< Iyyaasuu 9 >

1 Mootonni Heetotaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi Yebuusotaa kanneen gama lixa Yordaanos biyya gaaraa, lafa gammoojjiitii fi qarqara Galaana Guddichaa kan hamma Libaanoonitti jiru keessa jiraatan yommuu waan kana dhagaʼanitti,
To, sa’ad da dukan sarakunan yammancin Urdun suka ji waɗannan abubuwa, sai waɗanda suke kan tudu, da na cikin kwari a yammanci, da dukan waɗanda suke gefen Bahar Rum har zuwa Lebanon (sarakunan Hittiyawa, Amoriyawa, Kan’aniyawa, Ferizziyawa, Hiwiyawa da Yebusiyawa)
2 Iyyaasuu fi Israaʼelitti waraana banuuf walitti qabaman.
suka haɗa kansu don su yaƙi Yoshuwa da Isra’ila.
3 Namoonni Gibeʼoon garuu yommuu waan Iyyaasuun Yerikoo fi Aayi godhe dhagaʼanitti,
Amma da mutanen Gibeyon suka ji abin da Yoshuwa ya yi wa Yeriko da Ai,
4 isaanis gama isaaniitiin daba hojjechuuf mariʼatan; isaanis nama karaa deemu fakkaatanii keeshaa moofaʼee fi qalqalloo daadhii wayinii kan dulloomee tarsaʼee erbame harree isaaniitti feʼatanii qajeelan.
sai suka shirya wata dabara ta ruɗu, suka shirya ɗan abinci don tafiya, suka ɗauki tsofaffin buhuna a kan jakunansu da tsofaffin salkuna na ruwan inabi, yagaggu da suka sha ɗinki.
5 Kophee moofaʼee erbame miillatti kaaʼatanii wayyaa moofaʼe uffatan. Buddeenni isaan fudhatanii deeman hundis goggogaa fi kan arraaʼee ture.
Suka sa tsofaffin takalman da suka sha gyara, suka sa tsofaffin tufafi. Dukan abincinsu na tafiya ya bushe ya yi fumfuna.
6 Isaanis qubata Gilgaalitti Iyyaasuu bira dhaqanii isaa fi namoota Israaʼeliin, “Nu biyya fagoodhaa dhufne; kanaafuu kottaa walii galtee godhannaa” jedhan.
Sai suka je wurin Yoshuwa a sansanin Gilgal suka ce masa da mutanen Isra’ila, “Daga ƙasa mai nisa muka fito, yanzu fa, sai ku yi alkawari da mu.”
7 Namoonni Israaʼel immoo Hiiwotaan, “Tarii isin asuma nutti dhiʼoo jiraattu taʼa; yoos nu akkamiin isin wajjin walii galtee godhachuu dandeenya ree?” jedhan.
Mutanen Isra’ila kuwa suka ce wa Hiwiyawa, “Wataƙila kuna kusa da mu, ta yaya za mu yi alkawari da ku?”
8 Isaan garuu Iyyaasuudhaan, “Nu garboota kee ti” jedhan. Iyyaasuunis, “Isin eenyuu dha? Eessaa dhuftani?” jedhee isaan gaafate.
Suka ce wa Yoshuwa, “Mu bayinku ne.” Amma Yoshuwa ya tambaye su ya ce, “Ku wane ne, kuma daga ina kuka zo?”
9 Isaanis akkana jedhanii deebisaniif; “Nu garboonni kee sababii maqaa Waaqayyo Waaqa keetii dhageenyeef biyya akka malee fagootii dhufne. Nu oduu waaʼee isaatii fi waan inni biyya Gibxii keessatti hojjete hundumaa dhageenyeerraatii;
Suka amsa suka ce, “Bayinka sun zo ne daga ƙasa mai nisa gama Ubangiji Allahnka ya yi suna sosai. Gama mun ji labarin abubuwan da ya yi. Dukan abubuwan da ya yi a Masar
10 waan inni mootota Amoorotaa lamaan warra gama baʼa Yordaanos jiraatan jechuunis Sihoon mootii Heshboonii fi Oogi mootii Baashaan kan Ashtaaroti bulchaa ture sana godhe hundumaa dhageenyeerra.
da kuma duk abubuwan da ya yi wa sarakuna biyu na Amoriyawa gabas da Urdun, Sihon sarkin Heshbon, da Og sarkin Bashan wanda ya yi mulki a Ashtarot.
11 Maanguddoonni keenyaa fi jiraattonni biyya keenyaa hundinuu, ‘Karaa keessaniif waan nyaattan harkatti qabadhaatii isaan arguu dhaqaa, “Nu garboota keessanii dha; kanaafuu kottaa walii galtee godhannaa” jedhaanii’ nuun jedhan.
Dattawanmu da duk mazaunan ƙasar, suka ce mana, ‘Ku ɗauki abincin tafiyar da za ku riƙe; ku je ku same su ku ce musu, “Mu bayinku ne, ku yi alkawari da mu.”’
12 Buddeenni keenya kun gaafa nu hidhannee gara keessan dhufuuf manaa baane hoʼaa ture. Amma garuu akka inni goggogee arraaʼe argaa.
Abincin tafiyan nan namu yana da ɗumi lokacin da muka kintsa tashi daga gida a ranar da za mu kama hanya zuwa wurinku. Amma yanzu duba yadda ya bushe, ya yi fumfuna.
13 Qalqalloon nu daadhii wayinii itti guutanne kunis haaraa ture; amma garuu akka inni tatarsaʼe ilaalaa. Uffanni keenyaa fi kopheen keenyas deemsa karaa dheeraa kanaan nu jalaa dhumeera.”
Waɗannan salkuna kuma da muka cika ruwan inabi, sababbi ne amma duba yadda suka yayyage. Tufafinmu da takalmanmu duk sun yayyage don doguwar tafiya.”
14 Namoonni Israaʼel galaa isaanii irraa waa fudhatan malee Waaqayyoon gorsa hin gaafanne.
Mutanen Isra’ila suka ɗiba daga cikin abincin tafiyar amma ba su nemi nufin Ubangiji ba.
15 Iyyaasuunis akka isaan jiraataniif isaan wajjin walii galtee nagaa godhe; hooggantoonni waldaas waan kana kakuudhaan mirkaneessan.
Sa’an nan Yoshuwa ya yi alkawari zaman salama da su, cewa ba zai kashe su ba, sai shugabannin mutanen Isra’ila kuwa suka tabbatar musu da haka ta wurin yin rantsuwa.
16 Warri Israaʼel immoo erga Gibeʼoonota wajjin walii galtee godhatan guyyaa sadii booddee akka jarri warra naannoo isaanii kanneen isaanitti dhiʼoo jiraatan taʼan dhagaʼan.
Kwana uku bayan sun yi alkawari da Gibeyonawa, sai Isra’ilawa suka ji cewa Gibeyonawa maƙwabtansu ne, waɗanda suke zaune kurkusa da su.
17 Kanaafuu Israaʼeloonni kaʼanii guyyaa sadaffaatti gara magaalaa isaanii jechuunis gara Gibeʼoon, Kefiiraa, gara Biʼeerootii fi Kiriyaati Yeʼaariim dhufan.
Saboda haka Isra’ilawa suka tashi a rana ta uku suke je biranen mutanen, wato, Gibeyon, Kefira, Beyerot da Kiriyat Yeyarim.
18 Israaʼeloonni garuu sababii hooggantoonni waldaa maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliitiin isaaniif kakatanii turaniitiif isaan hin tuqne. Waldaan sun guutuunis hooggantootatti guungume;
Amma Isra’ilawa ba su kai musu hari ba domin shugabanninsu sun rantse musu da sunan Ubangiji, Allah na Isra’ila. Mutane Isra’ila duka kuwa suka yi gunaguni a kan shugabannin.
19 hooggantoonni hundi garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin isaanii kakanneerra; kanaafuu nu amma isaan tuquu hin dandeenyu.
Amma shugabanni suka amsa musu suka ce, “Mun rantse musu da sunan Ubangiji, Allah na Isra’ila, saboda haka ba za mu taɓa su ba yanzu.
20 Wanni nu isaan goonu kana: Akka kakuu isaanii kakanne sana cabsinee dheekkamsi nurra hin buuneef akka isaan jiraataniif ittuma dhiifna.”
Ga abin da za mu yi musu, za mu bar su da rai don kada fushin Allah yă sauka a kanmu gama mun riga mun rantse musu.”
21 Hooggantoonni sunis ittuma fufanii, “Jarri haa jiraatan; garuu guutummaa sabaatiif warra muka muranii fi warra bishaan waraaban haa taʼan” jedhan. Akkasiinis kakuun hooggantoonni isaaniif galan sun ni eegame.
Suka ƙara da cewa, “Mu bar su da rai, amma bari su zama masu yankan itace da masu ɗibo mana ruwa.” Haka shugabannin suka cika alkawarinsu.
22 Iyyaasuunis Gibeʼoonota ofitti waamee akkana jedheen; “Isin maaliif utuma nutti dhiʼoo jiraattanuu, ‘Nu biyya isin irraa fagoo taʼe keessa jiraanna’ jettanii nu gowwoomsitan?
Yoshuwa kuwa ya aika aka kira Gibeyonawa ya ce musu, “Don me kuka ruɗe mu kuka ce, ‘Mun zo ne daga wuri mai nisa,’ bayan kuwa kuna nan kurkusa da mu?
23 Isin amma abaarsa jala jirtu; tokkoon keessan iyyuu mana Waaqa kootiif muka muruu fi bishaan waraabuu jalaa hin baatan.”
Yanzu ku la’anannu ne. Ba za ku daina zama mana masu yankan itace da kuma masu ɗebo ruwa domin haikalin Allahnmu ba.”
24 Isaanis akkana jedhanii Iyyaasuuf deebii kennan; “Akka Waaqayyo Waaqni kee akka Museen biyyaattii guutuu isinii kennuu fi akka inni warra achi jiraatan hunda fuula keessan duraa balleesuuf garbicha isaa Musee ajaje nu garboota keetti dhugumaan himameera. Kanaafuu nu sababii keessaniif jennee lubbuu keenyaaf sodaanne; wanni nu waan kana gooneefis kanuma.
Suka amsa wa Yoshuwa suka ce, “An gaya wa bayinka dalla-dalla yadda Ubangiji Allahnka ya umarci bawansa Musa yă ba ka ƙasar duka, ka kuma kashe duk masu zama a cikinta, muka ji tsoro cewa za ka kashe mu shi ya sa muka yi haka.
25 Nu kunoo amma harka kee keessa jirra. Atis waan gaarii fi qajeelaa seete hundumaa nurratti raawwadhu.”
Yanzu, a hannunka muke, ka yi duk abin da ka ga ya yi maka kyau.”
26 Kanaafuu Iyyaasuun Israaʼeloota duraa isaan baase; Israaʼeloonnis isaan hin ajjeefne.
Yoshuwa kuwa ya cece su daga hannun Isra’ilawa, har ba su kashe su ba.
27 Innis guyyuma sana Gibeʼoonota sana saba hundaaf, akkasumas iddoo Waaqayyo filatutti iddoo aarsaa Waaqayyootiif warra muka muranii fi warra bishaan waraaban isaan godhe. Isaanis hamma harʼaatti kanuma hojjetu.
A ranar Yoshuwa ya sa Gibeyonawa suka zama masu yankan itace da ɗebo ruwa wa jama’ar Isra’ila da kuma domin haikalin Ubangiji a inda Ubangiji zai zaɓa. Abin da suke ke nan har wa yau.

< Iyyaasuu 9 >