< Yihuudaa 1 >
1 Yihuudaa obboleessa Yaaqoob garbicha Yesuus Kiristoos irraa, Gara warra waamamanii Waaqa Abbaadhaan jaallataman kanneen Yesuus Kiristoosiin eegamaniitti:
Juda, Jezusa Kristusa hlapec, a brat Jakobov, v Bogu očetu posvečenim in Jezusu Kristusu hranjenim poklicanim:
2 Araarri, nagaanii fi jaalalli isiniif haa baayʼatu.
Usmiljenje vam in mir in ljubezen naj se napolni.
3 Yaa michoota, ani waaʼee fayyina nu walii wajjin qooddannu kanaa isiniif barreessuuf guddisee nan hawwan ture; garuu akka isin amantii yeroo tokko bara baraan qulqulloota Waaqaatti imaanaa kenname sanaaf jabaattanii loltaniif isiniif barreessee isin gorsuun barbaachisaa natti fakkaate.
Ljubljeni, ko sem si mnogo prizadeval pisati vam o skupnem zveličanji, potreba mi je bilo pisati vam opominjajoč, da se borite za vero enkrat dano svetim.
4 Namoonni bara dheeraan dura murtii kanaaf murteeffaman tokko tokko looʼanii gidduu keessan seenaniiruutii. Isaanis namoota Waaqaaf hin bulle, warra ayyaana Waaqa keenyaa gara halalummaatti geeddaran kanneen Gooftaa Ol aanaa tokkicha jechuunis Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosin gananii dha.
Kajti priplazili so se neki ljudje, zdavnaj naprej zapisani za to sodbo, brezbožni, ki milost Boga našega krivo rabijo v razuzdanost, in tajé edinega vladarja Boga in Gospoda našega Jezusa Kristusa.
5 Yoo isin duraanuu waan kana hunda beektan illee, ani akka Gooftaan yeroo tokko saba isaa Gibxii baasee ergasii immoo warra hin amanin balleesse isin yaadachiisuu nan barbaada.
Spomniti pa vas hočem, ko enkrat to veste, da je Gospod, ki je rešil ljudstvo iz dežele Egiptovske, pozneje pogubil ne verujoče.
6 Innis ergamoota sadarkaa taayitaa isaanii irra hin turin, kanneen lafa jireenya isaanii dhiisan sana foncaa bara baraatiin hidhee hamma murtii Guyyaa guddaa sanaatti dukkana keessa turseera. (aïdios )
In angele, ki niso hranili poglavarstva svojega, nego so zapustili lastno domovje, shranil je v sodbo vélikega dneva z večnimi vezmí pod temo; (aïdios )
7 Sodoomii fi Gomoraan, magaalaawwan naannoo isaanii jiranis akkasuma halalummaa fi hawwii foonii kan haala uumamaatiin ala taʼetti dabarsanii of kennaniiru. Isaanis warra adaba ibidda bara baraatiin adabamaniif fakkeenya taʼaniiru. (aiōnios )
Kakor Sodoma in Gomora, in mesta okolo njih, ki so enako kakor té, kurbala se in hodila za drugim mesom, so zgled, ker trpé kazen večnega ognja. (aiōnios )
8 Haaluma wal fakkaatuunis namoonni abjootan kunneen foon ofii isaanii xureessu; gooftummaa ni tuffatu; ulfina qabeeyyii illee ni arrabsu.
Enako torej tudi ti, sanjajoč, oskrunjajo meso, zaničujejo gospostvo, preklinjajo slave.
9 Garuu Miikaaʼel hangafni ergamoota Waaqaa iyyuu yeroo waaʼee reeffa Musee irratti diiyaabiloosiin walitti falmanitti, “Gooftaan si haa ifatu!” jedhe malee isa arrabsuudhaan itti muruuf ija hin jabaanne.
Mihael pa, nadangelj, ko se je s hudičem prepirajoč pregovarjal o telesu Mojzesovem, ni se upal izreči sodbe preklinjevanja, nego rekel je: Kaznúj te Gospod!
10 Namoonni kunneen garuu waanuma hin hubanne arrabsu; waan isaan akkuma bineensota waa yaaduu hin dandeenyeetti miiraan hubatantu isaan balleessa.
Ti pa preklinjajo, česar ne vedó; kar pa znajo naravno, kakor nespametne živali, v tem se pogubljajo.
11 Isaaniif wayyoo! Isaan karaa Qaayin irra deeman; faayidaa argachuuf jedhanii dogoggora Balaʼaam keessa of buusan; fincila Qooraahiitiinis ni barbadaaʼan.
Gorjé jim; ker hodili so po potu Kajnovem in za plačilo Bileamovo zabredli so v zmoto; in v nasprotji Kore so poginili.
12 Namoonni kunneen utuma xuraaʼoo taʼanii jiranuu qaanii tokko malee cidha jaalalaa isin wajjin nyaatu; isaan tiksoota ofuma isaanii qofa sooranii dha. Isaan akkuma duumessa bokkaa hin qabne kan bubbeen asii fi achi oofuu ti; akkuma muka yeroo itti ija naqachuu qabutti ija dhabee buqqifamee dachaa lama duʼee ti.
Ti so pri bratovskih pojedinjah vaših zapreke, ko se gosté skup brez straha, same sebe pasó; oblaki brez vode, ki jih gonijo vetrovi; drevesa poznojesenska, brez sadú, dvakrat mrtva, izkoreninjena;
13 Isaan warra akka dambalii galaanaa hoomacha qaanii isaanii baasanii dha; akkuma urjiiwwan asii fi achi jooran kanneen dukkanni limixiin hamma bara baraatti isaanii kaaʼamee ti. (aiōn )
Divji morski valovi, ki izpenjavajo lastno sramoto: zvezde tavajoče, katerim je mrak teme hranjen vekomaj. (aiōn )
14 Henook inni Addaam irraa jalqabee torbaffaa ture sun akkana jedhee waaʼee namoota kanaa raajii dubbateera: “Kunoo, Gooftaan qulqulloota isaa kumaatama wajjin ni dhufa;
Prerokoval je pa tudi tem sedmi od Adama, Enoh, govoreč: "Glej, prišel je Gospod v mirijadah svetih svojih.
15 innis nama hundatti muruuf, warra Waaqaaf hin bulle kanneen karaa Waaqni hin jaallanneen waan Waaqni hin jaallanne hojjetan hundaa fi dubbii hamaa cubbamoonni Waaqaaf hin bulle hundinuu isa irratti dubbatan hundatti isaan gaafachuuf ni dhufa.”
Sodbo delat vsem in kaznovat vse njih brezbožne, za vsa dela brezbožnosti, katera so storili, in za vse trdo, kar so govorili zoper njega grešniki brezbožni.
16 Namoonni kunneen yeroo hunda ni guungumu; komiis ni qabaatu; hawwii isaanii isa hamaa duukaa buʼu; of jaju; faayidaa argachuuf jedhaniis nama saadu.
Ti so godrnjači, pritoževalci, ki hodijo po svojih poželenjih; in usta njih govoré šopirno, občudujoč osebe zaradi koristi.
17 Yaa michoota, isin garuu waan ergamoonni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos duraan dursanii himan sana yaadadhaa.
Vi pa, ljubljeni, spominjajte se besed, ki so jih naprej govorili aposteljni Gospoda našega Jezusa Kristusa;
18 Isaanis, “Qoostonni hawwii fedhii Waaqaatiin ala taʼe duukaa buʼan bara dhumaa keessa ni dhufu” isiniin jedhan.
Kajti rekli so vam: V zadnjem času bodejo posmehovalci, hodeči po svojih poželenjih brezbožnosti.
19 Namoonni kunneen warra gargar baʼuu uuman, warra hawwii foonii duukaa buʼanii fi warra Hafuura Qulqulluu hin qabnee dha.
Ti so, ki se odločujejo, počutniki, ne imajoči Duha.
20 Isin garuu yaa michoota, amantii keessan kan waan hunda irra qulqulluu taʼe sana irratti of ijaaraa; Hafuura Qulqulluudhaanis kadhadhaa.
Vi pa, ljubljeni, izpodbujajte se v presveti veri svoji, ter molite v Duhu svetem,
21 Araarri Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos jireenya bara baraatti akka isin geessu eeggachaa jaalala Waaqaatiin of eegaa. (aiōnios )
Hranite se v ljubezni Božji, pričakujte usmiljenje Gospoda našega Jezusa Kristusa v večno življenje! (aiōnios )
22 Warra shakkii qabaniif garaa laafaa;
In ene milujte razločujoč;
23 Warra kaan ibidda keessaa butaatii oolchaa; kaan immoo uffata hawwii fooniitiin xureeffame iyyuu balfaatii sodaadhaan isaan maaraa.
Ene pa rešite v strahu, potegnivši jih iz ognja, sovražeč tudi obleko oskrunjeno po mesu.
24 Isa gufachuu isin oolchuu dandaʼuu fi isa fuula ulfina isaa duratti hirʼina malee, gammachuu guddaadhaan isin dhiʼeessuu dandaʼu sanaaf,
Njemu pa, kateri vas more ohraniti brez izpotike, in postaviti pred slavo svojo brez madeža v radovanji,
25 Fayyisaa keenya Waaqa tokkichaaf ulfinni, surraan, humnii fi taayitaan karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin bara hundumaan dura, amma, bara baraanis haa taʼu! Ameen. (aiōn )
Edinemu modremu Bogu, zveličarju našemu, slava in veličastvo, krepost in oblast zdaj in na vse veke! Amen. (aiōn )