< Abbootii Murtii 11 >

1 Yiftaan namichi gosa Giliʼaad sun goota ture. Abbaan isaa Giliʼaad jedhama; haati isaa immoo sagaagaltuu turte.
ויפתח הגלעדי היה גבור חיל והוא בן אשה זונה ויולד גלעד את יפתח
2 Niitiin Giliʼaadis Giliʼaadiif ilmaan deesse; isaanis yommuu guddatanitti Yiftaadhaan, “Ati waan dubartii biraa irraa dhalatteef dhaala tokko illee maatii keenya irraa hin argattu” jedhanii isa ariʼan.
ותלד אשת גלעד לו בנים ויגדלו בני האשה ויגרשו את יפתח ויאמרו לו לא תנחל בבית אבינו--כי בן אשה אחרת אתה
3 Kanaafuu Yiftaan obboloota isaa duraa baqatee biyya Xoob jedhamu keessa jiraate; gareen kashlabbootaa naannoo isaatti walitti qabamanii isa duukaa buʼan.
ויברח יפתח מפני אחיו וישב בארץ טוב ויתלקטו אל יפתח אנשים ריקים ויצאו עמו
4 Yeroo xinnoo booddee, yommuu Amoononni saba Israaʼelitti waraana kaasanitti,
ויהי מימים וילחמו בני עמון עם ישראל
5 maanguddoonni Giliʼaad Yiftaa barbaacha gara Xoob deeman.
ויהי כאשר נלחמו בני עמון עם ישראל וילכו זקני גלעד לקחת את יפתח מארץ טוב
6 Isaanis, “Akka nu Amoonota waraanuu dandeenyuuf kottuu ajajaa nuu taʼi” jedhaniin.
ויאמרו ליפתח--לכה והייתה לנו לקצין ונלחמה בבני עמון
7 Yiftaanis, “Isin na jibbitanii mana abbaa kootii na hin ariinee? Amma yommuu rakkattan maaliif na bira dhuftu?” isaaniin jedhe.
ויאמר יפתח לזקני גלעד הלא אתם שנאתם אותי ותגרשוני מבית אבי ומדוע באתם אלי עתה כאשר צר לכם
8 Maanguddoonni Giliʼaadis, “Nu sababii kanaaf gara kee dhufneerra; Amoonota waraanuudhaaf nu faana kottu; nu warra Giliʼaad keessa jiraannu hunda irrattis hoogganaa ni taataa” jedhaniin.
ויאמרו זקני גלעד אל יפתח לכן עתה שבנו אליך והלכת עמנו ונלחמת בבני עמון והיית לנו לראש לכל ישבי גלעד
9 Yiftaanis, “Yoo isin akka ani Amoonota waraanuuf biyya kootti na deebiftanii Waaqayyos dabarsee harka kootti isaan kenne, dhugumaan ani hoogganaa keessan nan taʼaa?” jedheen.
ויאמר יפתח אל זקני גלעד אם משיבים אתם אותי להלחם בבני עמון ונתן יהוה אותם לפני--אנכי אהיה לכם לראש
10 Maanguddoonni Giliʼaadis deebisanii, “Waaqayyo dhuga baʼaa keenya; dhugumaan nu akkuma ati jette goona” jedhaniin.
ויאמרו זקני גלעד אל יפתח יהוה יהיה שמע בינותינו--אם לא כדברך כן נעשה
11 Kanaafuu Yiftaan maanguddoota Giliʼaad wajjin qajeele; sabni Giliʼaadis hoogganaa fi abbaa duulaa isa godhate. Innis iddoo Miisphaa jedhamutti waan duraan dubbate hundumaa irra deebiʼee fuula Waaqayyoo duratti dubbate.
וילך יפתח עם זקני גלעד וישימו העם אותו עליהם לראש ולקצין וידבר יפתח את כל דבריו לפני יהוה במצפה
12 Yiftaan gara mootii Amoonotaatti ergamoota ergee, “Ati kan biyya keenya waraantuuf rakkina maalii nurraa qabda?” jedheen.
וישלח יפתח מלאכים אל מלך בני עמון לאמר מה לי ולך כי באת אלי להלחם בארצי
13 Mootiin Amoonotaas ergamoota Yiftaatiin, “Sababii Israaʼeloonni yeroo Gibxii baʼanitti biyya koo kan Arnoonii fi Yaaboq gidduu jiruu fi biyya koo kan hamma Yordaanositti jiru fudhataniif ani waan kana godheera; kanaafuu amma karaa nagaan naa deebisaa” jedhe.
ויאמר מלך בני עמון אל מלאכי יפתח כי לקח ישראל את ארצי בעלותו ממצרים מארנון ועד היבק ועד הירדן ועתה השיבה אתהן בשלום
14 Yiftaanis gara mootii Amoonotaatti deebisee ergamoota isaa erge;
ויוסף עוד יפתח וישלח מלאכים אל מלך בני עמון
15 akkanas jedhe: “Yiftaan akkana jedha: Israaʼel biyya Moʼaab yookaan biyya Amoonota hin fudhanne.
ויאמר לו כה אמר יפתח לא לקח ישראל את ארץ מואב ואת ארץ בני עמון
16 Garuu yeroo Gibxii baʼanitti Israaʼeloonni gammoojjii keessa gara Galaana Diimaa, achii immoo gara Qaadesh dhufan.
כי בעלותם ממצרים וילך ישראל במדבר עד ים סוף ויבא קדשה
17 Israaʼelis gara mootii Edoomitti, ‘Akka ani biyya kee keessaan darbu naa eeyyami’ jedhee ergamoota erge; mootiin Edoom garuu hin dhageenye. Gara mootii Moʼaabittis akkasuma ergan; inni illee ni dide. Kanaafuu Israaʼel Qaadesh keessa ture.
וישלח ישראל מלאכים אל מלך אדום לאמר אעברה נא בארצך ולא שמע מלך אדום וגם אל מלך מואב שלח ולא אבה וישב ישראל בקדש
18 “Itti aansees gammoojjii keessa darbee biyya Edoomii fi biyya Moʼaab irra naannaʼee karaa baʼa biyya Moʼaabiin darbee gama kaaniin Arnoon cina qubate. Garuu sababii Arnoon daarii Moʼaab turteef isaan biyya Moʼaab hin seenne ture.
וילך במדבר ויסב את ארץ אדום ואת ארץ מואב ויבא ממזרח שמש לארץ מואב ויחנון בעבר ארנון ולא באו בגבול מואב כי ארנון גבול מואב
19 “Ergasiis Israaʼel Sihoon mooticha Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sanatti ergamoota ergee, ‘Akka nu biyya kee keessa gara biyya keenyaatti dabarru nuu eeyyami’ jedheen.
וישלח ישראל מלאכים אל סיחון מלך האמרי מלך חשבון ויאמר לו ישראל נעברה נא בארצך עד מקומי
20 Sihoon garuu akka inni karaa biyya isaatiin darbu Israaʼelin hin amanne. Kanaafuu inni namoota isaa walitti qabatee Yaahizaa keessa qubatee Israaʼelin lole.
ולא האמין סיחון את ישראל עבר בגבלו ויאסף סיחון את כל עמו ויחנו ביהצה וילחם עם ישראל
21 “Waaqayyo Waaqni Israaʼelis Sihoonii fi namoota isaa hunda dabarsee harka Israaʼelitti kenne; Israaʼeloonnis jara moʼatan; kanaafuu Israaʼeloonni biyya Amoorota achi jiraatan hundaa fudhatan;
ויתן יהוה אלהי ישראל את סיחון ואת כל עמו ביד ישראל--ויכום ויירש ישראל את כל ארץ האמרי יושב הארץ ההיא
22 qabeenya biyya Amoor kan Arnoonii hamma Yaaboqitti akkasumas kan gammoojjii hamma Yordaanositti jiru hunda fudhatan.
ויירשו את כל גבול האמרי--מארנון ועד היבק ומן המדבר ועד הירדן
23 “Yoos erga Waaqayyo Waaqni Israaʼel fuula saba Israaʼel duraa Amoorota ariʼee baasee ati fudhachuudhaaf mirga maalii qabdaa?
ועתה יהוה אלהי ישראל הוריש את האמרי מפני עמו ישראל ואתה תירשנו
24 Ati waan Kemoosh Waaqni kee siif kennu hin fudhattuu? Nus akkasuma waan Waaqayyo Waaqni keenya nuu kenne kam iyyuu ni fudhanna.
הלא את אשר יורישך כמוש אלהיך--אותו תירש ואת כל אשר הוריש יהוה אלהינו מפנינו--אותו נירש
25 Ati Baalaaq mootii Moʼaab ilma Ziphoori sana ni caaltaa? Inni takkumaa Israaʼel waraaneeraa? Yookaan loleeraa?
ועתה הטוב טוב אתה מבלק בן צפור מלך מואב הרוב רב עם ישראל אם נלחם נלחם בם
26 Israaʼeloonni waggaa dhibba sadii Heshboon, Aroʼeer, qubatawwan naannoo sanaatii fi magaalaawwan naannoo Arnoon qabatanii turaniiru. Ati yeroo sanatti maaliif deebiftee hin fudhatin?
בשבת ישראל בחשבון ובבנותיה ובערעור ובבנותיה ובכל הערים אשר על ידי ארנון שלש מאות שנה--ומדוע לא הצלתם בעת ההיא
27 Ani yakka sitti hin hojjenne; ati garuu waraana natti kaasuudhaan na miiteerta. Kanas Waaqayyo, abbaan murtii ammuma kana kaʼee Israaʼelootaa fi Amoonota gidduutti murtii haa kennu.”
ואנכי לא חטאתי לך ואתה עשה אתי רעה להלחם בי ישפט יהוה השפט היום בין בני ישראל ובין בני עמון
28 Mootiin Amoonotaa garuu ergaa Yiftaan isatti ergeef gurra hin kennine.
ולא שמע מלך בני עמון אל דברי יפתח אשר שלח אליו
29 Kana irratti Hafuurri Waaqayyoo Yiftaa irra buʼe. Innis Giliʼaadii fi Minaasee keessa darbee Miisphaa ishee Giliʼaad keessa jirtu sana keessa qaxxaamuree Amoonotatti duule.
ותהי על יפתח רוח יהוה ויעבר את הגלעד ואת מנשה ויעבר את מצפה גלעד וממצפה גלעד עבר בני עמון
30 Yiftaan akkana jedhee Waaqayyoof wareege; “Yoo ati Amoonota dabarsitee harka kootti kennite,
וידר יפתח נדר ליהוה ויאמר אם נתון תתן את בני עמון בידי
31 yommuu ani moʼadhee deebiʼutti wanni mana kootii na simachuudhaaf jalqabatti baʼuu kam iyyuu kan Waaqayyoo ti; anis qalma gubamu godhee isa nan dhiʼeessa.”
והיה היוצא אשר יצא מדלתי ביתי לקראתי בשובי בשלום מבני עמון--והיה ליהוה והעליתיהו עלה
32 Ergasiis Yiftaan Amoonota waraanuuf baʼe; Waaqayyos isaan dabarsee harka isaatti kenne.
ויעבר יפתח אל בני עמון להלחם בם ויתנם יהוה בידו
33 Innis Aroʼeerii jalqabee magaalaawwan digdama hamma naannoo Miiniititti akkasumas hamma Abeel Keraamiimitti argaman guutumaan guutuutti barbadeesse. Amoononnis akkasiin Israaʼelootaaf bulan.
ויכם מערוער ועד באך מנית עשרים עיר ועד אבל כרמים מכה גדולה מאד ויכנעו בני עמון מפני בני ישראל
34 Yeroo Yiftaan gara Miisphaatti mana isaatti deebiʼetti, intalli isaa dibbee rukutaa sirbaa isa simachuuf baate! Isheen intala tokkittii inni qabu turte. Inni ishee malee ilmas taʼu intala biraa hin qabu ture.
ויבא יפתח המצפה אל ביתו והנה בתו יצאת לקראתו בתפים ובמחלות ורק היא יחידה אין לו ממנו בן או בת
35 Innis yommuu ishee argetti wayyaa isaa tarsaasee, “Wayyoo! Yaa mucattii koo! Na balleessite; dhiphina keessa na galchite; ani wareega cabsuu hin dandeenye Waaqayyoof wareegeeraatii” jedhee booʼe.
ויהי כראותו אותה ויקרע את בגדיו ויאמר אהה בתי הכרע הכרעתני ואת היית בעכרי ואנכי פציתי פי אל יהוה ולא אוכל לשוב
36 Isheenis akkana jette; “Yaa abbaa ko, ati Waaqayyoof kakatteerta; sababii Waaqayyo diinota kee Amoonota haaloo siif baʼeef, ati waan waadaa galte sana anaan guutadhu.
ותאמר אליו אבי פציתה את פיך אל יהוה--עשה לי כאשר יצא מפיך אחרי אשר עשה לך יהוה נקמות מאיביך--מבני עמון
37 Garuu waan tokko naa eeyyami; sababii ani siʼachi hin heerumneef akka ani michoota koo wajjin gaarran irra naannaʼee durbummaa kootiif booʼuuf jiʼa lama naa kenni.”
ותאמר אל אביה יעשה לי הדבר הזה הרפה ממני שנים חדשים ואלכה וירדתי על ההרים ואבכה על בתולי אנכי ורעיתי (ורעותי)
38 Innis, “Dhaquu dandeessa” jedheen. Akka isheen jiʼa lamaaf deemtus eeyyameef. Isheenis waan siʼachi heerumuu hin dandeenyeef dubarran michoota ishee wajjin gaarranitti ol baatee boosse.
ויאמר לכי וישלח אותה שני חדשים ותלך היא ורעותיה ותבך על בתוליה על ההרים
39 Jiʼa lamaa booddees gara abbaa isheetti deebite; innis akkuma wareege sana godhe. Isheen durba turte. Yeroo sanaa jalqabee wanni kun Israaʼeloota biratti bartee taʼee
ויהי מקץ שנים חדשים ותשב אל אביה ויעש לה את נדרו אשר נדר והיא לא ידעה איש ותהי חק בישראל
40 durboonni Israaʼel wagguma waggaan baʼanii guyyaa afur intala Yiftaa namicha Giliʼaad sanaa gaddaan yaadatu.
מימים ימימה תלכנה בנות ישראל לתנות לבת יפתח הגלעדי--ארבעת ימים בשנה

< Abbootii Murtii 11 >