< Abbootii Murtii 16 >
1 Gaaf tokko Saamsoon gara Gaazaa iddoo itti sagaagaltuu tokko arge dhaqe. Ishee wajjin buluufis ol seene.
Samson alla à Gaza; il y vit une prostituée, et il entra chez elle.
2 Namoota Gaazaattis, “Saamsoon as jira!” jedhamee himame. Kanaafuu isaan naannoo sana marsanii halkan guutuu riphanii karra magaalattii irratti isa eeggatan. Isaanis, “Ganama barii isa ajjeefna” jedhanii halkan sana utuu hin sochoʼin bulan.
Les habitants de Gaza furent informés: « Samson est ici! » Ils l'entourèrent et l'attendirent toute la nuit à la porte de la ville, et restèrent silencieux toute la nuit, en disant: « Attendez la lumière du matin; alors nous le tuerons. »
3 Saamsoon garuu hamma walakkaa halkaniitti achi rafe. Ergasii kaʼee cufaawwan karra magaalattii michichila lama wajjin, danqaraa isaatii fi waan hunda buqqise. Ol fuudhees gatiittii isatti baachuudhaan gara fiixee gaara fuullee Kebroonitti ol baʼe.
Samson resta couché jusqu'à minuit, puis se leva à minuit et saisit les portes de la porte de la ville, avec les deux poteaux, les arracha, barre et tout, les mit sur ses épaules et les porta au sommet de la montagne qui est devant Hébron.
4 Yeroo muraasa booddee Saamsoon jaalala dubartii sulula Sooreeq keessa jiraattu tokkootiin qabame; maqaan ishees Daliilaa jedhama ture.
Par la suite, il aima une femme dans la vallée de Sorek, dont le nom était Dalila.
5 Bulchitoonni Filisxeemotaas gara ishee dhaqanii, “Akka nu hiinee isa miidhuu dandeenyuuf, akka inni icciitii jabina isaa guddaa kanaatii fi akka nu itti isa moʼachuu dandeenyu sitti himuuf isa sossobi. Tokkoon tokkoon keenyas meetii kuma tokkoo fi dhibba tokko siif kenninaa” jedhaniin.
Les princes des Philistins s'approchèrent d'elle et lui dirent: « Attire-le, et vois en quoi consiste sa grande force, et par quel moyen nous pouvons l'emporter sur lui, afin de le lier pour l'affliger; et nous te donnerons chacun onze cents pièces d'argent. »
6 Daliilaanis Saamsooniin, “Icciitii jabina kee guddaa sanaatii fi akka ati itti qabamtee hidhamuu dandeessu natti himi” jette.
Dalila dit à Samson: « Dis-moi, je t'en prie, où réside ta grande force, et ce qui pourrait t'affliger. »
7 Saamsoon immoo deebisee, “Yoo namni kam iyyuu teepha haaraa hin gogin torbaan na hidhe, ani akkuma nama biraa kam iyyuu dadhabaa nan taʼa” jedheen.
Samson lui dit: « Si on me lie avec sept cordes vertes qui n'ont jamais séché, je deviendrai faible et je serai comme un autre homme. »
8 Bulchitoonni Filisxeemotaas ergasii teepha haaraa hin gogin torba fidanii isheetti kennan; isheenis ittiin isa hiite.
Et les princes des Philistins lui apportèrent sept cordes vertes qui n'avaient pas séché, et elle le lia avec elles.
9 Isheen gola keessatti namoota dhoksitee, “Saamsoon, Filisxeemonni sitti dhufan!” jetteen. Inni garuu teephawwan sana akkuma ribuun yommuu ibidda bira gaʼu baqutti rakkina malee of irraa kukkute. Kanaafuu icciitiin jabina isaa hin beekamne.
Elle avait préparé une embuscade dans la salle intérieure. Elle lui dit: « Les Philistins sont sur toi, Samson! ». Il brisa les cordes comme on brise un fil de lin au contact du feu. Ainsi, sa force n'était pas connue.
10 Daliilaan Saamsooniin, “Ati na gowwoomsite; na sobdes. Amma kottuu akka itti hidhamuu dandeessu natti himi” jette.
Dalila dit à Samson: « Voici, tu t'es moqué de moi et tu m'as dit des mensonges. Maintenant, dis-moi comment on peut te lier. »
11 Innis, “Yoo namni kam iyyuu funyoo haaraa namni itti hin fayyadaminiin na hidhe, ani akkuma nama biraa kamii iyyuu dadhabaa nan taʼa” jedheen.
Il lui dit: « Si l'on me lie seulement avec des cordes neuves dont on n'a pas fait usage, je deviendrai faible et je serai comme un autre homme. »
12 Kanaafuu Daliilaan funyoo haaraa fuutee ittiin isa hiite. Namootas golla keessatti dhoksitee, “Saamsoon, Filisxeemonni sitti dhufan!” jetteen. Inni garuu funyoowwan sana akkuma kirriitti harka ofii irraa kukkute.
Alors Dalila prit des cordes neuves et le lia avec, puis elle lui dit: « Les Philistins sont sur toi, Samson! ». L'embuscade l'attendait dans la salle intérieure. Il les brisa sur ses bras comme un fil.
13 Daliilaanis Saamsooniin, “Ati hamma ammaatti na gowwoomsiteerta; na sobdeertas. Akka itti hidhamu dandeessu natti himi” jette. Innis, “Yoo ati guduruu mataa koo torban walitti footee qofootti na hiite, ani akkuma nama biraa kamii iyyuu dadhabaa nan taʼa” isheen jedhe. Daliilaanis utuu inni rafuu guduruu mataa isaa torban walitti footee,
Dalila dit à Samson: « Jusqu'à présent, tu t'es moqué de moi et tu m'as raconté des mensonges. Dis-moi avec quoi tu pourrais être lié. » Il lui dit: « Si tu tisses les sept mèches de ma tête avec le tissu du métier à tisser. »
14 qofootti isa hiite. Ammas isa waamtee, “Saamsoon, Filisxeemonni sitti dhufan!” jette. Inni garuu hirribaa kaʼee qofoo sana guduruu mataa isaa wajjin buqqise.
Elle l'attacha avec l'épingle, et lui dit: « Les Philistins sont sur toi, Samson! » Il se réveilla de son sommeil, et arracha l'épingle de la poutre et du tissu.
15 Isheenis, “Ati utuu na hin amanin akkamitti, ‘Ani si jaalladha’ naan jetta? Utuu icciitii jabina kee guddaa sanaa natti hin himin, ati na sobuun kee kun yeroo sadaffaa dha” jetteen.
Elle lui dit: « Comment peux-tu dire: « Je t'aime », alors que ton cœur n'est pas avec moi? Tu t'es moqué de moi ces trois fois, et tu ne m'as pas dit où était ta grande force. »
16 Guyyuma guyyaanis hamma lubbuun isaa jireenya jibbitutti dubbii isheetiin afaan isa gogsite.
Comme elle le pressait chaque jour de ses paroles et l'exhortait, son âme était troublée à mort.
17 Kanaafuu inni waan hunda isheetti hime. Akkanas jedheen; “Sababii ani gaafuma dhaladhee jalqabee Naaziricha taʼee Waaqaaf addaan baafameef qarabaan takkumaa mataa koo tuqee hin beeku. Yoo mataan koo haadame garuu jabinni koo narraa badee anis akkuma nama biraa kamii iyyuu dadhabaa nan taʼa.”
Il lui raconta tout son cœur et lui dit: « Jamais rasoir n'a touché ma tête, car j'ai été naziréen à Dieu dès le ventre de ma mère. Si l'on me rase, alors ma force s'en ira de moi et je deviendrai faible, et je serai comme n'importe quel autre homme. »
18 Daliilaanis yommuu akka inni waan hunda isheetti hime hubattetti, “Inni waan hunda natti himeeraatii mee deebiʼaa kottaa” jettee bulchitoota Filisxeemotaatti ergaa ergite. Kanaafuu bulchitoonni Filisxeemotaa harka isaaniitti meetii qabatanii gara ishee dhufan.
Lorsque Dalila vit qu'il lui avait dit tout son cœur, elle envoya chercher les princes des Philistins et dit: « Montez tout de suite, car il m'a dit tout son cœur. » Les princes des Philistins montèrent vers elle et apportèrent l'argent en main.
19 Akka inni gudeeda ishee irra ciisu gootee nama tokko waamtee guduruu mataa isaa torban irraa haadchisiifte. Isheenis akka malee isa rakkisuu jalqabde. Jabinni isaas isa irraa bade.
Elle le fit dormir sur ses genoux; elle appela un homme et lui rasa les sept boucles de la tête; elle commença à le tourmenter, et sa force le quitta.
20 Isheenis, “Saamsoon, Filisxeemonni sitti dhufan!” jetteen. Innis hirribaa kaʼee, “Ani akkuma yeroo kaanii gad baʼee of irraa harcaasa” jedhe. Garuu akka Waaqayyo isa dhiisee deeme hin beekne ture.
Elle dit: « Les Philistins sont sur toi, Samson! » Il se réveilla de son sommeil, et dit: « Je sortirai comme les autres fois, et je me secouerai pour me libérer. » Mais il ne savait pas que Yahvé s'était éloigné de lui.
21 Ergasii Filisxeemonni isa qabanii ija isaa keessaa baasanii gara Gaazaatti isa geessan. Foncaa naasiitiin isa hidhaniis mana hidhaa keessatti daaktuu midhaanii isa godhan.
Les Philistins le saisirent et lui crevèrent les yeux; ils le firent descendre à Gaza et le lièrent avec des chaînes d'airain; et il moulait au moulin dans la prison.
22 Rifeensi mataa isaa garuu erga haadamee booddee deebiʼee guddachuu jalqabe.
Cependant, les cheveux de sa tête se remirent à pousser après qu'il eut été rasé.
23 Bulchitoonni Filisxeemotaa, “Waaqni keenya, Saamsoon diina keenya sana dabarsee harka keenyatti nuu kenneera” jedhanii gammaduudhaan Daagon Waaqa isaaniitiif aarsaa guddaa dhiʼeessuuf walitti qabamanii turan.
Les princes des Philistins s'assemblèrent pour offrir un grand sacrifice à Dagon, leur dieu, et pour se réjouir, car ils disaient: « Notre dieu a livré entre nos mains Samson, notre ennemi. »
24 Namoonnis yeroo isa arganitti Waaqa isaanii galateeffachaa, “Waaqni keenya, diina keenya kan biyya keenya balleesse, kan nama baayʼee nu duraa ajjeese sana dabarsee nuu kenneera” jedhan.
Quand le peuple le vit, il loua son dieu, car il dit: « Notre dieu a livré entre nos mains notre ennemi et le destructeur de notre pays, qui a tué beaucoup d'entre nous. »
25 Isaanis utuma garaan isaanii gammadaa jiruu, “Akka inni nu bashannansiisuuf mee Saamsoonin waamaa” jedhan. Kanaafuu Saamsoonin mana hidhaatii waamanii fidan; innis isaan bashannansiise. Yommuu isaan utubaawwan gurguddaa gidduu isa dhaabachiisanitti,
Lorsque leurs cœurs furent joyeux, ils dirent: « Appelez Samson, qu'il nous divertisse. » Ils appelèrent Samson hors de la prison, et il se produisit devant eux. Ils le placèrent entre les piliers,
26 Saamsoon tajaajilaa harka isaa qabee ture sanaan, “Akka ani itti irkadhuuf gara utubaawwan mana sagadaa kana qabanii dhaabaniitti na dhiʼeessi” jedhe.
et Samson dit au garçon qui le tenait par la main: « Permets-moi de toucher les piliers sur lesquels repose la maison, afin que je puisse m'appuyer dessus. »
27 Manni sagadaa sun dhiiraa dubartiin guutamee ture; bulchitoonni Filisxeemotaa hundinuus achi turan; Saamsoonii tapha argisiisu ilaaluuf jedhanii namoonni kuma sadii bantii manichaa irra turan.
Or, la maison était pleine d'hommes et de femmes, et tous les princes des Philistins étaient là; et il y avait sur le toit environ trois mille hommes et femmes, qui voyaient pendant que Samson exécutait.
28 Saamsoonis akkana jedhee Waaqayyoon kadhate; “Yaa Waaqayyo Gooftaa, na yaadadhu. Yaa Waaqi, akka ani ija koo lamaaniif Filisxeemota haaloo baafadhuuf yeroo tokko jabina naa kenni.”
Samson invoqua Yahvé et dit: « Seigneur Yahvé, souviens-toi de moi, s'il te plaît, et fortifie-moi, s'il te plaît, seulement cette fois, Dieu, afin que je sois immédiatement vengé des Philistins pour mes deux yeux. »
29 Saamsoonis ergasii utubaawwan gurguddaa lamaan kanneen walakkaa mana sagadaa sanaa dhaabatanii mana sana baatanitti hiixatee tokko harka isaa mirgaatiin, kaan immoo harka isaa bitaatiin qabatee,
Samson saisit les deux piliers centraux sur lesquels reposait la maison et s'y appuya, l'un de la main droite et l'autre de la main gauche.
30 “Ani Filisxeemota wajjin duʼa!” jedhee humna qabu hundaan dhiibe; manichi sagadaas bulchitootaa fi namoota achi keessa turan hunda irratti jige. Kanaafuu namoonni inni yeroo duʼa isaatti ajjeese kanneen inni yeroo jireenya isaatti ajjeese caalaa baayʼee turan.
Samson dit: « Que je meure avec les Philistins! » Il s'inclina de toutes ses forces, et la maison tomba sur les seigneurs et sur tout le peuple qui s'y trouvait. Ainsi les morts qu'il tua à sa mort furent plus nombreux que ceux qu'il tua de son vivant.
31 Obboloonni isaatii fi maatiin abbaa isaa hundinuu reeffa isaa fuudhuu gad buʼan. Isaanis isa fidanii Zoraa fi Eshitaaʼol gidduutti iddoo awwaala abbaa isaa kan Maanoʼaa keessatti isa awwaalan. Inni waggaa digdama Israaʼelin bulche.
Alors ses frères et toute la maison de son père descendirent et le prirent, le firent monter et l'enterrèrent entre Zorah et Eshtaol, dans la sépulture de Manoah, son père. Il fut juge en Israël pendant vingt ans.