< Iyyaasuu 6 >

1 Yeroo sanatti Yerikoon sababii Israaʼelootaatiif jabeeffamtee cufamtee turte. Namni tokko iyyuu gad hin baʼu; namni tokko iyyuus ol hin seenu ture.
ויריחו סגרת ומסגרת מפני בני ישראל אין יוצא ואין בא׃
2 Waaqayyos Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Kunoo ani mootii isheetii fi loltoota ishee wajjin Yerikoo dabarsee harka keetti kenneera.
ויאמר יהוה אל יהושע ראה נתתי בידך את יריחו ואת מלכה גבורי החיל׃
3 Hidhattoota hunda wajjin yeroo tokko magaalattii irra naannaʼaa; kanas bultii jaʼa hojjedhaa.
וסבתם את העיר כל אנשי המלחמה הקיף את העיר פעם אחת כה תעשה ששת ימים׃
4 Luboonni torbas malakata torba kanneen gaanfa hoolaa irraa hojjetaman qabatanii taabota dura haa deeman. Isinis guyyaa torbaffaatti yeroo torba magaalattii irra nanaannaʼaa; luboonnis malakata haa afuufan.
ושבעה כהנים ישאו שבעה שופרות היובלים לפני הארון וביום השביעי תסבו את העיר שבע פעמים והכהנים יתקעו בשופרות׃
5 Yommuu isaan sagalee malakataa dheeraa isaa dhageessisanitti namni hundinuu sagalee guddaadhaan haa iyyu; dallaan magaalaa sanaa yommusuma jiga; namoonnis ol baʼu; namni hundinuus qajeelee itti seena.”
והיה במשך בקרן היובל בשמעכם את קול השופר יריעו כל העם תרועה גדולה ונפלה חומת העיר תחתיה ועלו העם איש נגדו׃
6 Kanaafuu Iyyaasuun ilmi Nuuni luboota ofitti waamee, “Taabota kakuu Waaqayyoo fuudhaatii luboonni torba malakata baatanii isa dura haa deeman” jedheen.
ויקרא יהושע בן נון אל הכהנים ויאמר אלהם שאו את ארון הברית ושבעה כהנים ישאו שבעה שופרות יובלים לפני ארון יהוה׃
7 Namootaanis, “Fuula duratti deemaatii magaalaa sana irra naannaʼaa; loltoonni hidhatanis taabota Waaqayyoo dura haa deeman” jedhe.
ויאמרו אל העם עברו וסבו את העיר והחלוץ יעבר לפני ארון יהוה׃
8 Erga Iyyaasuun namootatti dubbatee booddee, luboonni torban fuula Waaqayyoo duratti malakata torba baatan sun malakata isaanii afuufaa dura darban; taabonni kakuu Waaqayyoos isaan duukaa buʼe.
ויהי כאמר יהושע אל העם ושבעה הכהנים נשאים שבעה שופרות היובלים לפני יהוה עברו ותקעו בשופרות וארון ברית יהוה הלך אחריהם׃
9 Loltoonni miʼa lolaa hidhatanis luboota malakata afuufaa turan dura deeman; loltoonni dugda duubaa immoo taaboticha duukaa buʼan. Yeroo kana hundas malakanni afuufamaa ture.
והחלוץ הלך לפני הכהנים תקעו השופרות והמאסף הלך אחרי הארון הלוך ותקוע בשופרות׃
10 Iyyaasuun garuu namootaan, “Iyya lolaa hin iyyinaa; sagalee keessan ol hin fudhatinaa; hamma guyyaa ani iyyaa isiniin jedhuutti dubbii tokko illee hin dubbatinaa. Gaafas iyyaa!” jedhe.
ואת העם צוה יהושע לאמר לא תריעו ולא תשמיעו את קולכם ולא יצא מפיכם דבר עד יום אמרי אליכם הריעו והריעתם׃
11 Kanaafuu inni akka taabonni Waaqayyoo baatamee magaalaa sana irra yeroo tokko naannaʼu godhe. Ergasiis namoonni gara qubataatti deebiʼanii achi bulan.
ויסב ארון יהוה את העיר הקף פעם אחת ויבאו המחנה וילינו במחנה׃
12 Iyyaasuun guyyaa itti aanu ganama barii kaʼe; luboonnis taabota Waaqayyoo ol fuudhan.
וישכם יהושע בבקר וישאו הכהנים את ארון יהוה׃
13 Luboonni torban malakata torba baatanis taabota Waaqayyoo dura deemaa malakatas afuufaa fuula duratti qajeelan. Loltoonni miʼa lolaa hidhatan isaan dura buʼan; loltoonni dugda duubaa immoo taabota Waaqayyoo duukaa buʼan; malakannis ittuma fufee afuufamaa ture.
ושבעה הכהנים נשאים שבעה שופרות היבלים לפני ארון יהוה הלכים הלוך ותקעו בשופרות והחלוץ הלך לפניהם והמאסף הלך אחרי ארון יהוה הולך ותקוע בשופרות׃
14 Kanaafuu guyyaa lammaffaatti yeroo tokko magaalattii irra naannaʼanii gara qubataatti deebiʼan. Kanas bultii jaʼa hojjetan.
ויסבו את העיר ביום השני פעם אחת וישבו המחנה כה עשו ששת ימים׃
15 Guyyaa torbaffaatti ganama barii kaʼanii haaluma duraa sanaan yeroo torba magaalattii irra naannaʼan; isaan gaafuma sana qofa yeroo torba magaalattii irra naannaʼan.
ויהי ביום השביעי וישכמו כעלות השחר ויסבו את העיר כמשפט הזה שבע פעמים רק ביום ההוא סבבו את העיר שבע פעמים׃
16 Marsaa torbaffaatti yommuu luboonni malakata afuufanitti Iyyaasuun akkana jedhee namoota ajaje; “Iyyaa! Waaqayyo magaalattii isinii kenneeraatii!
ויהי בפעם השביעית תקעו הכהנים בשופרות ויאמר יהושע אל העם הריעו כי נתן יהוה לכם את העיר׃
17 Magaalattii fi wanni ishee keessa jiru hundinuu Waaqayyoof addaan haa baafaman. Sababii isheen basaastota nu erganne sana dhoksiteef, Rahaab sagaagaltittiin qofti warra mana ishee keessa jiran hunda wajjin haa baraaramtu.
והיתה העיר חרם היא וכל אשר בה ליהוה רק רחב הזונה תחיה היא וכל אשר אתה בבית כי החבאתה את המלאכים אשר שלחנו׃
18 Isin garuu akka isaan keessaa tokko illee fudhattanii akkasiin badiisa ofitti hin fidneef waan laguu taʼe irraa fagaadhaa. Yoo kanaa achii isin qubata Israaʼeliitti iyyuu badiisa fiddanii rakkina irraan geessu.
ורק אתם שמרו מן החרם פן תחרימו ולקחתם מן החרם ושמתם את מחנה ישראל לחרם ועכרתם אותו׃
19 Meetii fi warqeen hundi, miʼi naasiitii fi sibiilaa hundi sababii Waaqayyoof qulqulleeffamaniif mankuusa isaatti galuu qabu.”
וכל כסף וזהב וכלי נחשת וברזל קדש הוא ליהוה אוצר יהוה יבוא׃
20 Yommuu malakanni afuufametti namoonni ni iyyan; yommuu sagaleen malakata sanaa dhagaʼamee namoonnis sagalee guddaadhaan iyyanitti dallaan magaalaa sanaa ni kufe. Kanaafuu namni hundi fuul duratti girrisee seenuudhaan magaalaa sana qabate.
וירע העם ויתקעו בשפרות ויהי כשמע העם את קול השופר ויריעו העם תרועה גדולה ותפל החומה תחתיה ויעל העם העירה איש נגדו וילכדו את העיר׃
21 Isaanis waan magaalaa sana Waaqayyoof addaan baasaniif waan isa keessa jiru hunda jechuunis dhiiraa dubartii, xinnaa guddaa, loon, hoolotaa fi harroota goraadeedhaan fixan.
ויחרימו את כל אשר בעיר מאיש ועד אשה מנער ועד זקן ועד שור ושה וחמור לפי חרב׃
22 Iyyaasuunis namoota lamaan biyya sana basaasanii turaniin, “Mana sagaagaltuu sanaa ol seenaatii akkuma isin isheef kakattanitti ishee fi warra kan ishee taʼan hunda gad baasaa fidaa” jedhe.
ולשנים האנשים המרגלים את הארץ אמר יהושע באו בית האשה הזונה והוציאו משם את האשה ואת כל אשר לה כאשר נשבעתם לה׃
23 Kanaafuu dargaggoonni basaasuu dhaqanii turan sun ol seenanii Rahaab, abbaa isheetii fi haadha ishee, obboloota isheetii fi waan kan ishee taʼe hundumaa gad baasan. Maatii ishee hundas alatti baasanii qubata Israaʼeliitiin ala isaan tursan.
ויבאו הנערים המרגלים ויציאו את רחב ואת אביה ואת אמה ואת אחיה ואת כל אשר לה ואת כל משפחותיה הוציאו ויניחום מחוץ למחנה ישראל׃
24 Ergasii guutummaa magaalaa sanaatii fi waan ishee keessa jiru hunda guban; garuu meetii fi warqee, miʼa naasiitii fi sibiilaa mankuusa mana Waaqayyootti galchan.
והעיר שרפו באש וכל אשר בה רק הכסף והזהב וכלי הנחשת והברזל נתנו אוצר בית יהוה׃
25 Iyyaasuun garuu sababii isheen namoota inni akka basaasaniif gara Yerikootti ergee ture sana dhoksiteef Rahaab sagaagaltuu sana maatii isheetii fi waan kan ishee taʼe hunda wajjin ni baraare; isheenis hamma ammaatti Israaʼeloota gidduu jiraatti.
ואת רחב הזונה ואת בית אביה ואת כל אשר לה החיה יהושע ותשב בקרב ישראל עד היום הזה כי החביאה את המלאכים אשר שלח יהושע לרגל את יריחו׃
26 Iyyaasuunis yeroo sanatti akkana jedhee kakate; “Namni magaalaa Yerikoo kana deebisee ijaaru fuula Waaqayyoo duratti abaaramaa haa taʼu: “Inni hundee ishee buusnaan, ilmi isaa hangafti haa duʼu; karra ishee ijaaruu jalqabnaan, ilmi isaa quxisuun haa duʼu.”
וישבע יהושע בעת ההיא לאמר ארור האיש לפני יהוה אשר יקום ובנה את העיר הזאת את יריחו בבכרו ייסדנה ובצעירו יציב דלתיה׃
27 Kanaafuu Waaqayyo Iyyaasuu wajjin ture; maqaan isaas guutummaa biyyatii keessatti beekame.
ויהי יהוה את יהושע ויהי שמעו בכל הארץ׃

< Iyyaasuu 6 >