< Iyyaasuu 6 >

1 Yeroo sanatti Yerikoon sababii Israaʼelootaatiif jabeeffamtee cufamtee turte. Namni tokko iyyuu gad hin baʼu; namni tokko iyyuus ol hin seenu ture.
Tsono mzinda wa Yeriko unali utatsekedwa kuti Aisraeli asalowe. Palibe amene amatuluka kapena kulowa.
2 Waaqayyos Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Kunoo ani mootii isheetii fi loltoota ishee wajjin Yerikoo dabarsee harka keetti kenneera.
Kenaka Yehova anati kwa Yoswa, “Taona ndapereka Yeriko, pamodzi ndi mfumu yake ndi ankhondo ake mʼmanja mwako.
3 Hidhattoota hunda wajjin yeroo tokko magaalattii irra naannaʼaa; kanas bultii jaʼa hojjedhaa.
Tsono iwe pamodzi ndi ankhondo ako onse muzizungulira mzindawu masiku asanu ndi limodzi, kamodzi pa tsiku.
4 Luboonni torbas malakata torba kanneen gaanfa hoolaa irraa hojjetaman qabatanii taabota dura haa deeman. Isinis guyyaa torbaffaatti yeroo torba magaalattii irra nanaannaʼaa; luboonnis malakata haa afuufan.
Ansembe asanu ndi awiri, atanyamula malipenga a nyanga za nkhosa zazimuna, akhale patsogolo pa Bokosi la Chipangano. Pa tsiku lachisanu ndi chiwiri mudzazungulire mzindawu kasanu ndi kawiri ansembe akuliza malipenga.
5 Yommuu isaan sagalee malakataa dheeraa isaa dhageessisanitti namni hundinuu sagalee guddaadhaan haa iyyu; dallaan magaalaa sanaa yommusuma jiga; namoonnis ol baʼu; namni hundinuus qajeelee itti seena.”
Ansembe adzalize malipenga kosalekeza. Tsono anthu onse akadzamva kuliza kumeneku adzafuwule kwambiri, ndipo makoma a mzindawo adzagwa. Zikadzatero ankhondo adzalowe mu mzindawo.”
6 Kanaafuu Iyyaasuun ilmi Nuuni luboota ofitti waamee, “Taabota kakuu Waaqayyoo fuudhaatii luboonni torba malakata baatanii isa dura haa deeman” jedheen.
Ndipo Yoswa mwana wa Nuni anayitana ansembe ndipo anawawuza kuti, “Nyamulani Bokosi la Chipangano cha Yehova ndipo ansembe asanu ndi awiri anyamule malipenga. Iwowa akhale patsogolo pake.”
7 Namootaanis, “Fuula duratti deemaatii magaalaa sana irra naannaʼaa; loltoonni hidhatanis taabota Waaqayyoo dura haa deeman” jedhe.
Ndipo analamulira anthu kuti, “Yambani kuyenda! Yendani mozungulira mzinda ndipo ankhondo akhale patsogolo pa Bokosi la Yehova.”
8 Erga Iyyaasuun namootatti dubbatee booddee, luboonni torban fuula Waaqayyoo duratti malakata torba baatan sun malakata isaanii afuufaa dura darban; taabonni kakuu Waaqayyoos isaan duukaa buʼe.
Mofanana ndi mmene Yoswa anayankhulira kwa anthu aja, ansembe asanu ndi awiri anapita patsogolo pa Bokosi la Chipangano la Yehova akuliza malipenga a nyanga za nkhosa zija, ndipo Bokosi la Chipangano cha Yehova limabwera pambuyo pawo.
9 Loltoonni miʼa lolaa hidhatanis luboota malakata afuufaa turan dura deeman; loltoonni dugda duubaa immoo taaboticha duukaa buʼan. Yeroo kana hundas malakanni afuufamaa ture.
Ankhondo amayenda patsogolo pa ansembe amene amayimba malipenga, ndiponso gulu lina pambuyo pa Bokosilo. Nthawi yonseyi nʼkuti malipenga akulira.
10 Iyyaasuun garuu namootaan, “Iyya lolaa hin iyyinaa; sagalee keessan ol hin fudhatinaa; hamma guyyaa ani iyyaa isiniin jedhuutti dubbii tokko illee hin dubbatinaa. Gaafas iyyaa!” jedhe.
Koma Yoswa nʼkuti atalamulira anthu kuti, “Musafuwule, musakweze mawu anu kapena kuyankhula mpaka tsiku limene ndidzakuwuzani kuti mufuwule. Pamenepo mudzafuwule!”
11 Kanaafuu inni akka taabonni Waaqayyoo baatamee magaalaa sana irra yeroo tokko naannaʼu godhe. Ergasiis namoonni gara qubataatti deebiʼanii achi bulan.
Ansembe onyamula Bokosi la Chipangano la Yehova anazungulira mzindawo kamodzi. Kenaka anthu anabwerera ku msasa wawo kukagona.
12 Iyyaasuun guyyaa itti aanu ganama barii kaʼe; luboonnis taabota Waaqayyoo ol fuudhan.
Yoswa anadzuka mmawa tsiku linalo ndipo ansembe ananyamula Bokosi la Yehova.
13 Luboonni torban malakata torba baatanis taabota Waaqayyoo dura deemaa malakatas afuufaa fuula duratti qajeelan. Loltoonni miʼa lolaa hidhatan isaan dura buʼan; loltoonni dugda duubaa immoo taabota Waaqayyoo duukaa buʼan; malakannis ittuma fufee afuufamaa ture.
Ansembe asanu ndi awiri onyamula malipenga asanu ndi awiri anakhala patsogolo pa Bokosi la Yehova akuyimba malipenga. Ankhondo anali patsogolo pawo ndipo gulu lina linatsatira Bokosi la Yehova. Apa nʼkuti malipenga akulira.
14 Kanaafuu guyyaa lammaffaatti yeroo tokko magaalattii irra naannaʼanii gara qubataatti deebiʼan. Kanas bultii jaʼa hojjetan.
Tsiku lachiwiri anazunguliranso mzinda kamodzi ndi kubwerera ku misasa. Iwo anachita izi kwa masiku asanu ndi limodzi.
15 Guyyaa torbaffaatti ganama barii kaʼanii haaluma duraa sanaan yeroo torba magaalattii irra naannaʼan; isaan gaafuma sana qofa yeroo torba magaalattii irra naannaʼan.
Pa tsiku lachisanu ndi chiwiri, anadzuka mʼbandakucha ndipo anazungulira mzindawo kasanu ndi kawiri. Ndi pa tsiku lokhali limene anazungulira mzindawu kasanu ndi kawiri.
16 Marsaa torbaffaatti yommuu luboonni malakata afuufanitti Iyyaasuun akkana jedhee namoota ajaje; “Iyyaa! Waaqayyo magaalattii isinii kenneeraatii!
Pomwe amazungulira kachisanu ndi chiwiri, ansembe akuliza malipenga mokweza, Yoswa analamulira anthu kuti “Fuwulani pakuti Yehova wakupatsani mzindawu!
17 Magaalattii fi wanni ishee keessa jiru hundinuu Waaqayyoof addaan haa baafaman. Sababii isheen basaastota nu erganne sana dhoksiteef, Rahaab sagaagaltittiin qofti warra mana ishee keessa jiran hunda wajjin haa baraaramtu.
Mzindawu ndi zonse zimene zili mʼmenemo muziwononge. Rahabe yekha, mayi wadama, ndi aliyense amene ali pamodzi naye mʼnyumba mwake asaphedwe, chifukwa anabisa anthu odzazonda, amene ife tinawatuma
18 Isin garuu akka isaan keessaa tokko illee fudhattanii akkasiin badiisa ofitti hin fidneef waan laguu taʼe irraa fagaadhaa. Yoo kanaa achii isin qubata Israaʼeliitti iyyuu badiisa fiddanii rakkina irraan geessu.
Koma musatenge kanthu kalikonse koyenera kuwonongedwa. Mukadzangotenga kanthu kalikonse koyenera kuwonongedwa, mudzaputa mavuto, misasa ya Israeli idzawonongedwa.
19 Meetii fi warqeen hundi, miʼi naasiitii fi sibiilaa hundi sababii Waaqayyoof qulqulleeffamaniif mankuusa isaatti galuu qabu.”
Zonse za siliva ndi golide, ziwiya zamkuwa ndi zachitsulo, ndi zake za Yehova ndipo ziyenera kukasungidwa mosungiramo chuma chake.”
20 Yommuu malakanni afuufametti namoonni ni iyyan; yommuu sagaleen malakata sanaa dhagaʼamee namoonnis sagalee guddaadhaan iyyanitti dallaan magaalaa sanaa ni kufe. Kanaafuu namni hundi fuul duratti girrisee seenuudhaan magaalaa sana qabate.
Ansembe analiza malipenga. Anthu atamva kulira kwa malipenga, anafuwula kwambiri ndipo makoma a Yeriko anagwa. Choncho ankhondo anabwera ku mzinda uja nawulanda.
21 Isaanis waan magaalaa sana Waaqayyoof addaan baasaniif waan isa keessa jiru hunda jechuunis dhiiraa dubartii, xinnaa guddaa, loon, hoolotaa fi harroota goraadeedhaan fixan.
Iwo analowa mu mzindawo nawononga ndi lupanga chilichonse chamoyo kuyambira amuna, akazi, ana ndi akulu, ngʼombe, nkhosa ndi abulu.
22 Iyyaasuunis namoota lamaan biyya sana basaasanii turaniin, “Mana sagaagaltuu sanaa ol seenaatii akkuma isin isheef kakattanitti ishee fi warra kan ishee taʼan hunda gad baasaa fidaa” jedhe.
Yoswa anawuza anthu awiri amene anakazonda dziko aja kuti, “Pitani ku nyumba ya mkazi wadama uja ndipo mukamutulutse iye pamodzi ndi onse amene ali naye ndipo mukabwere nawo kuno, munamulumbirira.”
23 Kanaafuu dargaggoonni basaasuu dhaqanii turan sun ol seenanii Rahaab, abbaa isheetii fi haadha ishee, obboloota isheetii fi waan kan ishee taʼe hundumaa gad baasan. Maatii ishee hundas alatti baasanii qubata Israaʼeliitiin ala isaan tursan.
Choncho iwo anapita nakatenga Rahabe, abambo ake ndi amayi ake, abale ake ndi onse amene anali naye. Iwo anatulutsa banja lake lonse ndipo analiyika kuseri kwa msasa wa Aisraeli.
24 Ergasii guutummaa magaalaa sanaatii fi waan ishee keessa jiru hunda guban; garuu meetii fi warqee, miʼa naasiitii fi sibiilaa mankuusa mana Waaqayyootti galchan.
Kenaka iwo anawotcha mzinda wonse ndi chilichonse chimene chinali mʼmenemo, kupatulapo zasiliva ndi zagolide pamodzi ndi ziwiya zamkuwa ndi zachitsulo zimene anakaziyika mʼnyumba yosungiramo chuma cha Yehova.
25 Iyyaasuun garuu sababii isheen namoota inni akka basaasaniif gara Yerikootti ergee ture sana dhoksiteef Rahaab sagaagaltuu sana maatii isheetii fi waan kan ishee taʼe hunda wajjin ni baraare; isheenis hamma ammaatti Israaʼeloota gidduu jiraatti.
Koma Yoswa sanaphe Rahabe, mkazi wadamayo pamodzi ndi banja lake ndi onse amene anali naye, chifukwa anabisa anthu amene iye anawatuma kukazonda Yeriko. Zidzukulu zake za Rahabeyo zikukhala pakati pa Aisraeli mpaka lero.
26 Iyyaasuunis yeroo sanatti akkana jedhee kakate; “Namni magaalaa Yerikoo kana deebisee ijaaru fuula Waaqayyoo duratti abaaramaa haa taʼu: “Inni hundee ishee buusnaan, ilmi isaa hangafti haa duʼu; karra ishee ijaaruu jalqabnaan, ilmi isaa quxisuun haa duʼu.”
Pa nthawi imeneyo Yoswa anapereka chenjezo motemberera kuti, “Akhale wotembereredwa pamaso pa Yehova munthu amene adzamangenso mzinda uwu wa Yeriko: “Aliyense amene adzayike maziko ake, mwana wake wamwamuna wachisamba adzafa, aliyense womanga zipata zake mwana wake wamngʼono adzafa.”
27 Kanaafuu Waaqayyo Iyyaasuu wajjin ture; maqaan isaas guutummaa biyyatii keessatti beekame.
Motero Yehova anali ndi Yoswa, ndipo mbiri yake inafalikira dziko lonse.

< Iyyaasuu 6 >