< Faaruu 1 >

1 Magaalaan dur namaan guutamtee turte sun akkamitti ontee hafte! Isheen yeroo tokko saboota gidduutti guddoo turte akkamitti akka haadha hiyyeessaa taate! Isheen kutaalee biyyaa gidduutti mootii turte sun amma garbittii taateerti.
איכה ישבה בדד העיר רבתי עם--היתה כאלמנה רבתי בגוים שרתי במדינות--היתה למס
2 Isheen halkan halkan hiqqifattee boossi; maddii ishee irra imimmaantu yaaʼa. Michoota ishee hunda keessaa kan ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru. Michoonni ishee hundinuu ishee gananiiru; isaan diinota ishee taʼaniiru.
בכו תבכה בלילה ודמעתה על לחיה--אין לה מנחם מכל אהביה כל רעיה בגדו בה היו לה לאיבים
3 Rakkinaa fi cunqurfama guddaa booddee Yihuudaan boojiʼamtee fudhatamteerti. Isheen saboota gidduu jiraatti, lafa itti boqottu illee hin arganne. Warri ishee ariʼan hundi rakkina ishee keessatti ishee qabatan.
גלתה יהודה מעני ומרב עבדה--היא ישבה בגוים לא מצאה מנוח כל רדפיה השיגוה בין המצרים
4 Daandiiwwan Xiyoon ni booʼu; namni ayyaana ishee kan murteeffame kabajuuf dhufu tokko iyyuu hin jiruutii. Karrawwan ishee hundi onanii jiru; luboonni ishee ni aadu; shamarran ishee ni gaddu, isheenis dhiphina guddaa keessa jirti.
דרכי ציון אבלות מבלי באי מועד--כל שעריה שוממין כהניה נאנחים בתולתיה נוגות והיא מר לה
5 Amajaajonni ishee gooftota ishee taʼaniiru; diinota isheetti toleera. Sababii cubbuu ishee baayʼee sanaatiif Waaqayyo gadda itti fideera. Ijoolleen ishee fudhatamanii deemaniiru; fuula amajaajota ishee duratti boojiʼamaniiru.
היו צריה לראש איביה שלו כי יהוה הוגה על רב פשעיה עולליה הלכו שבי לפני צר
6 Intala Xiyoon irraa miidhaginni hundi fudhatameera. Ilmaan mootota ishee akkuma gadamsa lafa dheedaa dhabee taʼaniiru; isaan dadhabbiidhaan fuula warra isaan ariʼanii dura baqatan.
ויצא מן בת (מבת) ציון כל הדרה היו שריה כאילים לא מצאו מרעה וילכו בלא כח לפני רודף
7 Baroota rakkinaa fi asii achi jooruu ishee keessa Yerusaalem qabeenya bara durii kan ishee ture hunda ni yaadatti. Yeroo namoonni ishee harka diinaa seenanitti namni ishee gargaaru tokko iyyuu hin turre. Diinonni ishee ishee ilaalanii badiisa isheetti kolfan.
זכרה ירושלם ימי עניה ומרודיה--כל מחמדיה אשר היו מימי קדם בנפל עמה ביד צר ואין עוזר לה--ראוה צרים שחקו על משבתה
8 Yerusaalem akka malee cubbuu hojjette; akkasiinis xuroofte. Warri ulfina kennaniifii turan hundi ishee tuffatan; isaan qullaatti hafuu ishee arganiiruutii; isheen mataan ishee guungumtee of irra garagalti.
חטא חטאה ירושלם על כן לנידה היתה כל מכבדיה הזילוה כי ראו ערותה גם היא נאנחה ותשב אחור
9 Xuraaʼummaan ishee wandaboo isheetti maxxane; isheen waan gara duraatti itti dhufu hin yaadne; kufaatiin ishee nama rifachiisa; kan ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru ture. “Yaa Waaqayyo rakkina koo ilaali; diinni moʼateeraatii!”
טמאתה בשוליה לא זכרה אחריתה ותרד פלאים אין מנחם לה ראה יהוה את עניי כי הגדיל אויב
10 Qabeenya ishee hundatti diinni harka isaa diriirseera; isheen Namoota Ormaa warra ati akka isaan waldaa kee hin seenne dhowwite sana utuu isaan iddoo ishee qulqulluu seenanuu argite.
ידו פרש צר על כל מחמדיה כי ראתה גוים באו מקדשה--אשר צויתה לא יבאו בקהל לך
11 Namoonni ishee hundinuu utuma aadanuu buddeena barbaaddatu; isaan lubbuu ofii isaanii turfachuuf jecha qabeenya isaanii nyaataan geeddarratu. “Yaa Waaqayyo na ilaali, na yaadadhus; ani tuffatameeraatii.”
כל עמה נאנחים מבקשים לחם נתנו מחמודיהם (מחמדיהם) באכל להשיב נפש ראה יהוה והביטה כי הייתי זוללה
12 “Warra karaa irra dabartan hundi, kun isiniif homaa mitii? Naannoo keessan ilaalaatii argaa. Rakkinni akka rakkina koo kan ani ittiin rakkadhe, kan Waaqayyo guyyaa dheekkamsa isaatti natti fide sanaa jiru tokko iyyuu jiraa?
לוא אליכם כל עברי דרך--הביטו וראו אם יש מכאוב כמכאבי אשר עולל לי אשר הוגה יהוה ביום חרון אפו
13 “Inni ol gubbaadhaa ibidda erge; ibidda sana lafee koo keessa seensisa. Inni miilla kootiif kiyyoo diriirsee dugda duubatti na deebise; inni kophaatti na hambisee guyyaa guutuu na dadhabsiise.
ממרום שלח אש בעצמתי וירדנה פרש רשת לרגלי השיבני אחור--נתנני שממה כל היום דוה
14 “Cubbuun koo waanjootti hidhameera; isaan harka isaatiin walitti foʼaman. Isaan morma kootti rarraafaman; gooftaan humna koo dadhabsiise. Inni warra ani of irraa deebisuu hin dandeenyetti dabarsee na kenneera.
נשקד על פשעי בידו ישתרגו עלו על צוארי--הכשיל כחי נתנני אדני בידי לא אוכל קום
15 “Gooftaan gootota na keessatti argaman hunda gateera; inni dargaggoota koo caccabsuuf yaaʼii waammate. Gooftaan iddoo cuunfaa wayinii isaatti Durba Qulqullittii Intala Yihuudaa dhidhiiteera.
סלה כל אבירי אדני בקרבי קרא עלי מועד לשבר בחורי גת דרך אדני לבתולת בת יהודה
16 “Wanni ani booʼee iji koo imimmaaniin guutameef kanaa dha. Namni na jajjabeessuuf dhiʼoo jiru tokko iyyuu hin jiru; kan hafuura koo bayyanachiisus hin jiru. Sababii diinni humna argateef ijoolleen koo harka duwwaa hafan.”
על אלה אני בוכיה עיני עיני ירדה מים--כי רחק ממני מנחם משיב נפשי היו בני שוממים כי גבר אויב
17 Xiyoon harka ishee balʼifatteerti; garuu namni ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru. Akka olloonni isaa amajaajota isaa taʼaniif Waaqayyo Yaaqoobitti ajajeera; Yerusaalemis gidduu isaaniitti waan xuraaʼaa taateerti.
פרשה ציון בידיה אין מנחם לה--צוה יהוה ליעקב סביביו צריו היתה ירושלם לנדה ביניהם
18 “Waaqayyo qajeelaa dha; taʼus ani ajajawwan isaatti fincileen ture. Yaa saboota, hundi keessan dhagaʼaa; rakkina koos ilaalaa. Dargaggoonnii fi shamarran koo boojiʼamanii fudhatamaniiru.
צדיק הוא יהוה כי פיהו מריתי שמעו נא כל עמים (העמים) וראו מכאבי--בתולתי ובחורי הלכו בשבי
19 “Ani tumsitoota koo nan waammadhe; isaan garuu na ganan. Luboonni koo fi maanguddoonni koo utuu lubbuu isaanii oolfachuuf nyaata barbaadatanuu magaalaa keessatti dhuman.
קראתי למאהבי המה רמוני כהני וזקני בעיר גועו כי בקשו אכל למו וישיבו את נפשם
20 “Yaa Waaqayyo akka ani dhiphadhe ilaali! Ani keessa kootti dhiphadheera; garaa koo keessatti raafameera; ani nama akka malee fincilun tureetii. Alaa goraadeen nama qala; mana keessa immoo duʼa qofatu jira.
ראה יהוה כי צר לי מעי חמרמרו--נהפך לבי בקרבי כי מרו מריתי מחוץ שכלה חרב בבית כמות
21 “Namoonni akka ani aadaa jiru dhagaʼaniiru; kan na jajjabeessu garuu hin jiru. Diinonni koo hundinuu rakkina koo dhagaʼaniiru; isaan waan ati gootetti gammadaniiru. Akka isaan akkuma koo taʼaniif maaloo ati guyyaa jette sana fidi.
שמעו כי נאנחה אני אין מנחם לי--כל איבי שמעו רעתי ששו כי אתה עשית הבאת יום קראת ויהיו כמני
22 “Hamminni isaanii hundinuu fuula kee duratti haa dhiʼaatu; waanuma sababii cubbuu koo hundaatiif natti fidde sana isaanitti illee fidi! Aaduun koo baayʼateeraatii; onneen koos dadhabdeerti.”
תבא כל רעתם לפניך ועולל למו כאשר עוללת לי על כל פשעי כי רבות אנחתי ולבי דוי

< Faaruu 1 >