadhota isaanii gaafatu.
Wanasema kwa mama zao, “Mbegu ziko wapi na mvinyo?” kama wanavyo zimia kama mtu aliye jeruhiwa mitaani mwa mji, maisha yao yamemwaga kwenye kifua cha mama zao.
13 Yaa intala Yerusaalem, ani maal siif jechuun dandaʼa? Maaliinan wal si qixxeessa? Yaa Intala Xiyoon durba qulqullittii ani akkan si jajjabeessuuf maalittin si fakkeessuu dandaʼa? Madaan kee akkuma galaanaa gad fagoo dha. Eenyutu si fayyisuu dandaʼa?
Nini naeza kusema kwako, binti wa Yerusalemu? Naweza kufananisha na nini, ili ni kufariji, binti bikra wa Sayuni? Jera lako ni kubwa kama bahari. Nani anaweza kukuponya?
14 Mulʼanni raajota keetii sobaa fi kan faayidaa hin qabnee dha; isaan boojiʼamuu kee hambisuuf cubbuu kee ifa hin baafne. Raajiin isaan siif kennanis sobaa fi kan karaa irraa nama balleessuu dha.
Manabii wako wameona uongo na maono batili kwa ajili yako. Hawaja weka wazi dhambi zako kurejesha mali zako, lakini kwako wametoa matamko ya uongo na ya kupotosha.
15 Warri karaa keetiin darban hundinuu harka isaanii sitti rurrukutu; isaanis intala Yerusaalemitti qoosuu fi mataa raasuudhaan, “Magaalaan muummee miidhaginaa gammachuu guutuu lafaa jedhamtee waamamte sun kanaa?” jedhu.
Wote wanao pita pembeni mwa barabara wana piga makofi kwako. Wanaguna na kutikisa vichwa vyao dhidi ya binti wa Yerusalemu na kusema, “Huu ndio mji walio uita 'Ukamilifu wa uzuri,' 'Furaha ya Dunia Yote'?”
16 Diinonni kee hundinuu afaan isaanii sitti banatu; isaan qoosuu fi ilkaan isaanii qaruudhaan “Nu ishee liqimsineerra. Guyyaan nu eeggachaa turre sun kanaa dha; nu waan kana arguuf jiraanneerra” jedhu.
Maadui zako wote walifungua vinywa vyao na kukudhihaki. Walizomea na kusaga meno na kusema, “Tumemmeza yeye! Hii ni siku tulio subiri! Tumeishi kuweza kuiona!”
17 Waaqayyo waan karoorfate hojjeteera; dubbii isaa kan bara dheeraan dura dubbate sana guuttateera. Inni gara laafina tokko malee si garagalcheera; akka diinni kee sitti gammadu godheera; gaanfa amajaajii keetii ol ol qabeera.
Yahweh amefanya alivyo panga kufanya. Ametimiza neno lake. Amekupindua bila huruma, kwa kuwa amemruhusu adui kukusherehekea; amenyanyua pembe za maadui zako.
18 Onneen namootaa gara Gooftaatti iyya. Yaa dallaa Intala Xiyoon halkanii guyyaa imimmaan kee akka lagaa haa yaaʼu; boqonnaa tokko illee ofii keetiif hin kennin; iji kees hin boqotin.
Mioyo yao ikamlilia Bwana, kuta za binti wa Sayuni! Fanya machozi yako kutiririka chini kama mto usiku na mchana. Usijipatie hauweni, macho yako bila hauweni.
19 Yommuu eegumsi halkanii jalqabutti kaʼiitii halkaniin iyyi; fuula Gooftaa duratti onnee kee akka bishaanii dhangalaasi. Lubbuu ijoollee keetii kanneen fiixee daandii hundaatti beelaan gaggabaniitiif jedhiitii harka kee gara isaatti ol qabadhu.
Nyanyuka, lia usiku, mwanzo usiku wa manane! Mwaga moyo wako kama maji mbele za uso wa Bwana. Nyoosha juu mikono yako kwa ajili ya uzima wa watoto wako wanao zimia kwa njaa kwenye njia ya kila mtaa.
20 “Yaa Waaqayyo, ati ilaali; argis: Ati takkumaa eenyu irratti waan akkasii gootee beekta? Haadhonni daaʼimman isaanii, ijoollee kunuunsanii guddisan nyaachuu qabuu? Lubnii fi raajiin, iddoo qulqulluu kan Gooftaa keessatti ajjeefamuu qabuu?
Ona, Yahweh, na ukumbuke hao ulio watende haya. Wanawake wale tunda la uzazi wao, watoto walio wajali? Makuhani na manabii wa chinjwe sehemu takatifu ya Bwana?
21 “Dargaggoonnii fi maanguddoonni, walii wajjin awwaara karaa irra ciisu; dargaggoonnii fi shamarran koo goraadeedhaan ajjeefamaniiru. Ati gaafa dheekkamsa keetiitti isaan fixxe; gara laafina tokko malee isaan qalte.
Wote wadogo kwa wakubwa wana keti kwenye udongo wa mitaa. Wanawake wangu wadogo na wanaume wangu wadogo wameanguaka kwa upanga; umewachinja pasipo kuwa hurumia.
22 “Ati akkuma guyyaa ayyaana murteeffameetti nama waamtutti qixa hundaanuu sodaa natti waamte. Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti, homaa hin miliqne yookaan hin hafne; warra ani daʼee guddise diinni koo na jalaa balleesseera.”
Umeitisha, kama ungewaita watu katika siku ya maakuli, hofu yangu kila sehemu, katika siku ya hasira ya Yahweh hakuna aliye toroka; hao niliyo wajali na kuwakuza, adui wangu amewaharibu.

< Faaruu 2 >