< Abbootii Murtii 13 >

1 Israaʼeloonni ammas fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; kanaafuu Waaqayyo waggaa afurtama dabarsee harka Filisxeemotaatti isaan kenne.
VaIsraeri vakaitazve zvakaipa pamberi paJehovha, saka Jehovha akavaisa mumaoko avaFiristia kwamakore makumi mana.
2 Namicha gosa Daan keessaa dhalatee Zoraa jiraatu kan Maanoʼaa jedhamu tokkotu ture; niitiin isaas dhabduu ijoollee tokko illee hin qabne turte.
Mumwe murumwe weZora ainzi Manoa, aibva muimba yavaDhani, akanga ane mukadzi akanga asingabereki, asina mwana.
3 Ergamaan Waaqayyoos isheetti mulʼatee akkana jedheen; “Kunoo ati dhabduu ijoollee hin qabnee dha; garuu ulfooftee ilma deessa.
Mutumwa waJehovha akazviratidza kwaari uye akati, “Iwe haubereki uye hauna mwana, asi uchava nemimba uye ugova nomwanakomana.
4 Egaa ati akka daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugne yookaan waan xuraaʼaa tokko illee hin nyaanne of eeggadhu;
Zvino uone kuti warega kunwa waini kana zvimwe zvokunwa zvakaviriswa uye kuti urege kudya chinhu chipi zvacho chisina kuchena,
5 ati ulfoofte ilma daʼuuf jirtaatii. Qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqin; inni gaafa dhalatee jalqabee Naaziricha taʼuudhaan kan Waaqaaf addaan baafame taʼaatii; inni harka Filisxeemotaatii Israaʼeloota furuu jalqaba.”
nokuti uchava nemimba uye uchabereka mwanakomana. Chisvo hachifaniri kuveura musoro wake, nokuti mukomana anofanira kuva muNaziri, akatsaurirwa kuna Mwari kubva pakuzvarwa kwake, uye ndiye achatanga kusunungura vaIsraeri kubva mumaoko avaFiristia.”
6 Dubartiin sunis gara dhirsa ishee dhaqxee akkana jettee itti himte; “Nama Waaqaa tokkotu gara koo dhufe. Innis ergamaa Waaqayyoo fakkaatee akka malee nama sodaachisa. Ani akka inni eessaa dhufe isa hin gaafanne; innis maqaa isaa natti hin himne.
Ipapo mukadzi akaenda kumurume wake akandomuudza akati, “Munhu waMwari asvika kwandiri. Anga achiratidzika somutumwa waMwari, anotyisa kwazvo. Handina kumubvunza kuti abva kupi, uye haana kundiudza zita rake.
7 Garuu inni, ‘Ati ulfooftee ilma deessa. Egaa siʼachi daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugin; waan xuraaʼaas hin nyaatin; sababiin isaas inni gaafa dhalatee jalqabee hamma duʼutti Naaziricha Waaqaa taʼaatii’ naan jedhe.”
Asi ati kwandiri, ‘Uchava nemimba uye uchabereka mwanakomana. Zvino, chirega kunwa waini kana zvimwe zvokunwa zvakaviriswa uye usadya chinhu chipi zvacho chisina kuchena, nokuti mukomana achava muNaziri waMwari kubva pakuzvarwa kwake kusvikira pazuva raanofa.’”
8 Maanoʼaanis, “Yaa Gooftaa, akka namichi Waaqaa kan ati gara keenyatti ergite sun ammas dhufee akka nu itti mucaa dhalatu sana guddisuu qabnu nu barsiisuuf akka nuuf ergitu sin kadhadha” jedhee Waaqayyoon kadhate.
Ipapo Manoa akanyengetera kuna Jehovha akati, “Haiwa Jehovha, ndinokukumbirai, regai munhu waMwari wamakatuma kwatiri adzokezve kuti azotidzidzisa kurera kwatingaita mukomana achazozvarwa.”
9 Waaqnis Maanoʼaa dhagaʼe; ergamaan Waaqayyoo sunis utuu isheen lafa qotiisaa keessa teessuu gara dubartii sanaa deebiʼee dhufe; dhirsi ishee Maanoʼaan garuu ishee wajjin hin turre.
Mwari akanzwa Manoa, uye mutumwa waMwari akauyazve kumukadzi panguva yaakanga ari kumunda; asi murume wake Manoa akanga asipo paari.
10 Dubartittiinis dhirsa isheetti himuuf ariifattee, “Kunoo! Namichi guyyaa kaan natti mulʼate sun as jira!” jette.
Mukadzi akakurumidza kundoudza murume wake kuti, “Ari pano! Murume uya akazviratidza kwandiri zuva riya!”
11 Maanoʼaanis kaʼee niitii isaa duukaa buʼe. Innis yommuu namicha bira gaʼetti, “Namni niitii kootti dubbate siʼii?” jedheen. Innis, “Anuma” jedhe.
Manoa akasimuka akatevera mukadzi wake. Akati asvika pamurume uya, akati, “Ndimi here makataura kumukadzi wangu?” Iye akati, “Ndini.”
12 Kanaafuu Maanoʼaan, “Yeroo dubbiin kee raawwatamutti seerri mucichi ittiin jiraatuu fi hojiin inni hojjetu maali?” jedhee isa gaafate.
Saka Manoa akamubvunza akati, “Mashoko enyu paachazadziswa, mutemo unofanira kutevedzwa paupenyu hwomukomana napabasa rake ndoupi?”
13 Ergamaan Waaqayyoos akkana jedhee deebise; “Niitiin kee waan ani itti hime hunda gochuu qabdi.
Mutumwa waJehovha akapindura akati, “Mukadzi wako anofanira kuita zvose zvandakamuudza.
14 Isheen waan muka wayinii irraa argamu tokko illee nyaachuu hin qabdu; daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu dhuguu yookaan waan xuraaʼaa kam iyyuu nyaachuu hin qabdu. Isheen waan ani ishee ajaje hunda gochuu qabdi.”
Haafaniri kudya chinhu chipi zvacho chinobva pamuzambiringa, uye kunwa waini ipi zvayo kana zvimwe zvokunwa zvakaviriswa kana kudya chinhu chipi zvacho chisina kuchena. Anofanira kuita zvose zvandakamurayira.”
15 Maanoʼaanis ergamaa Waaqayyootiin, “Hamma nu korbeessa reʼee xinnaa isaa siif qopheessinutti nuu turi” jedhe.
Manoa akati kumutumwa waJehovha, “Tingada kuti mumbogara kusvikira takugadzirirai kambudzana.”
16 Ergamaan Waaqayyoo, “Ati na tursitu illee, ani nyaata kee kam iyyuu hin nyaadhu. Garuu yoo aarsaa gubamu qopheessuu feete, isa Waaqayyoof dhiʼeessi” jedheen. Maanoʼaan akka inni ergamaa Waaqayyoo taʼe hin beekne ture.
Mutumwa waJehovha akapindura akati, “Kunyange dai mukandibata henyu, handingadyi chokudya chenyu chipi zvacho. Asi kana muchigadzira chipiriso chinopiswa, chipei kuna Jehovha.” (Manoa haana kuziva kuti akanga ari mutumwa Jehovha.)
17 Sana booddee Maanoʼaan ergamaa Waaqayyootiin, “Akka nu yeroo dubbiin ati dubbatte fiixaan baʼutti ulfina siif kenninuuf maqaan kee eenyu?” jedhee gaafate.
Ipapo Manoa akabvunza mutumwa waJehovha akati, “Zita renyu ndianiko, kuitira kuti tigokukudzai pachazadziswa shoko renyu?”
18 Innis, “Ati maaliif maqaa koo gaafatta? Inni akka malee dinqii dha” jedheen.
Akapindura akati, “Unobvunzireiko zita rangu? Haringanzwisisiki.”
19 Maanoʼaanis korbeessa reʼee xinnaa isaa kennaa midhaanii wajjin geessee kattaa irratti Waaqayyoof aarsaa godhe. Utuma Maanoʼaa fi niitiin isaa ilaalanuus Waaqayyo waan dinqii godhe.
Ipapo Manoa akatora kambudzana, pamwe chete nechipiriso chezviyo, akazvibayira kuna Jehovha paruware. Uye Jehovha akaita chinhu chinoshamisa, Manoa nomukadzi wake vakatarisa:
20 Yeroo arrabni ibiddaa iddoo aarsaa irraa samiitti ol baʼetti ergamaan Waaqayyoo arraba ibiddaa keessaan ol baʼe. Maanoʼaa fi niitiin isaa waan kana arganii adda isaaniitiin lafatti gombifaman.
Murazvo wemoto wakati uchikwira kubva paaritari wakananga kudenga, mutumwa waJehovha akakwira ari mumurazvo. Vakati vaona izvi, Manoa nomukadzi wake vakawira pasi nezviso zvavo.
21 Ergamaan Waaqayyoo garuu deebiʼee Maanoʼaa fi niitii isaatti hin mulʼanne. Maanoʼaanis akka inni ergamaa Waaqayyoo taʼe beeke.
Asi mutumwa waJehovha haana kuzozviratidzazve kuna Manoa nomukadzi wake, ipapo Manoa akaziva kuti akanga ari mutumwa waJehovha.
22 Innis niitii isaatiin, “Nu Waaqa argineerraatii dhugumaan ni duuna!” jedhe.
Akati, “Tichafa zvirokwazvo! Taona Mwari!”
23 Niitiin isaa garuu deebiftee akkana jetteen; “Waaqayyo utuu nu ajjeesuu barbaadee silaa aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii nu harkaa hin fudhatu ture; waan kana hundumas nutti hin argisiisu yookaan waan kana amma nutti hin himu ture.”
Asi mukadzi wake akati, “Kana Jehovha anga achida kutiuraya, angadai asina kugamuchira chipiriso chinopiswa nechipiriso chezviyo kubva mumaoko edu, uye angadai asina kutiratidza zvinhu zvose izvi kana kutiudza izvi zvino.”
24 Dubartiin sun ilma deesse; Saamsoon jettees isa moggaafte. Innis ni guddate; Waaqayyos isa eebbise.
Mukadzi akasununguka mwanakomana uye akamutumidza zita rokuti Samusoni. Akakura uye Jehovha akamuropafadza,
25 Hafuurri Waaqayyoos yeroo inni Zoraa fi Eshitaaʼol gidduu qubata Daan keessa turetti isa kakaasu jalqabe.
uye Mweya waJehovha wakatanga kumumutsa paakanga ari paMahane Dhani, pakati peZora neEshitaori.

< Abbootii Murtii 13 >