< Yihuudaa 1 >

1 Yihuudaa obboleessa Yaaqoob garbicha Yesuus Kiristoos irraa, Gara warra waamamanii Waaqa Abbaadhaan jaallataman kanneen Yesuus Kiristoosiin eegamaniitti:
Yuda, mtumwa wa Yesu Kristo na nduguye Yakobo: Kwa wale walioitwa, wapendwa katika Mungu Baba na kuhifadhiwa salama ndani ya Yesu Kristo:
2 Araarri, nagaanii fi jaalalli isiniif haa baayʼatu.
Rehema, amani na upendo viwe kwenu kwa wingi.
3 Yaa michoota, ani waaʼee fayyina nu walii wajjin qooddannu kanaa isiniif barreessuuf guddisee nan hawwan ture; garuu akka isin amantii yeroo tokko bara baraan qulqulloota Waaqaatti imaanaa kenname sanaaf jabaattanii loltaniif isiniif barreessee isin gorsuun barbaachisaa natti fakkaate.
Wapendwa, ingawa nilikuwa ninatamani sana kuwaandikia kuhusu wokovu ambao tunaushiriki sisi sote, niliona imenipasa kuwaandikia na kuwasihi kwamba mwitetee imani iliyokabidhiwa watakatifu kwa nafasi moja itoshayo.
4 Namoonni bara dheeraan dura murtii kanaaf murteeffaman tokko tokko looʼanii gidduu keessan seenaniiruutii. Isaanis namoota Waaqaaf hin bulle, warra ayyaana Waaqa keenyaa gara halalummaatti geeddaran kanneen Gooftaa Ol aanaa tokkicha jechuunis Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosin gananii dha.
Kwa kuwa kuna watu waliojipenyeza kwa siri katikati yenu, watu walioandikiwa tangu zamani hukumu hii, waovu, wapotoshao neema ya Mungu wetu kuwa ufisadi wakimkana yeye aliye Bwana wetu wa pekee, Bwana Yesu Kristo.
5 Yoo isin duraanuu waan kana hunda beektan illee, ani akka Gooftaan yeroo tokko saba isaa Gibxii baasee ergasii immoo warra hin amanin balleesse isin yaadachiisuu nan barbaada.
Ingawa mmekwisha kujua haya yote, nataka niwakumbushe kuwa Bwana akiisha kuwaokoa watu wake kutoka nchi ya Misri, baadaye aliwaangamiza wale ambao hawakuamini.
6 Innis ergamoota sadarkaa taayitaa isaanii irra hin turin, kanneen lafa jireenya isaanii dhiisan sana foncaa bara baraatiin hidhee hamma murtii Guyyaa guddaa sanaatti dukkana keessa turseera. (aïdios g126)
Nao malaika ambao hawakulinda nafasi zao, lakini wakayaacha makao yao, hawa amewaweka katika giza, wakiwa wamefungwa kwa minyororo ya milele kwa ajili ya hukumu Siku ile kuu. (aïdios g126)
7 Sodoomii fi Gomoraan, magaalaawwan naannoo isaanii jiranis akkasuma halalummaa fi hawwii foonii kan haala uumamaatiin ala taʼetti dabarsanii of kennaniiru. Isaanis warra adaba ibidda bara baraatiin adabamaniif fakkeenya taʼaniiru. (aiōnios g166)
Vivyo hivyo, Sodoma na Gomora na pia ile miji iliyokuwa kandokando, ambayo kwa jinsi moja na hao, walijifurahisha kwa uasherati na kufuata tamaa za mwili zisizo za asili, waliwekwa wawe mfano kwa kuadhibiwa katika moto wa milele. (aiōnios g166)
8 Haaluma wal fakkaatuunis namoonni abjootan kunneen foon ofii isaanii xureessu; gooftummaa ni tuffatu; ulfina qabeeyyii illee ni arrabsu.
Vivyo hivyo, hawa waotao ndoto huutia mwili unajisi, hukataa kuwa chini ya mamlaka na kunena mabaya juu ya wenye mamlaka.
9 Garuu Miikaaʼel hangafni ergamoota Waaqaa iyyuu yeroo waaʼee reeffa Musee irratti diiyaabiloosiin walitti falmanitti, “Gooftaan si haa ifatu!” jedhe malee isa arrabsuudhaan itti muruuf ija hin jabaanne.
Lakini hata malaika mkuu Mikaeli alipokuwa anashindana na ibilisi juu ya mwili wa Mose, hakuthubutu kumlaumu, bali alimwambia, “Bwana na akukemee!”
10 Namoonni kunneen garuu waanuma hin hubanne arrabsu; waan isaan akkuma bineensota waa yaaduu hin dandeenyeetti miiraan hubatantu isaan balleessa.
Lakini watu hawa hunena mabaya dhidi ya mambo wasiyoyafahamu. Na katika mambo yale wanayoyafahamu kwa hisia kama wanyama wasio na akili, hayo ndiyo hasa yanayowaharibu.
11 Isaaniif wayyoo! Isaan karaa Qaayin irra deeman; faayidaa argachuuf jedhanii dogoggora Balaʼaam keessa of buusan; fincila Qooraahiitiinis ni barbadaaʼan.
Ole wao! Kwa kuwa wanaifuata njia ya Kaini, wamekimbilia faida katika kosa la Balaamu na kuangamia katika uasi wa Kora.
12 Namoonni kunneen utuma xuraaʼoo taʼanii jiranuu qaanii tokko malee cidha jaalalaa isin wajjin nyaatu; isaan tiksoota ofuma isaanii qofa sooranii dha. Isaan akkuma duumessa bokkaa hin qabne kan bubbeen asii fi achi oofuu ti; akkuma muka yeroo itti ija naqachuu qabutti ija dhabee buqqifamee dachaa lama duʼee ti.
Watu hawa ni dosari katika karamu zenu za upendo, wakila pamoja nanyi bila hofu, wakijilisha pasipo hofu. Wao ni mawingu yasiyokuwa na maji, yakichukuliwa na upepo, miti isiyo na matunda wakati wa mapukutiko, ambayo hunyauka, iliyokufa mara mbili na kungʼolewa kabisa.
13 Isaan warra akka dambalii galaanaa hoomacha qaanii isaanii baasanii dha; akkuma urjiiwwan asii fi achi jooran kanneen dukkanni limixiin hamma bara baraatti isaanii kaaʼamee ti. (aiōn g165)
Wao ni mawimbi makali ya bahari, yakitoa povu la aibu yao wenyewe, ni nyota zipoteazo, ambao weusi wa giza ndio akiba waliowekewa milele. (aiōn g165)
14 Henook inni Addaam irraa jalqabee torbaffaa ture sun akkana jedhee waaʼee namoota kanaa raajii dubbateera: “Kunoo, Gooftaan qulqulloota isaa kumaatama wajjin ni dhufa;
Enoki, mtu wa saba kuanzia Adamu alitoa unabii kuhusu watu hawa, akisema: “Tazama, Bwana anakuja pamoja na maelfu kwa maelfu ya watakatifu wake,
15 innis nama hundatti muruuf, warra Waaqaaf hin bulle kanneen karaa Waaqni hin jaallanneen waan Waaqni hin jaallanne hojjetan hundaa fi dubbii hamaa cubbamoonni Waaqaaf hin bulle hundinuu isa irratti dubbatan hundatti isaan gaafachuuf ni dhufa.”
ili kumhukumu kila mmoja na kuwapatiliza wote wasiomcha Mungu kwa matendo yao yote ya uasi waliyoyatenda, pamoja na maneno yote ya kuchukiza ambayo wenye dhambi wamesema dhidi yake.”
16 Namoonni kunneen yeroo hunda ni guungumu; komiis ni qabaatu; hawwii isaanii isa hamaa duukaa buʼu; of jaju; faayidaa argachuuf jedhaniis nama saadu.
Watu hawa ni wenye kunungʼunika na wenye kutafuta makosa; wao hufuata tamaa zao mbaya, hujisifu kwa maneno makuu kuhusu wao wenyewe na kuwasifu mno watu wenye vyeo kwa ajili ya kujipatia faida.
17 Yaa michoota, isin garuu waan ergamoonni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos duraan dursanii himan sana yaadadhaa.
Lakini ninyi wapenzi, kumbukeni yale mitume wa Bwana Yesu Kristo waliyonena zamani.
18 Isaanis, “Qoostonni hawwii fedhii Waaqaatiin ala taʼe duukaa buʼan bara dhumaa keessa ni dhufu” isiniin jedhan.
Kwa kuwa waliwaambia, “Siku za mwisho kutakuwa na watu wenye kudhihaki, watakaofuata tamaa zao wenyewe za upotovu.”
19 Namoonni kunneen warra gargar baʼuu uuman, warra hawwii foonii duukaa buʼanii fi warra Hafuura Qulqulluu hin qabnee dha.
Hawa ndio watu wanaowagawa ninyi, wafuatao tamaa zao za asili, wala hawana Roho.
20 Isin garuu yaa michoota, amantii keessan kan waan hunda irra qulqulluu taʼe sana irratti of ijaaraa; Hafuura Qulqulluudhaanis kadhadhaa.
Lakini ninyi wapendwa, jijengeni katika imani yenu iliyo takatifu sana tena ombeni katika Roho Mtakatifu.
21 Araarri Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos jireenya bara baraatti akka isin geessu eeggachaa jaalala Waaqaatiin of eegaa. (aiōnios g166)
Jilindeni katika upendo wa Mungu mkitazamia kwa furaha rehema ya Bwana wetu Yesu Kristo ili awalete katika uzima wa milele. (aiōnios g166)
22 Warra shakkii qabaniif garaa laafaa;
Wahurumieni walio na mashaka;
23 Warra kaan ibidda keessaa butaatii oolchaa; kaan immoo uffata hawwii fooniitiin xureeffame iyyuu balfaatii sodaadhaan isaan maaraa.
wengine waokoeni kwa kuwanyakua kutoka kwenye moto; nao wengine wahurumieni mkiwa na hofu, mkichukia hata vazi lenye mawaa na kutiwa unajisi na mwili.
24 Isa gufachuu isin oolchuu dandaʼuu fi isa fuula ulfina isaa duratti hirʼina malee, gammachuu guddaadhaan isin dhiʼeessuu dandaʼu sanaaf,
Kwake yeye awezaye kuwalinda ninyi msianguke na kuwaleta mbele za utukufu wake mkuu bila dosari na kwa furaha ipitayo kiasi:
25 Fayyisaa keenya Waaqa tokkichaaf ulfinni, surraan, humnii fi taayitaan karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin bara hundumaan dura, amma, bara baraanis haa taʼu! Ameen. (aiōn g165)
kwake yeye Mungu pekee Mwokozi wetu, kwa Yesu Kristo Bwana wetu, utukufu, ukuu, uweza na mamlaka ni vyake tangu milele, sasa na hata milele! Amen. (aiōn g165)

< Yihuudaa 1 >