< Abbootii Murtii 1 >

1 Erga Iyyaasuun duʼee booddee Israaʼeloonni, “Kanaʼaanota loluudhaaf eenyu dursee nuuf haa baʼu?” jedhanii Waaqayyoon gaafatan.
大與西默盎出征 若蘇厄死後,以色列子民詢問上主說:「我們中誰應首先上去供攻打客納罕人﹖」
2 Waaqayyos, “Yihuudaan dursee haa baʼu; kunoo, ani biyyattii dabarsee harka isaatti kenneera” jedhee deebiseef.
上主說﹕「猶大先上去。看,我已將那地交在他手中。」
3 Namoonni Yihuudaas obboloota isaanii ilmaan Simiʼooniin, “Kottaa gara lafa qooda keenyaatti Kanaʼaanota loluuf wajjin baanaa; nus gama keenyaan gara lafa qooda keessaniitti isin wajjin ni baanaa” jedhan. Kanaafuu namoonni Simiʼoon isaan wajjin baʼan.
猶大遂對自己的兄弟西默盎說﹕「請你同我到我拈龜所得的地方去,與客納罕人作戰,日後我也同你到你拈龜所得的地方去。」西默盎就同他去了。
4 Yommuu Yihuudaan baʼettis Waaqayyo Kanaʼaanotaa fi Feerzota dabarsee harka isaaniitti kenne; isaanis iddoo Bezeq jedhamutti nama kuma kudhan fixan.
猶大上去,上主把客納罕人和培黎齊人交在他們手中,他們在貝則克擊殺了一萬人。
5 Achittis Adoonii-Bezeq arganii isa lolan; Kanaʼaanotaa fi Feerzotas moʼatan.
他們在貝則克又遇上了阿多尼貝則克,與他交戰,擊敗了客納罕人和培黎齊人。
6 Adoonii-Bezeq achii baqate; isaan garuu ariʼanii isa qaban; quba abbuudduu harkaatii fi quba abbuudduu miilla isaa irraa kutan.
阿多尼貝則克逃走,他們在後面追趕,捉住他,割去了他手腳的姆指。
7 Ergasiis Adoonii-Bezeq, “Mootonni qubni abbuudduun harka isaaniitii fi qubni abbuudduun miilla isaanii irraa cirame torbaatamni waan maaddii koo jalatti harcaʼe funaannachaa turan. Amma garuu Waaqni waanuma ani isaanitti hojjedhe naa deebise” jedhe. Isaanis Yerusaalemitti isa fidan; innis achitti duʼe.
阿多尼貝則克說:「七十位王子被割去了手腳的姆指,在我桌下拾取零碎食物;天主照我所行的報復了我。」他們將他帶到耶路撒冷,他就死在那裏。
8 Namoonni Yihuudaa Yerusaalemiinis akkasuma dhaʼanii qabatan. Magaalattiis goraadeedhaan dhaʼanii ibidda itti qabsiisan.
猶大子孫攻打了耶路撒冷,將城佔領,用利劍殺了城中的居民,放火燒了城。
9 Ergasiis namoonni Yihuudaa Kanaʼaanota biyya gaaraa, Negeebii fi gammoojjii karaa lixa biiftuu keessa jiraatan loluudhaaf gad buʼan.
此後,猶大子孫下去與住在山地、南方和平原的客納罕人作戰。
10 Namoota Kanaʼaan kanneen Kebroon ishee dur Kiriyaati Arbaaq jedhamtu keessa jiraatanittis duulanii Sheeshaayiin, Ahiimanii fi Talmaayin moʼatan.
猶大又去攻打住在赫貝龍的客納罕人,─郝貝龍以前名叫克黎雅特阿爾巴─擊敗了舍瑟、阿希曼和塔耳買。
11 Achiis namoota biyya Debiir ishee dur Kiriyaati Seefer jedhamaa turte sana keessa jiraatanitti duulan.
他們從那裏又去攻打住在德彼爾的居民,─德彼爾以前名叫克黎雅特色費爾。
12 Kaalebis, “Ani nama Kiriyaati Seefer lolee qabatutti intala koo Aaksaa nan heerumsiisa” jedhe.
那時加肋布說:「誰能攻打克黎雅特色費爾,將城拿下,我就將我的女兒阿革撒嫁給他為妻。」
13 Obboleessi Kaaleb quxisuun, Otniiʼeel ilmi Qenaz magaalattii qabate; Kaalebis intala isaa Aaksaa isatti heerumsiise.
加肋布的弟弟刻納次的兒子敖特尼耳奪取了那城,加肋布遂把自己的女兒阿革撒嫁給他為妻。
14 Isheenis yeroo gara Otniiʼeel dhuftetti, akka inni abbaa ishee lafa qotiisaa kadhatu isa kakaafte. Kaalebis yommuu isheen harree ishee irraa buutetti, “Ani maal siif godhu?” jedhee ishee gaafate.
當她過門的時候,丈夫勸她向父親要一塊田地,她一下驢,加肋布便問她說:「你要什麼﹖」
15 Isheenis deebiftee, “Waan addaa tokko naa godhi. Akkuma Negeeb keessatti lafa naa kennite sana burqaawwan bishaaniis naa kenni” jetteen. Kaalebis burqaawwan oliitii fi gadii kenneef.
她答說:「請你給我一件禮物,因為你既把我安置於南方旱地,求你也將水泉給我! 」加肋布遂把上泉和下泉給了她。
16 Sanyiiwwan Qeenii namicha abbaa niitii Musee sanaa namoota gammoojjii Yihuudaa keessa Negeeb ishee Aaraad biratti argamtu keessa jiraatan gidduu jiraachuuf jedhanii namoota Yihuudaa wajjin Magaalaa Meexxiitii ol baʼan.
梅瑟的姻親刻尼的子孫從棕樹城上來,同猶大子孫一同往阿辣得南方的猶大曠野去,與那裏的百姓住在一起。
17 Namoonni Yihuudaa obboloota isaanii ilmaan Simiʼoon wajjin dhaqanii Kanaʼaanota Zefaati keessa jiraatan waraanan; magaalattiis guutumaan guutuutti barbadeessan. Kanaafuu magaalattiin Hormaa jedhamtee waamamte.
以後猶大和他兄弟西默盎又起程,擊敗了住在責法特的客納罕人,將城完全毀滅,故稱這城為曷爾瑪。
18 Akkasumas namoonni Yihuudaa Gaazaa gandoota naannoo ishee wajjin, Ashqaloon gandoota naannoo ishee wajjin, Eqroon naannoo ishee wajjin qabatan.
猶大卻未能奪取迦薩及其四境;阿布刻隆及其四境;厄刻龍及其四境。
19 Waaqayyo namoota Yihuudaa wajjin ture. Kanaafuu isaan biyya gaaraa sana qabatan; garuu sababii namoonni dirree irra jiraatan gaariiwwan sibiilaa qabaniif achii isaan baasuu hin dandeenye.
上主與猶大同在,因此,他佔據了山地,但不能趕走平原的居民,因為他們有鐵甲車。
20 Akkuma Museen abdachiisee turetti Kebroon Kaalebiif kennamte; innis ilmaan Anaaq sadan achii ariʼee baase.
按照梅瑟吩咐的,他們把赫貝龍給了加肋布,因為他由那裏鏟除了阿納克的三支後裔。其餘各支派佔領基業
21 Ijoolleen Beniyaam garuu Yebuusota Yerusaalem keessa jiraachaa turan sana achii baasuu hin dandeenye; hamma ammaatti Yebuusonni Beniyaamota wajjin iddoo sana jiraatan.
本雅明子孫沒有逐出住在耶路撒冷的耶步斯人,因此耶步斯人與本雅明子孫,直到今日同住在耶路撒冷。
22 Gosti Yoosef immoo Beetʼeel waraanan; Waaqayyos isaan wajjin ture.
若瑟家族也上去攻打貝特耳,上主與他們同在。
23 Yommuu isaan gara Beetʼeel ishee dur Luuzi jedhamtutti basaastota erganitti,
當若瑟家族差人去偵探貝特耳時,─這城昔名叫路次,─
24 basaastonni sun namicha magaalaadhaa baʼee dhufu tokko arganii, “Karaa ittiin magaalaa seenan nu argisiisi; nus waan gaarii siif goona” jedhaniin.
偵探看見一個人從城裏出來,就向他說:「請指給我們進城的路,我們必要恩待你。」
25 Innis itti argisiise; isaanis namicha sanaa fi maatii isaa guutuu dhiisanii magaalaa sana goraadeedhaan dhaʼan.
那人就指給了他們進城的路;他們用刀屠殺了全城的百姓,但把那人和他全家放走了。
26 Namichis gara Heetotaa deemee magaalaa Loozaa jedhamtu hundeesse; isheenis hamma ammaatti Luuzi jedhamtee waamamti.
那人到了赫特人的地方,建了一座城,起名叫路次,直到今日仍叫此名。
27 Minaaseen garuu namoota Beet Sheʼaaniitii fi gandoota naannoo ishee yookaan Taʼanaakii fi gandoota naannoo ishee yookaan Doorii fi gandoota naannoo ishee yookaan Yibleʼaamii fi gandoota naannoo ishee yookaan Megidoo fi gandoota naannoo ishee jiraatan achii hin baafne; kanaafuu Kanaʼaanonni ittuma fufanii achi jiraachuuf murteeffatan.
默納協沒有趕走貝特商及其屬境的居民,塔納客及其屬境的居民,多爾及其屬境的居民,依貝肋罕及其屬境的居民,默基多及其屬境的居民,客納罕人依舊住在這些地方。
28 Israaʼeloonni yommuu jabaachaa dhufanitti akka isaan hojii humnaa hojjetan isaan dirqisiisan malee Kanaʼaanota guutumaan guutuutti achii hin baafne.
等到以色列強盛了,只能使客納罕人服役,終未能把他們全部逐出。
29 Efreemis Kanaʼaanota Geezir keessa jiraatan achii hin baafne; Kanaʼaanonni garuu ittuma fufanii achuma isaan gidduu jiraatan.
厄弗辣因也沒有逐出住在革則爾的客納罕人,所以客納罕人仍在革則爾住在他們中間。
30 Zebuuloonis Kanaʼaanota Qixroon yookaan Nahalol keessa jiraatan kanneen gidduu isaaniitti hafan hin baafne; garuu akka isaan hojii humnaa hojjetan godhan.
則步隆也沒有逐出克特龍的居民及納哈羅耳的居民,客納罕人仍住在他們中間,但應為他們服役。
31 Aasheeris warra Akoo yookaan Siidoon yookaan Ahilaab yookaan Akziib yookaan Helbaa yookaan Afiiqii fi Rehoob keessa jiraatan hin baafne;
阿協爾也沒有把阿苛、漆冬、阿赫拉布、阿革齊布、赫耳巴、阿費克和勒曷布的居民逐出,
32 namoonni Aasheer sababii isaan jara ariʼanii hin baasiniif Kanaʼaanota biyya sana jiran gidduu jiraatan.
所以阿協爾人住在當地的居民客納罕人中間,因為他們沒有把他們逐出去。
33 Niftaalem warra Beet Shemeshii fi Beet Anaati keessa jiraatan hin baafne; namoonni Niftaalem garuu Kanaʼaanota biyya sana turan gidduu jiraatan; warri Beet Shemeshii fi Beet Anaati dirqamsiifamanii hojii humnaa hojjechaafii turan.
納裴塔里也沒有把貝特舍默士的居民和貝特阿納特的居民逐出,於是他們就住在當地的居民客納罕人中間;但是貝特舍默士和貝特阿納特的居民應為他們服役。
34 Amooronni immoo warra Daan gara biyya gaaraatti dhiiban malee akka isaan sululatti gad buʼan hin eeyyamneef ture.
阿摩黎人強迫丹的子孫住在山上,不讓他們下到平原。
35 Amooronnis itti fufanii Tulluu Herees irra, Ayaaloonii fi Shaʼalbiim keessa jiraatan; garuu yommuu humni mana Yoosef jabaachaa dhufetti isaanis hojii humnaa isaanii hojjechuuf dirqisiifaman.
阿摩黎人依舊住在哈爾赫勒斯、阿雅隆和沙耳賓;但在若瑟家族勢力強大之後,他們就成了服役的人。
36 Daariin Amoorotaa Aqrabiimii jalqabee karaa Seelaatiin ol baʼa ture.
厄東人的境界,是從阿刻辣賓山坡直到色拉以上地帶。

< Abbootii Murtii 1 >