< Abbootii Murtii 17 >
1 Namicha biyya gaara Efreem keessa jiraatu kan maqaan isaa Miikaayaa jedhamu tokkotu ture;
ここにエフライムの山の人にて名をミカとよべるものありしが
2 innis haadha isaatiin, “Meetiin kuma tokkoo fi dhibba tokko ulfaatu kan si duraa badee ani utuu ati nama si jalaa fudhate abaartuu dhagaʼe sun na bira jira; kan fudhates anuma” jedhe. Haati isaas, “Yaa ilma ko, Waaqayyo si haa eebbisu” jetteen.
その母に言けるは汝かつてその千百枚の銀を取れしことを吾が聞ところにて詛ひて語りしが視よその銀はわが手に在り我之を取るなりと母すなはちわが子よねがはくはヱホバ汝に祝福をたまへと言り
3 Yommuu inni meetii kuma tokkoo fi dhibba tokko sana deebisee haadha isaatti kennettis, haati isaa, “Akka ilmi koo fakkii meetiin itti uffifame ittiin hojjetuuf ani meetii koo Waaqayyoof addaan baaseera. Ani ammas deebisee sittin kenna” jetteen.
彼千百枚の銀をその母にかへせしかば母いひけらくわれわが子のためにひとつの像を雕みひとつの像を鑄んためにその銀をわが手よりヱホバに納む然ばわれ今之を汝にかへすべしと
4 Kanaafuu inni meetii sana deebisee haadha isaatiif kenne; isheenis meetii dhibba lama fuutee tumtuu meetiitti kennite; tumtuun sunis fakkii fi Waaqa tolfamaa ittiin hojjete. Fakkii fi Waaqni tolfamaan sunis mana Miikaayaa keessa kaaʼaman.
ミカその銀を母にかへせしかば母その銀二百枚をとりて之を鑄物師にあたへてひとつの像をきざませひとつの像を鑄させたり其像はミカの家に在り
5 Namichi Miikaa jedhamu kunis galma Waaqa tolfamaa qaba ture; innis dirataa fi waaqota tolfamoo tokko tokko tolchee ilmaan isaa keessaa nama tokko luba godhate.
このミカといふ人神の殿をもちをりエポデおよびテラピムを造りひとりの子を立ておのが祭司となせり
6 Bara sana Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture; tokkoon tokkoon namaa waanuma isatti tole hojjeta ture.
此ときにはイスラエルに王なかりければ人々おのれの目に是とみゆることをおこなへり
7 Yeroo sanatti biyya Yihuudaa keessa dargaggeessa gosa Lewwii kan Beetlihem keessa gosa Yihuudaa gidduu jiraatu tokkotu ture.
ここにひとりの少者ありてベテレヘムユダに於てユダの族の中にをる彼はレビ人にしてかしこに寓居るなり
8 Innis iddoo jireenyaa kan biraa barbaaduuf jedhee magaalaa sana dhiisee deeme. Utuma deemuus gara biyya gaaraa Efreem mana Miikaa dhufe.
この人居べきところをたづねてその邑ベテレヘムユダを去しが遂に旅してエフライムの山にゆきてミカの家にいたりしに
9 Miikaanis, “Ati eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. Innis, “Ani nama Lewwii kan Beetlihem biyya Yihuudaatii dhufee iddoo jireenyaa barbaaduu dha” jedheen.
ミカ之にいひけるは汝いづこよ來れるやと彼之にいふ我はベテレヘムユダのレビ人なるが居べきところをたづねに往くものなり
10 Miikaanis, “Na wajjin jiraadhuutii abbaa fi luba naa taʼi; anis waggaatti meetii kudhan siif kenna; uffata keetii fi nyaata kees nan dandaʼa” isaan jedhe.
ミカ之に言けるは汝われと偕に居りわがために父とも祭司ともなれよ然ばわれ年に銀十枚および衣服食物を汝にあたへんとレビ人すなはち入しが
11 Kanaafuu Lewwichi sun isa wajjin jiraachuuf walii gale; dargaggeessi sunis Miikaadhaaf ilmaan isaa keessaa akkuma nama tokkoo taʼe.
レビ人つひにその人と偕に居んことを肯ふ是においてその少者はかれの子の一人のごとくなりぬ
12 Miikaanis dargaggeessa Lewwii sana muudate; innis luba isaa taʼee mana isaa jiraate.
ミカ、レビ人なるこの少者をたてて祭司となしたればすなはちミカの家に居る
13 Miikaanis, “Erga Lewwichi kun luba koo taʼe, ani akka Waaqayyo waan gaarii naa godhu nan beeka” jedhe.
ミカここにおいて言ふ今われ知るヱホバわれに恩惠をたまはんそはこのレビ人われの祭司となればなり