< Faaruu 2 >

1 Gooftaan akkamitti duumessa dheekkamsa isaatiin intala Xiyoon haguuge! Inni ulfina Israaʼel samiidhaa lafatti gad daddarbateera; inni guyyaa dheekkamsa isaatti ejjeta miilla isaa hin yaadanne.
How the Lord has covered the Daughter of Zion with the cloud of His anger! He has cast the glory of Israel from heaven to earth. He has abandoned His footstool in the day of His anger.
2 Gooftaan gara laafina tokko malee iddoo jireenya Yaaqoob hunda liqimseera; daʼannoo intala Yihuudaas dheekkamsa isaatiin diige. Inni mootummaa isheetii fi bulchitoota ishee salphisee lafatti gad deebise.
Without pity the Lord has swallowed up all the dwellings of Jacob. In His wrath He has demolished the fortified cities of the Daughter of Judah. He brought to the ground and defiled her kingdom and its princes.
3 Inni dheekkamsa sodaachisaadhaan gaanfa Israaʼel hunda caccabse. Yommuu diinni dhiʼaatettis harka isaa mirgaa duubatti deebifate. Inni akkuma arraba ibiddaa kan waan naannoo isaa jiru gubu sanaa Yaaqoob keessatti bobaʼe.
In fierce anger He has cut off every horn of Israel and withdrawn His right hand at the approach of the enemy. He has burned in Jacob like a flaming fire that consumes everything around it.
4 Inni akkuma diinaatti iddaa isaa dabsate; harki isaa mirgaa qophaaʼeera. Warra ijatti bareedan hunda akkuma amajaajiitti qale; dunkaana intala Xiyoonitti dheekkamsa isaa akkuma ibiddaa roobse.
He has bent His bow like an enemy; His right hand is positioned. Like a foe He has killed all who were pleasing to the eye; He has poured out His wrath like fire on the tent of the Daughter of Zion.
5 Gooftaan akkuma diinaa taʼe; inni Israaʼelin liqimseera. Inni masaraawwan ishee hunda liqimsee daʼannoo ishee jabaa illee diigeera. Inni Intala Yihuudaatti booʼichaa fi faaruu booʼichaa baayʼiseera.
The Lord is like an enemy; He has swallowed up Israel. He has swallowed up all her palaces and destroyed her strongholds. He has multiplied mourning and lamentation for the Daughter of Judah.
6 Inni lafa jireenya isaa akkuma iddoo biqiltuu onseera; iddoo wal gaʼii isaas balleesseera. Waaqayyo akka Xiyoon ayyaana ishee kan murtaaʼee fi Sanbatoota ishee irraanfattu godheera; inni dheekkamsa isaa sodaachisaa sanaan moototaa fi luboota akka malee tuffate.
He has laid waste His tabernacle like a garden booth; He has destroyed His place of meeting. The LORD has made Zion forget her appointed feasts and Sabbaths. In His fierce anger He has despised both king and priest.
7 Gooftaan iddoo aarsaa isaa tuffateera; iddoo qulqulluu isaa illee dhiiseera. Dallaawwan masaraawwan ishee dabarsee harka diinotaatti kenneera; isaan akkuma guyyaa ayyaana murteeffameetti mana Waaqayyoo keessatti sagalee ol fudhatanii iyyan.
The Lord has rejected His altar; He has abandoned His sanctuary; He has delivered the walls of her palaces into the hand of the enemy. They have raised a shout in the house of the LORD as on the day of an appointed feast.
8 Waaqayyo dallaa naannoo Intala Xiyoon jiru diiguuf murteesseera. Inni safartuu diriirseera; barbadeessuu irraas harka isaa hin deebifanne. Akka dallaan eegumsaatii fi keenyan faarsanii booʼan godhe; isaanis tokkummaadhaan badan.
The LORD determined to destroy the wall of the Daughter of Zion. He stretched out a measuring line and did not withdraw His hand from destroying. He made the ramparts and walls lament; together they waste away.
9 Karrawwan ishee lafa keessa dhidhimaniiru; inni danqaraawwan sibiila ishee caccabsee balleesseera. Mootiin isheetii fi ilmaan mootota ishee boojiʼamanii saboota gidduu bibittinnaaʼaniiru; seerri siʼachi hin jiraatu; raajonni ishees siʼachi Waaqayyo biraa mulʼata hin argan.
Her gates have sunk into the ground; He has destroyed and shattered their bars. Her king and her princes are exiled among the nations, the law is no more, and even her prophets find no vision from the LORD.
10 Maanguddoonni Intala Xiyoon calʼisanii lafa tataaʼan; isaan daaraa mataatti firfirfatanii uffata gaddaas uffatan. Shamarran Yerusaalem mataa isaanii gad qabatan.
The elders of the Daughter of Zion sit on the ground in silence. They have thrown dust on their heads and put on sackcloth. The young women of Jerusalem have bowed their heads to the ground.
11 Iji koo booʼichaan dadhabeera; keessa kootti dhiphadheera; sababii sabni koo dhumeef sababii ijoollee fi daaʼimman daandiiwwan magaalaa irratti gaggabaniif garaan koo gaddaan laafeera.
My eyes fail from weeping; I am churning within. My heart is poured out in grief over the destruction of the daughter of my people, because children and infants faint in the streets of the city.
12 Isaan yommuu daandiiwwan magaalaa irratti akkuma namoota madaaʼaniitti gaggabanitti, yommuu lubbuun isaanii hammuu haadha isaanii irratti baʼuuf jirtutti “Buddeennii fi daadhiin wayinii eessaa jiru?” jedhanii haadhota isaanii gaafatu.
They cry out to their mothers: “Where is the grain and wine?” as they faint like the wounded in the streets of the city, as their lives fade away in the arms of their mothers.
13 Yaa intala Yerusaalem, ani maal siif jechuun dandaʼa? Maaliinan wal si qixxeessa? Yaa Intala Xiyoon durba qulqullittii ani akkan si jajjabeessuuf maalittin si fakkeessuu dandaʼa? Madaan kee akkuma galaanaa gad fagoo dha. Eenyutu si fayyisuu dandaʼa?
What can I say for you? To what can I compare you, O Daughter of Jerusalem? To what can I liken you, that I may console you, O Virgin Daughter of Zion? For your wound is as deep as the sea. Who can ever heal you?
14 Mulʼanni raajota keetii sobaa fi kan faayidaa hin qabnee dha; isaan boojiʼamuu kee hambisuuf cubbuu kee ifa hin baafne. Raajiin isaan siif kennanis sobaa fi kan karaa irraa nama balleessuu dha.
The visions of your prophets were empty and deceptive; they did not expose your guilt to ward off your captivity. The burdens they envisioned for you were empty and misleading.
15 Warri karaa keetiin darban hundinuu harka isaanii sitti rurrukutu; isaanis intala Yerusaalemitti qoosuu fi mataa raasuudhaan, “Magaalaan muummee miidhaginaa gammachuu guutuu lafaa jedhamtee waamamte sun kanaa?” jedhu.
All who pass by clap their hands at you in scorn. They hiss and shake their heads at the Daughter of Jerusalem: “Is this the city that was called the perfection of beauty, the joy of all the earth?”
16 Diinonni kee hundinuu afaan isaanii sitti banatu; isaan qoosuu fi ilkaan isaanii qaruudhaan “Nu ishee liqimsineerra. Guyyaan nu eeggachaa turre sun kanaa dha; nu waan kana arguuf jiraanneerra” jedhu.
All your enemies open their mouths against you. They hiss and gnash their teeth, saying, “We have swallowed her up. This is the day for which we have waited. We have lived to see it!”
17 Waaqayyo waan karoorfate hojjeteera; dubbii isaa kan bara dheeraan dura dubbate sana guuttateera. Inni gara laafina tokko malee si garagalcheera; akka diinni kee sitti gammadu godheera; gaanfa amajaajii keetii ol ol qabeera.
The LORD has done what He planned; He has accomplished His decree, which He ordained in days of old; He has overthrown you without pity. He has let the enemy gloat over you and exalted the horn of your foes.
18 Onneen namootaa gara Gooftaatti iyya. Yaa dallaa Intala Xiyoon halkanii guyyaa imimmaan kee akka lagaa haa yaaʼu; boqonnaa tokko illee ofii keetiif hin kennin; iji kees hin boqotin.
The hearts of the people cry out to the Lord. O wall of the Daughter of Zion, let your tears run down like a river day and night. Give yourself no relief, and your eyes no rest.
19 Yommuu eegumsi halkanii jalqabutti kaʼiitii halkaniin iyyi; fuula Gooftaa duratti onnee kee akka bishaanii dhangalaasi. Lubbuu ijoollee keetii kanneen fiixee daandii hundaatti beelaan gaggabaniitiif jedhiitii harka kee gara isaatti ol qabadhu.
Arise, cry out in the night from the first watch of the night. Pour out your heart like water in the presence of the Lord. Lift up your hands to Him for the lives of your children who are fainting from hunger on the corner of every street.
20 “Yaa Waaqayyo, ati ilaali; argis: Ati takkumaa eenyu irratti waan akkasii gootee beekta? Haadhonni daaʼimman isaanii, ijoollee kunuunsanii guddisan nyaachuu qabuu? Lubnii fi raajiin, iddoo qulqulluu kan Gooftaa keessatti ajjeefamuu qabuu?
Look, O LORD, and consider: Whom have You ever treated like this? Should women eat their offspring, the infants they have nurtured? Should priests and prophets be killed in the sanctuary of the Lord?
21 “Dargaggoonnii fi maanguddoonni, walii wajjin awwaara karaa irra ciisu; dargaggoonnii fi shamarran koo goraadeedhaan ajjeefamaniiru. Ati gaafa dheekkamsa keetiitti isaan fixxe; gara laafina tokko malee isaan qalte.
Both young and old lie together in the dust of the streets. My young men and maidens have fallen by the sword. You have slain them in the day of Your anger; You have slaughtered them without compassion.
22 “Ati akkuma guyyaa ayyaana murteeffameetti nama waamtutti qixa hundaanuu sodaa natti waamte. Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti, homaa hin miliqne yookaan hin hafne; warra ani daʼee guddise diinni koo na jalaa balleesseera.”
You summoned my attackers on every side, as for the day of an appointed feast. In the day of the LORD’s anger no one escaped or survived; my enemy has destroyed those I nurtured and reared.

< Faaruu 2 >