< Abbootii Murtii 8 >

1 Namoonni Efreem, “Ati maaliif akkana nu goote? Yeroo Midiyaanin dhaʼuuf duultetti maaliif nu hin waamin?” jedhanii Gidewoon gaafatan. Akka malees isatti dheekkaman.
The men of Ephraim said to him, “Why have you treated us this way, that you didn’t call us when you went to fight with Midian?” They rebuked him sharply.
2 Inni immoo akkana jedhee deebiseef; “Wanni ani hojjedhe yoo waan isin hojjettaniin wal bira qabame gatii maalii qaba? Qarmiin wayinii Efreem oomisha wayinii Abiiʼezer sana hunda hin caaluu?
He said to them, “What have I now done in comparison with you? Isn’t the gleaning of the grapes of Ephraim better than the vintage of Abiezer?
3 Waaqni hooggantoota Midiyaanotaa jechuunis Hereebii fi Zeʼeebin dabarsee harka keessanitti kenneera. Egaa ani waan isin hojjettaniin wajjin kan wal qixxaatu maal hojjechuun dandaʼa ture?” Yommuu inni waan kana jedhettis aariin isaan isatti aaran ni qabbanaaʼe.
God has delivered into your hand the princes of Midian, Oreb and Zeeb! What was I able to do in comparison with you?” Then their anger was abated towards him when he had said that.
4 Gidewoonii fi namoonni isa wajjin turan dhibbi sadan dhufanii Yordaanos ceʼan; isaan akka malee dadhaban iyyuu ittuma fufanii jara ariʼan.
Gideon came to the Jordan and passed over, he and the three hundred men who were with him, faint, yet pursuing.
5 Innis namoota Sukootiitiin, “Loltoota kootiif buddeena kennaa; isaan baayʼee na duraa dadhabaniiruutii; ani amma iyyuu mootota Midiyaanotaa jechuunis Zebaa fi Zalmunaa ariʼaa jira” jedhe.
He said to the men of Succoth, “Please give loaves of bread to the people who follow me; for they are faint, and I am pursuing after Zebah and Zalmunna, the kings of Midian.”
6 Qondaaltonni Sukoot garuu, “Loltoota keetiif nu buddeena kan kenninu ati Zebaa fi Zalmunaa harka keetti galfatteertaa?” jedhaniin.
The princes of Succoth said, “Are the hands of Zebah and Zalmunna now in your hand, that we should give bread to your army?”
7 Gidewoonis deebisee, “Tole kaa, yommuu Waaqayyo dabarsee Zebaa fi Zalmunaa harka kootti kennutti ani qoraattii gammoojjiitii fi arangamaadhaan foon keessan ciccira” jedheen.
Gideon said, “Therefore when the LORD has delivered Zebah and Zalmunna into my hand, then I will tear your flesh with the thorns of the wilderness and with briers.”
8 Achiis gara namoota Phenuuʼeel dhaqee akkuma warra duraa sana kadhatetti isaanis gaafate; isaan garuu akkuma warri Sukoot deebisanitti deebii kennan.
He went up there to Penuel, and spoke to them in the same way; and the men of Penuel answered him as the men of Succoth had answered.
9 Kanaafuu inni namoota Phenuuʼeeliin, “Ani yeroo moʼadhee deebiʼutti gamoo kana nan jigsa” jedhe.
He spoke also to the men of Penuel, saying, “When I come again in peace, I will break down this tower.”
10 Yeroo sanatti Zebaa fi Zalmunaan loltoota isaanii kanneen kuma kudha shanitti hedaman wajjin iddoo Qarqari jedhamu turan; isaan kunneenis loltoota namoota baʼa biiftuutii walitti qabaman keessaa hafan hundaa dha; warri goraadee hidhatan kumni kudha lama dhumanii turaniitii.
Now Zebah and Zalmunna were in Karkor, and their armies with them, about fifteen thousand men, all who were left of all the army of the children of the east; for there fell one hundred and twenty thousand men who drew sword.
11 Gidewoonis karaa warra baʼa Noobaahiitii fi Yogbihaatiin dunkaana keessa jiraatanii baʼee loltoota homaa hin birʼatin dhaʼe; raayyaan waraanaa sun of dagatee tureetii.
Gideon went up by the way of those who lived in tents on the east of Nobah and Jogbehah, and struck the army; for the army felt secure.
12 Mootonni Midiyaan lamaan jechuunis Zebaa fi Zalmunaan ni baqatan; Gidewoon garuu ariʼee isaan qabate; loltoota isaaniis gargari bittinneesse.
Zebah and Zalmunna fled and he pursued them. He took the two kings of Midian, Zebah and Zalmunna, and confused all the army.
13 Ergasii Gidewoon ilmi Yooʼaash karaa Malkaa Herees baʼee duulaa gale.
Gideon the son of Joash returned from the battle from the ascent of Heres.
14 Innis dargaggeessa Sukoot tokko qabee qorate; dargaggeessi sunis maqaa qondaaltota Sukootii fi maanguddoota magaalattii walumatti maqaa nama torbaatamii torba barreessee kenneef.
He caught a young man of the men of Succoth, and enquired of him; and he described for him the princes of Succoth, and its elders, seventy-seven men.
15 Gidewoonis dhufee namoota Sukootiin, “Zebaa fi Zalmunaan isin, ‘Nu namoota kee warra dadhabaniif buddeena kan kenninu ati Zaabiheelii fi Zalmunaa harka keetti galfatteertaa?’ jettanii waaʼee isaanii natti qoostan sun kunoo ti” jedhe.
He came to the men of Succoth, and said, “See Zebah and Zalmunna, concerning whom you taunted me, saying, ‘Are the hands of Zebah and Zalmunna now in your hand, that we should give bread to your men who are weary?’”
16 Innis maanguddoota magaalaa sanaa fuudhee qoraattii fi arangamaa gammoojjiitiin adabuudhaan namoota Sukootiitiif barumsa kenne.
He took the elders of the city, and thorns of the wilderness and briers, and with them he taught the men of Succoth.
17 Gamoo Phenuuʼeelis jigsee namoota magaalattii fixe.
He broke down the tower of Penuel, and killed the men of the city.
18 Ergasiis inni, “Namoonni isin Taabooritti fixxan warra akkamiitii?” jedhee Zebaa fi Zalmunaa gaafate. Isaanis, “Namootuma akka keessanii kanneen hundi isaanii ilmaan mootii fafakkaatanii dha” jedhaniin.
Then he said to Zebah and Zalmunna, “What kind of men were they whom you killed at Tabor?” They answered, “They were like you. They all resembled the children of a king.”
19 Gidewoonis deebisee, “Isaan obboloota koo ilmaanuma haadha kootii turan. Dhugaa Waaqayyo jiraataa, utuu isin isaan ajjeesuu baattanii ani isin hin ajjeesu ture” jedhe.
He said, “They were my brothers, the sons of my mother. As the LORD lives, if you had saved them alive, I would not kill you.”
20 Innis gara Yeteer ilma isaa hangaftichaatti garagalee, “Kaʼiitii isaan fixi!” jedheen. Yeeteer garuu sababii ijoollee taʼeef sodaatee goraadee isaa hin luqqifanne.
He said to Jether his firstborn, “Get up and kill them!” But the youth didn’t draw his sword; for he was afraid, because he was yet a youth.
21 Ergasiis Zebaa fi Zalmunaan, “Kaʼiitii atumti nu ajjeesi; ‘Jabinni namaa akkuma dhagna isaatii’” jedhaniin. Gidewoonis kaʼee isaan ajjeese; faaya morma gaalawwan isaaniis fudhate.
Then Zebah and Zalmunna said, “You rise and fall on us; for as the man is, so is his strength.” Gideon arose, and killed Zebah and Zalmunna, and took the crescents that were on their camels’ necks.
22 Namoonni Israaʼelis Gidewooniin, “Ati waan harka Midiyaanotaa jalaa nu baafteef ati, ilmi keetii fi ilmi ilma keetii nu bulchaa” jedhan.
Then the men of Israel said to Gideon, “Rule over us, both you, your son, and your son’s son also; for you have saved us out of the hand of Midian.”
23 Gidewoon garuu, “Ani isin hin bulchu; ilmi koos isin hin bulchu. Waaqayyotu isin bulcha” isaaniin jedhe.
Gideon said to them, “I will not rule over you, neither shall my son rule over you. The LORD shall rule over you.”
24 Innis, “Ani waa tokko isin kadhadha; kunis akka tokkoon tokkoon keessan qooda boojuu keessanii irraa lootii naa kennitanii dha” jedhe. Lootii warqee kaaʼachuun bartee Ishmaaʼeelootaa tureetii.
Gideon said to them, “I do have a request: that you would each give me the earrings of his plunder.” (For they had golden earrings, because they were Ishmaelites.)
25 Isaanis, “Nu gammachuudhaan kennina” jedhanii deebisan. Kanaafuu wayyaa lafa irra diriirsanii tokkoon tokkoon namaa boojuu isaa irraa lootii itti darbate.
They answered, “We will willingly give them.” They spread a garment, and every man threw the earrings of his plunder into it.
26 Amartiin warqee kan inni kadhate saqilii kuma tokkoo fi dhibba torba yookaan kiiloo giraamii kudha sagalii fi walakkaa ulfaata ture; kunis waan mormatti hidhatan, uffata diimaa dhiilgee kan mootonni Midiyaan uffatanii fi foncaa morma gaalawwan isaanii irra ture hin dabalatu.
The weight of the golden earrings that he requested was one thousand and seven hundred shekels of gold, in addition to the crescents, and the pendants, and the purple clothing that was on the kings of Midian, and in addition to the chains that were about their camels’ necks.
27 Gidewoonis warqee sanaan dirata tolchee magaalaa itti dhalate Ofraa keessa kaaʼe. Israaʼeloonni hundis achitti efuudicha waaqeffachuudhaan sagaagalan. Kunis Gidewooniif maatii isaatti kiyyoo taʼe.
Gideon made an ephod out of it, and put it in Ophrah, his city. Then all Israel played the prostitute with it there; and it became a snare to Gideon and to his house.
28 Midiyaanonnis akkasiin fuula Israaʼelootaa duratti moʼataman; lammatas mataa isaanii ol hin qabanne. Biyyattiinis bara Gidewoon keessa waggaa afurtama nagaa argatte.
So Midian was subdued before the children of Israel, and they lifted up their heads no more. The land had rest forty years in the days of Gideon.
29 Yerub-Baʼaal ilmi Yooʼaash achi jiraachuuf gara mana ofii isaatti deebiʼe.
Jerubbaal the son of Joash went and lived in his own house.
30 Inni sababii niitota baayʼee fuudheef ilmaan torbaatama qaba ture.
Gideon had seventy sons conceived from his body, for he had many wives.
31 Saajjatoon isaa kan Sheekem keessa jiraachaa turtes ilma deesseefii turte; innis Abiimelek jedhee isa moggaase.
His concubine who was in Shechem also bore him a son, and he named him Abimelech.
32 Gidewoon ilmi Yooʼaash bara dheeraa jiraatee duʼe. Innis Ofraa biyya Abiiʼezerootaa keessatti, lafa awwaala abbaa isaa Yooʼaashitti awwaalame.
Gideon the son of Joash died in a good old age, and was buried in the tomb of Joash his father, in Ophrah of the Abiezrites.
33 Akkuma Gidewoon duʼeen Israaʼeloonni amma illee Baʼaal wajjin sagaagalan. Baʼaal Beriitinis Waaqa isaanii godhatanii
As soon as Gideon was dead, the children of Israel turned again and played the prostitute following the Baals, and made Baal Berith their god.
34 Waaqayyo Waaqa isaanii kan harka diinota isaanii hundumaa jalaa isaan baase sana dagatan.
The children of Israel didn’t remember the LORD their God, who had delivered them out of the hand of all their enemies on every side;
35 Isaanis maatii Yerub-Baʼaaliif jechuunis Gidewooniif waan gaarii inni isaaniif godhe hunda yaadatanii arjummaa hin gooneef.
neither did they show kindness to the house of Jerubbaal, that is, Gideon, according to all the goodness which he had shown to Israel.

< Abbootii Murtii 8 >