< Abbootii Murtii 7 >

1 Yerub-Baʼaal namichi Gidewoon jedhamu sunii fi namoonni isaa hundi ganama kaʼanii burqaa Harood bira qubatan. Qubanni Midiyaanotaa iddoo namoonni Gidewoon qubatan sanaan karaa kaabaatiin gaara Mooree bira sulula keessa ture.
Then Jerubbaal, who is Gideon, and all the people who were with him, rose up early and encamped beside the spring of Harod. Midian’s camp was on the north side of them, by the hill of Moreh, in the valley.
2 Waaqayyos Gidewooniin akkana jedhe; “Akka ani Midiyaanota dabarsee harka isaaniitti hin kennineef Israaʼeloonni si wajjin jiran akka male baayʼee dha. Akka sabni Israaʼel, ‘Jabina kootu na oolche’ jedhee natti hin koorreef,
The LORD said to Gideon, “The people who are with you are too many for me to give the Midianites into their hand, lest Israel brag against me, saying, ‘My own hand has saved me.’
3 ‘Namni sodaatee hollate kam iyyuu Tulluu Giliʼaad dhiisee gara mana isaatti haa deebiʼu’ jedhiitii amma sabatti himi.” Kanaafuu namoonni kuma digdamii lama deebiʼanii kuma kudhan achitti hafan.
Now therefore proclaim in the ears of the people, saying, ‘Whoever is fearful and trembling, let him return and depart from Mount Gilead.’” So twenty-two thousand of the people returned, and ten thousand remained.
4 Waaqayyo garuu Gidewooniin akkana jedhe; “Amma iyyuu namoota baayʼeetu jira. Isaan fudhadhuutii gara bishaaniitti gad buʼi; ani achitti isaan gargari siif foʼa. Yoo ani, ‘Inni kun si wajjin ni deema’ jedhe, inni ni deema; yoo ani, ‘Inni kun si wajjin hin deemu’ jedhe garuu inni hin deemu.”
The LORD said to Gideon, “There are still too many people. Bring them down to the water, and I will test them for you there. It shall be, that those whom I tell you, ‘This shall go with you,’ shall go with you; and whoever I tell you, ‘This shall not go with you,’ shall not go.”
5 Kanaafuu Gidewoon namoota gara bishaaniitti gad buuse. Waaqayyos achitti, “Warra akkuma sareetti arrabaan bishaan dhugan, warra jilbeenfatanii dhugan irraa gargari baasi” isaan jedhe.
So he brought down the people to the water; and the LORD said to Gideon, “Everyone who laps of the water with his tongue, like a dog laps, you shall set him by himself; likewise everyone who bows down on his knees to drink.”
6 Namoonni dhibba sadii konyee isaaniitiin waraabbatanii dhugan. Warri hafan hundi garuu dhuguuf jilbeenfatan.
The number of those who lapped, putting their hand to their mouth, was three hundred men; but all the rest of the people bowed down on their knees to drink water.
7 Waaqayyo Gidewooniin, “Ani namoota harka isaaniitiin dhugan dhibba sadan kanaan si furee Midiyaanota dabarsee harka keetti nan kenna. Warri kaan hundi gara qeʼee isaaniitti haa deebiʼan” jedheen.
The LORD said to Gideon, “I will save you by the three hundred men who lapped, and deliver the Midianites into your hand. Let all the other people go, each to his own place.”
8 Kanaafuu Gidewoon akka Israaʼeloonni hafan hundi gara dunkaana isaaniitti deebiʼan godhee namoota dhibba sadan garuu turfate; isaanis warra kaan irraa galaa fi malakata fudhatan. Qubanni Midiyaanotaas Gidewooniin gad sulula keessa ture.
So the people took food in their hand, and their shofars; and he sent all the rest of the men of Israel to their own tents, but retained the three hundred men; and the camp of Midian was beneath him in the valley.
9 Halkanuma sana Waaqayyo Gidewooniin akkana jedhe; “Kaʼiitii qubata sanatti gad buʼi; ani dabarsee harka keetti siifin kennaatii.
That same night, the LORD said to him, “Arise, go down into the camp, for I have delivered it into your hand.
10 Ati yoo gad buʼuu sodaatte garuu tajaajilaa kee Fuuraa wajjin gara qubata sanaatti gad buʼiitii
But if you are afraid to go down, go with Purah your servant down to the camp.
11 waan isaan dubbachaa jiran dhagaʼi. Sana booddee qubata sana rukutuudhaaf jabina ni argatta.” Kanaafuu innii fi tajaajilaan isaa Fuuraan gara moggaa qubata sanaatti gad buʼan.
You will hear what they say; and afterward your hands will be strengthened to go down into the camp.” Then went he down with Purah his servant to the outermost part of the armed men who were in the camp.
12 Midiyaanonni, Amaaleqoonnii fi namoonni baʼa biiftuutii dhufan hundi akkuma hoomaa hawwaannisaa walitti gobbatanii sululicha keessa qubatanii turan. Baayʼinni gaalawwan isaaniis akkuma cirracha qarqara galaanaa lakkoobsa hin qabu ture.
The Midianites and the Amalekites and all the children of the east lay along in the valley like locusts for multitude; and their camels were without number, as the sand which is on the seashore for multitude.
13 Gidewoonis utuu namichi tokko waaʼee abjuu isaa michuu ofii isaatti himuu achi gaʼe. Namichi sunis akkana jedhe; “Ani abjuu tokko nan abjoodhe; kunoo maxinoon garbuu tokko gangalachaa dhufee qubata Midiyaanotaa irra buʼe. Innis dhufee akka dunkaanni jiguuf humnaan dhaʼe; dunkaanni sunis ni kufe.”
When Gideon had come, behold, there was a man telling a dream to his fellow. He said, “Behold, I dreamt a dream; and behold, a cake of barley bread tumbled into the camp of Midian, came to the tent, and struck it so that it fell, and turned it upside down, so that the tent lay flat.”
14 Michuun isaas deebisee, “Kun goraadee Gidewoon ilma Yooʼaash Israaʼelichaati malee waan biraa miti. Waaqnis Midiyaanotaa fi guutummaa qubata sanaa dabarsee harka Gidewoonitti kenneera” jedhe.
His fellow answered, “This is nothing other than the sword of Gideon the son of Joash, a man of Israel. God has delivered Midian into his hand, with all the army.”
15 Gidewoon yommuu abjuu sanaa fi hiikkaa isaa dhagaʼetti Waaqaaf sagade. Gara qubata Israaʼelootaattis deebiʼee, “Kaʼaa! Waaqayyo qubata Midiyaanotaa dabarsee harka keessanitti kenneeraa” jedhe.
It was so, when Gideon heard the telling of the dream and its interpretation, that he worshipped. Then he returned into the camp of Israel and said, “Arise, for the LORD has delivered the army of Midian into your hand!”
16 Innis namoota dhibba sadan garee sadiitti qooduudhaan, harka hunda isaaniitti malakataa fi okkotee guci keessa jiru qabachiise.
He divided the three hundred men into three companies, and he put into the hands of all of them shofars and empty pitchers, with torches within the pitchers.
17 Gidewoonis akkana isaaniin jedhe; “Na ilaalaa; waan ani hojjedhus hojjedhaa; yommuu ani qarqara qubatichaatti dhiʼaadhutti qalbeeffadhaatii waanuma ani godhu godhaa.
He said to them, “Watch me, and do likewise. Behold, when I come to the outermost part of the camp, it shall be that, as I do, so you shall do.
18 Yeroo anii fi warri na wajjin jiran hundii malakata keenya afuufnutti, isinis naannoo qubatichaa hundatti afuufaatii, ‘Waaqayyoof, Gidewooniifis’ jedhaa iyyaa.”
When I blow the shofar, I and all who are with me, then blow the shofars also on every side of all the camp, and shout, ‘For the LORD and for Gideon!’”
19 Gidewoonii fi namoonni isa wajjin turan dhibbi sun akkuma waardiyyoonni wal geeddaraniin jalqaba eegumsa walakkaa halkaniitti qarqara qubata sanaa bira gaʼan. Isaanis malakata isaanii afuufanii okkotee harka isaanii jiru caccabsan.
So Gideon and the hundred men who were with him came to the outermost part of the camp in the beginning of the middle watch, when they had but newly set the watch. Then they blew the shofars and broke in pieces the pitchers that were in their hands.
20 Gareen sadanuu malakata isaanii afuufanii okkotee harka isaanii jiru caccabsan. Harka bitaatti guca, harka mirgaatti immoo malakata afuufan qabatanii, “Goraadee Waaqayyootii fi Gidewoon!” jedhanii iyyan.
The three companies blew the shofars, broke the pitchers, and held the torches in their left hands and the shofars in their right hands with which to blow; and they shouted, “The sword of the LORD and of Gideon!”
21 Tokkoon tokkoon namaas naannoo qubatichaatti iddoo kennameef qabate; Midiyaanonni hundis iyyaa baqatan.
They each stood in his place around the camp, and all the army ran; and they shouted, and put them to flight.
22 Yeroo malakanni dhibbi sadan sun afuufametti Waaqayyo akka namni qubata sana keessa ture tokko tokkoon goraadee isaa walitti luqqifatu godhe; raayyaan waraanaas karaa Zereeraatiin gara Beet Shiixaatti, isa biras darbanii hamma daarii Abeel Mehoolaa ishee Xabaati bira jirtu sanaatti baqatanii deeman.
They blew the three hundred shofars, and the LORD set every man’s sword against his fellow and against all the army; and the army fled as far as Beth Shittah towards Zererah, as far as the border of Abel Meholah, by Tabbath.
23 Israaʼeloonnis Niftaalem, Aasheerii fi Minaasee hundumaa keessaa waamanii Midiyaanota of dura ariʼan.
The men of Israel were gathered together out of Naphtali, out of Asher, and out of all Manasseh, and pursued Midian.
24 Gidewoonis guutummaa biyya gaaraa Efreemitti ergamoota ergee, “Kottaa Midiyaanotatti duulaatii bishaanota hamma Beet Baaraatti jiranii fi laga Yordaanos isaan dursaatii qabadhaa” jedhe. Kanaafuu namoonni Efreem hundi baʼanii bishaanota hamma Beet Baaraatti jiranii fi laga Yordaanos qabatan.
Gideon sent messengers throughout all the hill country of Ephraim, saying, “Come down against Midian and take the waters before them as far as Beth Barah, even the Jordan!” So all the men of Ephraim were gathered together and took the waters as far as Beth Barah, even the Jordan.
25 Akkasumas hooggantoota Midiyaanotaa lamaan jechuunis Hereebii fi Zeʼeebin qabatan. Hereeb kattaa Hereeb biratti Zeʼeeb immoo iddoo wayinii itti cuunfan kan Zeʼeebiitti ajjeesan. Isaanis Midiyaanota ariʼanii mataa Hereebii fi mataa Zeʼeeb gara gama laga Yordaanos Gidewoonitti fidan.
They took the two princes of Midian, Oreb and Zeeb. They killed Oreb at Oreb’s rock, and Zeeb they killed at Zeeb’s wine press, as they pursued Midian. Then they brought the heads of Oreb and Zeeb to Gideon beyond the Jordan.

< Abbootii Murtii 7 >