< Abbootii Murtii 5 >

1 Gaafas Debooraa fi Baaraaqi ilmi Abiinooʼam akkana jedhanii faarfatan:
A wannan rana ce Debora da Barak ɗan Abinowam suka rera wannan waƙa.
2 “Yommuu ilmaan moototaa Israaʼelin hoogganan, yommuu sabni Israaʼelis jaallatee of kennutti Waaqayyoon galateeffadhaa!
“Sa’ad da’ya’yan sarki a Isra’ila suka yi jagora, sa’ad da mutane suka niyya su ba da kansu, suna yabon Ubangiji!
3 “Yaa mootota, waan kana dhagaʼaa! Bulchitoonnis dhaggeeffadhaa! Waaqayyoon nan faarfadha; amma illee nan faarfadha; Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif nan weeddisa.
“Ya sarakuna, ku ji! Ku saurara, ku masu mulki! Zan yi waƙa ga Ubangiji, zan yi waƙa; zan yi kaɗe-kaɗe ga Ubangiji, Allah na Isra’ila.
4 “Yaa Waaqayyo, yeroo ati biyya Seeʼiirii baate, yeroo ati biyya Edoomii kaate, lafti ni sochoote; samiiwwanis bokkaa, duumessoonnis bishaan gad roobsan.
“Ya Ubangiji, sa’ad da ka bar Seyir, sa’ad da ka yi tafiya daga ƙasar Edom, ƙasa ta girgiza, sammai suka zubo, gizagizai sun zubo da ruwa.
5 Tulluuwwan fuula Waaqayyo Waaqa Siinaa duratti, fuula Waaqayyo Waaqa Israaʼel duratti ni raafaman.
Duwatsu suka girgizu a gaban Ubangiji, Wannan na Sinai, a gaban Ubangiji, Allah na Isra’ila.
6 “Bara Ilma Anaat, jabana Shamgaar, bara Yaaʼeel keessa daandiiwwan ni onan; karaa deemtonnis daandii jajalʼaa irra deeman.
“A zamanin Shamgar ɗan Anat, a zamanin Yayel, an yashe dukan hanyoyi; matafiye suka bi hanyoyin da suka yi kona-kona.
7 Hamma ani Debooraan, haadha taʼee Israaʼeliif kaʼutti, gandoonni Israaʼel duwwaa hafu.
Rayuwar ƙauye a Isra’ila ta daina, ta daina sai da ni, Debora, na taso, na taso mahaifiya a Isra’ila.
8 Yommuu isaan waaqota haaraa filatanitti, waraanni hamma karra magaalaatti dhufe; gaachanni yookaan eeboon tokko, Israaʼeloota kuma afurtama gidduutti hin argamne.
Sa’ad da suka zaɓi sababbin alloli, sai ga yaƙi a ƙofofin birnin, ba a kuwa ga garkuwa ko māshi a cikin mutum dubu arba’in a Isra’ila ba.
9 Garaan koo bulchitoota Israaʼel kanneen fedhiidhaan saba gidduutti argaman wajjin jira. Waaqayyoon leellisaa!
Zuciyata tana tare da’ya’yan sarakunan Isra’ila, tare da masu niyyar ba da kansu da yardan rai cikin mutane. Yabo ya tabbata ga Ubangiji!
10 “Isin warri harroota adaadii yaabbatan, warri kooraa baladii qabu irra teessan, warri karaa irra deemtan hubadhaa;
“Ku da kuke hawan fararen jakuna, kuna zama a sirdin barguna, da ku da kuke tafiya a kan hanya, ku kula
11 sagalee faarfattootaa dhagaʼaa. Isaan hojii qajeelummaa Waaqayyoo, hojii qajeelummaa loltoonni isaa Israaʼel keessatti godhan odeessu. “Ergasii saboonni Waaqayyoo, gara karra magaalattiitti gad buʼan.
da muryoyin mawaƙa a wuraren ruwaye. Suna faɗi ayyukan adalcin Ubangiji, ayyukan adalcin mayaƙansa a Isra’ila. “Sa’an nan mutanen Ubangiji suka gangara zuwa ƙofofin birni.
12 ‘Yaa Debooraa! Dammaqi; dammaqi; dammaqi; dammaqi; faarfannaas faarfadhu! Yaa Baaraaqi! Dammaqi; yaa ilma Abiinooʼam boojiʼamtoota kee boojiʼii fudhadhu.’
‘Ki farka, ki farka, Debora! Ki farka, ki farka, ki tā da waƙa! Ka farka, ya Barak! Ka ta sa kamammunka gaba, ya ɗan Abinowam.’
13 “Namoonni hafanis, gara warra gurguddaatti gad buʼan; sabni Waaqayyoos, akka loltuu jabaatti gara koo dhufe.
“Sa’an nan waɗanda aka bari suka sauko zuwa wajen shugabanni; mutane na Ubangiji suka zo wurina tare da masu ƙarfi.
14 Warri hiddi isaanii Amaaleq keessa jiru tokko tokkos Efreem dhufan; Beniyaamis namoota si duukaa buʼan wajjin ture. Ajajjoonni loltoota Maakiir, warri bokkuu ajajjuu qabatanis Zebuuloonii gad buʼan.
Waɗansu suka zo daga Efraim, waɗanda ainihinsu daga Amalek ne; Benyamin yana tare da mutanen da suka bi ka. Daga Makir, shugabannin sojoji suka gangaro, daga Zebulun waɗanda suke riƙe da sandan komanda suka fito.
15 Hangafoonni Yisaakor Debooraa wajjin turan; Yisaakoris Baaraaqi wajjin ture; innis Baaraaqi wajjin gara sululaatti gad buʼe. Gosa Ruubeen gidduu, qorannoo yaadaa guddaatu ture.
’Ya’yan sarautar Issakar suna tare da Debora; I, Issakar yana tare da Barak, yana binsa a guje zuwa kwari. A yankunan Ruben aka kuma bincike zuciya sosai.
16 Ati maaliif marʼachuu isaanii dhagaʼuuf jettee gola bushaayee keessa turte? Gosa Ruubeen gidduu, qorannoo yaadaa guddaa isaatu ture.
Don me kuka tsaya a wutar sansani don ku ji makiyaya suna kiran garkuna? A yankunan Ruben aka yi bincike zuciya sosai.
17 Giliʼaad Yordaanos gama taaʼe; Daan maaliif dooniiwwan keessatti hafe? Aasheer qarqara galaanaatti hafe; buufata isaa keessas ture.
Gileyad ya tsaya gaban Urdun. Kai kuma Dan, don me ka ka yi ta zama a wajen jiragen ruwa? Asher ya ci gaba da kasance a bakin teku ya kasance a wuraren zamansa.
18 Sabni Zebuuloon duʼaaf of saaxile; Niftaalemis gaarran biyya isaa irratti akkasuma godhe.
Mutanen Zebulun sun kasai da rayukansu; haka ma Naftali a bakin dāgā.
19 “Mootonni dhufanii lolan; mootonni Kanaʼaanis Taʼanaakitti bishaanota Megidoo biratti lolan; boojuu meetii tokko illee hin fudhanne.
“Sarakuna suka zo, suka yi yaƙi; sarakunan Kan’ana sun yi yaƙi a Ta’anak a gefen ruwan Megiddo, amma ba su ɗauki azurfa, ko ganima ba.
20 Samii keessaa urjiiwwan ni lolan; adeemsa isaanii irrattis Siisaaraadhaan lolan.
Daga sama taurari suka yi faɗa, daga bakin tekuna suka yi yaƙi da Sisera.
21 Lagni durii, lagni Qiishoon, lagni Qiishoon sun haxaaʼee isaan fudhate. Yaa lubbuu ko, jabaadhuu fuul duratti deemi!
Kogin Kishon ya kwashe su, tsohon kogi, kogin Kishon. Ci gaba raina; ka ƙarfafa!
22 Kotteen fardeenii guddisee didiche; ni gulufan; jabeessaniis gulufan.
Sa’an nan kofatan dawakai suka ƙwaƙula, suna sukuwa, haka dawakansa masu ƙarfi suke tafiya.
23 Ergamaan Waaqayyoos, ‘Meerozin abaaraa. Saba ishees jabeessaatii abaaraa; akka Waaqayyo warra jajjabootti kaʼu gargaaruudhaaf, isaan Waaqayyoon gargaaruudhaaf hin dhufneetii’ jedhe.
Mala’ikan Ubangiji ya ce, ‘Ka la’anci Meroz.’ ‘Ka la’anci mutanensa sosai, domin ba su kawo wa Ubangiji taimako ba, su kawo wa Ubangiji taimako a kan masu ƙarfi ba.’
24 “Yaaʼeel niitiin Hebeer Qeenichaa sun dubartoota hunda keessaa haa eebbifamtu; isheen dubartoota dunkaana keessa jiraatan hunda keessaa haa eebbifamtu.
“Mafi albarka a ciki mata ta zama Yayel matar Heber Bakene, mafi albarka na mata masu zama a alfarma.
25 Inni bishaan kadhate; isheen immoo aannan kenniteef; qabee ulfinaatti itittuu dhiʼeessiteef.
Ya nemi ruwa, ta kuwa ta ba shi madara; a ƙwaryar da ta dace da sarakuna ta kawo masa kindirmo.
26 Harka ishee gara qofoo dunkaanaatti hiixatte; harka ishee mirgaatiin burruusa fudhatte; isheenis Siisaaraa dhooftee mataa isaa buruqsite; waraantees illee isaa keessa fullaafte.
Hannunta ya ɗauki turken tenti, da hannunta na dama ta ɗauko guduma. Ta bugi Sisera, ta ragargaza kansa, ta ragargaza ta huda kunnensa.
27 Innis miilla ishee jalatti gombifame; kufee diriires. Miilla ishee jalatti gombifame; ni kufe; iddoo gombifamettis kufee duʼe.
A ƙafafunta ya fāɗi, ya fāɗi; a can ya kwanta. A ƙafafunta ya fāɗi, ya fāɗi; a can ya fāɗi, matacce.
28 “Haati Siisaaraa foddaa keessaan gad ilaalte; qaawwa keessaanis iyyitee, ‘Gaariin isaa maaliif dhufuuf lafa irra harkifate? Didichuun gaariiwwan isaa maaliif ture?’ jette.
“Ta taga mahaifiyar Sisera ta leƙa; a bayan madogarar ƙofa ta yi ta ihu, ‘Me ya sa keken yaƙinsa ta daɗe ba tă dawo ba? Me ya sa dawakan keken yaƙinsa ba su dawo da wuri ba?’
29 Dubartoota ishee keessaa isheen ogeettiin deebii kenniteef; taʼus isheen ofuma isheetiin deebiftee,
Mafi hikima cikin’yan matanta suka amsa mata, tabbatacce, ta ci gaba ta ce wa kanta,
30 ‘Isaan boojuu argatanii addaan qoodachuutti jiru mitii? Tokkoon tokkoon namaa dubartii tokko tokko yookaan lama lama argata mitii? Siisaaraadhaaf uffanni boojuu kan halluudhaan faayeffame, uffanni halluudhaan miidhagfamee hodhame, morma kootiif immoo uffata akka malee miidhagfamee hodhame qoodu mitii? Kun hundi boojuu dha.’
‘Ba nema suke su raba ganima ba, yarinya guda ko biyu wa kowane mutum, riguna masu launi a matsayin ganima don Sisera, riguna masu ado, riguna masu ado sosai don wuyata, dukan wannan a matsayin ganima?’
31 “Kanaafuu yaa Waaqayyo, diinonni kee hundi haa barbadaaʼani! Warri si jaallatan garuu akka biiftuu, ishee humna guutuun baatu sanaa haa taʼan.” Ergasii biyyattiin waggaa afurtama nagaa argatte.
“Ta haka bari dukan abokan gābanka su hallaka, ya Ubangiji! Amma bari waɗanda suke ƙaunarka su zama kamar rana sa’ad da ta fito da ƙarfinta.” Sa’an nan ƙasar ta sami zaman lafiya shekara arba’in.

< Abbootii Murtii 5 >