< Abbootii Murtii 14 >

1 Saamsoon gara Tiimnaahitti gad buʼee durba Filisxeem tokko achitti arge.
و شمشون به تمنه فرود آمده، زنی ازدختران فلسطینیان در تمنه دید.۱
2 Yommuu achii deebiʼettis abbaa fi haadha isaatiin, “Ani Tiimnaahitti intala Filisxeem tokko argeeraatii na fuusisaa” jedhe.
وآمده، به پدر و مادر خود بیان کرده، گفت: «زنی ازدختران فلسطینیان در تمنه دیدم، پس الان او رابرای من به زنی بگیرید.»۲
3 Abbaa fi haatii isaa deebisanii, “Wanni akka ati Filisxeemota dhagna hin qabanne keessaa niitii fuutu si godhu firoota kee keessaa yookaan saba keenya hunda keessaa dubartiin dhabamteetii?” jedhaniin. Saamsoon garuu abbaa isaatiin, “Isheetu naa taʼaatii ishuma naa fidi” jedhe.
پدر و مادرش وی راگفتند: «آیا از دختران برادرانت و در تمامی قوم من دختری نیست که تو باید بروی و از فلسطینیان نامختون زن بگیری؟» شمشون به پدر خود گفت: «او را برای من بگیر زیرا در نظر من پسند آمد.»۳
4 Abbaa fi haatii isaa akka wanni kun Waaqayyo biraa dhufe hin beekne; Waaqayyo karaa ittiin Filisxeemota dhaʼu barbaadaa tureetii. Yeroo sanatti Filisxeemonni Israaʼeloota gad qabanii bulchaa turan.
اما پدر و مادرش نمی دانستند که این از جانب خداوند است، زیرا که بر فلسطینیان علتی می‌خواست، چونکه در آن وقت فلسطینیان براسرائیل تسلط می‌داشتند.۴
5 Saamsoon abbaa isaatii fi haadha isaa wajjin gara Tiimnaahitti gad buʼe. Akkuma isaan iddoo dhaabaa wayinii Tiimnaahi bira gaʼaniinis leenci saafelli tokko ittanaa isatti dhufe.
پس شمشون با پدر و مادر خود به تمنه فرودآمد، و چون به تاکستانهای تمنه رسیدند، اینک شیری جوان بر او بغرید.۵
6 Hafuurri Waaqayyoos jabinaan Saamsoon irra buʼe; innis homaa of harkaa qabaachuu baatu illee akkuma nama ilmoo reʼee tokko cicciruutti leenca saafela sana ciccire. Garuu waan hojjete sana abbaa fi haadha isaatti hin himne.
و روح خداوند بر اومستقر شده، آن را درید به طوری که بزغاله‌ای دریده شود، و چیزی در دستش نبود و پدر و مادرخود را از آنچه کرده بود، اطلاع نداد.۶
7 Ergasii gad buʼee dubartittii wajjin haasaʼe; isheenis ija isaatti tolte.
و رفته، باآن زن سخن گفت وبه نظر شمشون پسند آمد.۷
8 Innis yeroo gabaabaa booddee yommuu ishee fuudhuuf achi deebiʼetti raqa leenca sanaa ilaaluuf of irra gara gale. Raqa leencichaa keessas tuunni kanniisaa guutee damma dammeessee ture;
وچون بعد از چندی برای گرفتنش برمی گشت، ازراه به کنار رفت تا لاشه شیر را ببیند و اینک انبوه زنبور، و عسل در لاشه شیر بود.۸
9 dammichas harka isaatti fudhatee nyaachaa karaa isaa itti fufe. Yommuu gara abbaa fi haadha isaa dhufettis damma sana irraa isaaniif kenne; isaanis ni nyaatan. Inni garuu akka damma sana raqa leencaa keessaa fuudhe isaanitti hin himne.
و آن را به دست خود گرفته، روان شد و در رفتن می‌خورد تابه پدر و مادر خود رسیده، به ایشان داد وخوردند. اما به ایشان نگفت که عسل را از لاشه شیر گرفته بود.۹
10 Ergasii abbaan isaa intalattii ilaaluuf gad buʼe; Saamsoon akkuma dargaggoonni yeroo fuudhanitti cidha godhatan sana achitti cidha qopheesse.
و پدرش نزد آن زن آمد و شمشون در آنجامهمانی کرد، زیرا که جوانان چنین عادت داشتند.۱۰
11 Yommuu inni achi dhiʼaatettis isa arganii amaamota soddoma isaaf kennan.
و واقع شد که چون او را دیدند، سی رفیق انتخاب کردند تا همراه او باشند.۱۱
12 Saamsoonis akkana isaaniin jedhe; “Ani hibboo tokko isinitti nan hima; yoo isin guyyoota cidhichaa torban keessatti hiikkaa isaa argattan, ani wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame soddomaa fi uffata kittii soddoma isiniifin kenna.
و شمشون به ایشان گفت: «معمایی برای شما می‌گویم، اگر آن را برای من در هفت روز مهمانی حل کنید و آن رادریافت نمایید، به شما سی جامه کتان و سی دست رخت می‌دهم.۱۲
13 Isin yoo hiikkaa isaa natti himuu dadhabdan wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame soddomaa fi uffata kittii soddoma naa kennitu.” Isaanis, “Hibboo kee ni dhageenyaa nutti hima” jedhan.
و اگر آن را برای من نتوانید حل کنید آنگاه شما سی جامه کتان و سی دست رخت به من بدهید.» ایشان به وی گفتند: «معمای خود را بگو تا آن را بشنویم.»۱۳
14 Innis deebisee, “Kan nyaatu keessaa wanni nyaatamu, jabaa keessaa immoo wanni miʼaawu baʼe” isaaniin jedhe. Isaanis hamma guyyaa sadiitti hibboo sana hiikuu hin dandeenye ture.
به ایشان گفت: «از خورنده خوراک بیرون آمد، و اززورآور شیرینی بیرون آمد.» و ایشان تا سه روزمعما را نتوانستند حل کنند.۱۴
15 Isaanis guyyaa afuraffaatti niitii Saamsooniin, “Akka dhirsi kee hiikkaa hibboo kanaa nutti himuuf mee nuu kadhadhu; yoo kanaa achii nu siʼii fi mana abbaa keetii ibiddaan gubnaa. Ati nu saamuuf asitti nu waamtee?” jedhaniin.
و واقع شد که در روز هفتم به زن شمشون گفتند: «شوهر خود را ترغیب نما تا معمای خودرا برای ما بیان کند مبادا تو را و خانه پدر تو را به آتش بسوزانیم، آیا ما را دعوت کرده‌اید تا ما راتاراج نمایید یا نه.»۱۵
16 Niitiin Saamsoonis fuula isaa duratti booʼaa “Ati na jibbiteerta! Ati dhugumaan na hin jaallattu. Ati saba koo hibboo gaafatteerta; garuu hiikkaa isaa natti hin himne” jetteen. Innis deebisee, “Ani abbaa koottii fi haadha kootti iyyuu hin himne; egaa ani sitti himuu qabaa?” jedheen.
پس زن شمشون پیش اوگریسته، گفت: «به درستی که مرا بغض می‌نمایی و دوست نمی داری زیرا معمایی به پسران قوم من گفته‌ای و آن را برای من بیان نکردی.» او وی راگفت: «اینک برای پدر و مادر خود بیان نکردم، آیابرای تو بیان کنم.»۱۶
17 Isheenis guyyaa cidha sanaa torbanuu boottee isa rakkifte; innis sababii isheen ittuma fuftee boqonnaa isa dhowwiteef guyyaa torbaffaatti hiikkaa isaa isheetti hime. Isheen immoo hiikkaa hibboo sanaa saba isheetti himte.
و در هفت روزی که ضیافت ایشان می‌بود پیش او می‌گریست، و واقع شد که در روز هفتم چونکه او را بسیار الحاح می‌نمود، برایش بیان کرد و او معما را به پسران قوم خودگفت.۱۷
18 Namoonni magaalaa sanaas guyyaa torbaffaatti utuu biiftuun hin lixin, “Wanni damma caalaa miʼaawu maali? Jabaan leenca caalu maali?” jedhaniin. Saamsoonis, “Utuu raada kootiin qotachuu baattanii, isin silaa hibboo koo hin hiiktan ture” jedheen.
و در روز هفتم مردان شهر پیش از غروب آفتاب به وی گفتند که «چیست شیرین تراز عسل و چیست زورآورتر از شیر.» او به ایشان گفت: «اگر با گاو من خیش نمی کردید، معمای مرادریافت نمی نمودید.»۱۸
19 Kana irratti Hafuurri Waaqayyoo jabinaan isa irra buʼe. Innis gara Ashqaloonitti gad buʼee namoota magaalaa keessaa soddoma ajjeese; waan isaan qabanis irraa fudhatee namoota hibboo sana hiikaniif uffata kittii kenne. Aariidhaanis gubachaa gara mana abbaa isaatti deebiʼe.
و روح خداوند بر وی مستقر شده، به اشقلون رفت و از اهل آنجا سی نفر را کشت، و اسباب آنها را گرفته، دسته های رخت را به آنانی که معما را بیان کرده بودند، داد وخشمش افروخته شده، به خانه پدر خودبرگشت.۱۹
20 Niitii Saamsoonis miinjee isaatti heerumsiisan.
و زن شمشون به رفیقش که او رادوست خود می‌شمرد، داده شد.۲۰

< Abbootii Murtii 14 >