< Iyyaasuu 9 >
1 Mootonni Heetotaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi Yebuusotaa kanneen gama lixa Yordaanos biyya gaaraa, lafa gammoojjiitii fi qarqara Galaana Guddichaa kan hamma Libaanoonitti jiru keessa jiraatan yommuu waan kana dhagaʼanitti,
茲にヨルダンの彼旁において山地平地レバノンに對へる大海の濱邊に居る諸の王すなはちヘテ人アモリ人カナン人ペリジ人ヒビ人ヱブス人たる者どもこれな聞て
2 Iyyaasuu fi Israaʼelitti waraana banuuf walitti qabaman.
心を同うし相集まりてヨシユアおよびイスラエルと戰はんとす
3 Namoonni Gibeʼoon garuu yommuu waan Iyyaasuun Yerikoo fi Aayi godhe dhagaʼanitti,
然るにギベオンの民ヨシユアがヱリコとアイとに爲たりし事を聞しかば
4 isaanis gama isaaniitiin daba hojjechuuf mariʼatan; isaanis nama karaa deemu fakkaatanii keeshaa moofaʼee fi qalqalloo daadhii wayinii kan dulloomee tarsaʼee erbame harree isaaniitti feʼatanii qajeelan.
己も詭計をめぐらして使者の状にいでたち古き袋および古び破れたるを結びとめたる酒の革嚢を驢馬に負せ
5 Kophee moofaʼee erbame miillatti kaaʼatanii wayyaa moofaʼe uffatan. Buddeenni isaan fudhatanii deeman hundis goggogaa fi kan arraaʼee ture.
補ひたる古履を足にはき古衣を身にまとひ來れり其糧のパンは凡て乾きかつ黴てありき
6 Isaanis qubata Gilgaalitti Iyyaasuu bira dhaqanii isaa fi namoota Israaʼeliin, “Nu biyya fagoodhaa dhufne; kanaafuu kottaa walii galtee godhannaa” jedhan.
彼等ギルガルの陣營に來りてヨシユアの許にいたり彼とイスラエルの人々に言ふ我らは遠き國より來れり然ば今われらと契約を結べと
7 Namoonni Israaʼel immoo Hiiwotaan, “Tarii isin asuma nutti dhiʼoo jiraattu taʼa; yoos nu akkamiin isin wajjin walii galtee godhachuu dandeenya ree?” jedhan.
イスラエルの人々ヒビ人に言けるは汝らは我等の中に住をるならんも計られねば我ら爭か汝らと契約を結ぶことを得んと
8 Isaan garuu Iyyaasuudhaan, “Nu garboota kee ti” jedhan. Iyyaasuunis, “Isin eenyuu dha? Eessaa dhuftani?” jedhee isaan gaafate.
彼ら又ヨシユアにむかひて我らは汝の僕なりと言ければヨシユアかれらに汝らは何人にして何處より來りしやと問しに
9 Isaanis akkana jedhanii deebisaniif; “Nu garboonni kee sababii maqaa Waaqayyo Waaqa keetii dhageenyeef biyya akka malee fagootii dhufne. Nu oduu waaʼee isaatii fi waan inni biyya Gibxii keessatti hojjete hundumaa dhageenyeerraatii;
彼らヨシユアに言けるは僕等は汝の神ヱホバの名の故によりて遥に遠き國より來れり其は我ら彼の聲譽および彼がエジプトにて行ひたりし一切の事を聞き
10 waan inni mootota Amoorotaa lamaan warra gama baʼa Yordaanos jiraatan jechuunis Sihoon mootii Heshboonii fi Oogi mootii Baashaan kan Ashtaaroti bulchaa ture sana godhe hundumaa dhageenyeerra.
また彼がヨルダンの彼旁にをりしアモリ人の二箇の王すなはちヘシボンの王シホンおよびアシタロテにをりしバシヤンの王オグに爲たりし一切の事を聞たればなり
11 Maanguddoonni keenyaa fi jiraattonni biyya keenyaa hundinuu, ‘Karaa keessaniif waan nyaattan harkatti qabadhaatii isaan arguu dhaqaa, “Nu garboota keessanii dha; kanaafuu kottaa walii galtee godhannaa” jedhaanii’ nuun jedhan.
是をもて我らの長老および我らの國に住をるものみなわれらに告て言り汝ら旅路の糧を手に携さへ往てかれらを迎へて彼らに言へ我らは汝らの僕なり請ふ我らと契約を結べと
12 Buddeenni keenya kun gaafa nu hidhannee gara keessan dhufuuf manaa baane hoʼaa ture. Amma garuu akka inni goggogee arraaʼe argaa.
我らの此パンは汝らの所に來らんとて出たちし日に我ら家々より其なほ温煖なるをとり備へしなるが視よ今は已に乾きて黴たり
13 Qalqalloon nu daadhii wayinii itti guutanne kunis haaraa ture; amma garuu akka inni tatarsaʼe ilaalaa. Uffanni keenyaa fi kopheen keenyas deemsa karaa dheeraa kanaan nu jalaa dhumeera.”
また酒をみたせるこれらの革嚢も新しかりしが破るるに至り我らのこの衣服も履も旅路の甚だ長きによりて古びぬと
14 Namoonni Israaʼel galaa isaanii irraa waa fudhatan malee Waaqayyoon gorsa hin gaafanne.
然るに人々は彼らの糧を取りヱホバの口を問ことをせざりき
15 Iyyaasuunis akka isaan jiraataniif isaan wajjin walii galtee nagaa godhe; hooggantoonni waldaas waan kana kakuudhaan mirkaneessan.
ヨシユアすなはち彼らと好を爲し彼らを生しおかんといふ契約を結び會中の長等かれらに誓ひたりしが
16 Warri Israaʼel immoo erga Gibeʼoonota wajjin walii galtee godhatan guyyaa sadii booddee akka jarri warra naannoo isaanii kanneen isaanitti dhiʼoo jiraatan taʼan dhagaʼan.
その彼らと契約を結びてより三日を經て後かれらは己に近き人にして己の中に住をる者なりと聞り
17 Kanaafuu Israaʼeloonni kaʼanii guyyaa sadaffaatti gara magaalaa isaanii jechuunis gara Gibeʼoon, Kefiiraa, gara Biʼeerootii fi Kiriyaati Yeʼaariim dhufan.
イスラエルの子孫やがて進みて第三日に彼らの邑々に至れり其邑はギベオン、ケピラ、ベエロテおよびキリアテヤリムなり
18 Israaʼeloonni garuu sababii hooggantoonni waldaa maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliitiin isaaniif kakatanii turaniitiif isaan hin tuqne. Waldaan sun guutuunis hooggantootatti guungume;
然れども會中の長等イスラエルの神ヱホバを指て彼らに誓ひたりしをもてイスラエルの子孫これを攻撃ざりき是をもて會衆みな長等にむかひて呟けり
19 hooggantoonni hundi garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin isaanii kakanneerra; kanaafuu nu amma isaan tuquu hin dandeenyu.
然ど長等は凡て全會衆に言ふ我らイスラエルの神ヱホバを指て彼らに誓へり然ば今彼らに觸べからず
20 Wanni nu isaan goonu kana: Akka kakuu isaanii kakanne sana cabsinee dheekkamsi nurra hin buuneef akka isaan jiraataniif ittuma dhiifna.”
我ら斯かれらに爲て彼らを生しおかん然すれば彼らに誓ひし誓によりて震怒の我らに及ぶことあらじと
21 Hooggantoonni sunis ittuma fufanii, “Jarri haa jiraatan; garuu guutummaa sabaatiif warra muka muranii fi warra bishaan waraaban haa taʼan” jedhan. Akkasiinis kakuun hooggantoonni isaaniif galan sun ni eegame.
長等また人衆にむかひて彼らを生しおくべしと言ければ彼らは遂に全會衆のために薪を斬り水を汲ことをする者となれり長等の彼等に言たるが如し
22 Iyyaasuunis Gibeʼoonota ofitti waamee akkana jedheen; “Isin maaliif utuma nutti dhiʼoo jiraattanuu, ‘Nu biyya isin irraa fagoo taʼe keessa jiraanna’ jettanii nu gowwoomsitan?
ヨシユアすなはち彼らを召よせて彼らに語りて言けるは汝らは我らの中に住をりながら何とて我らは汝らに甚だ遠しと言て我らを誑かししや
23 Isin amma abaarsa jala jirtu; tokkoon keessan iyyuu mana Waaqa kootiif muka muruu fi bishaan waraabuu jalaa hin baatan.”
然ば汝らは詛はる汝らは永く奴隸となり皆わが神の室のために薪を斬り水を汲ことをする者となるべしと
24 Isaanis akkana jedhanii Iyyaasuuf deebii kennan; “Akka Waaqayyo Waaqni kee akka Museen biyyaattii guutuu isinii kennuu fi akka inni warra achi jiraatan hunda fuula keessan duraa balleesuuf garbicha isaa Musee ajaje nu garboota keetti dhugumaan himameera. Kanaafuu nu sababii keessaniif jennee lubbuu keenyaaf sodaanne; wanni nu waan kana gooneefis kanuma.
彼らヨシユアに應へて言けるは僕等はなんぢの神ヱホバその僕モーセに此地をことごとく汝らに與へ此地の民をことごとく汝らの前より滅ぼし去ことを命ぜしと明白に傳へ聞たれば汝らのために生命の危からんことを太く懼れて斯は爲けるなり
25 Nu kunoo amma harka kee keessa jirra. Atis waan gaarii fi qajeelaa seete hundumaa nurratti raawwadhu.”
視よ我らは今汝の手の中にあり汝の我らに爲を善とし正當とする所を爲たまへと
26 Kanaafuu Iyyaasuun Israaʼeloota duraa isaan baase; Israaʼeloonnis isaan hin ajjeefne.
ヨシユアすなはち其ごとく彼らに爲し彼らをイスラエルの子孫の手より救ひて殺さしめざりき
27 Innis guyyuma sana Gibeʼoonota sana saba hundaaf, akkasumas iddoo Waaqayyo filatutti iddoo aarsaa Waaqayyootiif warra muka muranii fi warra bishaan waraaban isaan godhe. Isaanis hamma harʼaatti kanuma hojjetu.
ヨシユアその日かれらをして會衆のためおよびヱホバの壇の爲に其えらびたまふ處において薪を斬り水を汲ことをする者とならしめたりしが今日まで然り