< Abbootii Murtii 13 >

1 Israaʼeloonni ammas fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; kanaafuu Waaqayyo waggaa afurtama dabarsee harka Filisxeemotaatti isaan kenne.
以色列人又行耶和華眼中看為惡的事,耶和華將他們交在非利士人手中四十年。
2 Namicha gosa Daan keessaa dhalatee Zoraa jiraatu kan Maanoʼaa jedhamu tokkotu ture; niitiin isaas dhabduu ijoollee tokko illee hin qabne turte.
那時,有一個瑣拉人,是屬但族的,名叫瑪挪亞。他的妻不懷孕,不生育。
3 Ergamaan Waaqayyoos isheetti mulʼatee akkana jedheen; “Kunoo ati dhabduu ijoollee hin qabnee dha; garuu ulfooftee ilma deessa.
耶和華的使者向那婦人顯現,對她說:「向來你不懷孕,不生育,如今你必懷孕生一個兒子。
4 Egaa ati akka daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugne yookaan waan xuraaʼaa tokko illee hin nyaanne of eeggadhu;
所以你當謹慎,清酒濃酒都不可喝,一切不潔之物也不可吃。
5 ati ulfoofte ilma daʼuuf jirtaatii. Qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqin; inni gaafa dhalatee jalqabee Naaziricha taʼuudhaan kan Waaqaaf addaan baafame taʼaatii; inni harka Filisxeemotaatii Israaʼeloota furuu jalqaba.”
你必懷孕生一個兒子,不可用剃頭刀剃他的頭,因為這孩子一出胎就歸上帝作拿細耳人。他必起首拯救以色列人脫離非利士人的手。」
6 Dubartiin sunis gara dhirsa ishee dhaqxee akkana jettee itti himte; “Nama Waaqaa tokkotu gara koo dhufe. Innis ergamaa Waaqayyoo fakkaatee akka malee nama sodaachisa. Ani akka inni eessaa dhufe isa hin gaafanne; innis maqaa isaa natti hin himne.
婦人就回去對丈夫說:「有一個神人到我面前來,他的相貌如上帝使者的相貌,甚是可畏。我沒有問他從哪裏來,他也沒有將他的名告訴我,
7 Garuu inni, ‘Ati ulfooftee ilma deessa. Egaa siʼachi daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugin; waan xuraaʼaas hin nyaatin; sababiin isaas inni gaafa dhalatee jalqabee hamma duʼutti Naaziricha Waaqaa taʼaatii’ naan jedhe.”
卻對我說:『你要懷孕生一個兒子,所以清酒濃酒都不可喝,一切不潔之物也不可吃;因為這孩子從出胎一直到死,必歸上帝作拿細耳人。』」
8 Maanoʼaanis, “Yaa Gooftaa, akka namichi Waaqaa kan ati gara keenyatti ergite sun ammas dhufee akka nu itti mucaa dhalatu sana guddisuu qabnu nu barsiisuuf akka nuuf ergitu sin kadhadha” jedhee Waaqayyoon kadhate.
瑪挪亞就祈求耶和華說:「主啊,求你再差遣那神人到我們這裏來,好指教我們怎樣待這將要生的孩子。」
9 Waaqnis Maanoʼaa dhagaʼe; ergamaan Waaqayyoo sunis utuu isheen lafa qotiisaa keessa teessuu gara dubartii sanaa deebiʼee dhufe; dhirsi ishee Maanoʼaan garuu ishee wajjin hin turre.
上帝應允瑪挪亞的話;婦人正坐在田間的時候,上帝的使者又到她那裏,她丈夫瑪挪亞卻沒有同她在一處。
10 Dubartittiinis dhirsa isheetti himuuf ariifattee, “Kunoo! Namichi guyyaa kaan natti mulʼate sun as jira!” jette.
婦人急忙跑去告訴丈夫說:「那日到我面前來的人,又向我顯現。」
11 Maanoʼaanis kaʼee niitii isaa duukaa buʼe. Innis yommuu namicha bira gaʼetti, “Namni niitii kootti dubbate siʼii?” jedheen. Innis, “Anuma” jedhe.
瑪挪亞起來跟隨他的妻來到那人面前,對他說:「與這婦人說話的就是你嗎?」他說:「是我。」
12 Kanaafuu Maanoʼaan, “Yeroo dubbiin kee raawwatamutti seerri mucichi ittiin jiraatuu fi hojiin inni hojjetu maali?” jedhee isa gaafate.
瑪挪亞說:「願你的話應驗!我們當怎樣待這孩子,他後來當怎樣呢?」
13 Ergamaan Waaqayyoos akkana jedhee deebise; “Niitiin kee waan ani itti hime hunda gochuu qabdi.
耶和華的使者對瑪挪亞說:「我告訴婦人的一切事,她都當謹慎。
14 Isheen waan muka wayinii irraa argamu tokko illee nyaachuu hin qabdu; daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu dhuguu yookaan waan xuraaʼaa kam iyyuu nyaachuu hin qabdu. Isheen waan ani ishee ajaje hunda gochuu qabdi.”
葡萄樹所結的都不可吃,清酒濃酒都不可喝,一切不潔之物也不可吃。凡我所吩咐的,她都當遵守。」
15 Maanoʼaanis ergamaa Waaqayyootiin, “Hamma nu korbeessa reʼee xinnaa isaa siif qopheessinutti nuu turi” jedhe.
瑪挪亞對耶和華的使者說:「求你容我們款留你,好為你預備一隻山羊羔。」
16 Ergamaan Waaqayyoo, “Ati na tursitu illee, ani nyaata kee kam iyyuu hin nyaadhu. Garuu yoo aarsaa gubamu qopheessuu feete, isa Waaqayyoof dhiʼeessi” jedheen. Maanoʼaan akka inni ergamaa Waaqayyoo taʼe hin beekne ture.
耶和華的使者對瑪挪亞說:「你雖然款留我,我卻不吃你的食物,你若預備燔祭就當獻與耶和華。」原來瑪挪亞不知道他是耶和華的使者。
17 Sana booddee Maanoʼaan ergamaa Waaqayyootiin, “Akka nu yeroo dubbiin ati dubbatte fiixaan baʼutti ulfina siif kenninuuf maqaan kee eenyu?” jedhee gaafate.
瑪挪亞對耶和華的使者說:「請將你的名告訴我,到你話應驗的時候,我們好尊敬你。」
18 Innis, “Ati maaliif maqaa koo gaafatta? Inni akka malee dinqii dha” jedheen.
耶和華的使者對他說:「你何必問我的名,我名是奇妙的。」
19 Maanoʼaanis korbeessa reʼee xinnaa isaa kennaa midhaanii wajjin geessee kattaa irratti Waaqayyoof aarsaa godhe. Utuma Maanoʼaa fi niitiin isaa ilaalanuus Waaqayyo waan dinqii godhe.
瑪挪亞將一隻山羊羔和素祭在磐石上獻與耶和華,使者行奇妙的事;瑪挪亞和他的妻觀看,
20 Yeroo arrabni ibiddaa iddoo aarsaa irraa samiitti ol baʼetti ergamaan Waaqayyoo arraba ibiddaa keessaan ol baʼe. Maanoʼaa fi niitiin isaa waan kana arganii adda isaaniitiin lafatti gombifaman.
見火焰從壇上往上升,耶和華的使者在壇上的火焰中也升上去了。瑪挪亞和他的妻看見,就俯伏於地。
21 Ergamaan Waaqayyoo garuu deebiʼee Maanoʼaa fi niitii isaatti hin mulʼanne. Maanoʼaanis akka inni ergamaa Waaqayyoo taʼe beeke.
耶和華的使者不再向瑪挪亞和他的妻顯現,瑪挪亞才知道他是耶和華的使者。
22 Innis niitii isaatiin, “Nu Waaqa argineerraatii dhugumaan ni duuna!” jedhe.
瑪挪亞對他的妻說:「我們必要死,因為看見了上帝。」
23 Niitiin isaa garuu deebiftee akkana jetteen; “Waaqayyo utuu nu ajjeesuu barbaadee silaa aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii nu harkaa hin fudhatu ture; waan kana hundumas nutti hin argisiisu yookaan waan kana amma nutti hin himu ture.”
他的妻卻對他說:「耶和華若要殺我們,必不從我們手裏收納燔祭和素祭,並不將這一切事指示我們,今日也不將這些話告訴我們。」
24 Dubartiin sun ilma deesse; Saamsoon jettees isa moggaafte. Innis ni guddate; Waaqayyos isa eebbise.
後來婦人生了一個兒子,給他起名叫參孫。孩子長大,耶和華賜福與他。
25 Hafuurri Waaqayyoos yeroo inni Zoraa fi Eshitaaʼol gidduu qubata Daan keessa turetti isa kakaasu jalqabe.
在瑪哈尼‧但,就是瑣拉和以實陶中間,耶和華的靈才感動他。

< Abbootii Murtii 13 >