< Yihuudaa 1 >

1 Yihuudaa obboleessa Yaaqoob garbicha Yesuus Kiristoos irraa,
ཡཱིཤུཁྲཱིཥྚསྱ དཱསོ ཡཱཀཱུབོ བྷྲཱཏཱ ཡིཧཱུདཱསྟཱཏེནེཤྭརེཎ པཝིཏྲཱིཀྲྀཏཱན྄ ཡཱིཤུཁྲཱིཥྚེན རཀྵིཏཱཾཤྩཱཧཱུཏཱན྄ ལོཀཱན྄ པྲཏི པཏྲཾ ལིཁཏི།
2 Araarri, nagaanii fi jaalalli isiniif haa baayʼatu.
ཀྲྀཔཱ ཤཱནྟིཿ པྲེམ ཙ བཱཧུལྱརཱུཔེཎ ཡུཥྨཱསྭདྷིཏིཥྛཏུ།
3 Yaa michoota, ani waaʼee fayyina nu walii wajjin qooddannu kanaa isiniif barreessuuf guddisee nan hawwan ture; garuu akka isin amantii yeroo tokko bara baraan qulqulloota Waaqaatti imaanaa kenname sanaaf jabaattanii loltaniif isiniif barreessee isin gorsuun barbaachisaa natti fakkaate.
ཧེ པྲིཡཱཿ, སཱདྷཱརཎཔརིཏྲཱཎམདྷི ཡུཥྨཱན྄ པྲཏི ལེཁིཏུཾ མམ བཧུཡཏྣེ ཛཱཏེ པཱུཪྻྭཀཱལེ པཝིཏྲལོཀེཥུ སམརྤིཏོ ཡོ དྷརྨྨསྟདརྠཾ ཡཱུཡཾ པྲཱཎཝྱཡེནཱཔི སཙེཥྚཱ བྷཝཏེཏི ཝིནཡཱརྠཾ ཡུཥྨཱན྄ པྲཏི པཏྲལེཁནམཱཝཤྱཀམ྄ ཨམནྱེ།
4 Namoonni bara dheeraan dura murtii kanaaf murteeffaman tokko tokko looʼanii gidduu keessan seenaniiruutii. Isaanis namoota Waaqaaf hin bulle, warra ayyaana Waaqa keenyaa gara halalummaatti geeddaran kanneen Gooftaa Ol aanaa tokkicha jechuunis Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosin gananii dha.
ཡསྨཱད྄ ཨེཏདྲཱུཔདཎྜཔྲཱཔྟཡེ པཱུཪྻྭཾ ལིཁིཏཱཿ ཀེཙིཛྫནཱ ཨསྨཱན྄ ཨུཔསྲྀཔྟཝནྟཿ, ཏེ ྅དྷཱརྨྨིཀལོཀཱ ཨསྨཱཀམ྄ ཨཱིཤྭརསྱཱནུགྲཧཾ དྷྭཛཱིཀྲྀཏྱ ལམྤཊཏཱམ྄ ཨཱཙརནྟི, ཨདྭིཏཱིཡོ ྅དྷིཔཏི ཪྻོ ྅སྨཱཀཾ པྲབྷུ ཪྻཱིཤུཁྲཱིཥྚསྟཾ ནཱངྒཱིཀུཪྻྭནྟི།
5 Yoo isin duraanuu waan kana hunda beektan illee, ani akka Gooftaan yeroo tokko saba isaa Gibxii baasee ergasii immoo warra hin amanin balleesse isin yaadachiisuu nan barbaada.
ཏསྨཱད྄ ཡཱུཡཾ པུརཱ ཡད྄ ཨཝགཏཱསྟཏ྄ པུན ཪྻུཥྨཱན྄ སྨཱརཡིཏུམ྄ ཨིཙྪཱམི, ཕལཏཿ པྲབྷུརེཀཀྲྀཏྭཿ སྭཔྲཛཱ མིསརདེཤཱད྄ ཨུདདྷཱར ཡཏ྄ ཏཏཿ པརམ྄ ཨཝིཤྭཱསིནོ ཝྱནཱཤཡཏ྄།
6 Innis ergamoota sadarkaa taayitaa isaanii irra hin turin, kanneen lafa jireenya isaanii dhiisan sana foncaa bara baraatiin hidhee hamma murtii Guyyaa guddaa sanaatti dukkana keessa turseera. (aïdios g126)
ཡེ ཙ སྭརྒདཱུཏཱཿ སྭཱིཡཀརྟྲྀཏྭཔདེ ན སྠིཏྭཱ སྭཝཱསསྠཱནཾ པརིཏྱཀྟཝནྟསྟཱན྄ ས མཧཱདིནསྱ ཝིཙཱརཱརྠམ྄ ཨནྡྷཀཱརམཡེ ྅དྷཿསྠཱནེ སདཱསྠཱཡིབྷི རྦནྡྷནཻརབདྷྣཱཏ྄། (aïdios g126)
7 Sodoomii fi Gomoraan, magaalaawwan naannoo isaanii jiranis akkasuma halalummaa fi hawwii foonii kan haala uumamaatiin ala taʼetti dabarsanii of kennaniiru. Isaanis warra adaba ibidda bara baraatiin adabamaniif fakkeenya taʼaniiru. (aiōnios g166)
ཨཔརཾ སིདོམམ྄ ཨམོརཱ ཏནྣིཀཊསྠནགརཱཎི ཙཻཏེཥཱཾ ནིཝཱསིནསྟཏྶམརཱུཔཾ ཝྱབྷིཙཱརཾ ཀྲྀཏཝནྟོ ཝིཥམམཻཐུནསྱ ཙེཥྚཡཱ ཝིཔཐཾ གཏཝནྟཤྩ ཏསྨཱཏ྄ ཏཱནྱཔི དྲྀཥྚཱནྟསྭརཱུཔཱཎི བྷཱུཏྭཱ སདཱཏནཝཧྣིནཱ དཎྜཾ བྷུཉྫཏེ། (aiōnios g166)
8 Haaluma wal fakkaatuunis namoonni abjootan kunneen foon ofii isaanii xureessu; gooftummaa ni tuffatu; ulfina qabeeyyii illee ni arrabsu.
ཏཐཻཝེམེ སྭཔྣཱཙཱརིཎོ྅པི སྭཤརཱིརཱཎི ཀལངྐཡནྟི རཱཛཱདྷཱིནཏཱཾ ན སྭཱིཀུཪྻྭནྟྱུཙྩཔདསྠཱན྄ ནིནྡནྟི ཙ།
9 Garuu Miikaaʼel hangafni ergamoota Waaqaa iyyuu yeroo waaʼee reeffa Musee irratti diiyaabiloosiin walitti falmanitti, “Gooftaan si haa ifatu!” jedhe malee isa arrabsuudhaan itti muruuf ija hin jabaanne.
ཀིནྟུ པྲདྷཱནདིཝྱདཱུཏོ མཱིཁཱཡེལོ ཡདཱ མཱུསསོ དེཧེ ཤཡཏཱནེན ཝིཝདམཱནཿ སམབྷཱཥཏ ཏདཱ ཏིསྨན྄ ནིནྡཱརཱུཔཾ དཎྜཾ སམརྤཡིཏུཾ སཱཧསཾ ན ཀྲྀཏྭཱཀཐཡཏ྄ པྲབྷུསྟྭཱཾ བྷརྟྶཡཏཱཾ།
10 Namoonni kunneen garuu waanuma hin hubanne arrabsu; waan isaan akkuma bineensota waa yaaduu hin dandeenyeetti miiraan hubatantu isaan balleessa.
ཀིནྟྭིམེ ཡནྣ བུདྷྱནྟེ ཏནྣིནྡནྟི ཡཙྩ ནིརྦྦོདྷཔཤཝ ཨིཝེནྡྲིཡཻརཝགཙྪནྟི ཏེན ནཤྱནྟི།
11 Isaaniif wayyoo! Isaan karaa Qaayin irra deeman; faayidaa argachuuf jedhanii dogoggora Balaʼaam keessa of buusan; fincila Qooraahiitiinis ni barbadaaʼan.
ཏཱན྄ དྷིཀ྄, ཏེ ཀཱབིལོ མཱརྒེ ཙརནྟི པཱརིཏོཥིཀསྱཱཤཱཏོ བིལིཡམོ བྷྲཱནྟིམནུདྷཱཝནྟི ཀོརཧསྱ དུརྨྨུཁཏྭེན ཝིནཤྱནྟི ཙ།
12 Namoonni kunneen utuma xuraaʼoo taʼanii jiranuu qaanii tokko malee cidha jaalalaa isin wajjin nyaatu; isaan tiksoota ofuma isaanii qofa sooranii dha. Isaan akkuma duumessa bokkaa hin qabne kan bubbeen asii fi achi oofuu ti; akkuma muka yeroo itti ija naqachuu qabutti ija dhabee buqqifamee dachaa lama duʼee ti.
ཡུཥྨཱཀཾ པྲེམབྷོཛྱེཥུ ཏེ ཝིགྷྣཛནཀཱ བྷཝནྟི, ཨཱཏྨམྦྷརཡཤྩ བྷཱུཏྭཱ ནིརླཛྫཡཱ ཡུཥྨཱབྷིཿ སཱརྡྡྷཾ བྷུཉྫཏེ། ཏེ ཝཱཡུབྷིཤྩཱལིཏཱ ནིསྟོཡམེགྷཱ ཧེམནྟཀཱལིཀཱ ནིཥྥལཱ དྭི རྨྲྀཏཱ ཨུནྨཱུལིཏཱ ཝྲྀཀྵཱཿ,
13 Isaan warra akka dambalii galaanaa hoomacha qaanii isaanii baasanii dha; akkuma urjiiwwan asii fi achi jooran kanneen dukkanni limixiin hamma bara baraatti isaanii kaaʼamee ti. (aiōn g165)
སྭཀཱིཡལཛྫཱཕེཎོདྭམཀཱཿ པྲཙཎྜཱཿ སཱམུདྲཏརངྒཱཿ སདཱཀཱལཾ ཡཱཝཏ྄ གྷོརཏིམིརབྷཱགཱིནི བྷྲམཎཀཱརཱིཎི ནཀྵཏྲཱཎི ཙ བྷཝནྟི། (aiōn g165)
14 Henook inni Addaam irraa jalqabee torbaffaa ture sun akkana jedhee waaʼee namoota kanaa raajii dubbateera: “Kunoo, Gooftaan qulqulloota isaa kumaatama wajjin ni dhufa;
ཨཱདམཏཿ སཔྟམཿ པུརུཥོ ཡོ ཧནོཀཿ ས ཏཱནུདྡིཤྱ བྷཝིཥྱདྭཱཀྱམིདཾ ཀཐིཏཝཱན྄, ཡཐཱ, པཤྱ སྭཀཱིཡཔུཎྱཱནཱམ྄ ཨཡུཏཻ ཪྻེཥྚིཏཿ པྲབྷུཿ།
15 innis nama hundatti muruuf, warra Waaqaaf hin bulle kanneen karaa Waaqni hin jaallanneen waan Waaqni hin jaallanne hojjetan hundaa fi dubbii hamaa cubbamoonni Waaqaaf hin bulle hundinuu isa irratti dubbatan hundatti isaan gaafachuuf ni dhufa.”
སཪྻྭཱན྄ པྲཏི ཝིཙཱརཱཛྙཱསཱདྷནཱཡཱགམིཥྱཏི། ཏདཱ ཙཱདྷཱརྨྨིཀཱཿ སཪྻྭེ ཛཱཏཱ ཡཻརཔརཱདྷིནཿ། ཝིདྷརྨྨཀརྨྨཎཱཾ ཏེཥཱཾ སཪྻྭེཥཱམེཝ ཀཱརཎཱཏ྄། ཏཐཱ ཏདྭཻཔརཱིཏྱེནཱཔྱདྷརྨྨཱཙཱརིཔཱཔིནཱཾ། ཨུཀྟཀཋོརཝཱཀྱཱནཱཾ སཪྻྭེཥཱམཔི ཀཱརཎཱཏ྄། པརམེཤེན དོཥིཏྭཾ ཏེཥཱཾ པྲཀཱཤཡིཥྱཏེ༎
16 Namoonni kunneen yeroo hunda ni guungumu; komiis ni qabaatu; hawwii isaanii isa hamaa duukaa buʼu; of jaju; faayidaa argachuuf jedhaniis nama saadu.
ཏེ ཝཱཀྐལཧཀཱརིཎཿ སྭབྷཱགྱནིནྡཀཱཿ སྭེཙྪཱཙཱརིཎོ དརྤཝཱདིམུཁཝིཤིཥྚཱ ལཱབྷཱརྠཾ མནུཥྱསྟཱཝཀཱཤྩ སནྟི།
17 Yaa michoota, isin garuu waan ergamoonni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos duraan dursanii himan sana yaadadhaa.
ཀིནྟུ ཧེ པྲིཡཏམཱཿ, ཨསྨཱཀཾ པྲབྷོ ཪྻཱིཤུཁྲཱིཥྚསྱ པྲེརིཏཻ ཪྻད྄ ཝཱཀྱཾ པཱུཪྻྭཾ ཡུཥྨབྷྱཾ ཀཐིཏཾ ཏཏ྄ སྨརཏ,
18 Isaanis, “Qoostonni hawwii fedhii Waaqaatiin ala taʼe duukaa buʼan bara dhumaa keessa ni dhufu” isiniin jedhan.
ཕལཏཿ ཤེཥསམཡེ སྭེཙྪཱཏོ ྅དྷརྨྨཱཙཱརིཎོ ནིནྡཀཱ ཨུཔསྠཱསྱནྟཱིཏི།
19 Namoonni kunneen warra gargar baʼuu uuman, warra hawwii foonii duukaa buʼanii fi warra Hafuura Qulqulluu hin qabnee dha.
ཨེཏེ ལོཀཱཿ སྭཱན྄ པྲྀཐཀ྄ ཀུཪྻྭནྟཿ སཱཾསཱརིཀཱ ཨཱཏྨཧཱིནཱཤྩ སནྟི།
20 Isin garuu yaa michoota, amantii keessan kan waan hunda irra qulqulluu taʼe sana irratti of ijaaraa; Hafuura Qulqulluudhaanis kadhadhaa.
ཀིནྟུ ཧེ པྲིཡཏམཱཿ, ཡཱུཡཾ སྭེཥཱམ྄ ཨཏིཔཝིཏྲཝིཤྭཱསེ ནིཙཱིཡམཱནཱཿ པཝིཏྲེཎཱཏྨནཱ པྲཱརྠནཱཾ ཀུཪྻྭནྟ
21 Araarri Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos jireenya bara baraatti akka isin geessu eeggachaa jaalala Waaqaatiin of eegaa. (aiōnios g166)
ཨཱིཤྭརསྱ པྲེམྣཱ སྭཱན྄ རཀྵཏ, ཨནནྟཛཱིཝནཱཡ ཙཱསྨཱཀཾ པྲབྷོ ཪྻཱིཤུཁྲཱིཥྚསྱ ཀྲྀཔཱཾ པྲཏཱིཀྵདྷྭཾ། (aiōnios g166)
22 Warra shakkii qabaniif garaa laafaa;
ཨཔརཾ ཡཱུཡཾ ཝིཝིཙྱ ཀཱཾཤྩིད྄ ཨནུཀམྤདྷྭཾ
23 Warra kaan ibidda keessaa butaatii oolchaa; kaan immoo uffata hawwii fooniitiin xureeffame iyyuu balfaatii sodaadhaan isaan maaraa.
ཀཱཾཤྩིད྄ ཨགྣིཏ ཨུདྡྷྲྀཏྱ བྷཡཾ པྲདརྴྱ རཀྵཏ, ཤཱརཱིརིཀབྷཱཝེན ཀལངྐིཏཾ ཝསྟྲམཔི ཨྲྀཏཱིཡདྷྭཾ།
24 Isa gufachuu isin oolchuu dandaʼuu fi isa fuula ulfina isaa duratti hirʼina malee, gammachuu guddaadhaan isin dhiʼeessuu dandaʼu sanaaf,
ཨཔརཉྩ ཡུཥྨཱན྄ སྑལནཱད྄ རཀྵིཏུམ྄ ཨུལླཱསེན སྭཱིཡཏེཛསཿ སཱཀྵཱཏ྄ ནིརྡྡོཥཱན྄ སྠཱཔཡིཏུཉྩ སམརྠོ
25 Fayyisaa keenya Waaqa tokkichaaf ulfinni, surraan, humnii fi taayitaan karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin bara hundumaan dura, amma, bara baraanis haa taʼu! Ameen. (aiōn g165)
ཡོ ྅སྨཱཀམ྄ ཨདྭིཏཱིཡསྟྲཱཎཀརྟྟཱ སཪྻྭཛྙ ཨཱིཤྭརསྟསྱ གཽརཝཾ མཧིམཱ པརཱཀྲམཿ ཀརྟྲྀཏྭཉྩེདཱནཱིམ྄ ཨནནྟཀཱལཾ ཡཱཝད྄ བྷཱུཡཱཏ྄། ཨཱམེན྄། (aiōn g165)

< Yihuudaa 1 >