< Abbootii Murtii 15 >

1 Ergasii yeroo qamadiin walitti qabamutti Saamsoon korma reʼee xinnaa isaa fudhatee niitii isaa ilaaluu dhaqe. Innis, “Ani daree niitii koo nan seena” jedhe. Abbaan niitii isaa garuu eeyyamuufii dide.
ויהי מימים בימי קציר חטים ויפקד שמשון את אשתו בגדי עזים ויאמר אבאה אל אשתי החדרה ולא נתנו אביה לבוא
2 Innis, “Ani waan ati ishee jibbiteerta jedhee dhugumaan amaneef miinjee keetti ishee heerumsiiseera; obboleettiin ishee quxisuun, ishee caalaa bareedduu mitii? Qooda sanaa ishee fudhadhu” jedheen.
ויאמר אביה אמר אמרתי כי שנא שנאתה ואתננה למרעך הלא אחותה הקטנה טובה ממנה תהי נא לך תחתיה
3 Saamsoon deebisee, “Ani yeroo kanatti yoo miidhaa kam iyyuu Filisxeemota irraan gaʼe itti hin gaafatamu” isaaniin jedhe.
ויאמר להם שמשון נקיתי הפעם מפלשתים כי עשה אני עמם רעה
4 Kanaafuu inni achii baʼee waangota dhibba sadii qabee lama lamaan eegee isaanii walitti hidhe. Eegee lamaan lamaan isaanii irrattis guca guduunfe;
וילך שמשון וילכד שלש מאות שועלים ויקח לפדים ויפן זנב אל זנב וישם לפיד אחד בין שני הזנבות בתוך
5 ibiddas itti qabsiisee qamadii Filisxeemotaa keessatti waangota sana gad lakkise. Midhaan haamamee fi kan hin haamaminitti akkasumas iddoo dhaabaa wayiniitii fi ejersaa guggube.
ויבער אש בלפידים וישלח בקמות פלשתים ויבער מגדיש ועד קמה ועד כרם זית
6 Yeroo Filisxeemonni, “Eenyutu waan kana godhe?” jedhanii gaafatanitti, “Saamsoon dhirsa intala namicha Tiimnaahi sanaatu sababii niitiin isaa miinjee isaatti jalaa heerumsiifamteef waan kana godhe” jedhamee isaanitti himame. Kanaafuu Filisxeemonni ol baʼanii niitii Saamsoonii fi abbaa ishee gubanii ajjeesan.
ויאמרו פלשתים מי עשה זאת ויאמרו שמשון חתן התמני כי לקח את אשתו ויתנה למרעהו ויעלו פלשתים וישרפו אותה ואת אביה באש
7 Saamsoonis, “Erga isin akkas gootanii ani hamma haaloo koo baafadhutti isin hin dhiisu” isaaniin jedhe.
ויאמר להם שמשון אם תעשון כזאת כי אם נקמתי בכם ואחר אחדל
8 Akka malees isaan dhaʼee hedduu isaanii galaafate. Ergasii gad buʼee holqa kattaa Eexaam keessa jiraate.
ויך אותם שוק על ירך מכה גדולה וירד וישב בסעיף סלע עיטם
9 Filisxeemonnis ol baʼanii naannoo Lehiitti faffacaʼanii Yihuudaa keessa qubatan.
ויעלו פלשתים ויחנו ביהודה וינטשו בלחי
10 Namoonni Yihuudaas, “Isin maaliif nu waraanuuf dhuftan?” jedhanii isaan gaafatan. Isaanis deebisanii, “Nu Saamsoon hiinee waan inni nu godhe sana isa godhuuf dhufne” jedhan.
ויאמרו איש יהודה למה עליתם עלינו ויאמרו לאסור את שמשון עלינו לעשות לו כאשר עשה לנו
11 Ergasiis namoonni kuma sadii Yihuudaadhaa gara holqa Eexaamitti gad buʼanii Saamsooniin, “Ati maali nu goote? Akka Filisxeemonni nu bulchan hin beektuu?” jedhan. Innis, “Ani waanuma isaan na godhan sana isaan irratti nan godhe” jedhee deebise.
וירדו שלשת אלפים איש מיהודה אל סעיף סלע עיטם ויאמרו לשמשון הלא ידעת כי משלים בנו פלשתים ומה זאת עשית לנו ויאמר להם--כאשר עשו לי כן עשיתי להם
12 Isaanis, “Nu si hiinee dabarsinee Filisxeemotatti si kennuuf dhufne” jedhaniin. Saamsoon immoo, “Isin mataan keessan akka na hin ajjeefne naa kakadhaa” jedhe.
ויאמרו לו לאסרך ירדנו לתתך ביד פלשתים ויאמר להם שמשון השבעו לי פן תפגעון בי אתם
13 Isaanis, “Tole, nu si hiinee dabarsinee harka isaaniitti si kennina malee ofii keenyaan siʼi hin ajjeefnu” jedhaniin. Kanaafuu funyoo haaraa lamaan isa hidhanii holqa keessaa isa baasan.
ויאמרו לו לאמר לא כי אסר נאסרך ונתנוך בידם והמת לא נמיתך ויאסרהו בשנים עבתים חדשים ויעלוהו מן הסלע
14 Yeroo inni Lehiitti dhiʼaatettis Filisxeemonni iyyaa gara isaa dhufan. Hafuurri Waaqayyoos jabinaan isa irra buʼe. Funyoon harki isaa ittiin hidhamee ture sun akka quncee talbaa kan ibidda keessa buʼee taʼe; hidhaan isaas harka isaa irraa ciccite.
הוא בא עד לחי ופלשתים הריעו לקראתו ותצלח עליו רוח יהוה ותהיינה העבתים אשר על זרועותיו כפשתים אשר בערו באש וימסו אסוריו מעל ידיו
15 Innis lafee haʼoo harree haaraa isaa argatee hiixatee fudhate; ittiinis dhaʼee nama kuma tokko fixe.
וימצא לחי חמור טריה וישלח ידו ויקחה ויך בה אלף איש
16 Kana irrattis Saamsoon, “Ani lafee haʼoo harree tokkoon, wal irra isaan nan tuule; lafee haʼoo harree tokkootiin, namoota kuma tokko nan ajjeese” jedhe.
ויאמר שמשון--בלחי החמור חמור חמרתים בלחי החמור הכיתי אלף איש
17 Innis erga waan kana dubbatee fixatee booddee lafee haʼoo harree sana achi darbate; iddoon sunis Raamaat Leehii jedhame.
ויהי ככלתו לדבר וישלך הלחי מידו ויקרא למקום ההוא רמת לחי
18 Innis sababii akka malee dheeboteef, “Ati moʼannaa guddaa akkanaa garbicha keetiif kenniteerta. Egaa ani amma dheebuudhaan duʼee harka warra dhagna hin qabatinii keessan buʼaa?” jechuudhaan Waaqayyoon waammate.
ויצמא מאד ויקרא אל יהוה ויאמר אתה נתת ביד עבדך את התשועה הגדלה הזאת ועתה אמות בצמא ונפלתי ביד הערלים
19 Waaqnis boolla Lehii keessa jiru dhoosee bishaan baase. Saamsoonis yommuu bishaan sana dhugetti humni isaa deebiʼeefii jabaate. Kanaafuu burqaan suni Een Haqoree jedhamee moggaafame. Innis hamma harʼaatti achuma Leehiitti argama.
ויבקע אלהים את המכתש אשר בלחי ויצאו ממנו מים וישת ותשב רוחו ויחי על כן קרא שמה עין הקורא אשר בלחי עד היום הזה
20 Saamsoon bara Filisxeemotaa keessa waggaa digdama Israaʼeloota bulche.
וישפט את ישראל בימי פלשתים עשרים שנה

< Abbootii Murtii 15 >