< Abbootii Murtii 9 >

1 Abiimelek ilmi Yerub-Baʼaal gara obboloota haadha isaa kanneen Sheekem keessa jiraatanii dhaqee isaanii fi gosa haadha isaa hundaan akkana jedhe;
Now Abimelech son of Jerubbaal went to his mother’s brothers at Shechem and said to them and to all the clan of his mother,
2 “Jiraattota Sheekem hundumaan, ‘Kam isinii wayya? Yoo ilmaan Yerub-Baʼaal torbaatamni isin bulchan moo yoo namni tokko isin bulche wayya?’ jedhaa gaafadhaa. Akka ani foonii fi dhiiga keessan taʼe immoo yaadadhaa.”
“Please ask all the leaders of Shechem, ‘Is it better for you that seventy men, all the sons of Jerubbaal, rule over you, or just one man?’ Remember that I am your own flesh and blood.”
3 Obboloonni haadha isaas dubbii kana gurra Sheekemotaatiin gaʼan; garaan isaaniis gara Abiimelek goruu kajeele; isaan, “Inni obboleessa keenya” jedhaniiruutii.
And when his mother’s brothers spoke all these words about him in the presence of all the leaders of Shechem, their hearts were inclined to follow Abimelech, for they said, “He is our brother.”
4 Isaanis mana sagadaa Baʼaal Beriit keessaa meetii gara giraamii dhibba saddeet ulfaatu kennaniif; Abiimelekis meetii sanaan kashlabboota isa faana buʼan qaxarate.
So they gave him seventy shekels of silver from the temple of Baal-berith, with which Abimelech hired some worthless and reckless men to follow him.
5 Gara mana abbaa isaa kan Ofraatti argamuu dhaqee obboloota isaa ilmaan Yerub-Baʼaal torbaatama dhagaa tokko irratti qale. Yootaam ilmi Yiruubaʼaal quxisuun garuu dhokatee isa jalaa miliqe.
He went to his father’s house in Ophrah, and on one stone murdered his seventy brothers, the sons of Jerubbaal. But Jotham, the youngest son of Jerubbaal, survived, because he hid himself.
6 Namoonni Sheekemii fi Beet Miiloo hundi Abiimelekin moosisuuf jedhanii Sheekemitti utubaa mukaa guddaa tokko biratti walitti qabaman.
Then all the leaders of Shechem and Beth-millo gathered beside the oak at the pillar in Shechem and proceeded to make Abimelech their king.
7 Yootaam yommuu wanni kun itti himametti fiixee Gaara Gerziimitti ol baʼee sagalee guddaadhaan akkana isaaniin jedhe; “Yaa jiraattota Sheekem, akka Waaqni isin dhagaʼuuf na dhaggeeffadhaa.
When this was reported to Jotham, he climbed to the top of Mount Gerizim, raised his voice, and cried out: “Listen to me, O leaders of Shechem, and may God listen to you.
8 Gaaf tokko mukkeen mootii moosifachuuf baʼan; isaanis muka ejersaatiin, ‘Mootii nuu taʼi’ jedhan.
One day the trees set out to anoint a king for themselves. They said to the olive tree, ‘Reign over us.’
9 “Mukni ejersaa garuu, ‘Ani mukkeen hundaa olitti raafamuudhaaf jedhee zayitii koo kan Waaqnii fi namni ittiin kabajaman dhowwadhuu ree?’ jedhee deebise.
But the olive tree replied, ‘Should I stop giving my oil that honors both God and man, to hold sway over the trees?’
10 “Itti aansaniis mukkeen muka harbuutiin, ‘Kottuutii mootii nuu taʼi’ jedhan.
Then the trees said to the fig tree, ‘Come and reign over us.’
11 “Mukni harbuu garuu deebisee, ‘Ani mukkeen hundaa olitti baʼee raafamuuf jedhee ija koo miʼaawaa fi gaarii sana kennuu dhiisuu ree?’ jedhe.
But the fig tree replied, ‘Should I stop giving my sweetness and my good fruit, to hold sway over the trees?’
12 “Mukkeenis muka wayiniitiin, ‘Kottuutii mootii nuu taʼi’ jedhan.
Then the trees said to the grapevine, ‘Come and reign over us.’
13 “Mukni wayinii garuu deebisee, ‘Ani mukkeen hundaa olitti baʼee raafamuuf jedhe daadhii wayinii kootii kan Waaqaa fi nama gammachiisu sana kennuu dhiisuu?’ jedhe.
But the grapevine replied, ‘Should I stop giving my wine that cheers both God and man, to hold sway over the trees?’
14 “Dhuma irrattis mukkeen hundi muka qoraattiitiin, ‘Kottuutii mootii nuu taʼi’ jedhan.
Finally all the trees said to the thornbush, ‘Come and reign over us.’
15 “Mukni qoraattiis mukkeeniin, ‘Isin yoo dhugumaan na moosifachuu feetan, kottaatii gaaddisa koo jalatti daʼeeffadhaa; yoo akkas taʼuu baate garuu ibiddi muka qoraattii keessaa baʼee birbirsa Libaanoon haa barbadeessu!’ jedhe.
But the thornbush replied, ‘If you really are anointing me as king over you, come and find refuge in my shade. But if not, may fire come out of the thornbush and consume the cedars of Lebanon.’
16 “Egaa isin Abiimelekin moosisuun keessan yoo karaa dhugaatii fi amanamummaan taʼe, yoo Yerub-Baʼaalii fi maatii isaatiif waan gaarii gochuuf taʼe, yoo waan isaaf malu isaaf gochuuf taʼe,
Now if you have acted faithfully and honestly in making Abimelech king, if you have done well by Jerubbaal and his family, and if you have done to him as he deserves—
17 abbaan koo lubbuu isaa duʼaaf saaxilee harka Midiyaanotaa jalaa isin baasuuf isinii loleeraatii;
for my father fought for you and risked his life to deliver you from the hand of Midian,
18 isin garuu harʼa maatii abbaa kootti kaatanii ilmaan isaa jechuunis nama torbaatama dhagaa tokko irratti qaltan; sababii inni fira keessan taʼeef Abiimelek ilma garbittii sana namoota Sheekem irratti moosiftan;
but you have risen up against my father’s house this day and killed his seventy sons on a single stone, and you have made Abimelech, the son of his maidservant, king over the leaders of Shechem because he is your brother—
19 egaa yoo isin harʼa dhugaa fi amanamummaadhaan Yerub-Baʼaalii fi maatii isaatiif waan gaarii gootan, isin Abiimelekitti gammadaa; innis isinitti haa gammadu!
if you have acted faithfully and honestly toward Jerubbaal and his house this day, then may you rejoice in Abimelech, and he in you.
20 Akkas taʼuu baannaan garuu ibiddi mana Abiimelekii baʼee namoota Sheekemii fi Beet Miiloo haa fixu; akkasumas ibiddi namoota Sheekemii fi Beet Miiloo biraa baʼee Abiimelekin haa balleessu!”
But if not, may fire come from Abimelech and consume the leaders of Shechem and Beth-millo, and may fire come from the leaders of Shechem and Beth-millo and consume Abimelech.”
21 Yootaamis Biʼeeritti baqatee sababii obboleessa isaa Abiimelekin sodaateef achuma jiraate.
Then Jotham ran away, escaping to Beer, and he lived there for fear of his brother Abimelech.
22 Erga Abiimelek waggaa sadii Israaʼel bulchee booddee,
After Abimelech had reigned over Israel for three years,
23 Waaqnis Abiimelekii fi namoota Sheekem gidduutti hafuura hamaa erge; Sheekemonnis Abiimelekitti daba hojjetan.
God sent a spirit of animosity between Abimelech and the leaders of Shechem and caused them to treat Abimelech deceitfully,
24 Waaqnis yakka ilmaan Yerub-Baʼaal torbaataman sanatti hojjetamee fi dhiiga isaanii kan dhangalaafame sanaaf, Abiimelek obboleessa isaanii kan isaan qale sanaa fi namoota Sheekem kanneen akka inni obboloota isaa fixuuf isa gargaaran sana haaloo baʼuuf waan kana godhe.
in order that the crime against the seventy sons of Jerubbaal might come to justice and their blood be avenged on their brother Abimelech and on the leaders of Shechem, who had helped him murder his brothers.
25 Namoonni Sheekemis akka isaan riphanii isa eegataniif fiixee gaaraa irra namoota kaaʼatan; isaanis nama achiin darbu hunda saamaan; wanni kunis Abiimelekitti odeeffame.
The leaders of Shechem set up an ambush against Abimelech on the hilltops, and they robbed all who passed by them on the road. So this was reported to Abimelech.
26 Yeroo kanatti Gaʼaal ilmi Ebeed obboloota isaa wajjin gara Sheekem dhufe; Sheekemonnis isa abdatan.
Meanwhile, Gaal son of Ebed came with his brothers and crossed into Shechem, and the leaders of Shechem put their confidence in him.
27 Isaanis erga gara lafa qotiisaa wayiniitti baʼanii wayinii walitti qabatanii booddee cuunfanii galma waaqa tolfamaa isaaniitti ayyaana ayyaaneffatan. Nyaatanii dhuganiis Abiimelekin abaaran.
And after they had gone out into the fields, gathered grapes from their vineyards, and trodden them, they held a festival and went into the house of their god; and as they ate and drank, they cursed Abimelech.
28 Gaʼaal ilmi Ebeedis akkana jedhe; “Akka nu isaaf bulluuf Abiimelekii fi Sheekem eenyu? Abiimelek ilma Yerub-Baʼaal mitii? Zebulis itti aanaa isaa mitii? Isin namoota Hamoor abbaa Sheekem tajaajilaa! Nu maaliif Abiimelekin tajaajillaa?
Then Gaal son of Ebed said, “Who is Abimelech, and who is Shechem, that we should serve him? Is he not the son of Jerubbaal, and is not Zebul his officer? You are to serve the men of Hamor, the father of Shechem. Why should we serve Abimelech?
29 Utuu sabni kun ajaja koo jala jiraatee silaa ani Abiimelekin lafa irraa nan balleessa ture; ‘Waraana kee dabaladhuutii gad baʼi!’ isaan nan jedhas ture.”
If only this people were under my authority, I would remove Abimelech; I would say to him, ‘Muster your army and come out!’”
30 Zebul bulchaan magaalattii yeroo waan Gaʼaal ilmi Ebeed jedhe dhagaʼetti akka malee aare.
When Zebul the governor of the city heard the words of Gaal son of Ebed, he burned with anger.
31 Akkana jedhees dhoksaadhaan gara Abiimelekitti ergamoota erge; “Gaʼaal ilmi Ebeedii fi obboloonni isaa gara Sheekem dhufanii saba magaalaa sitti kakaasaa jiru.
So he covertly sent messengers to Abimelech to say, “Look, Gaal son of Ebed and his brothers have come to Shechem and are stirring up the city against you.
32 Kanaafuu atii fi namoonni kee halkaniin baatanii lafa qotiisaa keessa riphuu qabdu.
Now then, tonight you and the people with you are to come and lie in wait in the fields.
33 Ganama akkuma aduun baateenis magaalaa sana cabsaa seenaa. Yommuu Galaʼaalii fi namoonni isaa sitti dhufanittis waan harki kee hojjechuu malu kam iyyuu hojjedhu.”
And in the morning at sunrise, get up and advance against the city. When Gaal and his men come out against you, do to them whatever you are able.”
34 Abiimelekis namoota isa wajjin turan hunda wajjin halkaniin kaʼee garee afuritti qoodamuudhaan Sheekemitti dhiʼaatee riphe.
So Abimelech and all his troops set out by night and lay in wait against Shechem in four companies.
35 Akkuma Gaʼaal ilmi Ebeed baʼee karra magaalaa sanaa irra dhaabateen, Abiimelek namoota isaa wajjin iddoo riphee ture sanaa itti gad baʼe.
Now Gaal son of Ebed went out and stood at the entrance of the city gate just as Abimelech and his men came out from their hiding places.
36 Gaʼaal yommuu isaan argetti Zebuliin, “Kunoo namoonni fiixee gaarranii irraa gad dhufaa jiru!” jedhe. Zebulis deebisee, “Gaaddisa tulluuwwaniitu namoota sitti fakkaate” jedheen.
When Gaal saw the people, he said to Zebul, “Look, people are coming down from the mountains!” But Zebul replied, “The shadows of the mountains look like men to you.”
37 Gaʼaal garuu ammas deebisee, “Ilaali; namoonni handhuura lafaatii dhufaa jiru; gareen tokkos karaa muka abdaariitiin dhufaa jira” jedhe.
Then Gaal spoke up again, “Look, people are coming down from the center of the land, and one company is coming by way of the Diviners’ Oak.”
38 Zebulis, “Ati kan, ‘Akka nu isaaf bulluuf Abiimelek kun eenyu?’ jette, oduun kee sun amma meerre? Namoonni ati tuffatte isaan kana mitii? Mee baʼiitii jara loli kaa!” jedheen.
“Where is your gloating now?” Zebul replied. “You said, ‘Who is Abimelech that we should serve him?’ Are these not the people you ridiculed? Go out now and fight them!”
39 Kanaafuu Gaʼaal namoota Sheekem hoogganee Abiimelekin loluuf baʼe.
So Gaal went out before the leaders of Shechem and fought against Abimelech,
40 Abiimelekis isa ariʼe; innis duraa baqate; namoonni baayʼeenis madaaʼanii hamma karra magaalattiitti harcaʼan.
but Abimelech pursued him, and Gaal fled before him. And many Shechemites fell wounded all the way to the entrance of the gate.
41 Abiimelek Aruumaa keessa ture; Zebul immoo Gaʼaalii fi obboloota isaa ariʼee Sheekem keessaa baase.
Abimelech stayed in Arumah, and Zebul drove Gaal and his brothers out of Shechem.
42 Guyyaa itti aanu namoonni Sheekem dirreetti baʼan; wanni kunis Abiimelekitti himame.
The next day the people of Shechem went out into the fields, and this was reported to Abimelech.
43 Innis namoota isaa fudhatee garee sadiitti qoodee dirree irratti riphee eeggate. Yeroo namoota magaalaa kaʼanii dhufaa jiran argettis isaan loluudhaaf kaʼe.
So he took his men, divided them into three companies, and lay in wait in the fields. When he saw the people coming out of the city, he rose up against them and attacked them.
44 Abiimelekii fi gareen isa wajjin turan gara karra magaalattiitti gugatan. Gareen hafan lamaan immoo gara warra dirree irratti baʼanii turaniitti fiiganii isaan fixan.
Then Abimelech and the companies with him rushed forward and took their stand at the entrance of the city gate. The other two companies rushed against all who were in the fields and struck them down.
45 Abiimelek gaafas guyyaa guutuu lolee magaalattii qabate; jiraattota ishees fixee magaalattii illee barbadeessee soogidda itti facaase.
And all that day Abimelech fought against the city until he had captured it and killed its people. Then he demolished the city and sowed it with salt.
46 Namoonni gamoo Sheekem keessa jiraatan yommuu waan kana dhagaʼanitti gara daʼannoo mana sagadaa Elbiriititti ol galan.
On hearing of this, all the leaders in the tower of Shechem entered the inner chamber of the temple of El-berith.
47 Abiimelekis yommuu akka namoonni Sheekem achitti walitti qabaman dhagaʼetti,
And when Abimelech was told that all the leaders in the tower of Shechem were gathered there,
48 namoota isaa hundumaa wajjin Tulluu Zalmoonitti ol baʼe. Abiimelekis qottoo harkatti qabatee dameewwan mukaa mummuree ol fuudhee gatiittii isaatti baate. Namoota isa wajjin jiraniinis, “Dafaa! Waanuma anaa godhu argitan sana godhaa!” jedhe.
he and all his men went up to Mount Zalmon. Abimelech took his axe in his hand and cut a branch from the trees, which he lifted to his shoulder, saying to his men, “Hurry and do what you have seen me do.”
49 Namoonni hundinuus dameewwan mukaa mummuratanii Abiimelekin duukaa buʼan. Dameewwan sanas daʼannoo Sheekemonni itti baqatan sanatti irkisanii ibidda itti qabsiisan. Kanaafuu namoonni gamoo Sheekem keessa turan hundinuu dhiironnii fi dubartoonni gara kuma tokko taʼan dhuman.
So each man also cut his own branch and followed Abimelech. Then they piled the branches against the inner chamber and set it on fire above them, killing everyone in the tower of Shechem, about a thousand men and women.
50 Ergasiis Abiimelek gara Tebez dhaqee magaalaa sana marsee qabate.
Then Abimelech went to Thebez, encamped against it, and captured it.
51 Taʼus waan gamoon jabaan tokko magaalaa sana keessa tureef jiraattonni magaalaa sanaa dhiiraa dubartiin utuu hin hafin itti baqatan. Keessaanis ofitti cufanii bantii isaatti ol baʼan.
But there was a strong tower inside the city, and all the men, women, and leaders of the city fled there. They locked themselves in and went up to the roof of the tower.
52 Abiimelekis dhufee gamoo sana dhaʼe; yommuu inni ibiddaan gubuudhaaf balbala gamoo sanaatti dhiʼaatetti garuu,
When Abimelech came to attack the tower, he approached its entrance to set it on fire.
53 dubartiin tokko gubbaadhaa majii dhagaa itti gad dhiiftee buqqee mataa isaa cabsite.
But a woman dropped an upper millstone on Abimelech’s head, crushing his skull.
54 Innis dafee dargaggeessa miʼa lolaa baatuuf tokko waamee, “Akka isaan, ‘dubartiitu isa ajjeese’ jechuu hin dandeenyeef goraadee kee luqqifadhuu na ajjeesi” jedheen. Kanaafuu dargaggeessi sun isa waraane; innis ni duʼe.
He quickly called his armor-bearer, saying, “Draw your sword and kill me, lest they say of me, ‘A woman killed him.’” So Abimelech’s armor-bearer ran his sword through him, and he died.
55 Israaʼeloonnis yommuu akka Abiimelek duʼe arganitti gara mana isaaniitti deebiʼan.
And when the Israelites saw that Abimelech was dead, they all went home.
56 Akkasiin Waaqni hammina Abiimelek obboloota isaa torbaatama qaluudhaan abbaa ofiitti hojjeteef gatii hojii isaa kenneef.
In this way God repaid the wickedness that Abimelech had done to his father in murdering his seventy brothers.
57 Akkasumas Waaqni hammina namoonni Sheekem hojjetan hunda matuma isaaniitti deebise. Abaarsi Yootaam ilma Yerub-Baʼaalis isaan irra gaʼe.
And God also brought all the wickedness of the men of Shechem back upon their own heads. So the curse of Jotham son of Jerubbaal came upon them.

< Abbootii Murtii 9 >