< Abbootii Murtii 3 >

1 Saboonni Waaqayyo Israaʼeloota waraana Kanaʼaan keessatti deemsifame kam iyyuu irratti hirmaatanii hin beekin hunda qoruuf jedhee idduma isaan turanitti hambise kanneenii dha;
Ovo su narodi koje je Jahve pustio da ostanu kako bi njima iskušavao sinove Izraelove, sve one koji ne iskusiše ratova kanaanskih.
2 innis akka Israaʼeloonni kanaan dura waraana keessatti hirmaatanii hin beekin muuxannoo argataniif waan kana godhe;
Bijaše to samo na korist pokoljenjima sinova Izraelovih da nauče vještinu ratovanja - barem oni koji nisu iskusili prijašnjih ratova:
3 kanneen utuu hin baʼin achumatti hafanis: bulchitoota Filisxeemotaa shanan, Kanaʼaanota hunda, Siidoonotaa fi Hiiwota Tulluu Baʼaal Hermoonii jalqabanii hamma balbala Hamaatitti gaarran Libaanoon gubbaa jiraatanii dha.
ostade pet knezova filistejskih i svi Kanaanci, Sidonci i Hivijci koji su živjeli na gori Libanonu od gore Baal-Hermona do ulaza u Hamat.
4 Isaan kunneen warra Israaʼeloonni ajaja Waaqayyoo kan inni karaa Museetiin abbootii isaaniif kennee ture sana eeguu fi eeguu baachuu isaanii ittiin qoramanii ilaalamaniif hambifamanii dha.
Oni su poslužili da se iskuša Izrael: da bi se vidjelo hoće li se držati zapovijedi što ih je Jahve preko Mojsija dao njihovim ocima.
5 Kanaafuu Israaʼeloonni Kanaʼaanota, Heetota, Amoorota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota gidduu jiraatan.
Tako su Izraelci prebivali usred Kanaanaca, Hetita, Amorejaca, Perižana, Hivijaca i Jebusejaca;
6 Isaanis intallan jaraa fuudhan; intallan ofii isaanii immoo ilmaan isaaniitti heerumsiisan; waaqota isaaniis ni waaqeffatan.
ženili se njihovim kćerima i davali svoje kćeri njihovim sinovima i služili njihovim bogovima.
7 Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; Waaqayyo Waaqa isaanii irraanfatanii Baʼaalii fi Asheeraa waaqeffatan.
I činili su Izraelci ono što Jahvi nije bilo po volji. Zaboravili su Jahvu, svoga Boga, da bi služili baalima i aštartama.
8 Aariin Waaqayyo Israaʼelootatti bobaʼe; kanaafuu mootii Phaadaan Arraam Kuushan-Rishaataayimitti dabarsee isaan gurgure; Israaʼeloonnis waggaa saddeeti isa jalatti bulan.
Tada Jahve planu gnjevom na Izraela i dade ih u ruke Kušanu Rišatajimu, kralju edomskom; i služiše Kušanu Rišatajimu osam godina.
9 Waaqayyo garuu yeroo isaan gara isaatti iyyatanitti nama isaan furu tokko jechuunis obboleessa Kaaleb quxisuu, Otniiʼeel ilma Qenaz sana akka inni isaan furuuf kaaseef.
Tad Izraelci zavapiše Jahvi i Jahve im podiže izbavitelja, Otniela, sina Kenaza, mlađega brata Kalebova, da ih oslobodi.
10 Hafuurri Waaqayyoo isa irra buʼe; kanaafuu inni abbaa murtii Israaʼelootaa taʼee duulaaf baʼe. Waaqayyos Kuushan-Rishaataayim mooticha Phaadaan Arraam sana dabarsee harka Onniiʼelitti kenne; innis isa moʼate.
Duh Jahvin siđe na nj i on posta sucem Izraelu. I povede Izraela u boj. Jahve mu preda u ruke Kušana Rišatajima, kralja edomskog, i on pobijedi Kušana Rišatajima.
11 Kanaafuu biyyi sun hamma Otniiʼeel ilmi Qenaz duʼutti waggaa afurtama nagaa argate.
Zemlja je otad bila u miru četrdeset godina. Poslije smrti Otniela, sina Kenazova,
12 Ammas Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; sababii isaan waan hamaa kana hojjetaniif Waaqayyo akka Egloon mootiin Moʼaab harka isaa isaanitti cimsuuf dabarsee isaan kenne.
Izraelci su počeli opet činiti što je zlo u očima Jahvinim. Zato Jahve dade Eglonu, kralju moapskom, moć nad Izraelom, jer su činili što je zlo pred Jahvom.
13 Innis Amoonotaa fi Amaaleqoota walitti qabatee Israaʼeloota waraane; isaanis Magaalaa Meexxii qabatan.
Eglon se ujedini sa sinovima Amonovim i Amalekovim, pođe na Izraela, potuče ga i osvoji Palmov grad.
14 Israaʼeloonni waggaa kudha saddeet Egloon mootii Moʼaab jalatti bulan.
Izraelci su služili moapskom kralju Eglonu osamnaest godina.
15 Israaʼeloonni ammas gara Waaqayyootti iyyatan; innis nama isaan furu tokko jechuunis Eehuud nama harka bitaachaa, ilma Geeraa sana gosa Beniyaam keessaa isaanii kaase. Israaʼeloonnis akka inni Egloon mootii Moʼaab sanaaf gibira geessu Naaʼodin ergan.
Tada Izraelci zavapiše Jahvi i Jahve im podiže izbavitelja - Ehuda, sina Gere iz Benjaminova plemena, čovjeka koji bijaše ljevak. I poslaše ga Izraelci da im odnese danak Eglonu, kralju moapskom.
16 Eehuudis goraadee gama lamaan qara qabu kan meetira walakkaa dheeratu tolfatee uffata isaa jalaan tafa mirgaatti hidhate.
A Ehud načini sebi bodež sa dvije oštrice, lakat dug, i pripasa ga pod haljine uz desno bedro.
17 Gibira sana Egloon mooticha Moʼaab namicha akka malee furdaa ture sanaaf dhiʼeesse.
I odnese danak Eglonu, kralju moapskom. Eglon bijaše vrlo debeo.
18 Naaʼod erga gibira sana dhiʼeessee booddee namoota baataniifii dhufan geggeesse.
Predavši danak, Ehud ode s ljudima koji bijahu donijeli danak.
19 Inni garuu iddoo dhagaan baafamu kan Gilgaal biratti argamu bira gaʼee duubatti deebiʼuudhaan, “Yaa mootii ani waan dhoksaatti sitti himu tokko qaba” jedhe. Mootichis, “Calʼisaa!” jedhe; warri isa bira turan hundinuus isa dhiisanii baʼan.
Ali kada je došao do idola u blizini Gilgala, vrati se i reče: “Imam ti, kralju, reći jednu tajnu!” Kralj mu odvrati: “Tiho!” I svi koji su uza nj bili izađu.
20 Utuu mootichi kutaa mana isaa iddoo qabbanaaʼaa tokko kophaa isaa taaʼee jiruu Eehuud itti dhiʼaatee, “Ani ergaa Waaqa biraa siif ergame qaba” jedheen. Egloonis teessoo isaa irraa ol kaʼe;
Ehud uđe. Kralj je sjedio u hladovitoj gornjoj sobi; bio je sam. Ehud mu reče: “Imam, kralju, za tebe riječ od Boga!” On odmah usta s prijestolja.
21 Eehuud harka isaa bitaa diriirsee tafa mirga isaa irraa goraadee luqqifatee garaa mootichaa keessa fullaase.
Tad Ehud lijevom rukom trgnu bodež s desnog bedra i satjera mu ga u trbuh.
22 Qabannoon isaas utuu hin hafin garaa seenee sibiilli isaa duubaan baʼe. Naaʼod goraadicha garaa mootichaa keessaa hin buqqifne; moorris goraadee sana haguugee ture.
Za oštricom uđe sav držak i salo se sklopi za oštricom, jer Ehud nije mogao izvući oštricu iz trbuha. Nečist je izlazila odande.
23 Ergasiis Eehuud Egloonitti balbala cufee karaa borootiin baʼee qajeele.
Ehud je otišao kroz trijem; za sobom je zatvorio vrata gornje sobe i zaključao ih.
24 Erga Eehuud deemee booddee tajaajiltoonni mootichaa dhufan; balbala kutaa mana ol aanuus akkuma inni cufamee jirutti argan. Isaanis, “Tarii inni mana boolii gad taaʼee jira taʼa” jedhan.
Kada je on otišao, vrate se sluge da pogledaju. Kako vrata gornje sobe bijahu zaključana, rekoše: “Bit će da je otišao na stranu, u klijet do hladovite sobe.”
25 Hamma dadhabanittis eegan; garuu waan inni utuu balbala hin banin tureef furtuu fudhatanii balbala banan. Kunoo gooftaan isaanii duʼee lafa irra diriiree ture.
Čekali su ga dugo, u nedoumici, jer on nije otvarao vrata gornje sobe. Naposljetku uzeše ključ i otvoriše: gospodar im ležao na tlu, mrtav.
26 Utuma isaan dhaabatanii eegaa jiranuu Eehuud fagaatee deeme. Karaa lafa dhagaan itti soofamuutiin darbee gara Seʼiiraatti baqate.
Dok su oni čekali, Ehud je pobjegao, prošao već idole i sklonio se u Seiru.
27 Innis yommuu achi gaʼetti biyya gaaraa Efreem keessatti malakata afuufe; Israaʼeloonnis hooggantummaa isaatiin biyya gaaraa sana irraa isa wajjin gad buʼan.
Čim dođe u zemlju Izraelovu, zasvira u rog na Efrajimovoj gori; i siđoše Izraelci s njim s gore, a on im stajaše na čelu.
28 Eehuudis, “Diina keessan Moʼaabin Waaqayyo dabarsee harka keessanitti isinii kenneeraatii na duukaa buʼaa!” jedheen. Isaanis malkaa Yordaanos kan gara Moʼaabitti geessu sana qabatanii nama tokko illee achiin darbuu dhowwan.
I reče im: “Pođite za mnom! Jahve vam je u ruke predao Moapce, vaše neprijatelje.” Oni krenuše za njim, zatvoriše Moapcima put preko gazova Jordana i ne dadoše nikome prijeko.
29 Yeroo sanatti Moʼaabota hundi isaanii jajjaboo fi humna qabeeyyii taʼan kuma kudhan fixan; namni tokko iyyuu isaan jalaa hin baane.
Pobili su u to vrijeme oko deset tisuća Moabaca, sve kršnih i hrabrih ljudi, i nijedan im nije umakao.
30 Gaafa sana Moʼaab harka Israaʼelitti galfamte; biyyattiinis waggaa saddeettamaaf nagaa argatte.
Toga su dana Moapci potpali pod ruku Izraelovu i zemlja bijaše mirna osamdeset godina.
31 Eehuuditti aanee Shamgaar ilmi Anaat kaʼe; innis ulee ittiin qotiyyoo tuttuqaniin Filisxeemota dhibba jaʼa fixe. Akkasiinis Israaʼeloota baraare.
Poslije njega bijaše Šamgar, sin Anatov. On je pobio šest stotina Filistejaca ostanom volujskim. Tako je i on spasio Izraela.

< Abbootii Murtii 3 >