< Abbootii Murtii 18 >
1 Yeroo sanatti Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture. Sababii hamma yeroo sanaatti gosoota Israaʼel gidduutti dhaalli isaaniif hin kennaminiif gosti Daan iddoo qubatan barbaaddachaa turan.
In those days there was no king in Israel, and the tribe of Dan sought them an inheritance to dwell in: for unto that day they had not received their lot among the other tribes.
2 Kanaafuu warri Daan akka isaan biyya sana basaasanii fi magaalaa Zoraatii fi Eshitaaʼol keessaa namoota jajjaboo shan ergan. Namoonni kunneenis gosoota isaanii hunda iddoo buʼan. Warra erganiinis, “Dhaqaatii biyyattii sakattaʼaa” jedhan. Ergamoonni sunis biyya gaaraa Efreemiitti ol baʼanii mana Miikaa dhufan; halkan sanas achi bulan.
So the children of Dan sent five most valiant men of their stock and family from Saraa and Esthaol, to spy out the land, and to view it diligently: and they said to them: Go, and view the land. They went on their way, and when they came to mount Ephraim, they went into the house of Michas, and rested there:
3 Isaanis yommuu mana Miikaa bira gaʼanitti sagalee dargaggeessa Lewwicha sanaa hubatan; kanaafuu itti goranii, “Eenyutu as si fide? Ati maal asii goota? Maaliifis as dhufte?” jedhanii isa gaafatan.
And knowing the voice of the young man the Levite, and lodging with him, they said to him: Who brought thee hither? what dost thou here? why wouldst thou come hither?
4 Innis, “Miikaatu na qaxarate; anis luba isaa ti” jedhee waan inni isaaf godhe isaanitti hime.
He answered them: Michas hath done such and such things for me, and hath hired me to be his priest.
5 Isaanis, “Maaloo mee akka karaan keenya milkaaʼuu fi akka hin milkoofne Waaqa nuu gaafadhu” jedhaniin.
Then they desired him to consult the Lord, that they might know whether their journey should be prosperous, and the thing should have effect.
6 Lubichis, “Nagaan deemaa; Waaqayyo karaa keessan isinii mijeesseera” isaaniin jedhe.
He answered them: Go in peace, the Lord looketh on your way, and the journey that you go.
7 Kanaafuu namoonni shanan sun kaʼanii Laayish dhaqan; akka namoonni achi jiraatan, akkuma warra Siidoonaa sodaa tokko malee nagaadhaan jiraatanis argan. Isaanis sababii lafti isaanii waan hunda qabduuf jireenya badhaadhaa jiraatan. Akkasumas sababii warra Siidoonaa irraa fagaatanii jiraachaa turaniif isaan eenyuma wajjinuu walitti dhufeenya tokko illee hin qaban ture.
So the five men going on came to Lais: and they saw how the people dwelt therein without any fear, according to the custom of the Sidonians, secure and easy, having no man at all to oppose them, being very rich, and living separated, at a distance from Sidon and from all men.
8 Yommuu isaan Zoraa fi Eshitaaʼolitti deebiʼanitti obboloonni isaanii, “Oduu maalii qabattanii deebitan?” jedhanii isaan gaafatan.
And they returned to their brethren in Saraa and Esthaol, who asked them what they had done? to whom they answered:
9 Isaanis deebisanii akkana jedhaniin; “Kaʼaa dhaqnee isaan lollaa! Nu akka biyyattiin gabbattuu taate argineerra. Isin waan kana ittuma dhiiftuu? Dhaqxanii qabachuu hin maminaa.
Arise, and let us go up to them: for we have seen the land which is exceeding rich and fruitful: neglect not, lose no time: let us go and possess it, there will be no difficulty.
10 Isinis yommuu achi geessanitti saba yaaddoo tokko malee jiraatuu fi biyya balʼaa Waaqni dabarsee harka keessanitti isinii kennu kan wanni tokko iyyuu itti hin hirʼatin argattu.”
We shall come to a people that is secure, into a spacious country, and the Lord will deliver the place to us, in which there is no want of any thing that groweth on the earth.
11 Kana irratti gosa Daan keessaa namoonni dhibba jaʼa miʼa lolaa hidhatanii Zoraa fi Eshitaaʼolii kaʼan.
There went therefore of the kindred of Dan, to wit, from Saraa and Esthaol, six hundred men, furnished with arms for war,
12 Ol baʼaniis Yihuudaa keessa iddoo Kiriyaati Yeʼaariim jedhamu bira qubatan. Sababii kanaaf iddoon sun hamma harʼaatti qubata Daan jedhamee waamama; qubanni sunis gama lixa Kiriyaati Yeʼaariimitti argama.
And going up they lodged in Cariathiarim of Juda: which place from that time is called the camp of Dan, and is behind Cariathiarim.
13 Isaanis achii itti fufanii gara biyya gaaraa Efreemitti ol baʼanii mana Miikaa dhufan.
From thence they passed into mount Ephraim. And when they were come to the house of Michas,
14 Namoonni Shanan biyya Laayish basaasanii turan sunis, obboloota isaaniitiin, “Isin akka manneen kana keessaa tokko dirata, fakkii waaqota tolfamoo mana keessaa, fakkii soofamee fi fakkii meetiin itti uffifame qabu beektuu? Amma waan gochuu qabdan beekaa” jedhan.
The five men, that before had been sent to view the land of Lais, said to the rest of their brethren: You know that in these houses there is an ephod, and theraphim, and a graven, and a molten god: see what you are pleased to do.
15 Kanaafuu isaan achi goranii mana Miikaa iddoo Lewwichi dargaggeessi sun jiraatu dhufanii nagaa isa gaafatan.
And when they had turned a little aside, they went into the house of the young man the Levite, who was in the house of Michas: and they saluted him with words of peace.
16 Namoonni Daan warri miʼa lolaa hidhatan dhibbi jaʼaan balbala ittiin karra seenan irra dhaabatanii turan.
And the six hundred men stood before the door, appointed with their arms.
17 Namoonni biyyattii basaasan shanan ol galanii fakkii soofame, dirata, waaqota tolfamoo mana keessaatii fi Waaqa tolfamaa baqfamee hojjetame fudhatan. Yeroo kanatti lubni sunii fi namoonni miʼa lolaa hidhatan dhibbi jaʼaan balbala ittiin karra seenan irra dhaabachaa turan.
But they that were gone into the house of the young man, went about to take away the graven god, and the ephod, and the theraphim, and the molten god, and the priest stood before the door, the six hundred valiant men waiting not far off.
18 Yommuu namoonni kunneen mana Miikaa seenanii fakkii soofame, dirata, waaqota tolfamoo mana keessaa biraatii fi Waaqa baqfamee hojjetame fudhatanitti lubichi, “Isin maal hojjechaa jirtu?” Isaaniin jedhe.
So they that were gone in took away the graven thing, the ephod, and the idols, and the molten god. And the priest said to them: What are you doing?
19 Isaanis, “Calʼisi! Afaan kee qabadhu; nu faana kottuutii abbaa fi luba nuu taʼi. Mana nama tokkoo keessa tajaajiluu irra sanyii fi gosa Israaʼeliif luba taatee tajaajiluu siif hin wayyuu?” jedhaniin.
And they said to him: Hold thy peace and put thy finger on thy mouth and come with us, that we may have thee for a father, and a priest. Whether is better for thee, to be a priest in the house of one man, or in a tribe and family in Israel?
20 Lubni sun ni gammade. Innis dirata, waaqota tolfamoo mana keessaa biraatii fi fakkii soofame sana fudhatee isaan wajjin deeme.
When he had heard this, he agreed to their words, and took the ephod, and the idols, and the graven god, and departed with them.
21 Isaanis, ijoollee isaanii xixinnoo, horii isaaniitii fi qabeenya isaanii of dura buusanii of irra garagalanii qajeelan.
And when they were going forward, and had put before them the children and the cattle and all that was valuable,
22 Yeroo isaan mana Miikaa irraa xinnoo fagaatanii deemanittis, namoonni ollaa mana Miikaa wal waamanii namoota Daan duukaa buʼanii qaqqaban.
And were now at a distance from the house of Michas, the men that dwelt in the houses of Michas gathering together followed them,
23 Isaan itti iyyinaan warri Daan of irra garagalanii Miikaadhaan, “Ati maal barbaaddee namoota kee waammattee nu loluuf dhufte?” jedhan.
And began to shout out after them. They looked back, and said to Michas: What aileth thee? Why dost thou cry?
24 Innis deebisee, “Isin waaqota ani tolfadhee fi luba koo fudhattaniirtu. Wanni naa hafe maaltu jira? Yoos isin akkamitti, ‘Maali taate?’ naan jettu ree?”
And he answered: You have taken away my gods which I have made me and the priest, and all that I have, and do you say: What aileth thee?
25 Namoonni Daanis, “Afaan kee nutti hin banin; yoo kanaa achii namoonni obsa hin qabne tokko tokko si dhaʼu; atii fi maatiin kees lubbuu keessan dhabdu” jedhaniin.
And the children of Dan said to him: See thou say no more to us, lest men enraged come upon thee, and thou perish with all thy house.
26 Ergasii namoonni Daan karaa isaanii itti fufan; Miikaan akka isaan humna isaatii ol taʼan hubatee of irra garagalee gara mana ofii isaatti qajeele.
And so they went on the journey they had begun. But Michas seeing that they were stronger than he, returned to his house.
27 Isaan waan Miikaan tolfatee fi luba isaa fudhatanii Laayishitti qajeelanii saba yaaddoo tokko malee nagaan jiraatutti duulan. Goraadeedhaan isaan fixanii magaalaa isaaniis guban.
And the six hundred men took the priest, and the things we spoke of before, and came to Lais to a people that was quiet and secure, and smote them with the edge of the sword: and the city was burnt with fire,
28 Sababii isaan Siidoon irraa fagaatanii jiraatanii fi eenyuma wajjin walitti dhufeenya hin qabneef kan isaan baraaru tokko iyyuu hin jiru ture. Magaalaan sun sulula keessa Beet Rehooboot biratti argamti turte. Namoonni Daan magaalaa sana deebisanii ijaaruudhaan achi jiraatan.
There being no man at all who brought them any succour, because they dwelt far from Sidon, and had no society or business with any man. And the city was in the land of Rohob: and they rebuilt it and dwelt therein.
29 Magaalaan sun duraan Laayish jedhamti turte; isaan garuu Daan jedhanii maqaa abbaa isaanii Daan namicha Israaʼeliif dhalate sanaatiin moggaasan.
Calling the name of the city Dan after the name of their father, who was the son of Israel, which before was called Lais.
30 Achittis namoonni Daan ofii isaaniitiif waaqota tolfamoo dhaabbatan; Yoonaataan ilmi Geershoom, ilmi Musee sunii fi ilmaan isaa hamma biyyattiin boojiʼamtetti luboota gosa Daan turan.
And they set up to themselves the graven idol, and Jonathan the son of Gersam the son of Moses, he and his sons were priests in the tribe of Dan, until the day of their captivity.
31 Kanaafuu isaan ittuma fufanii bara manni Waaqaa Shiiloo ture guutuu waaqota Miikaan tolfatetti fayyadamaa turan.
And the idol of Michas remained with them all the time that the house of God was in Silo. In those days there was no king in Israel.