< Abbootii Murtii 19 >

1 Yeroo sanatti Israaʼel mootii hin qabdu ture. Lewwichi lafa gammoojjii biyya gaaraa Efreem keessa jiraatu tokko Beetlihem Yihuudaa keessaa dubartii tokko saajjatoo godhatee fudhate.
At that time Israel didn't have a king. A Levite who was living in a remote area in the hill country of Ephraim married a concubine-wife from Bethlehem in Judah.
2 Isheen garuu isaaf amanamtuu hin taane. Isa dhiiftees gara mana abbaa ishee Beetlihem Yihuudaatti deebite. Erga jiʼa afur achi turtee booddee,
But she was unfaithful to him and left him to return to her father's house in Bethlehem. She was there for four months.
3 dhirsi ishee araarfatee deebisee galfachuudhaaf gara ishee dhaqe. Innis hojjetaa isaatii fi harroota lama fudhatee deeme. Isheenis mana abbaa isheetti ol isa galchite; abbaan ishees yommuu isa argetti gammachuudhaan isa simate.
Then her husband went after her, to talk kindly with her and bring her back home. With him went his servant and two donkeys. She took him to her father's house and when her father met him, he gladly welcomed him.
4 Abbaan niitii isaa jechuunis, abbaan intalattii akka inni achi turuuf jabeessee isa kadhate; kanaafuu isaan nyaachaa, dhugaas bultii sadii isa bira bubbulan.
Her father pressed him to stay with them, so he remained for three days, eating, drinking, and sleeping there.
5 Guyyaa afuraffaatti ganamaan kaʼanii deemuuf qophaaʼan; abbaan intalattii garuu dhirsa intala isaatiin, “Akka jabaatuuf waa nyaadhu; ergasii ni deemtaa” jedhe.
On the fourth day he and his concubine got up early in the morning and prepared to leave, but her father said to his son-in-law, “You'll feel better if you have something to eat before you go.”
6 Kanaafuu lachan isaanii wajjin nyaatanii dhuguuf tataaʼan. Ergasiis abbaan intalattii, “Maaloo harʼa asuma buliitii aara galfadhu” jedheen.
So the two men sat down to eat and drink together. The father said to his son-in law, “Please agree to spend another night here, and you can enjoy yourself!”
7 Yommuu inni deemuuf kaʼettis abbaan niitii isaa jabeessee isa kadhate; kanaafuu inni halkan sana achi bule.
The man got up to leave, but his father-in-law pressed him to stay, so in the end he spent the night there.
8 Guyyaa shanaffaatti yommuu inni ganamaan deemuuf kaʼetti abbaan intalattii, “Aara galfadhu. Hamma waaree booddeettis asuma turi!” isaan jedhe. Kanaafuu lachan isaanii iyyuu wajjin nyaatan.
On the fifth day he got up early in the morning to leave. But his father-in-law said, “Eat before you go, then leave later this afternoon.” So they had a meal together.
9 Yeroo namichi saajjatoo isaatii fi tajaajilaa isaa wajjin deemuuf kaʼetti abbaan intalattii, “Ilaali! Aduun dhiʼuutti jirti. Asuma bulaa; guyyaan galgalaaʼeera. Asuma bulaatii aara galfadhaa. Bori ganamaan kaatanii karaa keessan deemuu dandeessu” jedheen.
When he got up to leave with his concubine and his servant, his father-in-law told him, “Look it's late—it's already evening. Spend the night here. The day's almost over. Stay here the night and enjoy yourself, then tomorrow you can get up early and be on your way home.”
10 Namichi garuu gaafa sana achi buluu didee harroota isaa lamaan feʼatee saajjatoo isaa fudhatee qajeele. Gara fuullee Yerusaalem ishee Yebuus jedhamtu sanaa dhufe.
But the man didn't want to spend another night, so he got up and left. He headed towards the town of Jebus (now called Jerusalem) with his two saddled donkeys and his concubine.
11 Yommuu isaan Yebuus bira gaʼanitti sababii aduun dhiiteef tajaajilaan sun gooftaa isaatiin, “Maaloo kottaa magaalaa Yebuusotaa kanatti gorree haa bullu” jedhe.
As they approached Jebus the day was over, the servant said to his master, “Sir, why don't we stop here at this Jebusite town for the night?”
12 Gooftaan isaas deebisee, “Lakkii. Nu magaalaa Namoota Ormaa warra Israaʼeloota hin taʼinii hin seennu. Gara Gibeʼaatti dabarra” isaan jedhe.
But his master replied, “No, we're not going to stop in this town where only foreigners live and no Israelites. We'll continue on to Gibeah.”
13 Itti fufees, “Kottu Gibeʼaa yookaan Raamaa geenyee tokkoo isaanii keessa bullaa” jedheen.
Then he told his servant, “Come on, let's try and get to Gibeah or Ramah and spend the night somewhere there.”
14 Kanaafuu deemsa isaanii itti fufanii yeroo isaan Gibeʼaa ishee Beniyaam keessatti argamtutti dhiʼaatanitti aduun dhiite.
So they carried on and reached Gibeah in the territory of Benjamin just as the sun was setting.
15 Isaanis achi buluuf itti goran. Oobdii magaalaa keessas qubatan; garuu namni tokko iyyuu isaan bulchuuf mana isaatti ol isaan hin galchine.
They stopped in Gibeah to spend the night, and sat down in the town's main square, but no one invited them to come and stay.
16 Galgaluma sana jaarsi biyya gaaraa Efreemiitii dhufee Gibeʼaa jiraatu tokko hojii qonnaatii gale. Namoonni biyyattii garuu gosa Beniyaam turan.
But later that evening an old man came by, returning from working in the fields. He was from the hill country of Ephraim, but was now living in Gibeah in the territory of Benjamin.
17 Jaarsi sun yommuu ol jedhee oobdii magaalaa keessatti kara deemaa sana argetti, “Ati garam deemta? Eessaa dhufte?” jedhee gaafate.
He looked over and noticed the traveler in the square and asked, “Where are you going and where have you come from?”
18 Lewwichis akkana jedhe; “Nu Beetlihem Yihuudaatii dhufnee gara lafa moggaa biyya gaaraa Efreem iddoo ani jiraadhuu dhaquuf deemna. Ani achi dhaqee ture. Ani amma gara mana Waaqayyoo dhaqaan jira. Namni mana isaatti na simate tokko iyyuu hin jiru.
“We've come from Bethlehem in Judah and we're going to a remote area in the hill country of Ephraim,” the man replied. “I'm from there and I went to Bethlehem, and now I'm going to the Lord's Temple. No one here has invited me to stay.
19 Nu tajaajiltoonni kee harroota keenyaaf cidii fi okaa qabna; anaa fi tajaajiltuu keetiif, dargaggeessa nu wajjin jiruufis buddeenaa fi daadhii wayinii qabna. Nu waan tokko illee hin barbaannu.”
There's straw and food for our donkeys, and we your servants have bread and wine—enough for me, the woman, and my servant. We have all we need.”
20 Jaarsichis, “Nagaan siif haa taʼu; ani waan isin barbaachisu hundumaa isiniif nan dhiʼeessa; isin garuu oobdii keessa hin bulinaa” jedheen.
“You are welcome to stay with me,” the man replied. “I can let you have everything you need. Just don't spend the night here in the square.”
21 Kanaafuu inni gara mana isaatti ol isa galchee harroota isaatiif waan nyaatan kenne. Isaanis erga miilla isaanii dhiqatanii booddee nyaatanii dhugan.
He took him home and fed the donkeys. The travelers washed their feet and then started to eat and drink.
22 Utuu isaan gammadaa jiranuu kashlabboonni magaalaa sanaa tokko tokko mana jaarsichaa marsan. Balbalas dhadhaʼanii iyyuudhaan, “Akka nu isatti sagaagalluuf namicha mana kee seene sana gad nuu baasi” jedhaniin.
While they were enjoying themselves, some depraved men from the town came and surrounded the house, and banged on the door, shouting to the old man who owned the house, “Bring out the man who came to stay in your house so we can have sex with him.”
23 Abbaan manichaas gad baʼee akkana isaaniin jedhe; “Lakkisaa yaa firoota ko, hammina akkasii hin hojjetinaa; namichi kun waan keessummaa koo taʼeef waan jibbisiisaa kana hin hojjetinaa.
The man who owned the house went outside and told them, “My brothers, don't act in such an evil way! This man is a guest in my house. Don't do something so disgusting!
24 Kunoo intalli koo durbi qulqulluunii fi saajjatoon namichaa as jiru. Ani isaan gad isinii baasaatii waan feetan isaan godhaa. Namicha kanatti garuu waan jibbisiisaa akkasii hin hojjetinaa.”
Look, here's my virgin daughter and the man's concubine. Let me bring them out and you can rape them and do whatever you want to them. But don't do something so disgusting to this man.”
25 Taʼus isaan isa hin dhageenye. Kanaafuu Lewwichi saajjatoo isaa gad isaanii baase; isaanis halkan guutuu isheetti taphatanii ganama barii gad ishee dhiisan.
But the men refused to listen, so the man grabbed his concubine and threw her outside to them. They raped her and abused her all night until the morning, and only discarded her at dawn.
26 Akkuma lafti bariiteenis dubartiin sun gara mana gooftaan ishee ture sanaa dhaqxee balbala duratti kuftee hamma biiftuun baatutti achumatti diriirtee hafte.
As night turned into day she returned to the house where her master was staying and collapsed in front of the door as it got light.
27 Yommuu gooftaan ishee ganama barii kaʼee deemuuf balbala banee gad baʼetti, kunoo saajjatoon isaa kuftee harka ishee gulantaa balbalaa irratti diriirsitee arge.
Her master got up in the morning and opened the door of the house. He went out to continue his journey and there was his concubine, stretched out in the doorway of the house, with her hands holding onto the doorstep.
28 Innis, “Kaʼi ni deemnaa” isheen jedhe. Garuu deebiin tokko illee hin turre. Kana irratti namichi sun harree irra ishee kaaʼee gara mana isaatti qajeele.
“Get up, let's go,” he told her, but there was no answer. Then the man lifted her onto his donkey and went home.
29 Innis yommuu mana isaa gaʼetti haaduu fudhatee saajjatoo isaa sana buusaa buusaatti iddoo kudha lamatti kukkutee guutummaa biyya Israaʼelitti erge.
When he got home he took a knife, and holding onto his concubine, cut her up, limb by limb, into twelve pieces, and sent these pieces of her to every part of Israel.
30 Namni waan kana arge hundi, “Erga Israaʼeloonni Gibxii baʼanii jalqabee wanni akkasii takkumaa argamee yookaan hojjetamee hin beeku. Waaʼee isaa yaadaa! Hubadhaas! Waan gochuu qabnus nutti himaa!” jedhe.
Everyone who saw her said, “Nothing like this has ever been seen before, from the time the Israelites left Egypt up until now. You should think about what happened to her! Decide what to do! Speak up!”

< Abbootii Murtii 19 >