< Iyyaasuu 7 >

1 Israaʼeloonni garuu waan Waaqayyoof addaan baafame irratti amanamummaa dhaban; Aakaan ilmi Karmii, ilmi Zabdii, ilmi Zaaraa kan gosa Yihuudaa waan Waaqayyoof addaan baafame sana keessaa waan tokko tokko fudhate. Kanaafis dheekkamsi Waaqayyoo Israaʼel irratti bobaʼe.
以色列人在当灭的物上犯了罪;因为犹大支派中,谢拉的曾孙,撒底的孙子,迦米的儿子亚干取了当灭的物;耶和华的怒气就向以色列人发作。
2 Kana irratti Iyyaasuun Yerikoodhaa gara Aayi kan Beet Aawwen bira gama baʼa Beetʼeelitti argamtu sanaatti nama ergee, “Dhaqaatii naannoo sana basaasaa” jedhe. Kanaafuu namoonni ol baʼanii Aayin basaasan.
当下,约书亚从耶利哥打发人往伯特利东边、靠近伯·亚文的艾城去,吩咐他们说:“你们上去窥探那地。”他们就上去窥探艾城。
3 Isaanis gara Iyyaasuutti deebiʼanii, “Namni hundinuu Aayitti ol baʼuu hin qabu. Sababii namni muraasni qofti achi jiruuf akka isaan dhaqanii biyyattii fudhataniif nama kuma lama yookaan kuma sadii taʼu ergi malee namoota hundumaa hin dadhabsiisin” jedhaniin.
他们回到约书亚那里,对他说:“众民不必都上去,只要二三千人上去就能攻取艾城;不必劳累众民都去,因为那里的人少。”
4 Kanaafuu namoonni gara kuma sadii taʼan kaʼanii ol baʼan; isaan garuu namoota Aayi duraa baqatan;
于是民中约有三千人上那里去,竟在艾城人面前逃跑了。
5 namoonni Aayis gara nama soddomii jaʼa isaan jalaa fixan. Isaanis karra magaalattiitii jalqabanii hamma Shabaariimiitti Israaʼeloota ariʼanii ededa irratti isaan fixan; kanaanis onneen namootaa baqxee akka bishaanii taate.
艾城的人击杀了他们三十六人,从城门前追赶他们,直到示巴琳,在下坡杀败他们;众民的心就消化如水。
6 Iyyaasuunis uffata isaa tarsaasee fuula taabota Waaqayyoo duratti addaan lafatti gombifamee hamma galgalaatti achuma ture. Maanguddoonni saba Israaʼelis akkasuma godhanii mataa ofii isaanii irratti awwaara firfirsan.
约书亚便撕裂衣服;他和以色列的长老把灰撒在头上,在耶和华的约柜前俯伏在地,直到晚上。
7 Iyyaasuunis akkana jedhe; “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati maaliif akka isaan nu fixaniif harka Amoorotaatti nu kennuuf jettee saba kana Yordaanosiin ceesifte? Silaa utuu Yordaanos gamatti hafnee nuuf wayya ture!
约书亚说:“哀哉!主耶和华啊,你为什么竟领这百姓过约旦河,将我们交在亚摩利人的手中,使我们灭亡呢?我们不如住在约旦河那边倒好。
8 Yaa Gooftaa, erga sabni Israaʼel diinota isaa baqatee ani amma maal jechuu dandaʼa?
主啊,以色列人既在仇敌面前转背逃跑,我还有什么可说的呢?
9 Kanaʼaanonnii fi saboonni biyya kanaa kan biraa waan kana dhagaʼanii nu marsanii maqaa keenya lafa irraa ni balleessu. Yoos ati maqaa kee guddaa sanaaf maal goota?”
迦南人和这地一切的居民听见了就必围困我们,将我们的名从地上除灭。那时你为你的大名要怎样行呢?”
10 Waaqayyos Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Ol kaʼi! Ati maaliif addaan gombifamte?
耶和华吩咐约书亚说:“起来!你为何这样俯伏在地呢?
11 Israaʼel cubbuu hojjeteera; isaan kakuu koo kan ani akka isaan eeganiif isaan ajaje sana cabsaniiru. Isaan waan addaan naa baafame keessaa waan tokko tokko fudhataniiru; hataniiru; sobaniiru; waan sanas qabeenya isaanii wajjin ol kaaʼataniiru.
以色列人犯了罪,违背了我所吩咐他们的约,取了当灭的物;又偷窃,又行诡诈,又把那当灭的放在他们的家具里。
12 Wanni Israaʼeloonni diinota isaanii dura dhaabachuu hin dandeenyeefis kanuma; isaan sababii badiisaaf ramadamaniif dugda duubatti garagalanii diinota isaanii baqatan. Ani hamma ati waan badiisaaf ajajame kam iyyuu gidduu keessanii balleessitutti siʼachi isin wajjin hin jiraadhu.
因此,以色列人在仇敌面前站立不住。他们在仇敌面前转背逃跑,是因成了被咒诅的;你们若不把当灭的物从你们中间除掉,我就不再与你们同在了。
13 “Kaʼiitii saba qulqulleessi. Akkanas isaaniin jedhi; ‘Boriif ofi qulqulleessaa; wanni Waaqayyo Waaqni Israaʼel jedhu isa kanaatii; yaa Israaʼel, wanni hirmii taʼe tokko gidduu keessan jira. Isin hamma waan sana of keessaa baaftanitti diinota keessan of irraa ittisuu hin dandeessan.
你起来,叫百姓自洁,对他们说:‘你们要自洁,预备明天,因为耶和华—以色列的 神这样说:以色列啊,你们中间有当灭的物,你们若不除掉,在仇敌面前必站立不住!’
14 “‘Kanaafuu ganama gosa gosaan ofi dhiʼeessaa. Gosti Waaqayyo filatu balbala balbalaan gara fuula duraatti haa baʼu; balballi Waaqayyo filatus maatii maatiidhaan gara fuula duraatti haa baʼu; maatiin Waaqayyo filatus nama tokko tokkoon gara fuula duraatti haa baʼu.
到了早晨,你们要按着支派近前来;耶和华所取的支派,要按着宗族近前来;耶和华所取的宗族,要按着家室近前来;耶和华所取的家室,要按着人丁,一个一个地近前来。
15 Namni waan balleeffamuu qabu wajjin qabame, waan qabu hundumaa wajjin ibiddaan haa gubamu. Inni kakuu Waaqayyoo cabseera; waan Israaʼel keessatti qaanii taʼes hojjeteera!’”
被取的人有当灭的物在他那里,他和他所有的必被火焚烧;因他违背了耶和华的约,又因他在以色列中行了愚妄的事。”
16 Kanaafuu Iyyaasuun ganama bariin kaʼee saba Israaʼel gosa gosaan gara fuula duraatti baase; gosti Yihuudaas ni filatame.
于是,约书亚清早起来,使以色列人按着支派近前来,取出来的是犹大支派;
17 Balballi Yihuudaa gara fuula duraatti baʼe; Iyyaasuunis balbala Zaaraa addaan baase. Balballi Zaaraas maatii maatiin gara fuula duraatti baʼe; Zabdiinis ni filatame.
使犹大支派近前来,就取了谢拉的宗族;使谢拉的宗族,按着家室人丁,一个一个地近前来,取出来的是撒底;
18 Iyyaasuunis maatii isaa nama tokko tokkoon gara fuula duratti baase; Aakaan ilmi Karmii, ilmi Zabdii, ilmi Zaaraa kan gosa Yihuudaa ni filatame.
使撒底的家室,按着人丁,一个一个地近前来,就取出犹大支派的人谢拉的曾孙,撒底的孙子,迦米的儿子亚干。
19 Kana irratti Iyyaasuun Aakaaniin akkana jedhe; “Yaa ilma ko, Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif ulfina kenni; cubbuu kees isatti himadhu; mee waan hojjette natti himi; na hin dhoksin.”
约书亚对亚干说:“我儿,我劝你将荣耀归给耶和华—以色列的 神,在他面前认罪,将你所做的事告诉我,不要向我隐瞒。”
20 Aakaanis akkana jedhee deebise; “Wanni kun dhugaa dha! Ani Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti cubbuu hojjedheera. Wanni ani hojjedhes kunoo kana:
亚干回答约书亚说:“我实在得罪了耶和华—以色列的 神。我所做的事如此如此:
21 Ani waan Baabilonii boojiʼame keessaa waaroo bareedaa tokko, meetii saqilii dhibba lamaa fi warqee saqilii shantama ulfaatu arginaan kajeelee fudhadheera. Miʼi kunis dunkaana koo keessatti meetii jala lafa keessatti dhokfameera.”
我在所夺的财物中看见一件美好的示拿衣服,二百舍客勒银子,一条金子重五十舍客勒,我就贪爱这些物件,便拿去了。现今藏在我帐棚内的地里,银子在衣服底下。”
22 Kanaafuu Iyyaasuun ergamoota erge; isaanis gara dunkaana sanaatti fiigan; miʼi sunis dunkaanicha keessatti, meetii jala dhokfamee ture.
约书亚就打发人跑到亚干的帐棚里。那件衣服果然藏在他帐棚内,银子在底下。
23 Isaan miʼa sana dunkaanicha keessaa guuranii gara Iyyaasuutii fi Israaʼeloota hundaatti fidanii fuula Waaqayyoo duratti diriirsan.
他们就从帐棚里取出来,拿到约书亚和以色列众人那里,放在耶和华面前。
24 Ergasiis Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi Aakaan ilma Zaaraa, meetii, waaroo, muraa warqee, ilmaan isaatii fi intallan isaa, loon isaa, harroota isaa, hoolota isaa, dunkaana isaatii fi waan inni qabu hunda guuranii Sulula Aakooritti geessan.
约书亚和以色列众人把谢拉的曾孙亚干和那银子、那件衣服、那条金子,并亚干的儿女、牛、驴、羊、帐棚,以及他所有的,都带到亚割谷去。
25 Iyyaasuunis, “Ati maaliif rakkina kana hunda nutti fidde? Waaqayyo harʼa rakkina sitti fida” jedheen. Israaʼeloonni hundinuus dhagaadhaan isa tuman; jara kaan illee erga dhagaadhaan tumanii booddee ibiddaan isaan guban.
约书亚说:“你为什么连累我们呢?今日耶和华必叫你受连累。”于是以色列众人用石头打死他,将石头扔在其上,又用火焚烧他所有的。
26 Aakaan irratti tuulaa dhagaa guddaa hamma harʼaatti illee jiru tokko tuulan. Waaqayyos dheekkamsa isaa guddaa sana irraa deebiʼe. Kanaafis iddoon sun hamma harʼaatti Sulula Aakoor jedhamee waamama.
众人在亚干身上堆成一大堆石头,直存到今日。于是耶和华转意,不发他的烈怒。因此那地方名叫亚割谷,直到今日。

< Iyyaasuu 7 >