< Abbootii Murtii 21 >

1 Israaʼeloonni, “Nu keessaa namni tokko illee Beniyaamotatti intala isaa heerumsiisuu hin qabu” jedhanii Miisphaatti wal kakachiisanii turan.
Israelfo aka ntam wɔ Mispa sɛ, wɔremfa wɔn mmabea mma ɔbarima biara a ofi Benyamin abusuakuw mu aware.
2 Sabnis gara Beetʼeel dhaqanii hamma galgalaatti fuula Waaqaa dura taaʼuudhaan sagalee isaanii ol fuudhanii hiqqifatanii booʼan.
Nnipa no kɔɔ Bet-El kɔtenaa Onyankopɔn anim kosii anwummere, maa wɔn nne so, suu denneennen kae se,
3 Isaanis, “Yaa Waaqayyo, Waaqa Israaʼel, wanni kun maaliif Israaʼel irra gaʼe? Harʼa gosti tokko maaliif Israaʼel keessaa dhabamaa?” jedhanii iyyan.
“Ao Awurade, Israel Nyankopɔn, adɛn nti na saa asɛm yi asi? Mprempren yɛn mmusuakuw no mu baako ayera!”
4 Namoonnis guyyaa itti aanutti ganamaan iddoo aarsaa tolchanii aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessan.
Adekyee mu no, nnipa no sii afɔremuka, na wɔbɔɔ ɔhyew ne asomdwoe afɔre.
5 Ergasiis Israaʼeloonni, “Gosoota Israaʼel hundumaa keessaa gosti fuula Waaqayyoo duratti wal gaʼii irratti hin argamin kami?” jedhanii gaafatan. Namni fuula Waaqayyoo duratti wal gaʼii irratti hin argamin haa ajjeefamu jedhanii Miisphaatti walii kakatanii turaniitii.
Wobisae se, “Abusuakuw bi wɔ hɔ a wannya ɔnanmusini bere a yɛkɔɔ nhyiamu kɛse wɔ Awurade anim wɔ Mispa no ana?” Saa bere no, na wɔaka ntankɛse wɔ Awurade anim sɛ, obiara a wamma no, ɛsɛ sɛ owu.
6 Israaʼeloonni garuu obboloota isaanii Beniyaamotaaf garaa laafanii akkana jedhan; “Harʼa gosti tokko Israaʼel irraa citeera.
Na Israelfo no dii yaw wɔ Benyaminfo no ho kae se, “Nnɛ yi, abusuakuw baako afi yɛn mu; na nʼase reyɛ atɔre.
7 Egaa warra hafaniif akkamitti niitota argachuu dandeenya? Nu akka intallan keenya isaanitti hin heerumsiifne Waaqayyoon kakanneerraatii.”
Na ɛbɛyɛ dɛn na yɛanya yerenom ama wɔn a wɔaka no, esiane Awurade ntam a yɛaka sɛ yɛremfa yɛn mmabea mu biara mma wɔn aware nti?”
8 Ergasiis, “Gosti Miisphaatti fuula Waaqayyoo duratti wal gaʼii irratti hin argamin kami?” jedhan. Isaanis akka namni tokko iyyuu Yaabeesh Giliʼaadii gara qubataa wal gaʼiidhaaf hin dhufin beekan.
Enti wobisae se, “Bere a yɛde yɛn ho kyerɛɛ Awurade wɔ Mispa no na obi nni hɔ bi ana?” Ɛhɔ na wohui sɛ, obiara amfi Yabes Gilead amma saa aguabɔ no ase bi.
9 Yeroo namoota lakkaaʼanittis akka namni Yaabeesh Giliʼaad tokko iyyuu achi hin jirre hubatan.
Na wɔkan nnipa no nyinaa no, wɔannya obiara a ofi Yabes Gilead.
10 Kanaafuu waldaan sun loltoota kuma kudha lama gara Yaabeesh Giliʼaad ergee akka isaan warra achi jiraatan, dubartootaa fi daaʼimman dabalanii goraadeedhaan fixan ajaje.
Enti wɔsomaa akofo mpem dumien kɔɔ Yabes Gilead sɛ wonkokunkum obiara a ɔwɔ hɔ a mmea ne mmofra ka ho.
11 Isaanis, “Wanni isin gochuu qabdan kanaa dha; dhiira hundaa fi dubartoota durbummaa hin qabne hunda ajjeesaa” jedhan.
Wɔkae se, “Eyi na ɛsɛ sɛ moyɛ. Munkum ɔbarima ne ɔbea biara a ɔnyɛ ɔbabun.”
12 Isaanis namoota Yaabeesh Giliʼaad keessa jiraatan keessaa dubarran takkumaa dhiirri bira hin gaʼin dhibba afur argatan; gara biyya Kanaʼaan kan qubata Shiilootti argamu sanaattis isaan fidan.
Yabes Gileadfo mu no, wohuu mmabun ahannan a wɔne mmarima nnaa da, na wɔde wɔn baa nsraban a ɛwɔ Silo wɔ Kanaan asase so hɔ.
13 Ergasiis waldaan guutuun Beniyaamota kattaa Rimoon bira jiraatanitti waamicha nagaa ergan.
Na Israelfo bagua no somaa asomdwoe abɔfo ma wɔkɔɔ Benyaminfo nkae no a na wɔte Rimon botan ho no nkyɛn.
14 Beniyaamonnis yeroo sanatti ni dachaʼan; dubartoonni Yaabeesh Giliʼaad kanneen duʼa jalaa baraaraman akka niitota isaaniif taʼaniif kennamaniif; garuu hunda isaanii wal hin geenye.
Na Benyaminfo no san kɔɔ wɔn afi mu, na wɔde mmabun a wofi Yabes Gilead a wɔankum bi no maa wɔn aware. Nanso mmea no anso wɔn so.
15 Namoonnis sababii Waaqayyo gosoota Israaʼel gidduutti gargari baʼumsa uumeef Beniyaamiif gaddan.
Nnipa no dii Benyaminfo no ho yaw, sɛ Awurade ama mpaapaemu aba Israel mmusuakuw no mu.
16 Maanguddoonni waldaas akkana jedhan; “Dubartoonni Beniyaam dhumaniiru; egaa dhiirota hafaniif akkamitti niitota argachuu dandeenya?
Enti Israel ntuanofo no bisae se, “Sɛ wɔatɔre mmea a wofi Benyamin ase yi, ɛbɛyɛ dɛn na yɛanya yerenom ama mmarima a wɔaka no?
17 Akka gosti tokko Israaʼel keessaa hin badneef Beniyaamonni hafan dhaaltota argachuu qabu.
Ɛsɛ sɛ Benyaminfo a wɔaka no nya adedifo sɛnea ɛbɛyɛ a Israel abusuakuw bi ase ntɔre.
18 Nu Israaʼeloonni sababii, ‘Namni intala isaa Beniyaamotatti heerumsiisu haa abaaramu’ jennee kakanneef, intallan keenya niitummaadhaan isaanii kennuu hin dandeenyu.
Nanso yɛrentumi mfa yɛn mmabea mma wɔn aware, efisɛ yɛaka ntankɛse sɛ, obiara a ɔde ne babea bɛma Benyaminni aware no, Awurade nnome mmra ne so.”
19 Kunoo ayyaanni Waaqayyoo tokko wagguma waggaan Shiilootti ni ayyaaneffama; Shiiloon kunis Beetʼeel irraa gara kaabaatti, karaa Beetʼeelii baʼee Sheekemitti geessu irraa gara baʼaatti akkasumas Leboonaa irraa gara kibbaatti argamti.”
Afei wɔdwenee Awurade afeafe afahyɛ no ho, nea wodi wɔ Silo, a ɛwɔ Lebona ne Bet-El ntam, wɔ ɔkwan a efi Bet-El kosi Sekem no apuei fam.
20 Kanaafuu isaan akkana jedhanii Beniyaamota gorsan; “Dhaqaa iddoo dhaabaa wayinii keessa riphaa eeggadhaa.
Na wɔka kyerɛɛ Benyamin mmarima a wɔda so hwehwɛ yerenom no se, “Monkɔtɛw wɔ bobe nturo no mu.
21 Ilaalaa; yommuu dubarri Shiiloo sirbaaf baʼanitti iddoo dhaabaa wayinii keessaa baʼaatii tokkoo tokkoo keessaniif niitii tokko tokko qabaadhaatii gara Beniyaamitti deebiʼaa.
Sɛ mmea a wofi Silo no ba bɛsaw wɔn asaw no a, mumpue mfi bobe nturo no mu, na mo mu biara betumi afa wɔn mu baako de no akɔ fie sɛ ne yere.
22 Yommuu abbootiin isaanii yookaan obboloonni isaanii nutti himatanitti, ‘Sababii nu yeroo waraanaatti tokkoo tokkoo isaaniitiif niitii arguu hin dandaʼiniif isin isaan gargaaruudhaan dhiifama nuu godhaa; isinis sababii jaallattanii dubara keessan hin kenniniif balleessaa hin qabdan’ jennaan.”
Na sɛ wɔn agyanom ne wɔn nuanom mmarima ba sɛ wɔmpene so a, yɛbɛka akyerɛ wɔn se, ‘Yɛsrɛ mo, monte ase. Momma wɔmfa mo mmabea no, efisɛ bere a yekunkum Yabes Gileadfo no, yɛannyaw mmea a ɛbɛso wɔn nyinaa so amma wɔn. Munnni ntam no ho fɔ, efisɛ ɛnyɛ mo na mode mo mmabea maa wɔn aware.’”
23 Beniyaamonnis akkuma isaanitti himame sana godhan; utuma dubarran sirbaa jiranuus tokkoon tokkoon namaa tokko tokko butee akka niitii isaa taatuuf fudhatee qajeele. Ergasiis gara dhaala isaaniitti deebiʼanii magaalaa isaanii haaromfatanii achi jiraatan.
Enti Benyamin mmarima no yɛɛ sɛnea wɔkyerɛɛ wɔn no. Wowiawiaa mmea a wɔbaa afahyɛ no ase, de wɔn kɔɔ asase a ɛyɛ wɔn agyapade no so. Na wɔkyekyeree wɔn nkurow no bio tenaa mu.
24 Yeroo sanattis ijoolleen Israaʼel iddoo sanaa kaʼanii gara mana isaanii, gara gosa isaanii, gara lammii isaaniitii fi gara dhaala isaaniitti deebiʼan.
Na Israelfo mmusuakuw ne mmusua no fii hɔ san kɔɔ wɔn ankasa afi mu.
25 Bara sana Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture; tokkoon tokkoon namaa waanuma isatti tole hojjeta ture.
Saa bere no na Israel nni ɔhene, nti na nea nnipa no gye di sɛ eye wɔ wɔn ani so no na wɔyɛ.

< Abbootii Murtii 21 >