< Abbootii Murtii 1 >

1 Erga Iyyaasuun duʼee booddee Israaʼeloonni, “Kanaʼaanota loluudhaaf eenyu dursee nuuf haa baʼu?” jedhanii Waaqayyoon gaafatan.
Atamwalira Yoswa Aisraeli anafunsa Yehova kuti, “Ndani mwa ife ayambe nkhondo yomenyana ndi Akanaani?”
2 Waaqayyos, “Yihuudaan dursee haa baʼu; kunoo, ani biyyattii dabarsee harka isaatti kenneera” jedhee deebiseef.
Yehova anayankha kuti, “Fuko la Yuda ndilo liyambe kupita. Ndawapatsa dzikolo mʼmanja mwawo.”
3 Namoonni Yihuudaas obboloota isaanii ilmaan Simiʼooniin, “Kottaa gara lafa qooda keenyaatti Kanaʼaanota loluuf wajjin baanaa; nus gama keenyaan gara lafa qooda keessaniitti isin wajjin ni baanaa” jedhan. Kanaafuu namoonni Simiʼoon isaan wajjin baʼan.
Choncho Ayuda anawuza abale awo a fuko la Simeoni kuti, “Bwerani tipitire limodzi mʼdziko limene tapatsidwa kuti tikamenyane ndi Akanaani. Ifenso tidzapita nanu mʼdziko limene anakugawirani.” Ndipo Asimeoni anapita nawo.
4 Yommuu Yihuudaan baʼettis Waaqayyo Kanaʼaanotaa fi Feerzota dabarsee harka isaaniitti kenne; isaanis iddoo Bezeq jedhamutti nama kuma kudhan fixan.
Choncho Ayuda ananyamuka, ndipo Yehova anapereka Akanaani ndi Aperezi mʼmanja mwawo. Ndipo anapha anthu 10,000 ku Bezeki.
5 Achittis Adoonii-Bezeq arganii isa lolan; Kanaʼaanotaa fi Feerzotas moʼatan.
Ku Bezekiko anakumana ndi ankhondo a mfumu Adoni-Bezeki ndipo anamenyana nawo, ndipo Ayudawo anagonjetsa Akanaani ndi Aperezi.
6 Adoonii-Bezeq achii baqate; isaan garuu ariʼanii isa qaban; quba abbuudduu harkaatii fi quba abbuudduu miilla isaa irraa kutan.
Adoni-Bezekiyo anathawa, koma anamuthamangira ndi kumupeza, namugwira. Atamugwira anamudula zala zake zazikulu za ku manja ndi miyendo.
7 Ergasiis Adoonii-Bezeq, “Mootonni qubni abbuudduun harka isaaniitii fi qubni abbuudduun miilla isaanii irraa cirame torbaatamni waan maaddii koo jalatti harcaʼe funaannachaa turan. Amma garuu Waaqni waanuma ani isaanitti hojjedhe naa deebise” jedhe. Isaanis Yerusaalemitti isa fidan; innis achitti duʼe.
Tsono Adoni-Bezeki anati, “Mafumu 70 omwe anadulidwa zala zazikulu za ku manja ndi miyendo yawo ankatola nyenyeswa pansi pa tebulo langa. Mulungu tsopano wandibwezera zomwe ndinawachita.” Kenaka anapita naye ku Yerusalemu ndipo anafera komweko.
8 Namoonni Yihuudaa Yerusaalemiinis akkasuma dhaʼanii qabatan. Magaalattiis goraadeedhaan dhaʼanii ibidda itti qabsiisan.
Pambuyo pake Ayuda anakathira nkhondo mzinda wa Yerusalemu ndipo anawulanda. Anapha anthu ambiri ndi kutentha mzinda wonse.
9 Ergasiis namoonni Yihuudaa Kanaʼaanota biyya gaaraa, Negeebii fi gammoojjii karaa lixa biiftuu keessa jiraatan loluudhaaf gad buʼan.
Kenaka Ayuda anapita kukamenyana ndi Akanaani omwe amakhala ku dziko la ku mapiri, dziko la Negevi kummwera ndiponso mu zigwa.
10 Namoota Kanaʼaan kanneen Kebroon ishee dur Kiriyaati Arbaaq jedhamtu keessa jiraatanittis duulanii Sheeshaayiin, Ahiimanii fi Talmaayin moʼatan.
Anakalimbananso ndi Akanaani amene ankakhala ku Hebroni (mzinda womwe kale unkatchedwa Kiriyati-Araba). Kumeneko anagonjetsa Sesai, Ahimani ndi Talimai.
11 Achiis namoota biyya Debiir ishee dur Kiriyaati Seefer jedhamaa turte sana keessa jiraatanitti duulan.
Kuchokera kumeneko, iwo anakathira nkhondo anthu amene ankakhala ku Debri (mzindawu poyamba unkatchedwa Kiriati Seferi).
12 Kaalebis, “Ani nama Kiriyaati Seefer lolee qabatutti intala koo Aaksaa nan heerumsiisa” jedhe.
Tsono Kalebe anati, “Munthu amene angathire nkhondo mzinda wa Kiriati Seferi ndi kuwulanda, ndidzamupatsa mwana wanga Akisa kuti akhale mkazi wake.”
13 Obboleessi Kaaleb quxisuun, Otniiʼeel ilmi Qenaz magaalattii qabate; Kaalebis intala isaa Aaksaa isatti heerumsiise.
Otanieli mwana wa Kenazi, mngʼono wake wa Kalebe, ndiye anawulanda. Choncho Kalebe anamupatsa mwana wake Akisa kuti akhale mkazi wake.
14 Isheenis yeroo gara Otniiʼeel dhuftetti, akka inni abbaa ishee lafa qotiisaa kadhatu isa kakaafte. Kaalebis yommuu isheen harree ishee irraa buutetti, “Ani maal siif godhu?” jedhee ishee gaafate.
Tsiku lina atafika Akisayo, Otanieli anamuwumiriza mkazi wakeyo kuti apemphe munda kwa Kalebe abambo ake. Pamene Akisa anatsika pa bulu wake, Kalebe anamufunsa kuti, “Kodi ukufuna ndikuchitire chiyani?”
15 Isheenis deebiftee, “Waan addaa tokko naa godhi. Akkuma Negeeb keessatti lafa naa kennite sana burqaawwan bishaaniis naa kenni” jetteen. Kaalebis burqaawwan oliitii fi gadii kenneef.
Iye anayankha kuti, “Mundikomere mtima. Popeza mwandipatsa ku Negevi, kumalo kumene kulibe madzi, mundipatsenso akasupe amadzi.” Choncho Kalebe anamupatsa akasupe a kumtunda ndi a kumunsi.
16 Sanyiiwwan Qeenii namicha abbaa niitii Musee sanaa namoota gammoojjii Yihuudaa keessa Negeeb ishee Aaraad biratti argamtu keessa jiraatan gidduu jiraachuuf jedhanii namoota Yihuudaa wajjin Magaalaa Meexxiitii ol baʼan.
Tsono zidzukulu za Hobabu, Mkeni uja, mpongozi wa Mose, zinachoka ku Yeriko mzinda wa migwalangwa pamodzi ndi anthu a fuko la Yuda mpaka ku chipululu chimene chili kummwera kwa Aradi ndi kukakhala ndi Aamaleki.
17 Namoonni Yihuudaa obboloota isaanii ilmaan Simiʼoon wajjin dhaqanii Kanaʼaanota Zefaati keessa jiraatan waraanan; magaalattiis guutumaan guutuutti barbadeessan. Kanaafuu magaalattiin Hormaa jedhamtee waamamte.
Kenaka anthu a fuko la Yuda anapita pamodzi ndi abale awo a fuko la Simeoni ndi kukagonjetsa Akanaani amene amakhala ku Zefati, ndipo mzindawo anawuwononga kwambiri. Choncho mzindawo anawutcha Horima.
18 Akkasumas namoonni Yihuudaa Gaazaa gandoota naannoo ishee wajjin, Ashqaloon gandoota naannoo ishee wajjin, Eqroon naannoo ishee wajjin qabatan.
Anthu a fuko la Yuda analandanso mzinda wa Gaza ndi dziko lonse lozungulira, mzinda wa Asikeloni pamodzi ndi dziko lake lonse lozungulira, ndi mzinda wa Ekroni pamodzi ndi dziko lonse lozungulira.
19 Waaqayyo namoota Yihuudaa wajjin ture. Kanaafuu isaan biyya gaaraa sana qabatan; garuu sababii namoonni dirree irra jiraatan gaariiwwan sibiilaa qabaniif achii isaan baasuu hin dandeenye.
Yehova anathandiza anthu a fuko la Yuda. Iwo analanda dziko la kumapiri, koma sanathe kuwachotsa anthu ku zigwa, chifukwa anali ndi magaleta azitsulo.
20 Akkuma Museen abdachiisee turetti Kebroon Kaalebiif kennamte; innis ilmaan Anaaq sadan achii ariʼee baase.
Monga analonjezera Mose, Kalebe anapatsidwa Hebroni. Kalebe anapirikitsa mafuko atatu a Anaki mu mzindamo.
21 Ijoolleen Beniyaam garuu Yebuusota Yerusaalem keessa jiraachaa turan sana achii baasuu hin dandeenye; hamma ammaatti Yebuusonni Beniyaamota wajjin iddoo sana jiraatan.
Koma fuko la Benjamini linalephera kuwachotsa Ayebusi, amene amakhala mu Yerusalemu. Choncho Ayebusiwo akukhalabe ndi fuko la Benjamini mu Yerusalemu mpaka lero.
22 Gosti Yoosef immoo Beetʼeel waraanan; Waaqayyos isaan wajjin ture.
A banja la Yosefe nawonso anathira nkhondo mzinda wa Beteli, ndipo Yehova anali nawo.
23 Yommuu isaan gara Beetʼeel ishee dur Luuzi jedhamtutti basaastota erganitti,
Anatumiza anthu kuti akazonde Beteli. Mzindawo kale unkatchedwa Luzi.
24 basaastonni sun namicha magaalaadhaa baʼee dhufu tokko arganii, “Karaa ittiin magaalaa seenan nu argisiisi; nus waan gaarii siif goona” jedhaniin.
Anthu okazondawo anaona munthu akutuluka mu mzindamo ndipo anamuwuza kuti, “Tisonyeze njira yolowera mu mzindamu, ndipo ife tidzakuchitira chifundo.”
25 Innis itti argisiise; isaanis namicha sanaa fi maatii isaa guutuu dhiisanii magaalaa sana goraadeedhaan dhaʼan.
Choncho iye anawaonetsa njirayo, ndipo iwo anapha anthu onse mu mzindamo ndi lupanga koma munthu uja pamodzi ndi banja lake sanawaphe.
26 Namichis gara Heetotaa deemee magaalaa Loozaa jedhamtu hundeesse; isheenis hamma ammaatti Luuzi jedhamtee waamamti.
Ndipo iye anapita ku dziko la Ahiti, kumene anamangako mzinda nawutcha dzina lake Luzi. Mpaka lero lino mzindawo dzina lake ndi lomwelo.
27 Minaaseen garuu namoota Beet Sheʼaaniitii fi gandoota naannoo ishee yookaan Taʼanaakii fi gandoota naannoo ishee yookaan Doorii fi gandoota naannoo ishee yookaan Yibleʼaamii fi gandoota naannoo ishee yookaan Megidoo fi gandoota naannoo ishee jiraatan achii hin baafne; kanaafuu Kanaʼaanonni ittuma fufanii achi jiraachuuf murteeffatan.
Koma a fuko la Manase sanachotse nzika za mzinda wa Beti-Seani pamodzi ndi mʼmidzi yake yozungulira, kapena nzika za mzinda wa Taanaki ndi mʼmidzi yake yozungulira, kapenanso nzika za mzinda wa Dori ndi mʼmidzi yake yozungulira. Iwo sanapirikitse nzika za mzinda wa Ibuleamu ndi mʼmidzi yake yozungulira, kapena mzinda wa Megido ndi mʼmidzi yake yozungulira. Choncho Akanaani anapitirirabe kukhala mʼdzikomo.
28 Israaʼeloonni yommuu jabaachaa dhufanitti akka isaan hojii humnaa hojjetan isaan dirqisiisan malee Kanaʼaanota guutumaan guutuutti achii hin baafne.
Aisraeli atakhala amphamvu, anawagwiritsa Akanaaniwo ntchito yakalavulagaga, koma sanawapirikitse.
29 Efreemis Kanaʼaanota Geezir keessa jiraatan achii hin baafne; Kanaʼaanonni garuu ittuma fufanii achuma isaan gidduu jiraatan.
Nawonso Aefereimu sanathamangitse Akanaani amene amakhala mu Gezeri, choncho Akanaaniwo ankakhalabe pakati pawo ku Gezeriko.
30 Zebuuloonis Kanaʼaanota Qixroon yookaan Nahalol keessa jiraatan kanneen gidduu isaaniitti hafan hin baafne; garuu akka isaan hojii humnaa hojjetan godhan.
Azebuloni sanathamangitse Akanaani amene amakhala mu Kitironi kapena a ku Nahaloli. Iwo ankakhala pakati pawo ndipo ankawagwiritsa ntchito yakalavulagaga.
31 Aasheeris warra Akoo yookaan Siidoon yookaan Ahilaab yookaan Akziib yookaan Helbaa yookaan Afiiqii fi Rehoob keessa jiraatan hin baafne;
A fuko la Aseri nawo sanathamangitse amene amakhala mu Ako, Sidoni, Ahilabu, Akizibu, Heliba, Afiki, ndi Rehobu.
32 namoonni Aasheer sababii isaan jara ariʼanii hin baasiniif Kanaʼaanota biyya sana jiran gidduu jiraatan.
Choncho anthu a fuko la Aseri anakhala pakati pa Akanaani amene ankakhala mʼdzikomo popeza sanawapirikitse.
33 Niftaalem warra Beet Shemeshii fi Beet Anaati keessa jiraatan hin baafne; namoonni Niftaalem garuu Kanaʼaanota biyya sana turan gidduu jiraatan; warri Beet Shemeshii fi Beet Anaati dirqamsiifamanii hojii humnaa hojjechaafii turan.
Nalonso fuko la Nafutali silinathamangitse anthu amene ankakhala ku Beti Semesi kapena ku Beti Anati. Koma Anafutaliwo ankakhala pakati pa Akanaaniwo mʼdzikomo. Koma anthu amene ankakhala ku Beti Semesi ndi ku Beti Anati anawasandutsa kukhala ogwira ntchito yathangata.
34 Amooronni immoo warra Daan gara biyya gaaraatti dhiiban malee akka isaan sululatti gad buʼan hin eeyyamneef ture.
Aamori anapirikitsira anthu a fuko la Dani ku dziko la ku mapiri popeza sanawalole kuti atsikire ku chigwa.
35 Amooronnis itti fufanii Tulluu Herees irra, Ayaaloonii fi Shaʼalbiim keessa jiraatan; garuu yommuu humni mana Yoosef jabaachaa dhufetti isaanis hojii humnaa isaanii hojjechuuf dirqisiifaman.
Aamori anatsimikiza mtima zokhalabe ku phiri la Hara-Heresi, ku Ayaloni, ndiponso ku Saalibimu. Koma a fuko la Yosefe anakula mphamvu ndipo anagwiritsa Aamoriwo ntchito yakalavulagaga.
36 Daariin Amoorotaa Aqrabiimii jalqabee karaa Seelaatiin ol baʼa ture.
Malire a Aamori anayambira ku chikweza cha Akirabimu nʼkulowera ku Sela napitirira kumapita chakumapiri ndithu.

< Abbootii Murtii 1 >