< Iyyaasuu 5 >
1 Mootonni Amoorotaa kanneen gama dhiʼa Yordaanos jiraatanii fi mootonni Kanaʼaanotaa kanneen qarqara galaanaa jiraatan hundi akka Waaqayyo hamma nu ceenutti fuula saba Israaʼel duratti Yordaanos gogse yommuu dhagaʼanitti onneen isaanii ni baqxe; deebiʼaniis fuula Israaʼelootaa dura dhaabachuu sodaatan.
Mara tu waliposikia wafalme wa Waamori walio upande wa magharibi wa Yordani, na wafalme wote wa Wakanaani waliokuwa katika pwani ya Ziwa kuu, waliposikia ya kwamba Yahweh alikuwa ameyakausha maji ya Yordani mpaka pale waisraeli wote walipomaliza kuvuka, mioyo yao ikayeyuka, na hapakuwa na moyo wowote ndani yao kwa sababu ya watu wa Israeli.
2 Waaqayyo yeroo sana Iyyaasuudhaan, “Haaduu qara qabu tolchiitii ammas Israaʼeloota dhagna qabi” jedhe.
Kwa wakati huo Yahweh alimwambia Yoshua, “Tengenezeni visu vya mawe na mara moja mwatahiri wanaume wote wa Israeli.”
3 Kanaafuu Iyyaasuun haaduu qara qabu tolchee Gibeʼaat Aaralootitti Israaʼeloota dhagna qabe.
Kisha Yoshua alijifanyia visu vya mawe na akawatahiri wanaume wote wa Gibea Haaraloti.
4 Sababiin Iyyaasuun waan kana hojjeteef kana: Warri biyya Gibxii baʼanii dhufan hundinuu jechuunis dhiironni lolan hundinuu erga Gibxii baʼanii booddee gammoojjii keessatti karaatti dhuman.
Na hii ndo sababu ya Yoshua kuwatahiri; wanaume wote waliotoka Misri, pamoja na wanaume wa vita walikuwa wamekwisha kufa njiani katika nyikani, baada ya kukwea kutoka Misri.
5 Namoonni Gibxii baʼan hundi dhagna qabatanii turan; warri yeroo Gibxii baʼanii gammoojjii keessa deemaa turanitti karaatti dhalatan garuu dhagna hin qabamne.
Ingawa wanaume wote waliotoka Misri walikuwa wametahiriwa, bado hapakuwa na kijana yeyote aliyekuwa ametahiriwa kati ya vijana wote waliozaliwa nyikani katika njia ya kutoka Misri.
6 Israaʼeloonni sababii Waaqayyoof ajajamuu didaniif hamma namoonni yeroo Gibxii baʼanitti loluu dandaʼan hundi dhumanitti waggaa afurtama gammoojjii keessa jooran. Waaqayyo akka isaan biyya inni nuu kennuuf abbootii isaanii abdachiisee ture, biyya aannanii fi damma baaftu sana hin argine isaanitti kakatee tureetii.
Kwasababu watu wa Israeli walitembea nyikani miaka arobaini, mpaka watu wa vita, yaani wanaume wote waliotoka Misri walikufa, kwasababu hawakuitii sauti ya Yahweh. Yahweh aliwaapia kwamba hawataruhusu kuiona nchi ambayo aliwaapia mababa zao kwamba angetupatia sisi, nchi inayotiririka maziwa na asali.
7 Kanaafuu inni qooda isaanii ilmaan isaanii kaase; isaanis warra Iyyaasuun dhagna qabee dha. Isaan sababii karaatti dhagna hin qabaminiif hamma harʼaatti utuu dhagna hin qabamin jiraatan.
Na badala yao, Yahweh aliwainua watoto wao kuchukua nafasi zao ambao Yoshua aliwatahiri, kwasababu walikuwa bado hajatahiriwa njiani.
8 Isaanis erga sabni guutuun dhagna qabamee booddee hamma fayyanitti lafuma jiran sana qubata keessa turan.
Walipokwisha kutahiriwa wote, walibaki mahali walipokuwa katika kambi mpaka walipopona.
9 Waaqayyos Iyyaasuudhaan, “Ani harʼa arrabsoo Gibxi sana isin irraa gangalcheera” jedhe. Kanaafuu iddoon sun hamma harʼaatti Gilgaal jedhamee waamama.
Na Yahweh akasema na Yoshua, “Siku hii nimeiondoa kwenu aibu ya Misri.” Hivyo, mahali pale paliitwa Gilgali hadi leo.
10 Galgala bultii kudha afuraffaa jiʼa sanaatti sabni Israaʼel utuma dirree Yerikoo irra Gilgaal keessa qubatee jiruu Faasiikaa ayyaaneffate.
Watu wa Israeli walipiga kambi hapo Gilgali. Waliitunza Pasaka katika siku ya kumi na nne ya mwezi, wakati wa jioni, katika uwanda wa Yeriko.
11 Isaanis guyyaa Faasiikaatti aanee dhufu, gaafuma sana midhaan biyyattii keessaa waa nyaatan; kunis Maxinoo fi asheetii waadamee dha.
Na siku iliyofuata baada ya Pasaka, walikula sehemu ya mazao ya nchi, mikate isiyotiwa chachu na nafaka iliyokaangwa katika siku hiyo iyo.
12 Mannaanis guyyuma isaan midhaan biyya sanaa nyaatanitti aanu gad buʼuu dhiise; ergasii mannaan tokko iyyuu warra Israaʼeliif gad hin buune; garuu isaan waggaa sana keessa midhaan biyya Kanaʼaan nyaatan.
Mana zilikoma siku ile walipokula mazao ya nchi. Hapakuwa tena na mana kwa watu wa Israeli, bali walikula mazao ya nchi ya Kanaani mwaka huo.
13 Iyyaasuun yommuu Yerikootti dhiʼaatetti, ol milʼatee nama goraadee luqqifame harkatti qabatee isa dura dhaabatu tokko arge. Iyyaasuun gara isaa dhaqee, “Ati gara keenya moo gara diinota keenyaa ti?” jedhee isa gaafate.
Wakati Yoshua alipokaribia Yeriko, aliinua macho na kuangalia, na tazama, mtu alikuwa amesimama mbele yake, alikuwa amechomoa upanga wake na ulikuwa mkononi mwake. Yoshua alimwendea na kumwambia, “Je uko kwa ajili yetu au kwa ajli ya maadui zetu?”
14 Innis deebisee, “Ani gara eenyuu iyyuu miti; garuu ani amma akka ajajaa loltoota Waaqayyootti dhufeera” jedhe. Iyyaasuunis addaan lafatti gombifamee sagadee, “Ergaan Gooftaan koo garbicha isaatiif qabu maali?” jedhee isa gaafate.
Akajibu, la hasha. Maana mimi ni amiri wa jeshi la Yahweh. Sasa nimekuja. Kisha Yoshua akainamisha uso wake juu ya nchi akaabudu na akamwambia, “Bwana wangu anasema nini kwa mtumwa wake?”
15 Ajajaan loltoota Waaqayyoos Iyyaasuudhaan, “Sababii iddoon ati dhaabattu kun qulqulluu taʼeef kophee kee of irraa baasi” jedhe. Iyyaasuunis akkasuma godhe.
Amiri wa jeshi la Yahweh akamwambia Musa, “Vua viatu vyako miguuni mwako, kwasababu sehemu uliyosimama ni takatifu.” Na Yoshua akafanya hivyo.