< Abbootii Murtii 15 >
1 Ergasii yeroo qamadiin walitti qabamutti Saamsoon korma reʼee xinnaa isaa fudhatee niitii isaa ilaaluu dhaqe. Innis, “Ani daree niitii koo nan seena” jedhe. Abbaan niitii isaa garuu eeyyamuufii dide.
Patapita nthawi, mu nyengo yodula tirigu, Samsoni anatenga kamwana kambuzi ndipo anapita kukacheza kwa mkazi wake. Iye anati, “Ndikufuna kukalowa ku chipinda cha mkazi wanga.” Koma abambo a mkaziyo anamuletsa kutero.
2 Innis, “Ani waan ati ishee jibbiteerta jedhee dhugumaan amaneef miinjee keetti ishee heerumsiiseera; obboleettiin ishee quxisuun, ishee caalaa bareedduu mitii? Qooda sanaa ishee fudhadhu” jedheen.
Abambo a mkaziyo anati, “Ine ndimaganiza kuti umamuda kwambiri nʼchifukwa chake ndinamupereka kwa mnzako. Kodi mngʼono wake uja sindiye wokongola kupambana iye? Ingotengani ameneyo mʼmalo mwake.”
3 Saamsoon deebisee, “Ani yeroo kanatti yoo miidhaa kam iyyuu Filisxeemota irraan gaʼe itti hin gaafatamu” isaaniin jedhe.
Samsoni anawawuza kuti, “Pano sindikhala wochimwa ndikawachita choyipa chachikulu Afilistiwa.”
4 Kanaafuu inni achii baʼee waangota dhibba sadii qabee lama lamaan eegee isaanii walitti hidhe. Eegee lamaan lamaan isaanii irrattis guca guduunfe;
Choncho Samsoni anapita nakagwira nkhandwe 300 nazimangirira michira ziwiriziwiri ndipo pa fundo iliyonse ya michirayo anamangirira nsakali.
5 ibiddas itti qabsiisee qamadii Filisxeemotaa keessatti waangota sana gad lakkise. Midhaan haamamee fi kan hin haamaminitti akkasumas iddoo dhaabaa wayiniitii fi ejersaa guggube.
Anayatsa nsakalizo kenaka ndi kuzitayira nkhandwe zija mʼminda ya tirigu ya Afilisti, ndipo zinatentha milu ya tirigu, ndi wosadula yemwe pamodzi ndi mitengo ya mpesa ndi ya olivi.
6 Yeroo Filisxeemonni, “Eenyutu waan kana godhe?” jedhanii gaafatanitti, “Saamsoon dhirsa intala namicha Tiimnaahi sanaatu sababii niitiin isaa miinjee isaatti jalaa heerumsiifamteef waan kana godhe” jedhamee isaanitti himame. Kanaafuu Filisxeemonni ol baʼanii niitii Saamsoonii fi abbaa ishee gubanii ajjeesan.
Tsono Afilisti anayamba kufunsana kuti, “Ndani wachita izi?” Ena anati, “Ndi Samsoni mkamwini wa munthu wa ku Timna uja chifukwa Mtimunayo anatenga mkazi wake ndi kumupereka kwa mnzake.” Choncho Afilisti anapita kukatentha mtsikanayo pamodzi ndi abambo ake.
7 Saamsoonis, “Erga isin akkas gootanii ani hamma haaloo koo baafadhutti isin hin dhiisu” isaaniin jedhe.
Samsoni anawawuza kuti, “Ngati mumachita zangati zimenezi, ndiye ine sindileka mpaka nditakulipsirani.”
8 Akka malees isaan dhaʼee hedduu isaanii galaafate. Ergasii gad buʼee holqa kattaa Eexaam keessa jiraate.
Choncho Samsoni anamenyana nawo koopsa ndipo anapha ambiri a iwo. Kenaka anakalowa mʼphanga la Etamu, nakhala momwemo.
9 Filisxeemonnis ol baʼanii naannoo Lehiitti faffacaʼanii Yihuudaa keessa qubatan.
Pambuyo pake Afilisti anakamanga misasa ya nkhondo mʼdziko la Yuda, ndi kuthira nkhondo mʼdera la Lehi.
10 Namoonni Yihuudaas, “Isin maaliif nu waraanuuf dhuftan?” jedhanii isaan gaafatan. Isaanis deebisanii, “Nu Saamsoon hiinee waan inni nu godhe sana isa godhuuf dhufne” jedhan.
Anthu a fuko la Yuda anafunsa kuti, “Nʼchifukwa chiyani mwabwera kudzamenyana nafe?” Iwo anayankha kuti, “Tabwera kudzamanga Samsoni ndi kuti timuchite zofanana ndi zimene anatichita.”
11 Ergasiis namoonni kuma sadii Yihuudaadhaa gara holqa Eexaamitti gad buʼanii Saamsooniin, “Ati maali nu goote? Akka Filisxeemonni nu bulchan hin beektuu?” jedhan. Innis, “Ani waanuma isaan na godhan sana isaan irratti nan godhe” jedhee deebise.
Ndipo anthu 3,000 a ku Yuda anapita ku phanga la Etamu, ndi kukamufunsa Samsoni kuti, “Kodi iwe sudziwa kuti ife amatilamulira ndi Afilisti? Tsono ndi chiyani chimene watichitachi?” Iye anayankha kuti, “Ine ndinachita zomwe iwo anandichita.”
12 Isaanis, “Nu si hiinee dabarsinee Filisxeemotatti si kennuuf dhufne” jedhaniin. Saamsoon immoo, “Isin mataan keessan akka na hin ajjeefne naa kakadhaa” jedhe.
Iwo anati kwa iye, “Ife tabwera kuti tikumange ndi kukupereka kwa Afilisti.” Ndipo Samsoni anati, “Lonjezani mwa lumbiro kuti simundipha ndinu.”
13 Isaanis, “Tole, nu si hiinee dabarsinee harka isaaniitti si kennina malee ofii keenyaan siʼi hin ajjeefnu” jedhaniin. Kanaafuu funyoo haaraa lamaan isa hidhanii holqa keessaa isa baasan.
Iwo anamuyankha kuti, “Ayi, ife sitikupha. Koma tingokumanga ndi kukupereka mʼmanja mwa Afilisti.” Choncho anamumanga ndi zingwe ziwiri zatsopano namutulutsa mʼphanga muja.
14 Yeroo inni Lehiitti dhiʼaatettis Filisxeemonni iyyaa gara isaa dhufan. Hafuurri Waaqayyoos jabinaan isa irra buʼe. Funyoon harki isaa ittiin hidhamee ture sun akka quncee talbaa kan ibidda keessa buʼee taʼe; hidhaan isaas harka isaa irraa ciccite.
Samsoni anafika ku Lehi, ndipo Afilisti anamuchingamira akufuwula. Nthawi yomweyo Mzimu wa Yehova unatsika pa iye mwamphamvu ndipo zingwe zimene anamumanga nazo zinasanduka ngati thonje lopsa mʼmoto, zinachita ngati zasungunuka nʼkuchoka mʼmanja mwake.
15 Innis lafee haʼoo harree haaraa isaa argatee hiixatee fudhate; ittiinis dhaʼee nama kuma tokko fixe.
Anapeza chibwano cha bulu amene anali atangofa kumene. Anachitola ndi kuphera nacho anthu 1,000.
16 Kana irrattis Saamsoon, “Ani lafee haʼoo harree tokkoon, wal irra isaan nan tuule; lafee haʼoo harree tokkootiin, namoota kuma tokko nan ajjeese” jedhe.
Ndipo Samsoni anati, “Ndi chibwano cha bulu, milu ndi milu ya anthu. Ndi chibwano cha bulu, ndapha anthu 1,000.”
17 Innis erga waan kana dubbatee fixatee booddee lafee haʼoo harree sana achi darbate; iddoon sunis Raamaat Leehii jedhame.
Atatsiriza kuyankhula, anataya chibwanocho, ndipo malowo anawatcha Ramati-Lehi.
18 Innis sababii akka malee dheeboteef, “Ati moʼannaa guddaa akkanaa garbicha keetiif kenniteerta. Egaa ani amma dheebuudhaan duʼee harka warra dhagna hin qabatinii keessan buʼaa?” jechuudhaan Waaqayyoon waammate.
Pambuyo pake anamva ludzu kwambiri ndipo anayitana Yehova mopempha kuti, “Inu mwapatsa mtumiki wanu chipulumutso chachikulu chotere. Kodi tsopano ndife ndi ludzu ndi kugwidwa ndi anthu osachita mdulidwewa?”
19 Waaqnis boolla Lehii keessa jiru dhoosee bishaan baase. Saamsoonis yommuu bishaan sana dhugetti humni isaa deebiʼeefii jabaate. Kanaafuu burqaan suni Een Haqoree jedhamee moggaafame. Innis hamma harʼaatti achuma Leehiitti argama.
Pamenepo Mulungu anangʼamba nthaka ku Lehi, ndipo madzi anatuluka mʼdzenjemo. Samsoni anamwa madziwo, ndipo mphamvu zake zinabwerera nakhalanso monga analili. Choncho chitsimecho chinatchedwa Eni-Hakore, ndipo chilipobe ku Lehiko mpaka lero.
20 Saamsoon bara Filisxeemotaa keessa waggaa digdama Israaʼeloota bulche.
Samsoni anatsogolera Israeli pa nthawi ya Afilisti kwa zaka makumi awiri.