< Abbootii Murtii 6 >

1 Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; innis dabarsee waggaa torbaaf harka Midiyaanotaatti isaan kenne.
Isra’ilawa suka sāke yin mugayen ayyuka a gaban Ubangiji, sai ya ba da su ga Midiyawa shekara bakwai.
2 Israaʼeloonni sababii harki Midiyaanotaa isaanitti jabaateef tulluuwwan irratti, holqaa fi daʼannoo jabaa keessatti ofii isaaniitiif iddoo jiraatanii fi iddoo itti daʼatan qopheeffatan.
Da Midiyawa suka matsa musu sosai, sai Isra’ilawa suka yi wa kansu mafakai a rammukan duwatsu, kogona da kuma mafaka.
3 Yeroo Israaʼeloonni midhaan facaafatan hunda Midiyaanonni, Amaaleqoonnii fi namoonni baʼa biiftuu kaan dhufanii isaan weeraru turan.
Duk lokacin da Isra’ilawa suka yi shuka sai Midiyawa da Amalekawa da waɗansu mutane daga gabashi sukan kai musu hari.
4 Achis qubatanii midhaan hamma Gaazaatti jiru hundumaa balleessan; isaan waan lubbuu qabu hoolota, loon yookaan harroota tokko illee Israaʼelootaaf hin hambifne.
Sukan yi sansani a ƙasar sun lalatar da hatsi har zuwa Gaza kuma ba sa barin wani abu mai rai wa Isra’ila, ko tumaki ko shanu ko jakuna.
5 Akkuma tuuta hawwaannisaattis horii fi dunkaana isaanii fudhatanii isaan irra yaaʼan. Namootaa fi gaalawwan isaanii lakkaaʼuun hin dandaʼamu ture; isaanis biyya sana barbadeessuudhaaf weeraran.
Sukan zo da dabbobinsu da tentinsu kamar tarin fāri. Yana da wuya a ƙidaya yawan mutanen da kuma raƙumansu; sukan mamaye ƙasar don su lalatar da ita.
6 Sababii Midiyaanonni akka malee isaan hiyyoomsaniif Israaʼeloonni gargaarsa barbaacha gara Waaqayyootti iyyatan.
Midiyawa suka talauce Isra’ilawa ƙwarai, har ya sa suka yi kuka ga Ubangiji don taimako.
7 Yeroo Israaʼeloonni sababii Midiyaanotaatiif gara Waaqayyootti iyyatanitti,
Sa’ad da Isra’ilawa suka yi kuka ga Ubangiji saboda Midiyawa,
8 inni raajii akkana jedhee dubbatu tokko isaaniif erge; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani biyya Gibxi, biyya garbummaatii baaseen isin fide.
sai ya aika musu da annabi, wanda ya ce, “Ga abin da Ubangiji, Allah na Isra’ila ya ce na fitar da ku daga Masar, daga ƙasar bauta.
9 Ani humna warra Gibxii fi harka cunqursitootaa jalaa isin furee fuula keessan duraas ariʼee isaan baasee biyya isaanii isinii kenneera.
Na ƙwace ku daga ikon Masarawa da kuma daga dukan hannuwan masu danniya. Na kore su a gabanku na kuma ba ku ƙasarsu.
10 Isiniinis, ‘Ani Waaqayyo Waaqa keessan; waaqota Amoorotaa kanneen isin biyya isaanii keessa jiraattan sanaa hin waaqeffatinaa’ jedheera. Isin garuu sagalee koo hin dhageenye.”
Na ce muku, ‘Ni ne Ubangiji Allahnku; kada ku bauta allolin Amoriyawa, waɗanda kuke zama a ƙasarsu.’ Amma ba ku saurare ni ba.”
11 Ergamaan Waaqayyoos ganda Ofraa jedhamu dhufee qilxuu Yooʼaash namicha sanyii Abiiʼezer sanaa jala taaʼe; Gidewoon ilmi Yooʼaash immoo akka Midiyaanonni hin argineef iddoo wayiniin itti cuunfamutti dhoksee qamadii dhaʼata ture.
Sai mala’ikan Ubangiji ya zo ya zauna a ƙarƙashin itacen oak a Ofra na Yowash mutumin Abiyezer, inda ɗansa Gideyon yake sussukar alkama a wurin matsin inabi don yă ɓoye daga Midiyawa.
12 Ergamaan Waaqayyoos isatti mulʼatee, “Yaa loltuu goota nana, Waaqayyo si wajjin jira” jedheen.
Sa’ad da mala’ikan Ubangiji ya bayyana wa Gideyon, sai ya ce masa, “Ubangiji yana tare da kai, jarumi.”
13 Gidewoon garuu akkana jedhee deebise; “Garuu yaa gooftaa, utuu Waaqayyo nu wajjin jiraatee wanni kun hundi maaliif nurra gaʼa? Dinqiiwwan isaa kanneen abbootiin keenya, ‘Waaqayyo biyya Gibxiitii nu baaseera’ jedhanii nutti himan sun hundi eessa jiru ree? Amma garuu Waaqayyo nu dhiisee harka Midiyaanotaatti dabarsee nu kenneera.”
Gideyon ya ce, “Ranka yă daɗe, in Ubangiji yana tare da mu, me ya sa waɗannan abubuwa suka faru da mu? Ina dukan abubuwan al’ajabinsa waɗanda kakanninmu suka gaya mana game su sa’ad da suka ce, ‘Ashe, ba Ubangiji ne ya fitar da mu daga Masar ba?’ Amma yanzu Ubangiji ya rabu da mu ya kuma sa mu hannun Midiyawa.”
14 Waaqayyo gara Gidewoonitti garagalee, “Humna qabdu kanaan dhaqiitii harka Midiyaanotaa jalaa Israaʼeloota bilisa baasi. Anatu si ergaa jira mitii?” jedheen.
Sai Ubangiji ya juya wajensa ya ce, “Ka je da ƙarfin da kake da shi ka ceci Isra’ila daga hannun Midiyawa. Ba Ni ne nake aikan ka ba?”
15 Gidewoon garuu, “Yaa Gooftaa, gosti koo sanyii Minaasee keessaa baayʼee dadhabaa dha; anis maatii koo keessaa nama gad aanaa dha. Egaa ani akkamittin saba Israaʼel bilisoomsuu dandaʼa ree?” jedhee gaafate.
Gideyon ya ce, “Amma Ubangiji, yaya zan iya ceci Isra’ila? Kabilata ce marar ƙarfi duka a Manasse, kuma ni ne ƙarami a iyalina.”
16 Waaqayyos, “Ani si wajjin jira; atis Midiyaanota hunda walitti qabdee dhoofta” jedhee deebiseef.
Ubangiji ya ce, “Zan kasance tare da kai, za ka kuwa fatattake dukan Midiyawa gaba ɗaya.”
17 Gidewoonis akkana jedhee deebise; “Yoo ani fuula kee duratti surraa argadhee jiraadhe, kan natti dubbachaa jiru dhugumaan siʼi taʼuu mallattoo na argisiisi.
Gideyon ya ce, “In lalle na sami tagomashi a gabanka, to, ka ba ni wata alamar da ta nuna lalle kai kake magana da ni.
18 Maaloo hamma ani deebiʼee aarsaa koo fidee fuula kee duratti dhiʼeessutti hin deemin.” Waaqayyos, “Ani hamma ati deebitutti sin eega” jedheen.
Ina roƙonka ka dakata har in komo in kawo maka hadayata in ajiye a gabanka.” Sai Ubangiji ya ce, “Zan jira har ka dawo.”
19 Gidewoon gara mana isaa deemee ilmoo reʼee tokko qalee qopheessee daakuu iifii tokkoo fuudhee buddeena raacitii hin qabne tolche. Foon sanas gundoo irra kaaʼee bishaan foon sanaa immoo okkoteetti naqee fiduudhaan qilxuu jalatti aarsaa isaaf dhiʼeesse.
Sai Gideyon ya shiga ciki, ya gyara’yar akuya ya dafa, da garin efa ya yi burodi marar yisti. Da ya sa naman a kwando, romon kuma a tukunya, sai ya fito da su waje ya miƙa masa su a ƙarƙashin itacen oak.
20 Ergamaan Waaqaas, “Foonii fi Maxinoo kana fuudhiitii kattaa kana irra kaaʼi; bishaan isaa immoo dhangalaasi” jedhe. Gidewoonis akkasuma godhe.
Mala’ikan Allah ya ce masa, “Ka ɗauko naman da burodi marar yisti ka sa su a kan wannan dutse, ka zuba romon a kai.” Gideyon kuwa ya yi haka.
21 Ergamaan Waaqayyoo sunis fiixee ulee harka isaa tureetiin foonii fi Maxinoo sana tuqe. Ibiddi kattaa keessaa baʼee foonii fi Maxinoo sana nyaate. Ergamaan Waaqayyoos fuula isaa duraa dhabame.
Da kan sandan da yake a hannunsa, mala’ikan Ubangiji ya taɓa naman da burodi marar yistin. Sai wuta ta fito daga dutsen ta cinye naman da burodin. Mala’ikan kuwa ya ɓace.
22 Gidewoon yommuu akka ergamaa Waaqayyoo arge beeketti, “Wayyoo, yaa Waaqayyo Gooftaa! Ani ifaan ifatti ergamaa Waaqayyoo argeeraatii!” jedhe.
Sa’ad da Gideyon ya gane mala’ikan Ubangiji ne, sai ya ce, “Ya Ubangiji Mai Iko Duka! Na ga mala’ikan Ubangiji ido da ido.”
23 Waaqayyo garuu, “Nagaan siif haa taʼu! Hin sodaatin, ati hin duutuutii” jedheen.
Amma Ubangiji ya ce masa, “Salama! Kada ka ji tsoro, ba za ka mutu ba.”
24 Kanaafuu Gidewoon Waaqayyoof achitti iddoo aarsaa ijaaree, “Waaqayyo Nagaa dha” jedhee moggaase. Iddoon aarsaa kun hamma harʼaatti lafa Abiiʼezerootaa irra iddoo Ofraa jedhamu dhaabateera.
Saboda haka Gideyon ya gina wa Ubangiji bagade a can, ya kuma kira shi, Ubangiji Salama ne. Har wa yau bagaden yana a Ofra ta mutanen Abiyezer.
25 Waaqayyo halkanuma sana akkana isaan jedhe; “Karra loon abbaa keetii keessaa korma lammaffaa kan waggaa torba guute tokko fuudhi. Iddoo aarsaa kan abbaan kee Baʼaaliif tolche diigi; utubaa Aasheeraa kan isa bira dhaabames jigsi.
A wannan dare Ubangiji ya ce masa, “Ka ɗauki bijimi na biyu daga garken mahaifinka, wannan mai shekara bakwai. Ka rushe bagaden mahaifinka na Ba’al ka sare ginshiƙin Ashera kusa da ita.
26 Fiixee gaara kanaa irrattis Waaqayyo Waaqa keetiif iddoo aarsaa bareedaa isaa tolchi. Qoraan utubaa Aasheeraa kan jigsite sanattis fayyadamii korma lammaffaa sana aarsaa gubamu godhiitii dhiʼeessi.”
Sa’an nan ka gina bagade irin da ya dace wa Ubangiji Allahnka a kan wannan tudu. Ka yi amfani da itacen katakon ginshiƙin Ashera da ka sare, ka miƙa bijiman nan biyu hadaya ta ƙonawa.”
27 Gidewoonis hojjettoota isaa keessaa nama kudhan fudhatee akkuma Waaqayyo isatti hime sana godhe. Garuu waan maatii isaatii fi namoota magaalaa sana jiraatan sodaateef guyyaa adiin gochuu irra halkan filate.
Saboda haka Gideyon ya ɗebi bayinsa bakwai ya yi yadda Ubangiji ya ce masa. Amma saboda yana tsoron iyalinsa da mutanen gari, ya yi haka da dare a maimako da rana.
28 Ganama barii yommuu namoonni magaalaa sanaa hirribaa kaʼanitti iddoon aarsaa Baʼaal diigamee, utubaan Aasheeraas kufee kormi lammaffaan iddoo aarsaa haaraa tolfame sana irratti qalamee ture!
Da safe sa’ad da mutanen garin suka tashi, sai suka tarar an rushe bagaden Ba’al, tare da ginshiƙin Ashera da yake kusa da shi, duk an sare, bijimi na biyu kuma aka miƙa hadaya a kan sabon bagaden!
29 Isaanis, “Eenyutu waan kana hojjete?” jedhanii wal gaafatan. Yommuu gad fageenyaan qoratanittis, “Gidewoon ilma Yooʼaashitu waan kana godhe” jedhan.
Sai suka tambayi junansu, “Wa ya yi wannan?” Sa’ad da suka bincika a hankali, sai aka faɗa musu, “Gideyon ɗan Yowash ne ya yi haka.”
30 Namoonni magaalaa sanaas Yooʼaashiin, “Ilma kee gad baasi. Inni sababii iddoo aarsaa Baʼaal diigee utubaa Aasheeraas jigseef ajjeefamuu qaba” jedhan.
Mutanen garin suka ce wa Yowash, “Ka kawo mana ɗanka. Dole yă mutu, domin ya rushe bagaden Ba’al, ya sare ginshiƙin Asheran da yake tsaye kusa da shi.”
31 Yooʼaash garuu saba aariidhaan guutamee isa marse sanaan akkana jedhe; “Isin Baʼaaliif falmuu barbaaddu? Isas oolchuu feetuu? Namni isaaf falmu yoo jiraate inni ganama haa duʼu! Baʼaal utuu dhugumaan Waaqa taʼee yommuu namni tokko iddoo aarsaa isaa diigu inni of irraa dhowwuu dandaʼa ture.”
Amma Yowash ya ce wa taron da suka tayar masa, “Za ku yi hamayya domin Ba’al ne? Kuna ƙoƙari ku cece shi ne? Duk wanda ya yi faɗa saboda shi za a kashe shi kafin safe. In lalle Ba’al allah ne, zai kāre kansa sa’ad da wani ya rushe bagadensa.”
32 Kanaafuu isaan sababii inni iddoo aarsaa isaa jalaa diigeef, “Baʼaal mataan isaa haa falmatu” jechuudhaan Gidewooniin, “Yerub-Baʼaal” jedhanii waaman.
Saboda haka a ranar suka kira Gideyon, “Yerub-Ba’al,” suna cewa, “Bari Ba’al ya yi hamayya da shi,” domin ya rushe bagaden Ba’al.
33 Ergasiis Midiyaanonni hundi, Amaaleqoonnii fi namoonni karaa baʼa biiftuu humna isaanii walitti dabalatanii Yordaanos ceʼuudhaan Sulula Yizriʼeel keessa qubatan.
To, dukan Midiyawa, Amalekawa da sauran mutanen gabashi suka haɗa ƙarfi suka ƙetare Urdun suka kafa sansani a Kwarin Yezireyel.
34 Hafuurri Waaqayyoos dhufee Gidewoon irra buʼe; innis akka Abiiʼezeroonni isa duukaa buʼaniif waamuuf malakata afuufe.
Sa’an nan Ruhun Ubangiji ya sauko wa Gideyon, ya kuma busa ƙaho, ya kira mutanen Abiyezer su bi shi.
35 Guutummaa Minaasee keessas ergamoota ergate; isaanis isa duukaa buʼuuf walitti qabaman; akkasumas gara Aasheer, Zebuuloonii fi Niftaalemitti ergate; isaanis jara simachuuf gad yaaʼan.
Ya aika manzanni ko’ina a Manasse, yana kiransu su kintsa, haka ma Asher, Zebulun da Naftali, ta haka su ma suka haura su sadu da su.
36 Gidewoonis Waaqaan akkana jedhe; “Yoo ati akkuma waadaa galtetti harka kootiin Israaʼel furte,
Gideyon ya cewa Allah, “In za ka ceci Isra’ila ta hannuna yadda ka yi alkawari,
37 kunoo, ani wayyaa rifeensa hoolaa irraa hojjetame tokko oobdii irra nan diriirsa. Yoo rifeensa hoolaa sana qofa irra fixeensi buʼee lafti immoo goggogaa taʼe, ani akka ati akkuma jette sana harka kootiin Israaʼel furtu nan beeka.”
to, zan shimfiɗa ulu a masussuka, inda safe akwai raɓa a kan ulun kaɗai, ƙasa kuwa a bushe, to, zan san cewa za ka ceci Isra’ila ta hannuna, yadda ka ce.”
38 Wanni sunis akkasuma taʼe. Gidewoonis guyyaa itti aanu ganamaan kaʼe; yeroo inni wayyaa rifeensa hoolaa irraa hojjetame sana micciirettis bishaan waciitii guutuutu keessaa cuunfame.
Abin da faru ke nan. Gideyon ya tashi da sassafe kashegari, ya matse ulun ya kakkaɓe raɓar, ruwan ya cika ƙwarya.
39 Kana irratti Gidewoon Waaqaan, “Natti hin dheekkamin. Amma illee waan tokkon si gaafadha. Akka ani rifeensa hoolaa sana irratti yaalii biraa godhuuf naa eeyyami. Amma immoo rifeensa sana goggogsiitii fixeensa lafatti uffisi.”
Sa’an nan Gideyon ya ce wa Allah, “Kada ka yi fushi da ni. Bari in ƙara yin wani gwaji kuma da ulun. A wannan lokaci ka sa ulun yă bushe, ƙasar kuma ta rufu da raɓa.”
40 Waaqnis halkan sana akkasuma godhe. Rifeensa hoolaa sana qofatu goggogaa ture; lafti guutuun fixeemsaan haguugamee ture.
A wannan dare Allah ya yi haka. Ulun ne kaɗai yake a bushe, amma dukan ƙasar ta jiƙe da raɓa.

< Abbootii Murtii 6 >