< Abbootii Murtii 17 >

1 Namicha biyya gaara Efreem keessa jiraatu kan maqaan isaa Miikaayaa jedhamu tokkotu ture;
To, wani mutum mai suna Mika daga ƙasar tudu ta Efraim
2 innis haadha isaatiin, “Meetiin kuma tokkoo fi dhibba tokko ulfaatu kan si duraa badee ani utuu ati nama si jalaa fudhate abaartuu dhagaʼe sun na bira jira; kan fudhates anuma” jedhe. Haati isaas, “Yaa ilma ko, Waaqayyo si haa eebbisu” jetteen.
ya ce wa mahaifiyarsa, “Shekel dubu ɗaya da ɗari ɗaya na azurfa da aka ɗauka daga gare ki wanda kuma ji kin furta la’ana a kai, azurfan yana wurina; ni ne na ɗauka.” Sa’an nan mahaifiyarsa ta ce, “Ubangiji yă albarkace ka ɗana!”
3 Yommuu inni meetii kuma tokkoo fi dhibba tokko sana deebisee haadha isaatti kennettis, haati isaa, “Akka ilmi koo fakkii meetiin itti uffifame ittiin hojjetuuf ani meetii koo Waaqayyoof addaan baaseera. Ani ammas deebisee sittin kenna” jetteen.
Sa’ad da ya mayar da azurfa dubu ɗaya da ɗari ɗaya na shekel wa mahaifiyarsa, sai ta ce, “Na ba da azurfata ga Ubangiji don ɗana yă sassaƙa sura yă kuma yi zubin gunki. Zan mayar maka.”
4 Kanaafuu inni meetii sana deebisee haadha isaatiif kenne; isheenis meetii dhibba lama fuutee tumtuu meetiitti kennite; tumtuun sunis fakkii fi Waaqa tolfamaa ittiin hojjete. Fakkii fi Waaqni tolfamaan sunis mana Miikaayaa keessa kaaʼaman.
Saboda haka ya mayar da azurfan wa mahaifiyarsa, ita kuwa ta ɗauki azurfa ɗari biyu na shekel ta ba wa maƙeri, wanda ya mai da su sura da kuma gunki. Aka kuwa sa su a gidan Mika.
5 Namichi Miikaa jedhamu kunis galma Waaqa tolfamaa qaba ture; innis dirataa fi waaqota tolfamoo tokko tokko tolchee ilmaan isaa keessaa nama tokko luba godhate.
To, wannan mutum Mika yana da ɗakin gumaka, ya yi efod da waɗansu gumaka, ya kuma naɗa ɗaya daga cikin’ya’yansa firist nasa.
6 Bara sana Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture; tokkoon tokkoon namaa waanuma isatti tole hojjeta ture.
A kwanakin Isra’ila ba ta da sarki; kowa yana yin abin da ya ga dama.
7 Yeroo sanatti biyya Yihuudaa keessa dargaggeessa gosa Lewwii kan Beetlihem keessa gosa Yihuudaa gidduu jiraatu tokkotu ture.
Wani saurayi Balawe daga Betlehem a Yahuda, wanda yake zama cikin zuriyar Yahuda,
8 Innis iddoo jireenyaa kan biraa barbaaduuf jedhee magaalaa sana dhiisee deeme. Utuma deemuus gara biyya gaaraa Efreem mana Miikaa dhufe.
ya bar garin ya tafi neman inda zai zauna. A hanyarsa ya zo gidan Mika a ƙasar tudu ta Efraim.
9 Miikaanis, “Ati eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. Innis, “Ani nama Lewwii kan Beetlihem biyya Yihuudaatii dhufee iddoo jireenyaa barbaaduu dha” jedheen.
Mika ya ce masa, “Daga ina kake?” Ya ce, “Ni Balawe ne daga Betlehem a Yahuda, ina kuwa neman wurin zauna ne.”
10 Miikaanis, “Na wajjin jiraadhuutii abbaa fi luba naa taʼi; anis waggaatti meetii kudhan siif kenna; uffata keetii fi nyaata kees nan dandaʼa” isaan jedhe.
Sa’an nan Mika ya ce masa, “Ka zauna tare da ni ka zama mini mahaifi da firist, zan kuwa ba ka azurfa goma na shekel a shekara, tufafinka da kuma abincinka.” Sai Balawen ya tafi.
11 Kanaafuu Lewwichi sun isa wajjin jiraachuuf walii gale; dargaggeessi sunis Miikaadhaaf ilmaan isaa keessaa akkuma nama tokkoo taʼe.
Saboda haka Balawen ya yarda ya zauna tare da shi, ɗan saurayin kuwa ya zama kamar ɗaya daga cikin’ya’yansa.
12 Miikaanis dargaggeessa Lewwii sana muudate; innis luba isaa taʼee mana isaa jiraate.
Sa’an nan Mika ya naɗa Balawen, saurayin kuwa ya zama masa firist ya kuma zauna a gidansa.
13 Miikaanis, “Erga Lewwichi kun luba koo taʼe, ani akka Waaqayyo waan gaarii naa godhu nan beeka” jedhe.
Mika ya ce, “Yanzu na san cewa Ubangiji zai yi mini alheri, da yake Balawen nan ya zama firist nawa.”

< Abbootii Murtii 17 >