< Iyyaasuu 5 >
1 Mootonni Amoorotaa kanneen gama dhiʼa Yordaanos jiraatanii fi mootonni Kanaʼaanotaa kanneen qarqara galaanaa jiraatan hundi akka Waaqayyo hamma nu ceenutti fuula saba Israaʼel duratti Yordaanos gogse yommuu dhagaʼanitti onneen isaanii ni baqxe; deebiʼaniis fuula Israaʼelootaa dura dhaabachuu sodaatan.
When all the Amorite kings west of the Jordan and all the Canaanite kings of the Mediterranean coast heard how the Lord had dried up the waters of the River Jordan so that the Israelites could cross over, their courage melted and they no longer had any fighting spirit to face the Israelites.
2 Waaqayyo yeroo sana Iyyaasuudhaan, “Haaduu qara qabu tolchiitii ammas Israaʼeloota dhagna qabi” jedhe.
At that time the Lord told Joshua, “Make flint knives and circumcise the new generation of Israelites.”
3 Kanaafuu Iyyaasuun haaduu qara qabu tolchee Gibeʼaat Aaralootitti Israaʼeloota dhagna qabe.
Joshua had flint knives made and all male Israelites were circumcised at the place that became known as “the hill of foreskins.”
4 Sababiin Iyyaasuun waan kana hojjeteef kana: Warri biyya Gibxii baʼanii dhufan hundinuu jechuunis dhiironni lolan hundinuu erga Gibxii baʼanii booddee gammoojjii keessatti karaatti dhuman.
This is the reason why Joshua had them all circumcised: all those who left Egypt—the men of fighting age—had died on the journey through the wilderness after the Exodus.
5 Namoonni Gibxii baʼan hundi dhagna qabatanii turan; warri yeroo Gibxii baʼanii gammoojjii keessa deemaa turanitti karaatti dhalatan garuu dhagna hin qabamne.
They had all been circumcised when they left Egypt, but those born on the journey since then had not.
6 Israaʼeloonni sababii Waaqayyoof ajajamuu didaniif hamma namoonni yeroo Gibxii baʼanitti loluu dandaʼan hundi dhumanitti waggaa afurtama gammoojjii keessa jooran. Waaqayyo akka isaan biyya inni nuu kennuuf abbootii isaanii abdachiisee ture, biyya aannanii fi damma baaftu sana hin argine isaanitti kakatee tureetii.
For forty years the Israelites traveled through the wilderness until all the men of fighting age when they left Egypt had died, because they had not done what the Lord had told them to do. So the Lord had vowed that he would not let them see the land he had promised their forefathers to give us, a land flowing with milk and honey.
7 Kanaafuu inni qooda isaanii ilmaan isaanii kaase; isaanis warra Iyyaasuun dhagna qabee dha. Isaan sababii karaatti dhagna hin qabaminiif hamma harʼaatti utuu dhagna hin qabamin jiraatan.
The Lord replaced them with their children, and these were the ones that Joshua circumcised. They were uncircumcised since they hadn't been circumcised on the way.
8 Isaanis erga sabni guutuun dhagna qabamee booddee hamma fayyanitti lafuma jiran sana qubata keessa turan.
Once they had all been circumcised, they stayed in the camp until they recovered.
9 Waaqayyos Iyyaasuudhaan, “Ani harʼa arrabsoo Gibxi sana isin irraa gangalcheera” jedhe. Kanaafuu iddoon sun hamma harʼaatti Gilgaal jedhamee waamama.
The Lord said to Joshua, “Today I have removed from all of you the disgrace of Egypt.” So that place has been called Gilgal to this day.
10 Galgala bultii kudha afuraffaa jiʼa sanaatti sabni Israaʼel utuma dirree Yerikoo irra Gilgaal keessa qubatee jiruu Faasiikaa ayyaaneffate.
The Israelites camped at Gilgal and celebrated Passover there on the evening of the fourteenth day of the first month.
11 Isaanis guyyaa Faasiikaatti aanee dhufu, gaafuma sana midhaan biyyattii keessaa waa nyaatan; kunis Maxinoo fi asheetii waadamee dha.
From the very next day they began to eat produce from the land: unleavened bread and roasted grain.
12 Mannaanis guyyuma isaan midhaan biyya sanaa nyaatanitti aanu gad buʼuu dhiise; ergasii mannaan tokko iyyuu warra Israaʼeliif gad hin buune; garuu isaan waggaa sana keessa midhaan biyya Kanaʼaan nyaatan.
On the same day when they began eating produce from the land there was no more manna. No longer did the Israelites have manna; after that they ate the produce of the land of Canaan.
13 Iyyaasuun yommuu Yerikootti dhiʼaatetti, ol milʼatee nama goraadee luqqifame harkatti qabatee isa dura dhaabatu tokko arge. Iyyaasuun gara isaa dhaqee, “Ati gara keenya moo gara diinota keenyaa ti?” jedhee isa gaafate.
One day when Joshua was near Jericho, he looked up and saw a man standing in front of him with a drawn sword in his hand. Joshua went up to him and asked, “Are you for us or against us?” “Neither,” said the man. “I am the commander of the Lord's army. Now I'm here!”
14 Innis deebisee, “Ani gara eenyuu iyyuu miti; garuu ani amma akka ajajaa loltoota Waaqayyootti dhufeera” jedhe. Iyyaasuunis addaan lafatti gombifamee sagadee, “Ergaan Gooftaan koo garbicha isaatiif qabu maali?” jedhee isa gaafate.
Joshua fell down with his face to the ground in awe. Then he said, “What orders does my lord have for his servant?”
15 Ajajaan loltoota Waaqayyoos Iyyaasuudhaan, “Sababii iddoon ati dhaabattu kun qulqulluu taʼeef kophee kee of irraa baasi” jedhe. Iyyaasuunis akkasuma godhe.
The commander of the Lord's army told Joshua, “Take off your sandals, for the place where you're standing is holy ground.” Joshua did so.