< Abbootii Murtii 4 >
1 Erga Eehuud duʼee booddee Israaʼeloonni ammas fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan.
Baada ya Ehudi kufa, Waisraeli wakafanya tena maovu machoni pa Bwana.
2 Kanaafuu Waaqayyo Yaabiin mootii Kanaʼaan kan Haazoor taaʼee bulchaa turetti dabarsee isaan gurgure. Ajajaan loltoota isaa Siisaaraa jedhama ture; innis Harooshet Hagooyim keessa jiraata ture.
Hivyo Bwana akawatia mikononi mwa Yabini, mfalme wa Kanaani, aliyetawala huko Hazori. Jemadari wa jeshi lake alikuwa Sisera, aliyeishi huko Haroshethi-Hagoyimu
3 Inni sababii gaariiwwan sibiilaa dhibba sagal qabuuf waggaa digdama akka malee Israaʼeloota hacuuce; isaanis gargaarsa barbaacha Waaqayyotti iyyatan.
Kwa kuwa Sisera alikuwa na magari ya chuma yapatayo 900, naye alikuwa amewatesa Waisraeli kwa ukatili kwa muda wa miaka ishirini, Waisraeli wakamlilia Bwana wakaomba msaada.
4 Yeroo sanatti niitiin Lafiidoot Debooraan raajittiin Israaʼelin bulchaa turte.
Debora, nabii mwanamke, mkewe Lapidothi, ndiye alikuwa anaamua Israeli wakati ule.
5 Isheenis biyya gaaraa Efreemitti Muka Meexxii Debooraa kan Raamaa fi Beetʼeel gidduutti argamu sana jala teessee murtii kennaa turte. Sabni Israaʼelis murtii argachuuf gara ishee dhufaa ture.
Debora alikuwa akiketi chini ya Mtende wa Debora uliokuwa kati ya Rama na Betheli katika nchi ya vilima ya Efraimu, nao Waisraeli wakaja kwake ili awaamue.
6 Isheenis Baaraaqi ilma Abiinooʼam biyya Niftaalem magaalaa Qaadeshiitii waamsifatee akkana jetteen; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedhee si ajaja; ‘Kaʼi; gosa Niftaalemii fi gosa Zebuuloon keessaa nama kuma kudhan fudhadhuutii Tulluu Taabooriitti ol baʼi.
Akatuma wamwite Baraka mwana wa Abinoamu kutoka Kedeshi huko Naftali na kumwambia, “Bwana, Mungu wa Israeli, anakuagiza: ‘Nenda, chukua wanaume 10,000 toka Naftali na Zabuloni, mwende Mlima Tabori.
7 Anis Siisaaraa, ajajaa loltoota Yaabiin sana gaariiwwan lolaatii fi loltoota isaa wajjin akka inni gara Laga Qiishoonitti baʼu nan kakaasa; isas harka keetti dabarsee nan kenna.’”
Nitamshawishi Sisera, jemadari wa jeshi la Yabini, pamoja na magari yake na jeshi lake, hadi Mto Kishoni na kumtia mikononi mwako.’”
8 Baaraaqis, “Yoo ati na wajjin deemte, ani nan deema; yoo ati na wajjin hin deemin garuu anis hin deemu” jedheen.
Baraka akamwambia, “Ukienda pamoja nami nitakwenda, lakini usipokwenda pamoja nami, sitakwenda.”
9 Debooraanis, “Ani dhugumaan si faana nan deema. Yoo ati haala kanaan deemte garuu ulfinni siʼiif hin taʼu; Waaqayyo dabarsee Siisaaraa harka dubartiitti kennaatii” jetteen. Kanaafuu Debooraan Baaraaqi faana gara Qaadesh deemte;
Debora akamwambia, “Hakika nitakwenda pamoja nawe, lakini njia unayoiendea haitakupa heshima wewe, kwa kuwa Bwana atamtia Sisera mikononi mwa mwanamke.” Hivyo Debora akaenda pamoja na Baraka mpaka Kedeshi,
10 Baaraaqis achitti namoota gosa Zebuuloonii fi gosa Niftaalem walitti waame. Namoonni kuma kudhan isa duukaa buʼan; Debooraanis isa faana deemte.
mahali ambapo Baraka aliwaita Zabuloni na Naftali. Watu 10,000 wakamfuata Baraka, na Debora pia akaenda pamoja naye.
11 Yeroo sanatti Hebeer namichi gosa Qeen abbaan niitii Musee sun Qeenota ilmaan Hoobaab kaan irraa citee Qaadesh biratti lafa Zaʼaanaaniim jedhamutti qilxuu guddaa jala dunkaana isaa dhaabbatee ture.
Basi Heberi, Mkeni, alikuwa amejitenga na Wakeni wengine, yaani, wazao wa Hobabu, mkwewe Mose, naye akapiga hema lake karibu na ule mti mkubwa wa mwaloni ulioko Saananimu, karibu na Kedeshi.
12 Siisaaraan yommuu akka Baaraaqi ilmi Abiinooʼam sun gara Tulluu Taabooritti ol baʼee dhagaʼetti,
Sisera alipoambiwa kuwa Baraka mwana wa Abinoamu alikuwa amepanda Mlima Tabori,
13 gaariiwwan sibiilaa dhibba sagalii fi loltoota isaa kanneen Harooshet Hagooyimii hamma Laga Qiishoonitti argaman hundumaa walitti qabate.
Sisera akakusanya pamoja magari yake yote 600 ya chuma na watu wote waliokuwa pamoja naye, kuanzia Haroshethi-Hagoyimu mpaka Mto wa Kishoni.
14 Kana irratti Debooraan Baaraaqiin, “Kaʼi! Guyyaan Waaqayyo Siisaaraa dabarsee harka keetti kenne harʼa. Kunoo Waaqayyo si dura baʼeera” jette. Kanaafuu Baaraaqi namoota kuma kudhan fudhatee Tulluu Taaboor irraa gad buʼe.
Ndipo Debora akamwambia Baraka, “Nenda! Hii ndiyo siku ambayo Bwana amemtia Sisera mikononi mwako. Je, Bwana hakukutangulia mbele yako?” Hivyo Baraka akashuka kutoka Mlima Tabori, akifuatwa na watu 10,000.
15 Waaqayyos akka Siisaaraan, gaariiwwan isaatii fi loltoonni isaa hundinuu goraadeedhaan fuula Baaraaqi duratti moʼatamanii duubatti deebiʼan godhe; Siisaaraan gaarii isaa irraa buʼee miillaan baqate.
Bwana akamfadhaisha Sisera na magari yake yote, pamoja na jeshi lake lote kwa upanga mbele ya Baraka, naye Sisera akaliacha gari lake na kukimbia kwa miguu.
16 Baaraaqi garuu gaariiwwanii fi loltoota Siisaaraa hamma Harooshet Hagooyimiitti ariʼe; loltoonni Siisaaraa hundinuu goraadeedhaan dhuman. Namni tokko iyyuu hin hafne.
Lakini Baraka akafuata magari pamoja na jeshi mpaka Haroshethi-Hagoyimu. Jeshi lote la Sisera likaanguka kwa upanga, wala hakuna hata mtu mmoja aliyesalia.
17 Siisaaraan garuu sababii Yaabiin mooticha Haazoorii fi Hebeer namicha balbala Qeen sana gidduu hariiroon gaariin tureef gara dunkaana Yaaʼeel niitii Hebeer sanaatti miillaan baqate.
Sisera, hata hivyo, akakimbia kwa miguu mpaka kwenye hema la Yaeli, mkewe Heberi, Mkeni, kwa sababu palikuwa na uhusiano wa kirafiki kati ya Yabini mfalme wa Hazori na ukoo wa Heberi, Mkeni.
18 Yaaʼeelis Siisaaraa simachuuf gad baatee, “Kottu yaa gooftaa koo; kottu ol seeni; hin sodaatin” isaan jette. Innis dunkaana ishee seene; isheenis wayyaa isa irra buuftee dhoksite.
Yaeli akaenda kumlaki Sisera na kumwambia, “Karibu, bwana wangu, karibu ingia ndani kabisa. Usiogope.” Basi Sisera akaingia ndani ya hema ya Yaeli, naye akamfunika kwa blanketi nene.
19 Innis, “Ani dheebodheera; maaloo bishaan naa kenni” jedheen. Isheenis qabee aannanii bantee waan inni dhugu kenniteefii isa dhoksite.
Akamwambia, “Nina kiu, tafadhali nipe maji ya kunywa.” Ndipo akafungua kiriba cha maziwa na kumpa akanywa, kisha akamfunika.
20 Innis, “Balbala dunkaanaa dura dhaabadhu; yoo eenyu iyyuu dhufee, ‘Namni as jiraa?’ siin jedhe, ‘hin jiru’ jedhi” isheen jedhe.
Naye Sisera akamwambia, “Simama mlangoni pa hema na mtu yeyote akija na kukuuliza, ‘Je, kuna mtu yeyote hapa?’ sema, ‘Hapana.’”
21 Yaaʼeel niitiin Hebeer garuu utuu Siisaaraan hirriba cimaa keessa jiruu qofoo dunkaanaa fi burruusa fudhattee suuta jettee bira geesse. Qofoo sanaanis isa waraantee lafatti hodhite; innis ni duʼe.
Ndipo Yaeli, mkewe Heberi, akatwaa kigingi cha hema, akachukua nyundo mkononi mwake, akamwendea polepole, akiwa amelala usingizi, akiwa amechoka. Akakigongomea kile kigingi kwenye paji la uso wake, kikapenya hata kuingia ardhini, naye akafa.
22 Yommuu Baaraaqi Siisaaraa duukaa buʼee dhufettis, Yaaʼeel isa simachuudhaaf gad baatee, “Kottu nama ati barbaaddu sittan argisiisaa” jetteen. Kanaafuu inni ishee wajjin gara dunkaanichaatti ol seenee Siisaaraa akkuma illeen isaa qofoodhaan waraanametti reeffa isaa arge.
Baraka akakaribia akimfuatia Sisera, Yaeli akatoka kumlaki. Akamwambia, “Njoo, nitakuonyesha mtu unayemtafuta.” Hivyo wakaingia ndani ya hema wakiwa wamefuatana na tazama Sisera alikuwa amelala humo, akiwa amekufa, na hicho kigingi cha hema kikiwa kimegongomewa kupitia paji la uso wake.
23 Waaqnis gaafa sana akka Yaabiin mootiin Kanaʼaanotaa fuula Israaʼelootaa duratti moʼatamu godhe.
Basi siku ile Mungu akamshinda Yabini, mfalme wa Kanaani, mbele ya Israeli.
24 Harki Israaʼelootaas hamma isaan Yaabiin mooticha Kanaʼaanotaa galaafatanitti jajjabaachaa deeme.
Nao mkono wa Waisraeli ukaendelea kuwa na nguvu zaidi na zaidi dhidi ya Yabini, mfalme wa Kanaani, mpaka wakamwangamiza.